“Qulqullina barnootaa mirkaneessuun furtuu rakkoolee hunda furuudha”– Pirofesara Gargaaraa Taaddasaa Jaalataa

Finfinnee: Qulqullina barnootaa mirkaneessuun furtuu rakkoolee hundaa waan ta’eef hojiiwwan qulqullina eegsisuuf taasifaman cimanii ittifufuu akka qaban yunivarsiitii Finfinneetti qorataan barnootaafi aadaa Pirofesara Gargaaraa Taaddasaa Jaalataa ibsan.

Qorataafi barsiisaan barnootaafi aadaa gargaaraa piroofeesaraa Taaddasaa Jaalataa, sirna barnootaa, qulqullinaafi qaqqabiinsa ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.

Sirni barnootaa Itiyoophiyaa lammii ga’umsaafi naamusa gaarii qabu akka horatu gochuun rakkoolee gama hundaan jiran sirreessuun nidanda’ama jedhaniiru. Rakkoo sirna siyaasaa sirreessuuf dhaloota sababaan amanu uumuun nibarbaachisa kan jedhan qorataan kun kanaafis sirna barnootaa sirraa’uufi dhimmi qulqullinaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Sirni barnootaa lammii sababatti amanu uumuu dandeenyaan sirna siyaasaa tokkummaafi faayidaa ummataa dursu ijaaruun akka danda’amu dubbataniiru. Sirni barnootaa karaa sirrii yoo ittifufeefi qulqullina eegsisuun yoo danda’ame rakkoo siyaasaarra darbee rakkoolee biyyattii addaddaa daddarbaa dhufan sirreessuun nidanda’ama jedhaniiru.

Mirkanaa’uun sirna barnootaa rakkoolee hundaaf “furtuudha” kan jedhan gargaaraan piroofeesaraa kun, rakkooleen kufaatii dinagdeefi siyaasaa akkasumas rakkooleen nageenyaa adeemsaan nifuramu jechuun ibsaniiru.

Dhimmi qulqullina barnootaa mirkaneessuu ittigaafatama dhaabbilee barnootaa qofa waan hintaaneef hawaasni waliigalaafi qaamoleen dhimmi ilaalu hundi hirmaannaa gochuu qabu jedhaniiru. Lammii barnootaafi teeknooloojiin ga’umsa qabu horachuun yoo danda’ame falli rakkoolee hundaa nisalphata jedhan.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015

Recommended For You