Falmii Oromoofi mootota Itoophiyaa gidduu ture (1855-1889)

Kutaa 5ffaa

Warri Himaanotaas Walloo deeffachuuf qabsoo ittifufan. Warqituufi Mastawotitti ilmi Alii kan Geexee jedhamtu Gindabaratirraa bitamte jedhamturraa dhalate bakka baqatee jiruu Amaara Saayintii gara qabsootti seene. Geexeettiin ilmashee kana najalaa ajjeesu jettee akkuma abbaan isaa Alii Abbaa Bulaa bara 1852 du’een fudhattee Amaaraa Saayintiitti galte.

Taklagiyoorgis durumayyuu osoo Teedroos hindu’in naannoo 1867 Walloon qabachuu ennaa yaalutti Mohaammad Alii kana ittifayyadamuu yaalee ture. Mohaammad Aliis akka gara falmii aangootti dhufuuf akkas jedhanii kakaasaa turan jedhama.

Anteem Alii weldohaal

Irsum Liiban weldootal

Inde siraa beti liji lamin yaazuhal.

Ennaa Afaan Oromootti hiikamu:

Si’is Aliitu dhalche

Isa Liibantu dhalche

Maaf ergamta akka dhaltaa garbaa.

Jechuun isa kakaasa turan. Mohaammadis kana aaruun Waaqshumitti hidhatee humna waraanaa walittiqabachuu eegale. Gara Mastaawotittis duule. Garuu Mastaawotiifi ilmishee Abbaan Waaxew waliin ta’anii ofirraa faccisanii deebisan. Du’a Teedroos boodas Wallootti osoo hinduulin mootummaansaa kan waggaa sadiifi ji’a sadii bara 1871 kan Waaqshuum Gobazee xumurame.

Ennaa Mohaammad Alii Taklagiyoorgis bira jirutti Minilikis Warqituun dayeeffatee kibba Walloo heddumminaan to’achaa dhufe. Minilik Warqituu daayeffatee gara Kaaba Wallootti darbuun bara 1869 Mastaawotiifi Abbaa Waaxew loluun isaan injifate. Waraanicha keessatti garuu Mastaawotiifi Abbaa Waaxeew harkaa miliqanii ba’uu danda’aniiru. Booda keessa garuu warra karaa kaabaa ofirraa dhorkuuf Minilikiin firoomfachuu wayya jedhanii Mastaawotiifi Abbaa Waaxew mari’achuun walitti dhufeenya fuudha siyaasaan deeggarame uuman.

Minilikis gara calqabaa dhimma kanatti waliigaluun intala Warra Shawaa keessaa Abbaan Waaxew akka fuudhuu danda’u itti hime. Booda garuu kennaa fuudhaaf barbaachisu edda fudhatee booda Amaara Shawaa Oromoo Wallootti heerumsiisuun of arrabsuudha jechuun waliigaltee diige. Mastaawotiifi Abbaan Waaxewus deebi’anii Minilikiin finciluu eegalan. Loltoonni Minilikis faana bu’uun bakka Masqalaa jedhamu Dirree Waraanaa Warra Himaanoo keessatti argamutti bara 1871 injifate.

Haatiifi ilmi booji’amanii hidhaadhaan haadha warraa Minilik ennaa sanaa Aadde Bafaanaatti kennan. Aadde Bafaanaan ennas warra Iluu keessa jiraatti. Bakka isaaniis Minilik yeroof ilma Mastaawot isa quxisuu kan qacceen isaa warra Mohaammadoochi hintaane haadhatti waamamu Alii Mastaawotiin bakka buuse. Minilikis Warqituu of fuuldura qabuun bulchaa Walloo waliigalaa ta’e.

Karaa biraatiin ennaa Kaasaa Marcaafi Taklagiyoorgis bara 1871 Adawaatti wal lolan Mohaammad Alii immoo booji’amee harka Kaasaatti kufee booda (mootii Yoohaannis), Kaasaaf riqicha ittiin Wallootti ce’an isa guddaa ta’e. Mohaammad ennasuma osoo Mastaawotiifi Abbaan Waaxew mana hidhaa Minilik harka jiranii bakka duwwaatti Wallootti ergame.

Minilikis ennaa kana dhaga’u Mastaawotiifi Abbaa Waaxew hidhaadhaa hiikee akka Mohaammad Alii waraanan itti erge. Mohaammad Alii Mastawotiifi ilmashee bakka Tanta jedhamutti waraanuun injifate. Kanaafuu gara dhuma bara 1871 keessa Minilikiifi Kaasaa Marcaa qondaaltota warra Walloo of jala hiriirsuun Walloorrattti gooftummaa isaanii labsuu eegalan.

Asirratti kan hubatamuu qabu warri Walloo kun dhuguma Yohaannisiifi Minilikiin ofirratti goobsuuf osoo hintaane isaan qabatanii diina isaanii injifachuuf ture. Bara 1871 ennaa Minilik Kaasaa Mircaa loluufi Abbaa Waaxewufi Fitawraarii Naadewun nahordofaa jedhee qajeelu, Abbaan Waaxew haalli mijate jedhee Fitawraarii Naadewun isin maal amanamtu jechuun itti garagalee lole, lotoota isaanii qullaa buusuun reebe. Ennasumas Imaama Walloo jedhee of labse.

Abbaa Waaxew gara Tantaatis darbee Mohaammad Alii lolee injifate. Ta’us Minilik dhimma kana callisee hin ilaalle. Duula gara Kaasaatti godhaa jiru dhiisee deebi’e. Mohaammad Aliis ennasuma dafee harka isaa Minilikitti kennatee gara Minilik gore. Minilikis intala haadha manaa isaa intala Bafaanaa kan isarraa hindhalanne Aadde Maanallebish jedhamtu itti heerumsiisee soddomsatee Walloorratti bakka buusee deeme. Ta’us Mohaammad Alii Abbaa Waaxew kophaa isaa dura dhaabbatee loluu hindandeenye. Booda garuu Minilikiin deeggaramee bara 1871 hanga 1872 guutuu isaa waraana qixxeeffachiisaa gaggeessan.

Waraana isaan Maqdallaatti godhanirrattis Abbaa Waaxew waraana ijibbaachisaa gaggeessuun hogganaa waraanaa Minilik Giraazimachi Baabuu jedhamu jalaa ajjeese. Waraanni Shawaa Minilikiin dhiisanii baqatan. Minilikis qabamuu kan oole humna dabalataa Mashashaa Sayfuu dugda duubaan fidee dhufe. Injifannoon gara Minilikitti deebi’es humna haaraa kanaani. Ta’us Abbaa Waaxew ammayyuu cimina Walloo keessatti qabu gadi hinlakkisne. Mohaammad Aliis biyyatti galuu dhorkate. Waraana kanatti aaruun akkuma Teedroos Minilikis warra Walloo waraana Abbaa Waaxew deeggaran saamuu, gubuu, fixuutti taa’e.

Ammas Minilik aaruun bara 1874 Wallootti duuluun hanga Laga Bashiiloo ga’utti lafa gubaa namoota ajjeesaa lolasaa ittifufe. Abbaa Waaxewus haalichi humnaa ol waan ittita’eef Yohaannis (Kaasaa Marcaa) osoo inni lola Gojjamii galaa jiruu itti dhaammatee akka gargaaru gaafate. Yohaannis ennasuma Abbaa Waaxew Imama Walloo jechuun beekamtii kenneef. Garuu gargaarsa tokkollee hingooneef.

Ittifufuun bara 1876 Mohaammad Aliifi Minilik lola isaanii ittifufuun Abbaa Waaxew ari’anii Yajjuutti galchan. Achittis duukaa bu’uun bakka Qaliim jedhamutti Adooleessa bara 1876 booji’anii Shawaa keessatti bakka Inawarii jedhamutti hidhan. Haaluma kanaan Mohaammad Aliifi Minilik Walloo dhuunfatan. Onkololeessa bara 1876 Mohaammad Alii Imaama Warra Walloo (Laga Wahiitii kaasee hanga Laga Bashiilootti, akkasuma Laga Abbaayii hanga Azaalootti) jedhamuun labsame.

Walitti dhufeenyi Minilikiifi Mohaammad Alii callisee akkasiin itti hinfufne. Ennaa Minilik Mohaammad Alii fudhatee Adaal Tasammaa isa Gojjamiin gabbarsiisuu dhaqu, Yohaannis achitti ittidhufee jennaan Minilik baqatee Salaaleetti gale. Ennaa kana Mohaammad Alii nama dadhabaa akkasii faana hiriiruusaatti gaabbe. Ta’us Minilik wajjin dhufanii Salaalee ennaa ga’an haati warraa Minilik Bafaanaan Abbaa Waaxewufi Mastaawotiin hidhaadhaa hiiktee gadi lakkisuushee dhaga’ee Mohaammad Alii gara Walloo deemee isaan kanaan akka walfalmu itti hime.

Mohaammad Aliis Marraabeeteerraa goruun Xamootti goree Abbaa Waaxewufi Mastaawotiin argee Minilikirratti finciluuf waliigalee darbe. Magaalaa Warra Iluu isa Minilik hundeesse jedhamu gubee bira darbe. Minilikis kana dhaga’ee faana bu’us Mohaammad fagaatee Laga Goraa ga’eera. Minilikis dubbichi gara Yohaannisitti isa geessaa jiraachuu isaa baree dugda duuba deebi’e.

Abbaa Waaxewufi Minilik Warra Iluutti wal-arganii araaramanii waliin ta’uun Onkololeessa bara 1877 Masqalaatti Mohaammad Aliitti duulan. Garuu ennaa isaan Jiffaa ga’an, Mohaammad Alii immoo jara kana jala dhaabbachuu hindanda’u jedhee gara Yohaannisitti baqate. Minilikiifi Abbaa Waaxewus Walloo darbanii deemuu hinbarbaanne. Yohaannis garuu dhimmicha callisee hin ilaalle. Akkuma Mohaammad Alii isa bira ga’een Adaal Tasammaa isa Gojjam dabalachuun Minilikiin faana bu’aanii Salaalee ga’an. Lolli kunis waliigaltee Yohaannisiifi Minilik Liicheetti bara 1878 godhaniin hafuu danda’e. Yohaannisis guutummaatti aangoo Mootii Moototaa Abyssinyaa fudhachuun gargar deebi’an.

Mootiin Yohaannis Atsee Taklagoorgiis akkuma mo’ateen aangoo mootummaa qabachuun bara 1872 gara Raayyaatti duula duraa eegale. Tooftaan fixuufis Oromoota Raayyaa Walga’ii waaman. Walga’ii kanas dirree bal’aa Inguyyee jedhamurratti Oromoo Raayyaa mara akka walga’iif dhufan ajaja dabarse. Kuubii Abbaa Boonaas shakkii tokko malee ummataaf ajaja dabarsuun hoggantoota isaanii waliin Carcar iddoo mootichi qabateefi waraanni isaanii jiru ga’an. Walgaa’iin kunis kan biyyaaf tolu jedhanii waan yaadaniif hundumtuu araaraman. Haata’uutii akkuma achi ga’anii waraanaan marfamaniin Abbaa Boonaa Kuubii dursee ajaja mootichaatiin goraadeedhaan mormiisaanii akka kutamu ta’e. Oromoon Raayyaa mootiisaanii marsanii dhufanis qawwee Ingiliiziin mooticha badhaasteen akka dhuman ta’e.

Guyyaa tokkotti namoonni kuma sadii ta’an dhuman. Kunis seenaa mootichaa keessatti gocha suukkanneessaa akka ta’e dubbatama. Dirree Unguyyee walga’iif Oromoon Raayyaa itti waamame kanarratti Abbaa Boonaa Kuubii malee abbootiin biyyaa isaan waliin turan kan akka Aarbisee Goljaa, Alii Hasaniifi Sayid Yimar kan jedhaman waraanaan akka ajjeefaman dubbata.

Ajjeechaa gamtaadhaan ummata Oromoo Raayyaarratti godhameen kan guyyaa sana lubbuun jalaa ba’aniifi kan walga’icharratti hinargamin baay’een biyyaa ba’uun kallattii adda addaatti faca’an. Kuunis gara Sudaanitti baqatan. Kan biyyatti hafanis namoota naannoo Tigraayii dhufan shakkiifi sodaan ilaaluu eegalan.

Kan naannoo sanaa dhufan qofa otoo hin ta’in kan Laastaafi Waajiirraa dhufanis jibbuu jalqaban. Afoolaafi dubbii isaanii keessattis akka nama Tigraay hin amanne aaadaa dabarsaa turan.

Walaloo yaada kana ibsu keessaa tokko yoo ilaalle:

Hin amaninaa Tigroota

Kakuu baay’isus

Kiristinnaa kaasuun

Kuubis ni qalanii!

Ni nyaachisu malee

Ykn ni obasan

Akkamitti ajjeesanii

Ilma moggaasanii!

Jechuun shakkiifi gadda itti dhagahame ibsaa turan. Kuubii Abbaa Koonaa erga ajjeesanii booda manaafi qabeenyasaa saamuun masaraasaa bataskaana godhan.

Ittidabaluunis iddoo Gabatee jedhamutti ittisa bishaanii hojjatanii diinni bishaan dheebotee akka baqatuuf hidha lagaa akka hojjetan seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabuudha. Oromoon Raayyaa waraanni mootichaa Mahonnee (Makkonnaa) warra Abayyee, Dayyuu ga’anii horii saamuu nama Ajjeesuufi qabeenya mara gubaa yoo gara Basoo, Qobboo, Allaamaaxaa (Qillisha)fi Gaattiraatti socha’an, dirqama akka gabbaruu qaban murteessan. Kunis seenaa Oromoo Raayyaa keessatti kufaatiifi qaanii guddaa ture.

Maaliif yoo jenne, Oromoo Raayyaa namni gosa isaaniirraa adda ta’e armaan dura isaan bulchee hinbeeku. Humna Raayya erga rukutanii booda mootichi Raayyaan namoota ofiitiin malee akka hinbulleef waan beekuuf Oromoo keessaa kiristinnaa kaasuun namootaaf muudama kennuu jalqabe. Haaluma kanaan abbaa biyyaafi hogganaa Qobboo kan turan, Kuubii Abbaa Boonaaf lafa nugus Gaalee kaasee hanga Hormaata ga’uttiifi lafa isaa gadi jirurratti akka muudaman godhame. Hormaati iddoo jedhuu kaasee gara kibbaatti lafa jiru Oromoo Yejjuu jalatti akka bulu gochuu ture.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015

Recommended For You