“Mariin hoggantoonni Afrikaa rakkoolee ardichaarratti taasisan jijjiirama qabatamaa fiduu qaba” – Doktar Guutuu Teessoo

Finfinnee: Marii hoggantoonni Afrikaa rakkoolee ardichaa ilaalchisee waggaa waggaan yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti mari’atan jijjiirama qabatamaan dabaalamuu qaba jechuun ogeessi dinagdee Doktar Guutuu Teessoo dubbatan.

Doktar Guutuun yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaa mataduree, “Hojiirra oolmaa daldala bilisaa zoonii ardichaa si’eessuu” har’aafi boru taa’amu ilaalchise addatti gaazexaa Bariisaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, gamtichi yaa’iiwwan darbanirratti dhimmoota ijoo ardichaarratti mari’atus qabatamaan wayita ilaalamu hanqinoota raawwii hedduutu mul’ata.

Ardiin Afrikaa osoo qabeenyaafi beekumsa kuufama hedduu qabduu hanga har’aatti guddinaan fiixee hiyyummaarratti argamti. Kanaafuu, gamtichi ajandaa marii haaraa qopheessuu qofa osoo hintaane dhimmoota mari’atamanirratti jijjiirama argame sakatta’uun barbaachisaadha.

Daldalli bilisa waloo Afrikaa Bahaafi Dhihaa (COMESA), biyyoota Afrikaa Kibbaa (SADC), daldalli bilisaa hawaasa Afrikaa Bahaa (EAC)fi daldalli Afrikaa Kaabaa gamtaa Arabaa Magrib jedhaman waggoota 30 ol lakkoofsisan “COMESA” irraa kan hafe bu’aa qabatamaa akka hinfidne hubachiisan Doktar Guutuun.

Ija malee hafuu yookiin quucaruu waliigaltee daldaloota kunneeniif sababni guddaan kutannoo dhabuufi walgaarrefannaa siyaasaa bulchitoota Afrikaa ta’uus qeeqaniiru.

Sirni daldala bilisaa omishaalee qulqullinaafi gatii madaala’oo qaban qabatanii daangaa tokko malee karaa bilisaafi iftoomina qabuun biyyoota waliin hirmaachuu gaafata kan jedhan hayyuun kun; gabaa akkasii keessatti milkaa’uuf ammoo odeeffannoo gabaa bilisaa teknolojiin deeggarame fayyadamuu, sadarkaa qulqullina omishaa dabaluufi abbootii qabeenyaa dhuunfaa bal’inaan hirmaachisuu dhimmoota ijoo ta’uu eeraniiru. Ta’us odeeffannoo teknonolojiitti fayyadamanii bilisaan tamsaasuufi abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmachisuurratti Afrikaa keessatti danqaa guddaan jiraachuu ibsaniiru.

Gama birootiin dirreen daldala bilisaaf mijatu, maallaqa daldalaa, sochii daldalaa walumaagalatti, imaammataafi tarsiimoo daldala bilisaa walamanuurratti bu’urreeffate dhabuun rakkoo biyyoota Afrikaa hedduu ta’uu kan yaadachiisan hayyichi; gama kaaniin ammoo biyyootni dhihaa omishaalee dhumatoo gatii guddaan Afrikaanotaaf dhiyeessanii meeshaalee dheedhii gatii xiqqaan waan bitataniif Afrikaanonni isaan waliin daldalan fedhu jedhaniiru.

Fedhii dhabuu qofa osoo hintaane biyyootni Afrikaa hedduun deeggarsi ogummaa, teknikaafi maallaqaa biyyoota Dhihaarraa waan eeggataniif daldala bilisaa akka yaadametti akka hinmilkoofne shoora mataasaa gumaacha jedhaniiru.

Gama birootiin ammoo omishaalee baay’inaafi qulqullinaan qabatanii gabaa bilisaa keessatti dorgomaafi fayyadamaa ta’uun dhimma ijoodha kan jedhan Doktar Guutuun; gama kanaan hojii jajjabeessaa Itoophiyaan omisha qamadiirratti galmeessite biyyoota kaaniif fakkeenya kan ta’uufi omishaalee biroonis irra deebi’amuu kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.

Hundaa ol, Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti danqaa guddaa omishaafi omishtummaa, darbees madda hiyyummaafi gadadoo kan ta’e rakkoon nageenyaa bifa waaraa ta’een furuun dhimma hatattamaa ta’uu qaba jedhan.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You