Oromoota gara Kaba Itoophiyaa jiraatan

Kutaa sadaffaa

Torbanoota lamaan darban mata duree Oromoota Kaaba Itoophiyaa jiraatan jalatti, ka’umsaafi guddina mootummaa Oromoo Walloo (1769-1855) akkasumas, mootummaa Islaamaa Walloo isinii dhiheessinee isin dubbisisuun keenya ni yaadatama, har’as mata dureedhuma walfakkaatu jalatti hidda Latiinsa Mootoota Walloo, Booranaafi Walloo, Oromoota Gojjamiifi mootota Yajjuu isinii dhiheessina dubbisa gaarii.

Hidda Latiinsa Mootoota Walloo

                                                       Dawuldiin (1700)

                                                                        Baabboo

                                                                        Godaana

                                                                        Alii

                                                            Mohaammad (Abbaa Jabboo, 1780)

                               Baabboo ( 1885)     Amadee Kolaasee (1803)       Adam

                                                            Liiban 1fa Abbaa Jiruu (1815)

                     Haliimaa         Amadee/Abbaa          Alii Abbaa Bulaa     Bashir 

                   Manaam          Kolaasee Meejjaa

                                                  Liiban 2fa                                            Shumii           Amadee 

                                         Amadee A/waatii

                                              H/Maariyaam                 Mahammad

                                                  Liiban 3fa                    Alii (Mikaa’el)

                                             Abbaa Jabal                    Liij Iyyaasuu

Madda: Fekadu Benya, “A Tentative History of Wallo” (Addis Ababa University: M.A Thesis in History, 1972), F.

Booranaafi Walloo

Oromoon Booranaa kun kan Oromoon Walloo keessatti argamaniifi gosaan garuu torban Walloo keessa adda kan ta’an Oromoo Tuulamaati. Oromoon Booranaa Walloo keessatti argaman kunneen gosoota Oromoo Tuulamaa keessa kan achii jiraataniidha.  Gosti Tuulamaa Kaabaa jiraatan Galaan, Bachoofi Oboo keessa kan walitti coraman yoo ta’u, jarreen kanneen keessa Oromootni Middaa Adaree (Darraa) Adaa, Waajitu, Meettaa, Uru, Jillee, Garasuufi kkf ofkeessatti qabatu.

Oromoon Darra, Gojjam Bichana, Daamootiifi Diimaa walitti dhufeenya cimaa akka qaban himama. Oromoon Booranaa kun irrijireessi amantii Musliimaa kan fudhatan yoo ta’u garri Kaabaa hanga Laga Walaqaa /Walqoo/ ga’utti garuu amantii kiristaana kan fudhataniidha.  Oromoon Booranaa /Walloo/ keessa kan jiraatan duraan akkuma Tuulamaa Gadaan kan bulan yoo ta’u, booda garuu isaaniis iddoo addaddaatti qoqqoodamuun Abbootii Biyyaafi Waliyyootan bulu eegalan.

Silumayyuu akka odeeffannoo maanguddoota Darraatti bu’urri amantiin Musliimaa Booranaafi Albukoorra akka gara Islaamaatti ta’e himuu. Dhumarratti garuu mootoota warra Heebanoofi Gondoorootaan mo’amuun isaan jalatti akka bulaa turan maanguddoonni ni dubbatu.

 Oromoota Gojjam

Yeroo ammaatti lafti Gojjam jedhame waamamu dur irrii jireessan Oromootu irra qubate jiraata. Yeroo booda garuu mootootni kiristaanaa dirqisiisuun saboonni addaddaa akka gara kana itti dhufanii qubataniidha kan himamu.  Oromoonni Gojjam kana keessa jiraatan Oromoota Maccaafi Tuulama yoo ta’an, keessatti kibbaafi lixa Gojjami kaasee hanga Haroo xaanaa ga’utti Maccaatti qubatee jiraata, (naannoo Agaw malee) gara Lixaa immoo irra jireessi Oromoota Tuulamaatu irra jiraata.

Gojjam gara kibbaan hanga Haroo Xaanaa ga’utti kan qubatan gosa Oromoo Jaawwii yoo ta’an, isaaniis ja’an Jaawwii jedhamuun hanga Sudaaniifi Gondar keessa hanga lafa Farxaafi Danbiyaafi Fagara jedhamutti qubatanii jiru. Gara kibba bahaan immoo biyya Daamooti jedhame beekamu keessa hanga hamaame, Dambala, Jigjigaafi darbees hanga Maccaa ykn lafa haroo Xaanaa ga’utti qubatanii jiraatu. Oromoon gosa Tuulamaa immoo Gojjam gara bahaa, Diima, Bichanaafi Mootaa keessa hanga Gondar Walaqaafi Warrootaa ga’utti Oromoota Maccaan walmaddii akka qubatan afoola manguddoota malee maqaawwan lafaafi gosoota naannoo sana qubatanii ni ibsa.

Kanaaf Gojjamiifi Gondor keessatti manguddoonni yoo mammaakan “Kan Oromoorra hindhalanne Tumtuu qofa” jedhu. Aadaa Oromoo keessatti namoonni seera Gadaatti buluu dhiisanii seera cabsan (morman) akka Oromoodhaan wal hinfuuneefi addan fagaatan waan godheef gosa tumtuun wal hinfuudhan ture.

Oromoonni Gojjam keessa jiraatan kun qophaatti of gurmeessuun garee Afreefi Sadachaan naannawaa, yeroo ammaa qubatanii jiraatan Buroo, Wambaraa, Yilmana Dheensa (Liiban Kuttaayee), Daamoot keessatti hammeenya mootoota Gondoriin isaanirratti godhama ture rukutanii turan. Kun garuu dhawaata firoomaafi soddumaa mootoota Gondariin walitti dhufuun Aadaa Oromoo Sirna Gadaa dhiisuun akkuma Oromoota Daamoot isaaniis mootummaa ofii jalatti of ijaaru qaban.

Mootoota Gojjam keessa beekama kan dhufaniis Oromootuma naannawaa sana qubataniidha.

Qaccee Mootota Gojjam

Mootii Bakkaafa

Walatta Isiraa’el

                                                         Oromoo Daamoota Maccaa

                                                                  Gammachuu /Abiddoo/

                                                                         Abeebee

                              Soodeeq                                 +                           W/Isira’el

                                                                       Raas Haayiluu 1fa

                                                             Dinqinash   +        Zawudee

               Goshu

Tasammaa (Adaal Tasammaa) Nigus T/Maanoot

Raas Hayiluu 2fa

Qaccee mootoota Gojjam kana yoo ilaallee dhalootan kan mootoota Gondariin walitti makamu malee humna Oromootafi mootoota Gondar ta’uun akka socho’aa turan seenaarraa kan hubatamuudha.

Mootii beekamaan Bakkaafaaniis Gojjam Diimaa iddoo Yibabaa jedhamutti akka dhalateefi gara haadha isaan Oromoo Tuulama akka ture seenaan ni addeessa. Intala mootii Bakkaafaa Oromticha Daamoot Gammachuu /Abiddoo/ muudama kenneefi akaakayyuu isaa Abeebe /Osoo diiqitti heerumuun mooti Gojjam Raas Haayiluu kan Gojjam bulche akka bara (1777-1795) deessefi mootoonni Gojjam kunis qacceen isaanii hanga Raas Haayiluu 2fa tti mootummaan itti fufee seenaarraa kan hubatamuudha.

Alaqaa Atsemen seenaa Oromoo biraa hintaaneen barreessanis, Oromoota Gojjamiin ilaalchisee yoo ibsu “Mootoonniifi masaafintoonni Gojjam Oromoota Amuruutti” jedhe barreesse ture. Kanarraa ka’uun Gojjamoonni har’a nuti Oromoodha jechuu yoo baatanillee biyyiifi lafti Oromummaa otoo hindhiisiin moggaasa Oromoon kan waamamaniidha.

Barreessana Bahaaruu Taflaa jedhan kan biraa Abbaan Biyyaa Gojjam kan ture Yooseedeeqi intala mootii Gondar waan fuudhaniif Oromoonni Gojjam keessatti gartokkoon akka mootummaa Gondariitti makaman ibseera. Gojjam gara bahaa hanga jaarraa 19fatti duraan mangista samaayaati yookiin Gojjam jedhame yoo waamamu beekama. Jaarraa 17fa irraa kaasee naannoo kana kan bulchaa turan Oromoota turaniidha. Barreessaan ‘Jams Bruce’ jedhamu akka ifa godhetti yeroo inni Gondar ture namni beekamaan Daamoot Dajjaazmaachi waranyaafi ilma isaanii Faasiil akka turan gabaasee ture.

Dabalataanis ‘Jams Bruce’ akka gabaaseetti Faasiil sanyiisaa gaafadhe akka naaf ibsetti, Abbaan isaanii akka Oromoo Maccaa ta’an kanitti himee ta’uufi. Malkaa Abbayyaa ce’uun firootasaani Gindabarat keessa jiraaniinis akka walitti dhufan, isaaniin walbarsiisan barreessan kun ifa godhaniiru. Walitti dhufeenyi Gojjamootaafi, Oromoota Gindabarat kuniifi mootoota Gondar waliin ture kun, yeroo rakkoo Gojjamiifi yoo cimes firootasaanii Gindabaratiifi Horroo keessa jiranitti baqachuuf carraa gaarii uumaafi akka ture himama. Kunis Oromoota Malkaa Abbayyaa gara gadii turaniifi Oromoota Gojjam keessa jiraatan gidduu hariiroo gaarii bara dheeraa akka ture hubachuun ni danda’ama.  Keessattuu Oromoota Horroo Guduruu waliin ture irra caalaa akka maatitti akka waltumsaa turan kan beekamu ture.

Walumaagalatti, Oromoon Booranaa gara kaabaa kun sirna bulchiinsa sanyiin dhaalamu, Islaamummaafi Oromuummaan gurmeessanii maqaa Mohaammadoch jedhamuu hundeessuun hanga bara 1916tti tursaniiru. Mootummaan Warra Heemaanoo Walloota qindeessuun weerara Gondoroota qixaan ofiirraa dhorkaa turaniiru. Warra Yajjuufis deggersa guddaa kennaa turaniiru. Garuu akka warra Yajjuu Habashoota aangorraa ari’anii sirna bulchiinsasaanii qabachuuf yaalii isaan godhan kan warra Yajjuun walbira qabamee ennaa ilaalamu hagas miti. Irra caalaa mootummaa giddugaleessaa qabatanii Itoophiyaa bulchiinsa Oromoo gochuuf qabsoo qixxifachiisa kan godhan Yajjoota. Yajjoonni sirna bulchiinsa Kiristaanummaan ofgurmeessanii sanyii bulchiinsa Warraseeh yookaan warrasheek ofiin jechuun bulchiinsa Gondaroota ofjala akka oolchan seenaa keessatti ifatti barreeffamee jira.

Mootummaa Oromoo Yajjuu

Damee Oromoota gara kaabaa keessaa tokko Oromoota Yajjuu isa tokkoodha. Oromoon Yajjuu damee Oromoo dursanii Sirna Gadaa dhisuun gara mootummaa namtokkeetti ce’an keessaa tokko yoo ta’an, hunddeessaan mootummaa kanaas Abbaa Gatiyee ykn Abbayyi Walee jedhamu. Kana malees Oromoon Yajjuu Itoophiyaa tokkoomsuu keessati iddoo gudda qabu. Kanaaf, seenaan hundeeffama mootolee Oromoo Yajjuu ijaarsaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti ga’e guddaa qabu.  Yajjuun Gondariin walitti hidhaminsa hedduu qaba. Mootummaan Gondar bara 1543 qarqara Haroo Xaanaa irratti erga hundeeffame  booda iddoo  isaa jijjiiruun qabiyyee Qimaantiifi Beejjaa keessa iddoo Wayinaa Dagaa jedhamutti  hundeeffamee ture.

Maqaan Xaanaa jedhu kunis jecha Oromoo waan guddaafi bal’a ta’e ittiin yaamamuudha. Akkuma galaana guddaan Xaanaa jedhu kaaba Itoophiyaatti argame lafa Oromoon irra qubate Keeniyaa keessattis laga guddaa Xaanaa jedhamu ni  argama. Kunis jechi kun akka jecha Oromoo ta’e kan ifa godhuudha

Gara mataduree irraa kaanetti yoo deebine, naannoo kanatti wanti uumame kan biraa bara Mootii Galaawudiyoosii qabee kan babal’achaa dhufe walitti bu’insa amantii Kaatoliikiifi amantii Ortodoksiiti. Deeggarsa garee amantii Kaatolikiifi Abbootii waraanaa Oromoon deeggaraman kan akka Alaqaa Fayyisaa /Azzaach Xinnoo/ booda Takla Sillaasee qaban bara 1595 ilmi Garraam Faasiil Susiniyoos aangoo qabate. Susiniyoos Mootii bara giddugalaa keessa nama jijjiirama guddaa fiduuf yaalan turan.

Susiniyoos bara 1626 erga du’anii booda ilmisaanii Faasiil aangoo qabate. Innis bara 1626-1660 bulcheera. Faasilitti aansee ilmisaanii Iyyaasuu I mootii ta’ee gara Gojjam barumsaaf deemuun achitti intala Oromoo kan Gabra Masqal Jaatamaa fuudhee ijoollee hedduu irraa hore. Isaan keessaa Iyyaasuu Adiyaamsagad nama tokko yoo ta’u, booda aangoo olaanaa nama qabatedha. Iyyaasuunis Gojjam (Yibaabbaa) keessatti haadha manasaa ishee lammaffaa irraa bara 1786 Bakaafaa akka dhalchaniifi boodas mootummaa Gondar kan dhaale ture. Iyyaasuu booda ilmisaanii Iyyaasuu II bara 1723 mootii ta’an. Mootiin kun gara Warra Sheek (Yajjuu) deemuun intala warra Abbaa Gatiyyee (Abbayyii Walee) fuudhe. Oromoon Yajjuu maqaa Arfan Yajjuu jedhamuun beekamu. Isaanis Warra Dooranii Boqojjii, Warra Kaaloo, Warra Raafoo Roobaafi Warra Igguuti.

            Caasaa Hidda Dhaloota Mootoota Yajjuu

                                            Gulummaa

                                         Abbayyii Walee

                                Abbaa Seeruu Gaangul

 Luboo   Alii Gaaz   Walee   Yuguf   Alii   Birille  Korme   Kinfuu

           (1788-98)        (1784-8)

 Gojjee   Birruu    Gobazee   Faaris     Gugsaa                 Alulaa

         Maariyyee   Doorii (1831)   Asteer   Hiruut   Yimaam (1825-8)

                  Marsoo       Buxul       Wubdaar

         Xaayituu                      Walee                         Alii (183153)

    Haadha Warraa Mootii Minilik   Gugsaa                                                                        

                                                                                Tawaabech/ Haadha Warraa Mooti Teewodiroos

Madda: Brisan James (1881).

Ittifufa

Recommended For You

2 Comments to “Oromoota gara Kaba Itoophiyaa jiraatan”

  1. Pingback: devops consultancy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *