Falmii Oromoofi mootota Itoophiyaa gidduu ture (1855-1889)

 Kutaa 8ffaa

Oromoon aangoos bifa ifaa ta’een qooddatanii akka ittiin walgaggeessan ibseera. Odaa Oromoon Yaa’ii Caffee jala taa’u muka oka (Odaa) kun akka sabni isaa Basque (Spen) keessa jiraatu jala taa’aniifi, bokkuu abbaan bokkuu qabatu immoo Meesii (Mace) bokkuu paarlaamaa Ingliiziin waliin madaalee walfakkeessee ibse. Seerri Oromoos seera Ingliiziifi Basque akka fakkaatus ibseera.

Akka Abbadiin jedhutti, Oromoo keessatti aangoon kan argamu sanyiifi qabeenyaan miti; dandeettiidhaan filatamu malee. Gadaa Oromoo Maccaas fudhachuun Murna Gadaa Oromoo jedhee lafa kaa’uu yaaleera. Birmajii, Malbaa Muudan, Duuloofi Roobalee jedhee. Gadaan kunis sanyii namarraa akka hintaane garuu seera ummamaa afurirraa akka ta’e dubbata.

  1. Nama sababa; 2. Yaa’a bishaanii, 3. Hoolaa (quietuied), 4. Cimina leencaa, 5. Ayyaana jogee jedhuun lafa kaa’a. Isaan kunis waggaa saddeet saddeetiif aangoo akka qabachuu qaban dubbata. Ilmi Gadaa abbaa isaa akka fudhatuufi innis waggaa 40 booda deebisee akka qaqqabu himeera. Haala kana sirriitti hubachuunis hedduu natti cime jedha. Sirni itti aangoo walirraa fuudhanis buttaa jedhama. Buttaa isa bara 1846 keessattis qooda fudheera jedha. Saba kana keessas aangoo qooddanaan akka jiru himeera.

Abbaan Sa’aa, irreesaa, abbaa bokkuufi mootiin jiru jedha. Abbaan Irreesaa sagadaafi kadhannaa gaggeesa. Gosti Oromoo Maccaa abbaa irreessaa mata mataa isaanii qabus jedheera. Abbaan sa’aa immoo dhimma diinagdee hordofa. Loon dhimma mootummaatiif barbaachisan waliiti qabsiisa. Abbaan bokuu immoo aangoo baay’ee murteessaa ta’ee murtoo hawaasichaaf barbaachisu garagaraa kan kennudha. Kanas ennaa fakkeenya fudhachuun ibsu Oromoo Guduruu ennasii keessaa namni saawwa kuma torba qabu yoo jiraateyyuu Caffeen Oromoo kanaaf iddoo osoo hinkennin jabaatee seera uummanni isaa Caffee isaatti baafatetti cichuun dhimma isaarratti murteefachaa akka tures ibseera.

Dhimma amantii Oromoos ennaa kaasu akka Waaqa tokkichatti amanan dubbata. Amantiin Oromoos kan kiristaanaa kan fakkaatu ta’uu lafa kaa’e garuu warra kiristaanarraa dhaalan jedha. Gaaratti ba’uun ykn immoo laga bu’anii Irreecharratti Waaqa nisagadu jedha. Sagada galgalaas qabu. Abbaakoo jedhanii maqaa dha’uun Waaqa kadhatu. Masqalas nigubu, nikabaju. Haala Oromoo kana seeraan hubachuufis namni Afaan hiiku hinjiru waan ta’eef rakkoodha. Kana osoo hinbeekin immoo waa’ee saba kanaa bifa qulqulluu ta’een beekuun hindanda’amu jedhee ture.

Akka Abbadiin jedhutti, Oromoon dubbii dubbatu keessatti seera xuqaaleellee osoo hin hirr’isin itti fayyadama. Akkaataa ittifayyadama seera xuqaalee isaanii immoo nu’umti warri Awurooppaayyuu irraa barachuu qabna jedha. Afaan isaanii nama barachuuf fedhii qabuuf salphaatti kan namaa galuudha. Isaanis ennaa dubbatan dabareen waldhaggeefatanii, walharkaa fuudhanii malee haasaa wal harkatti qabuun hinjiru. Hunduu duraa duuba qaba. Haasaa isaanii kessatti safuu Waaqaafi Hawaasaa ni eeggatu. Wanti hawaasa mufachiisu afaan isaanii keessa hinba’u. Yoo namatti himuu barbaadanillee kophaatti wamanii namatti himu .

Dhimma gaa’elaa ykn fuudhaafi heerumaa Oromoos ilaalchisee Abbadiin waan hubate lafa godheera. Namni kamuu akaakayyuu torba fuuldura walfuudhuu hindanda’u. Yoo walfuudhee argames haraamuu jedhama. Ijoolleen isaan horatan sirrii hintaatu jedhamee amanama. Seera fuudhaafi heerumaa (gaa’elaa) isaanii keessatti dhiirri dabalee fuudhuu nidanda’a. Garuu qabeenyaafi fedhii haadha warraa ishee duraarratti hundaa’a. Abbaan warraa ykn haati waarraa akka barbaadan walirratti dhiibbaa geessisuu hindanda’an. Seera isa Caffeen isaanii tumate seera hawwassummaan to’atama waan ta’ef.

Waa’ee lola Oromoo ilaalchisee darbee darbee qomoodhaan wal loluun yoo jiraateyyuu akka isa ennaa diina alaa dhufee cimaa miti. Diinni alaa ennaa itti dhufu kan lolaniif qomoo isaanii qofaaf osoo hintaane Oromodhuma waliigalaaf. Isas akkanaan mirkaneessu jedha. Akkuma waraana (eeboo) harkatti qabataniin “Ana ilma Oromoo” ofiin jedhu ana sanyii qomoo abaluu ofiin hin jedhan. Waraanni isaanii callisee facaatiidhaan kan lolu miti. Ajajaa waraanaa qabu. Ajajaan waraanaa isaanii lolicha keessatti kan dandeettiiifi tooftaan lola isaa sirritti mirkana’eefiidha. Kanaaf loltoonni hunduu isaan ajajamu. Irra caalaa diina isaanis barbadeessanii galu jedha.

Abbadiin gara Shanan Gibeettis ce’uun haala walfakkatu arguuf walfakkeenya Oromoo ennasii hedduu cimaa ta’uu isaa ibseera. Qorannoo isaa Ji’oograafii, Seenaa, dinagdee Siyaasa, amantiifi walitti dhufeenya Oromoon olloota isaa waliin qabu gadi fageessees himeera. Bara 1846 Kaatolikiin Roomaa Mana Amantii Vaatikaanin qunnamuun kaatoliikota gara Oromootti akka erganis gaafateera.

Walumaagalatti qorattotta warra Awurooppaa keessaa hanga galeefitti kan qorannoo madaallii of keessa qabu dhiyyeessuu yaale Abbadiidha. Abbadiin Gadaan Dimokiraatawaa ta’uu isaa, nama gadi fageessee ilaluudhaan qorannoo gaggabaabaa 1880 dhiyeessedha jedhama. Kan warri Faransaayii, Xaaliyanii, Jarmaniifi Biriiteen gara Oromoo akka ilaalan godhes gabaasa isaa kana.

Asmaroom Laggasaa kan maqaan isaa yeroo hundaa Gadaa Oromoo faana ka’ullee qorannoon nama kanaa akka fedhii keessatti uume dubbata. Caffee Oromoos Paarlamaa jedhee ibsuun har’allee tuuristoonni yaa’anii akka ilaalan godheera. Namicha Marishaal De Saalvayk jedhamullee qorannoodhuma Abbadii ilaalee akka gara Oromoo dhufe dubbatama.

Qorannoon Abbadiin Wallaggaafi Shanaan Gibee dabalatee gaggeesse namoota naannawaa kanarratti qorannoo hamma har’aatti gaggeessaa jiran fayyadeera. Abbadiin “Oromo: The Great Nation” yookan Oromoo: Saba Guddaa jechuun gabaseera. Abbadiin osoo Oromoon bittaa Habashootaa jala hingaliin ennaa isaan waa’ee isaanii rakkoo tokko malee gageeffatan, waa’ee isaanii sodaa tokko malee himatan arge. Kun immoo Oromoon maal fakkaata isa jedhu faalama tokko malee akkanni argatu godheera. Dhumarratti Abbadiin amantiin Oromoo Waaqatti qofa akka ta’eefi Odaa ykn Caffeetti irreeffatee akka Waaqa sagadu ibsuu isaa malee manni sagadaa isaa uummamuma jedha kanaaf “ There is a God where there is no a church” iddoo manni sagadaa kiristaanaa hinjires Waaqayyo ni jira jedhe dubbateera.

Abbaa Maasiyas

Abbaan Maasiya (Father Massaja Gugaliimoo) Misiyoonii Warra Kupichiinidha. Gara Itoophiyaa kan dhufes bara 1846 itti gaafatamaa amantii Katoliikii Oromoo (Apostolic Vicariate of the Oromo) ta’eeti. Biyya Oromoo kan ga’e garuu bu’aa ba’ii hedduu booda bara 1852dha. Biyya Oromoo keessa waggaa 11 hojjete. Isa kana keessaatti giddugala amantaa kaatoliikii Assandaaboo Wallagaatti, Lagamaraa Jimmaatti, Limmuutti, Anfilloofi Geeraatti hundeesseera. Ummata kanas karaa barnootaafi fayyaatiin hedduu deggaruu yaaleera.

Afaan Oromoos bareechee baratee Kitaboota amantii gara Afaan Oromootti hiikeera. Kitaaba katakisimoo jedhus afaan Oromootti hiikeera. Giraamerii Afaan Oromoof Amaaraas maxxansiiseera. Oromoota hedduu garbummaatti gurguramaa jiranis argee hedduu gadduun garbummaan akka hafu sochii guddaa godhaa tureera. Ijoollee Oromoo garbummmatti gurguramanis bituun amantaa Kaatolikii akka baratan gochuu yaaleera. Marsellee, Faraansayii keessatti mana barumsaa Afaan Oromoo itti baratan baneera. Mana barumsaa Afaan Oromoo Finfinnee bakka ammaa Goorgisii jedhamutti banee ture. Garuu Habashoonni gocha isaa kana waan jibbaniif bara 1879 Itoophiyaa keessaa ari’ame.

Joon Kiraaf

Joon Kiraaf (John Krapf) nama biyya Jarmanii ta’ee Bataskaana Mishinii warra Ingliiziin (Anglical Church Missionary Society) bakka bu’uun gara Itoophiyaa akka dhufu nama afferameedha. Haluma kanaan bara 1837-1842tti biyyaa Itoophiyaa keessa nama turedha. Bara 1838 ennaa Tigraayiin ga’u achuma turuu hindandeenye. Ras Wubeef Abbaan Salaama waliigalanii ari’ani. Waxabajii 1839 Shawaatti darbee Isebergi duukaa mootii Saahila Sillaasee bira taa’ee hojii isaa itti fufe. Itoophiyaa keessa darbuun hanga Mombaasaa ga’uu isaas qorannoo isaa keessatti ifa godheera.

Garuuu irra caalaa Oromoo qorachuusaa barreefamni isaa ifa godha. Shawaa dhufee ennas Mootii warra Manzii kan ture Saahile Sillaasee bira taa’ee Afaan Oromoo baratee qorannoo isaas Oromorraatti kan xiyyeefate akka godhe barreefama isaa keessatti ibseera. Qorannoo isaa keessattis waa’ee Oromoo yeroo itti laatee gad fageenyaan nama ibsedha. Akkasis jedha. Oromoonni kun bifa bareedaa, magaalaa homaa sodaa tokko kan ofkeessaa hinqabnedha. “They call themselves Oromo, strong, or brave men; and their language they call “Afan Ormoom” jedha. Kana jechuun isaan Oromoo jedhanii ofwaamu, Afaan Oromoo dubbatu, ciccimoo gootadha. Anis kanumarraa ka’een biyya isaanii ‘Oromania’ jedheera jedha.

Tooftaa lola isaanis ilaalchisee osoo akka dandeettii lola isaaniitiif Abyssiniyaa mitii Afrikaayyuu nito’atu. Dandeettiin isaanii ajaa’iba. Barachuu danda’u. Meeshaan waraanaa isaanii eeboo, goraadee, gaachana. Hunduu dubartii isaanii dabalatee farda gulufuufi loluu danda’u. Garuu diina isaanii waliin lolurra ofiif wal-lolu. Kun immoo salphaatti akka Habashonni isaan weeraran godheera.

Haala dinagdeefi hawaasummaa isaaniis akkas jedhee ibsa. Loon horsiisatu; niqotatus. Lafa bal’adhaaf xaa’oo qabeessa gabbataarra jiraatu. Uffannaan isaanii nibareeda. Osoo lafti isaanii kun qaroomina kiristaanaafi aadaa Awurooppaa jala ta’ee maal qaba. Loqoda shan akka qaban addaan baaseera. Garuu hundi isaanii rakkoo tokko malee waliigalu. Odaatti sagadu. Bakki isaan itti sagadan kun baay’ee safeefatama. Namni kamuu lubbuu isaa yoo wareeguu barbaade malee bakka kana qubaan tuquu hindanda’u. Qurxumiin sanyii bofaati jedhu, lukkuun immoo sanyii gugeeti waan jedhaniif hinyaatan.

Walloon ilmaan torba qaba. Islaama. Ennaa Oromoo warri moggasaa hintaane ajjeessan warri Walloo garuu saamanii gadilakkisu. Afaan Oromoo barateera. Ennaan Kakuu Haaraa gara Afaan Oromootti qubee laatiiniin jijjiiretti Habashonni na jibban Jedha. Kitaabni an Afaan Oromootti hiikes kukkutuudhaan bara 1839-1841tti maxxansiiseera. Guuboo jechootaafi Seer Luga Afaan Oromoos qubeedhuma Laatiinii kanaan barreessee maxxansiiseera. Misiyoononni Oromoo akka qaqqabanis hedduu dhama’eera. Barreefama Oromoos nama uumuu yaaledha.

Marshal De Salvayk

Salvaayki Luba amantaa Kaatoliikiiti. Innis bara 1856 hanga 1879tti Oromoota keessa ture. Akka inni biyya Oromoo dhufu kan isa godhes gabaasa waa’ee Oromoo Antoone Abbaadirraa dhaga’edha. Garuu akka Abbaadii biyyaa nagaafi tasgabbii qabutti hindhufne. Ennaa inni biyya Oromoo ga’u Oromoon Habashaan werararamee jeeqamaa jira. Innis haala Oromoofi weerartoonni Oromoo qaban waliin madaalee barreefama isaa kessatti ibsuu calqabe.

Ittifufa

BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015

Recommended For You