Falmii Oromoofi mootota Itoophiyaa gidduu ture (1855-1889)

Kutaa 7ffaa

Jaarraa 19ffaan immoo bara Awurooppaanonni Afrikaa koloneeffachuuf ifatti labsanii maqaa qorannoo Saayinsiifi Ji’ograafiin namoota isaanii gara Afriikaatti ergaa turaniidha. Bara kanatti immoo mootummoonni naannoo lageen gurguddaa galaanatti yaa’aniifi qarqara galaanaatiin daangeffaman fayyadama harcaatuu meeshalee waraanaa warra Awurooppaa ta’aniiru. Habashoonni Galaana Diimaan waan daangefamaaniif carraa akkasii warra argate keessaa tokkodha.

Kan ennasi lafa Tigraayiifi Bahire Nagaashii jedhamu bulchaa turan meeshaalee akkasii kana fuunaananii yoo Rabbi isan gargaaree mootota Abisiniyaa rukutuun aangoo irraa fudhachuun yoo hafe immoo bifa boojuutiifi bifa gabbaraan dabarsanii gara walakkeessatti mootota Habashaatti kennaa turan. Kun immoo Oromoota warra karaa carraa kana argatan hinqabneefa balaa ture.

Kanaaf carraan Oromonni dursanii namoota biyya alaa keessumaa warra Awurooppaatiin kallattiin walitti dhufanii wal arguu danda’an baay’ee xiqqaafi cufamaa ture. Kan biyya alaatii dhufu kallaatii kamiinuu edda waa’ee Oromoo bifa jal’aa ta’een warra Habashaarra dhaga’ee Oromoo bira ga’e. Kun immoo bifa gurguddaa ta’en lamaan Oromoo waan miidhe fakkata. Tokkoffaa Oromoon dursee bu’aa qaroominaa alaa galu argatanii ittiin akka oftiksuufi of ijaaru jalaa hambiseera. Inni lammataa immoo namni biyya alaatii dhufu yaraas ta’e gaarii waa’ee Oromoo dursee akkanni nama birarraa dhaga’u taasiseera.

Kanas ta’ee sana warri Awurooppaa waa’ee Oromoo hinbeekan jechuu miti. Carraa xixiqqoo argamtetti fayyadamuun wa’ee Oromoo dhageettii qabu. Isaan keessaa Oromoon garbumaatti gurguramaa ture, daldalaafi waraana keessatti qooda fudhachuu isaatiif warri Awurooppa akka adda dureetti caqasamu. Olola isaaniin Awurooppaanonni hedduun gara Oromoo dhufanii akka Oromoo hinqoranne; kanuma isaan itti himan akka seenaa sirriitti barreesanii kan deeman baay’ee yoo ta’aniyyu Awuroopponni kaan olola kana bira darbanii waa’ee Oromoo kan hubatan jiru.

Walitti dhufeenyi Oromoofi biyyoota alaa kun bay’ee guddaa ta’uu baatus ammumasaatti Oromoorratti faayidaas dhiibbaas qaba ture. Fayidaan isaa dhimmi Oromoo hanga tokko gara barreefamaatti akka ceesifamu ennaa ta’u, dhiibbaan isaa garuu laayyoo hinturre. Bifa daldaala garbaafi waraananis ta’e karaa aadaafi maalummaa Oromoo jijjiirutti bakka olaanaa qaba. Meeshaaleen warra Abisiiniyaa Oromoo ittiin to’annaa jala oolchanis kanuma isaaniti. Kan baay’ee nama gaddisiisu garuu waraana Poorchugaalonni baroota 1543 biyya kana ture yoo ta’u, daba isaan yeroo san barreesan keessa Oromoon biyya alaatii dhufe kan jedhuudha. Kunis waraana Oromoon gadaan gaggeessaa ture waan isaan rakkiseef haaloo ba’uuf, ummata weerartuufi alaa galte jechuun seenaa warri moototaafi gareen isaanii ittiin sodachisaa turan barreessuu isaaniti.

Oromoofi imaltoota Awurooppaa

Misiyoonotas ta’e daldaaltonni yookan immoo ogeessonni garagaraa gara biyya Oromoo dhufan sababa taa’umsa Oromootiif dursanii Habashoota qunnamuun dirqama ture. Kunis tan ta’u danda’e gara kaabatiin kan jiraatan isaan waanturaniif isaan bira qaxamuruun dirqama waan tureefi qunnamtii isaanii kana keessatti immoo Habashoonni isaan qunnaman Oromoon akka bineensa ta’anitti itti himu.

Keessumattu immoo Adiin isaan bira yoo dhaqe qaroomina hinqaban waan ta’eef akka bineensaatti itti yaa’anii adamsuun warananii ajjeesu jechuun itti himu. Kanaafuu, jedhuun warroota kana waa’ee isaanii beekuu barbaaddu yoo ta’e, nuyyuu isinitti himnaa nubira taa’aa barreefadhaa jedhuun. Habashoonni haala kanaan hedduu kan milka’an yoo ta’es, kanneen didanii garaa kutatanii biyya Oromoo ga’uuf yaalan ni jiru. Isaan keessaa kan akka Jams Birus, ijoollee Abbadii, Joon Kiraafi, Maarshal di Salvayik, Abbaa Maasiyasii (Father Massaja)fi kanneen biroo nicaqasamu.

Jarreen kana keessaas kanneen waan Habashootarraa itti himame qabtanii sammuu faalame kanaan Oromoo hubachuu yaalan nijiru. Isaan kana keessa Jams Birus akka fakkeenya guddaatti ka’u. Warri kaan immoo didanii ofiidhuma isaanii Oromoo keessa dhaqanii taa’uudhaan haala Oromoon itti jiru hubatanii yaadota Habashoonni warra Awurooppaatti tamsaasaa turan kana kan fashaleessan jiru. Isaan kana keessaa Arnawuld Abbadii, Joon Kiraafifi , di – Salvayikfi Abbaa Masiyaas warreen bakka guddaa qabaniidha.

Jams Birus

Jams Birus lammii biyya Iskootilaand ta’ee, Ingiliiziif bitamee madda Laga Mormor ykn Abbaayiin barbaachuu gara Itoophiyaa nama dhufeedha. Warri Taabota Musee isa yeroo Miniliik 1ffaa Mootii Salamoon kan Warra Israa’el jalaa fudhatame gara Itoophiyaa dhufe jedhamee odeeffamu barbaacha dhufe jedhanis jiru. Itoophiyaa keessa bara 1768-1774tti akka ture himama.

James Birus daawwannaa Itoophiyaatti godhe keessatti kaayyoosaa galmaan ga’achuuf waan moototni Itoophiyaa ajajan raawwachaa waan ture fakkata. Ta’us Birus barreefama isaa keessatti waa’ee Amaaraa, Tigree, Oromoo, Falashaafi Warra Gumuziin xuquu yaaleera. Saba warra kaan garuu akka jiranuu waan quba qabu hinfakkatu. Warra argerratti garuu yaada Habashoonni saboota kanarratti qaban agarsiisuu yaaleera.

Waa’ee saboota Kuush qaroomina isaanii dabalatee hanga tokko ibseera. Akka Birus jedhutti, Aksum Kuushota akka ta’eefi ijaarsichis kan raawwate bara Abrihaam ta’uu isaa ibseera. Akka inni jedhutti, booda keessas garuu sabasaa dhiibbaa warra biyya Giddugaleessa Awurooppparraa dhufeen jarri kun gara Laga Atibaraatti gadi dhiibamanii mootummaa Meerowee jedhamu akka hundeessan ibseera. Jemis Birus biyya har’a Itoophiyaa jedhamutu kana keessa dhihaa hanga bahaatti, kaabaa hanga kibbattii bal’inaan qabatanii kan turan Kuushota ta’uu isaanii nama ibseedha. Mootummaan Puntiis kan Kuushotaa ta’uu isaa jala muree ibseera.

Ennaa Birus Gondoriin jiru waa’een Oromoofi Habashootaa dhimmi siyaasa isasii waan ta’eef waa’ee Oromoos waa jechuu yaaleera. Wa’ee Oromoo waa’ee amantii isaanii, wa’ee gaa’ela (fuudhaafi heerumaa) isaanii, waa’ee lola isaanii, tooftaa waraana isaaniifi sirna bulchiinsa isaanii tuqee ibseera. Garuu dhiibbaa Habashootaan haata’u madaallii aadaa warra Awurooppaa, yaadonni inni dhimma Oromoo ilaalchisee lafa kaa’e waldhahaa fakkata.

Akka Birus jedhutti, Oromoon bifaan ifaa ta’ee garuu fofokisoodha jedhe, kunis namoota fofokkisoo arguu danda’a. Hojiin dubartoota Oromoo inni guddaan osoo walirraa hinkutin ijoollee da’uu, Waaqni Oromoon waaqessu Muka Waddeessaafi bakka mootiin isaanii itti muudamu, Ji’afi urjiis kan safeeffatan, gammachuu gara fuula duraatti kan amanaaniifi garuu wa’ee adabbii du’a boodaa quba kan hin qabnedha jedha.

Wa’ee fuudhaafi heeruma Oromoo ilaalichisees dhirri dabalee fuudhuu nidanda’a. Haati warraa isheen hangafitti yoo ijoollee hinqabdu ta’e ykn immoo baay’ee hin deenye ta’e ofiidhuma ishee dubbattee dhirsa ishee fuusisti. Kun Oromoo biratti akka hojii qulqulla’aatti ilaalama jedha.

Afaan isaan haasa’an garagarummaa loqodaa malee tokkodha. Waa’ee tokkummaa Oromoo ilaalchisee Oromoon qomootti kan qoqqoodamuufi mootummaas ijaarachaa kan tureedha jedha. Ta’us qomoon Oromoo ani arge hundi garaagarummaa loogaarraa kan hafee rakkoo tokko malee waliigalu. Afaan isaan haasa’anis walkeessa jira jedha. Sirni bulchiinsa isaas Gadaa kan jedhamu ennaa ta’u seerri isaanii goggogaa ta’uurraa kan ka’e namni tokkoyyuu hanga waggaa saddeetitti namicha aangoorra jiru buusee itti ba’uu hindanda’u. Kunis abbaa irrummaa isa hamaadha jedha. Wa’ee lola Oromoos ennaa dubbatu, fardaafi riphee loluun kan beekamanidha.

Birus egaa ibsaa isaa kana keessatti waan lama waan rakkate fakkaata. Tokkoo dhimma Oromoo gadi fageenyaan hubachuu dadhabuu. Inni lammaffa immoo kan warra Habashaa akkanni barreesu fedhan barreesuuf wan dirqame fakkaata. Kanaafi waan Oromoon qabu isa gaarii ta’ee itti mul’atellee gara yaraatti harkisuu kaninni yaleef.

A.Di.Abaddii

Antooni di Abbadiin obboleessi isaa Antoni Arnaawuld wajjin gara biyya Abisiniyaa dhufan. Ennaa oboleessi isanii Arnawuld Gojjamitti biraa hafu isaan gara Oromoo Guduruutti dhufanii qorannoo isaanii itti fufan. Isaan lachuu garu biyyaa Itoophiyaa har’aa kana kan dhufan madda laga Abbayaa isaa Peediroo Pe’eezi bara 1607 haroo Xaanatti jedhe addaan baafachuuf ture. Dhimmuma kanaaf bara 1837-1838titti biyya Tigreefi Amaaraa keessa turan. Turtii isaanii kanas Di Abbadiin garagartummaa Tigree, Amaaraafii Oromoo addaan baafachuuf nagargaare jedha.

Bara 1838 gara Awurooppatti deebi’ee bara 1840 immoo deebi’ee gara Abisiiniyaa dhufe. Amma bara 1842tti Tigraay, Gondor, Laastaafi Goojam keessa deddebi’uun qorannoo isaa gageessaa ture. Bara 1843 Laga Mormor (abbaayiin) ce’uun Oromoo Maccaa keessattis qorannoo isaa waggaa sadiif itti fufe. Oromoo keessatti qorannoon isaanii inni calqabaa Oromoo Gudururratti kan xiyyeefate ture. Qoranno isaanii kana keessatti immoo biyya Oromoo kan Awurooppaan wal dorgomisiisaati.

Akka Abbadiin jedhutti, Oromoonni naannoo laga Awaash jiru gara dhaloota ja’aaf bilisummaan jiraachaa akka ture himeera. Qorannoo mangudoota Oromoo waliin godheen umurii ykn dhaloota namootaa tilmaamuun gara jarraa 15 osoo hin eegalin naannoo kana waggaa 198f jiraacha akka ture lafa kaa’a. Hundee Oromoos ennaa ibsu namicha Sapperra jedhamutu bakka Waalal jedhamu galaana ce’uun dhufee nannoo Awaash kana qubatee jedha. Achittis ijoollee sagal godhate. Inni hangafti Raayyaa ture. Qaccee akaakayoota Oromoo lakka’uunis Oromoon yoomii kaasee bakka amma jiru kana akka jiraachaa ture himuu yaleera. Calqaba jaarraa 15ffaa akka Waalalii ka’ee laga Awashirra qubataniis himuu yaala. Ta’us Waalal naannoo kamitti akka argamu kan inni ifa godhe hinjiru.

Waa’ee bosonaa, ijaarsa manaafi itti fayyadama Afaan Oromoo bareechee dinqisiifate. Obboleessi Abbadii Arnawld Goojjam keessa kan jiraateefi enna Dejjazimaach Goshuun Oromootti duulu kan duukaa duule isa ture. Innis karaa isaa akkas jedhe. Akka itti Oromoon lafa isaa kunuunsanttu aja’ibsisadha jedhe. Ofii isaanii miti diinni isaaniyyu fiixee muka isaanii akka irraa kutu hinfedhan. Manni isaanii mukaan naanna’ee jira. Biyya akkasii keessa jiraachuu caalaa kan nama gammachiisu hinjiru jedha. Itti dabaluunis akka Amaarri lafa isaanii weeraruufi qabatu kan godheyyuu bareedina kana jedha.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You