Falmii Oromoofi mootota Itoophiyaa gidduu ture (1855-1889)

Kutaa 6ffaa

Ganda Nugus Gaaleerra gara kaabaa jiru, Waajiraat, Allaamaxaafi Dayyuu immoo Tolaa Abbaa Marawwaaf kenname. Tolaa Abbaa Marawwaa kiristinnaa ka’uun Dajjaash Dastaa maqaa jedhamu Yohaannisiin moggafamaafii ture. Namni Dajjaash Hagos jedhamu immoo Mislanee ta’ee Raayyaarratti muudamuun hanga lubbuun turanitti Raayyaa gabbarsiisaa turan. Atse Yohaannis Oromoota Raayyaa gorsuunis ta’e humna amantaa kiristaanaa akka fudhatan godhaa turan.

Kanaafis qeesota heddu gara Raayyaatti fiduun mana sagadaa 44 Raayyaa keessatti akka hojjetamu godhanii turan. Kanaafis eegumsa kan godhan qubattoota heddu Tigraayiifi Laastaarraa ummata fiduun qubsiisaa turan. Keessattuu mootichi gara Laastaa deemuun ummanni achii ka’ee Raayyaarra akka qubatu gaafannaan waan mormeef waggoota sadii ummatarra ta’uun waan rakkisaniif humni namaa baay’een gara Raayyaa dhufuun Takulash keessa qubate. Yeroo dheeraaf gandoonni Raayyaa keessa jiran ganda Tigree, Ganda Laastaafi Agawu jedhamuun waamaman hedduutu jira.

Dhaadannoon mootii Yohaannis inni lammaffaan Raayyaarratti qabu;

“Duur Yigafaa

(Oromoo) yixifaa”

kan jedhu ture.

Dhadannoon kun waan gurguddoo lama of keessaa qaba ture jedhu maguddoon Raayyaa yoo nutti himan;

Inni duraa lafa qonnaa babal’isuuf namoota iddoo biraatii fidanii qubsiisu yoo ta’u, inni lammaaffaan immoo Oromoota Raayyaa ajjeesun lafarraa fixuu ture jedhama. Kun lachuu yeroo isaa eeggatee kan raawwate ture.

Dhumiinsa Oromoo Raayyaarratti raawwate booda iddoo maratti fincilli ummataa cimee ittifufe. Kanarraa kan ka’e yeroo mootichi achii socho’u namoota achi qubatan ajjeesuu qaban. Kanaafis qubattonni kun achii gara naannoo irraa dhufaniitti baqachuu qaban.

Akkuma Oromoo Raayyaarratti raawwatan sana gara Wallootti dhufuun ummatni gamtaan kiristinnaarratti akka ka’u gochuu qaban. Kanaafis dursanii mootii Oromoo Walloo kan ta’an Mohammad Alii ofii isaaniifi Mikaa’ela Golbootti waamanii kiristinnaa kaasan. Abbootii waraanaafi mootota naannichaas Minilikii wajjin kallattii lamaan itti duuluuf waggoota 10f walficcisiisaa turan. Mohammad Alii (Nugus Mikaa’el) Yohaannis yoo kiristinnaa kaasan, Abbaa Waaxew (Hayilamaariyaam) immoo Minilik kiristinnaa kaasan walmorkii guddaan Walloo keessatti akka uumaamuufi Oromoon ofumaaf akka walfixu gochaa turan.

Bakka Boruu Meedaa jedhamutti, Musliimota Walloo hunda Walitti qabanii labsii ofeegannoon golgame dabarsan. Innis Kan amantaa Ortodoksii keessa hinjirre hunduu Kirstinnaa ka’uun amantaa kana akka fudhatu. Kan hinbarbaanne immoo biyya gadi lakkisee akka deemu kan jedhuudha. Kan dide immoo du’aan akka adabamu labsame. Ennasuma Mohammad Alii Yohaannisiin abbaa Kiristinnaa godhachuun Golbootti Kirstinnaa ka’ee Walda Mikaa’el jedhame. Abbaa Waaxew immoo Warra Iluutti Minilikiin Abbaa Kirstinnaa godhatee Hayla Maariyam jedhame. Kan hindeemnu jedhan dirqiin amanticha fudhatan. Warri kaan immoo biyya gadi lakkisanii gara Matammaa, Jimmaa, Harariitti baqatan.

Isa booda Walloo keessa bakka maratti bataskaana ijaaruun eegalame. Imaammata kana galmaan ga’uuf Mohammad Ali (Mikaa’el) luba Girmaa jedhamu duukaa Alii Bet, Abbaay Beetiifi Warri Himanoo kennamaniif. Abbaa Waaxew (Dejjazimachi Hayla Mariyaamif) immoo Luba Akale Waldi jedhamu duukaa Tahuldaree, Qaalluu, Garfaa, Albukkoo, Lagamboofi Booranaan kennameef. Warra didee mormu immoo tarkaanfii humnaa irratti fudhachuun dhabamsiisuun itti fufe.

Gama biraan Lola bara 1882 Habaaboo Guduruutti Minilik deeggaruun Miniliki gara Shawaa goree Teklahaymaanotitti wal lolan keessatti ga’een Oromoo Walloo hedduu guddaa ture jedhama. Injifannoo gara Minilikitti fiduu keessatti humni Mastaawoti qabattee dhaqxe ga’ee guddaa taphateera. Haata’u malee gaafa achii galan Walloon kan kennameef Mastaawotiif osoo hintaane Raas Mikaa’eliifi. Haaluma kanadha kan Abbaa Jabaliifi Mastaawot fincila Sheekotaa isa bara 1885-1886 keessatti qooda kan fudhachiise.

Haata’uutii Yohaannisiifi Minilik hoggantoota Warra Walloo ofjalatti haaqaban malee ummanni callisee hindhaggeeffanne. Fincila isaanii karaa adda ta’een ittifufan. Luba Akale Waldi kan Abbaa Waaxewuf kenname reebanii ajjeesan. Gargaaraa Akale Waldin Marigeetaa Yohaannis jedhamu immoo ganda Qullubbii jedhamutti goraadeen waraananii ajjeesan. Qabsoo kana kan eegalan abbootii siyaasaa miti. Abbootii amantiifi ummata malee. Isaanis Sheek Huseen Jibriil isa kan Warra Himaanoo, Sheek Saydi isa kan Warra Qaalluu, Hajii Bashir isa kan Warra Albukkoo, Sheek Alii isa kan Warra Tahuladareefi Sheek Tolaa isa kan Naannoo Argoobbaati. Ammas Yohaannis keessa deebi’uun bakka ka’umsa Sheekotaa kanatti Bataskaana ijaaruun cimsee akka itti fufu ajaje. Garuu furtuu hintaane.

Sheekota hunda rakkisaa kan ture immoo Sheek Tolaa isa naannoo Argoobbaati. Sheek Tolaan suutuma jedhee Islaamummaa barsiisuu itti fufe. Boodarra immoo ennaa Raas Mikaa’el Yohaannisii wajjin bara 1884 Tigraayiin deemetti Sheek Tolaan fincile. Ta’us Minilik osoo yeroo itti hinkennin itti duule. Minilik Boruu Meedaa ka’uun Warra Qaalluu, Garfaa, Tahuladareeefi Warra Baabboo Sheek Tolaa deeggartan jechuun barbadeesse.

Amadee Saadiquu sanyii mootii warra Tahuladarees ajjeese. Kun immoo ummaanni Sheek Tolaa deeggaruun akka ka’u godhe. Kiristaanummaan Walloo keessatti akka Meeshaa hacuuccaatti fudhatame. Namoonni dura Kiristinnaa fudhatan warri akka Abbaa Jabal, Mastaawotiifi Mohaammad Qaanqee, waamicha Sheek Tolaa fudhachuun bara 1885 Islaamummaatti deebi’anii imaamota jedhanii of labsan.

Qabsoon Sheekota Walloo jalqaba bara 1886 gara Bahaa naannoo Caffaa, Iriqee, Arxummaa, Warra Qaalluu, Garfaafi Warra Baabboorratti kan cime ture. Sababa kanaan Yohaannis keessumatti ummata Warra Qaalluurratti ajjeechaa sanyii fixiinsaa hanga raawwatutti ga’e. Ajjeechaa isaa keessatti Islaamaafi Kiristaanaa osoo addaan hinbaasin isaan fixe. Fincila Musliimotaa kana booda Yohaannis ilma Isaa Ari’aa Sillaasee kaasee Raas Mikaa’eliif kenne.

Raas Mikaa’elis taa’umsa isaa Tantaa kaasee gara Dasee lafa taa’umsa abbaa Jabal turetti geessate. Sheekonni fincilarra turan Sheek Tolaan gara Awusaatti deemee jedhama. Mohaammad Qaanqee ni du’e. Mastaawotis osoo Garadoo keessatti waraantuu ajjeefamte. Abbaan Jabal immoo booda Kiristaanotatti araaramee bara 1890 du’e. Haaluma kanaan bara 1887 kaasee Walloon tokkoomfamtee Mikaa’eelii kennamte.

Bara 1886 erga Mikaa’el Rasii ta’ee guutummaa Wallootti muudamee fincilli Walloo keessa hanga tokko kan tasgabbaa’e fakkaata. Raas Mikaa’el Oromoofi Musliimota Walloo obsaan bulchuu eegale. Amma Yohaannis bara 1889 du’utti Raas Mikaa’el Yohaannisiif amanamaa ta’ee itti fufe. Ennaa Minilikiifi Takla Haymaanot waliigalanii bara 1888 Yohannisirratti ka’an, Mikaa’el Matammaattis gara Yohaannis goruun lole. Lola Matammaa kana keessatti Oromoonni Raayyaa Yohaannisiin baqatanii turan gara Warra Durbushootaa goruun akka keessatti qooda fudhatan himama. Ajjeechaa Yohaannis keessattis ga’ee olaanaa taphataniiru jedhama.

Karaa biraatiin immoo ajajaa waraanaa qomoo Oromoo kan ta’e Oromoo gurmeessuun gara Yohaannis goree lolaa kan ture Raas Mikaa’elis lola Matammaa kanarra akka waliin turaniidha. Raas Mikaa’eliin hogganamuun loltoota Yohaannis Matammaatti mootii malee hafanis kan walitti qabe Raas Mangashaa Yohaannisiifi Raas Aluulaa duukaa tursiise Raas Mikaa’el. Booda garuu ennaa Raas Mangashaafi Raas Aluulaan gara Tigraayitti qajeelan Raas Mikaa’el immoo Wadalatti gale. Isa booda Minilikiin duuka Raas Mangashaatti duuluun amantummaa isaa Minilikiif mirkaneesse.

Haata’uutii ennaa Minilik Boruu Meedaatti Mootii Moototaa jedhee of muudu Ras Mikaa’el harka kennachuuf yeroo itti hinfudhanne jedhama. Muudama Minilik kana booda xiyyeeffannoon Minilik gara kibbaa waan ta’eef walitti dhufeenyi Musliimotaafi Kiristaanota Walloo hanga tokko kan fooyya’e ture jedhama.

Mikaa’el intala Minilik Shawaaraggaa fuudhuun jala bultummaan ta’us Walloo bifa tasgabbii qabuun bulche jedhama. Hanga danda’ametti warra nifincilla jedhee yaadu fuudhaanis ta’e karuma danda’ameen araarfachuun nageenya buusuu yaalaa ture. Humna deeggarsaa inni Minilik biraa argatus warra finciluu barbaaduuf abdii kutachiisaa ture.

Wal’aansoon Walloo dadhabsiisu gara mootii Yohaannisis ta’e mootii Minilikiin godhamaa ture milkoomee, inumaayyu Raas Mikaa’el Yohaannisitti michoomuu Minilik mootii moototaa jechuun of muudee ka’e kana kan dhaga’e Yohaannis waraana isaa qabatee gara Shawaatti qajeele. Dubbii kana kan dhaga’e Minilik waraanaafi qawwee Yohaannis qabate waan dhaga’eef, gara araaraatti deebi’anii dhiifama gaafachuuf Boruu Meedaatti dhagaa baachuun akka fuulduratti kufanii dhiifama gaafatan, gibira galchuufi aangoo isaaniis mootii Shawaa Minilik gad buusuun waan waliigalaniif akka araaraman himama.

Seenaa kanarraa waan baay’ee kan barannu yoo ta’u, dhumarratti garuu tooftaadhaan mootii moototaa ta’aniiru. Ummanni Oromoo Walloofi Raayyaa jaalalaanis ta’e humnaan mo’atamanii humna Yohaannisiifi boodas Mootii Minilik jalatti kufuu danda’aniiru.

Oromoofi humnoota Alaa

Biyyoonni alaa waa’ee Oromoo bara kana beekuu eegalan jennee yoo lafa kaa’uu baanellee, sababa daldala garbaatiin Oromoon biyya alaatti beekamaa ture. Jaarraa shanaffaa keessa Oromoon garbummaatti hararii guguramee deeme biyya Hindii dhaqee osoo gooftaa isaa loltummaan tajaajilaa jiruu booda inni duunaan maatii isaa isa galagalchee mootii akka ta’e kaasa. Itti dabaluunis jaarra 7ffaa kaasanii hordoftoonni amantaa Islaamaa walkeessa deemaa akka turan seenaan ni mirkaneessa. Sababuma amantii akkasumas daldala garbaafi daldala kan biraan qabatanii Araboonnis biyya Oromoo keessa akka deemaa turan ifaadha.

Warraaqsa warshaalee (Industrial revolution) Awurooppaatti jaarraa 18ffaa keessa gaggeeffamaa tureen immoo biyyoonni Awurooppaa ennaa gara Afrikaa ilaalan Gaanfi Afrikaas xiyyeeffannoo isaanii keessaa tokko ture. Akkasuma lafti Itoophiyaan har’a qabattee jirtu kunis xiyyeeffannoo isaanii keessaa tokko ture. Keesumattuu sababa karaa doonii Galaana Diimaa to’achuu jedhuun Poorchugaalonniifi Turkoonni waldhabuun seenaa Oromoo har’aa keessatti ka’umsa guddaa ta’eera.

Ennaa kanatti Poorchugaalonniifi Turkoonni deeggarsa biyyoota naannoo Galaana Diimaa jiran kana heddumminaan waan barbaadaniifi warri Poorchugaal Kiristaana Abisiiniyaa ennaa qabatan warri Turkootaa immoo Musliimota Itoophiyaa har’aa kana keessa jiran qabatan. Poorchugaalonniifi Turkoonni gara biyya Oromootti kan dhufan waldhabiinsa Kiristaanotaafi Musliimota ennas gaanfa Afriikaa keessa jiraachaa jiran ennaa cimsuuf dhufanitti.

Poorchugaalotas ta’e Turkoonni kanatti kan seenan faayidaa kiristaanotaa ykn Musliimotaa eeguuf osoo hintaane Gaanfa Afrikaa qabachuun faayidaa Galaana Diimaarraa argamu dhuunfachuuf ture. Kun baruma sanaa kaasee Awurooppaatti hidhatanii diina ofii injifachuu ykn biyya barbaadan weeraruu warra moototaa barsiise. Motoonnis bara kanaa kaasanii osoo walirraa hinkutin biyyoota weeraruu barbaadanitti deeggarsa warra Awurooppaa gaafachaa turan.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015

Recommended For You