Sirna Gadaafi jaarmiyaalee gugudoosaa

Kutaa 5fafi isa dhumaa

Caasaa sirna  Gadaafi  Bokkuu

  Gadaa (Abbaa Bokkuu     Abbaa Gadaa     Abbaa Muudaa)

Abbaan Bokkuu hangafa gosootaa yoo ta’u, abbootii Gadaatii ol ta’uun Gadaan wanta hojjechuu qabu olaantummaan kan to’atuufi gaggeessuudha. Keessattuu murtii abbootiin Gadaa kennan akka raawwatamu ni taasisu. Kana malees humni diinaa dhufee biyya kan weeraru yoo ta’e, abbaan Gadaa abbaa Duulaa waraanaaf yoo ajajuu baate abbaan Bokkuu Bokkuusaa lafa tuqsiisuun labsii ittiin labsa.

Kanaaf seera Qaalluufi Gadaa eegsisuu keessatti Bokkuun jaarmiyaa shoora guddaa qabuudha. Bokkuun abbaarraa ilmatti kan darbu yoo ta’u, akkuma miseensota Gadaa Bokkuuwwan Oromoo beekamoonis shani. Haa ta’uutii tokko tokkoon gosaa Bokkuu mataasaanii naannawasaaniitti ni qabaatu.

Bokku Gosa Gujii

Bokkuun gosoota gidduutti walitti bu’insi akka hinuumamne ni eega. Walitti bu’insi yoo ka’e abbaan Bokkuu ardaa ofiirraa ka’ee gara iddoo waldiddaan uumamee dhaquun gidduusaanii seenee akka lola dhaabanii araaraman taasisa.

Dhimmisaaniis jaarsummaan akka hiikkatu qajeelfama kenna. Dabalataanis abbootiin Bokkuu walitti bu’insa hiikuuf gatiin beenyaa Gumaa kanfalamuu akka qabu ni barsiisa. Qaalluufi abbaan Bokkuu aangoo walitti dhiyaatu qabu.

Dursitoonni Gadaa yeroo jilaa gara Qaalluu akka dhaqan ni ajaja. Warra Qaalluutiinis gara abbootii Bokkuu keessaniitti nagaan deebi’aa jechuun ni eebbisa. Murtiiwwan olaanoo Gadaadhaan darban humnoota naannawaa abbootii Bokkuu jiraniin akka raawwataman ni ta’a. Kanarraa ka’uun jaarmiyaan Bokkuu waldanda’uufi nageenya ummataa eegsisuu keessatti gahee olaanaa ni qaba jechuun ni danda’ama.

Abbaan Bokkuu namni yakka raawwate adabbiisaa akka argatu kan gargaaru humna (raayyaa) Gadaa mataasaa qaba. Kanaafuu, sirni Gadaa ummanni nageenyaafi waldanda’uun akka waliin jiraatuuf abbootii Gadaa wajjin ta’ee gaheesaa ni bahata.

Sirna Gadaafi hudhaalee isa qunnamaa turan

Rakkoolee sirna Gadaa qunnamaa turan keessaa inni duraa sochii ummataa giddugala bahaatti taasifame wajjin  kan walqabatedha. Innis sochii Afrikaa Kaabaafi Arabiyaa Kibbaatii gara lafa Oromoorratti  taasifameedha. Godaantonni kunneen sababa daldalaafi amantiitiin ummata Oromootti makamuun qubachuu waan eegalaniif rakkoo uumaa turan.

Kanarraa ka’uun ummanni Oromoo gartokkeen amantii kiristaanaa yoo fudhatu, kuun immoo amantii islaamaa fudhachuu eegale. Haaluma kanaan aadaa, afaaniifi seera Gadaa dagachuun ummata biroo wajjin walitti makaman. Keessattuu jaarraa 16fa keessa waraana mootummoota amantiilee lamaaniin gaggeeffameen aadaan ummata Oromoo daran miidhamuurra qabeenyi  isaanii falmitoota amantii lamaanii (Kiristaanaafi Islaamaan) akka saamamu ta’eera.

Falmitoonni garee lamaanii kunniin humnoota Awurooppaa Turkiifi Porchugaal gargaarsa gaafachuun humnoota Oromoo dadhabsiisuun humnoota isaanii bakka buufachuuf yaalaniiru.

Kan biroo beektonniifi dursitoonni amantii lameenii kunneen maqaa ummata Oromoofi aadaasaa xureessuun Sirni Gadaa akka dadhabu taasisaa turaniiru. Kanarraa ka’uunis sirniifi jaarmiyaan waldanda’insaafi tokkummaa ummataa cimsan akka laafan taasisuu keessatti falmiin amantii lameenii gahee guddaa taphataniiru jechuun ni danda’ama.

Waan kana ta’eef ummanni Oromoo gara amantiilee lamaaniitti akka dabalamu ta’eera. Rakkoon kun yeroo dheeraaf kan ture waan ta’eef Sirniifi Jaarmiyaaleen Gadaa akka quucaru ta’ee tureera.

Sirni Gadaafi jaarmiyaaleen isaa yeroo dheeraaf ogbarruufi meeshaalee ammayyaa sabqunnamtiitiin waan hindeeggaramiiniif hanga sadarkaa barbadametti guddachuu hindandeenye. Inumaayyuu akka uggurri irratti gaggeeffamu ta’eera. Kunis laafina Gadaatiif tokko ture.

Ummanni Oromoo jiruufi jireenyasaa keessatti walirraa siqee jiraachaa waan tureef tokkummaafi aadaa ammayyummaa hordofuu keessatti rakkoo ture. Kanaafis hoggansa cimaafi qunnamtii alaa argachuu hindandeenye. Kunneenis Gadaa keessatti laafina fideera. Ummatichi aadaafi safuu ganamaa dhiisee kanneen alaa dhufan tole jedhee fudhachuunis rakkoo birooti.

 Kallattii furmaataa

  1. Jaamiyaalee Sirna Gadaa kanneen bifa ammayyaatiin haaromsa dhalootaa dhalootatti dabarsuun aadaan waldanda’insaa itti fufinsaan akka dagaagu hojjechuu,
    1. Jaarmiyaalee kanneen sirna baruufi barsiisuu keessatti galchuun dhaloonni ammaa akka beeku taasisuu,
    1. Jaarmiyaaleen kunneen ummata Oromoo qofaaf osoo hintaane sabaafi sablammoota biyya keenyaatiifis ta’e ummata addunyaatiif aadaa waldanda’uun waliin jiraachuu keessatti fakkeenyummaa guddaa waan qabuuf mootummaan naannoofi federaalaa beekamtii kennuufiin akka hambaa addunyaatti galmaa’uuf qindoominaan hojjechuu.

 Xumura

Barreeffamni kun sirni Gadaa rakkoolee ummata Oromoofi ummattoota ollaa gidduutti uumaman keessattuu rakkoolee gama hawaasummaafi siyaasaatiin uumaman akkamiin furaa ykn hiikaa akka ture sakatta’uuf yaalii godheera.

Sirni Gadaa seenaa yeroo dheeraa keessatti yaadrimee dimokraasii hedduu of keessatti kan hammate ta’uu, ummanni Oromoo nageenyaafi jaalalaan, tokkummaan, waldanda’uun akkamiin waliin jiraachaa akka ture, namni tokko lubbuun jiraachuuf mirgoota gonfachuu qabu; seeraafi dambii akkamii hordofuu akka qabu kan mul’iseedha.

Sirni Gadaa dameeewwan dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa kamuu keessatti dhuunfaanis ta’ee gareedhaan sadarkaafi murna Gadaa (age grade & Gada grade) hunda keessatti hirmaannaa siyaasa bal’aa kan qabuufi walitti bu’insa kamiifuu iddoo kan hin kennine ta’uu barreeffamni kun ibseera.

Sirni Gadaa baroota kumaatamaan dura eegalee miseensota ykn gogeessa shaniin kan gurmaa’e yoo ta’u; miseensonni martuu naannoo Oromoon jiru maratti ni argamu. Miseensonni Gadaa hundis seeraafi dambii Gadaan baasuu tokkoon bulu. Rakkinnoonni adda ta’an yoo uumaman malee seerri Gadaa hinjijjiiramu. 

Mirgiifi bilisummaan miseensotaa waa kabajamuuf hojii kamuu keessatti bifa dorgommiitiin hirmaatu. Bara luba isaanii nageenyaafi badhaadhina ummataa eeguufi tiksuuf cimanii ni hojjetu.

Sirna Gadaa keessatti jaalalli, tokkummaafi olaantummaan seeraa waan kabajamuuf qaama humnaan seeraafi dambii jiru cabsu hinfudhatamu. Seeraafi dambii kan cabsu yoo jiraate umuriinsaa gabaabaadha. Abbaa Gadaas ta’e Qaalluun, akkasumas abbaan Bokkuu seeraan kan bulan waan ta’eef olaantummaan seeraa kan kabajameedha. Kunis sirna Gadaa kamuu caalaa dimokraatawaa taasisa.

Kana malees aangoon harka namoota muraasaa akka hingalle Gadaan cimsee dhorka. Aangoon kan ummata bal’aa ta’uus ni mirkaneessa. Sirni Gadaa miseensi kamuu sadarkaalee jiru keessatti mirga filachuufi filatamuu akka argatu seeraan ni hayyama.

Kanaafis mirgi nama dhuunfaafi gareewwanii sirna Gadaa keessatti walqixa ni kabajama. Sirni Gadaa mirga dubartootaafi daa’immanii kabachiisuu keessattis gahee guddaa kan qabuudha.

Haa ta’uutii namoonni maalummaa Gadaa sirriitti hinhubatiin yaada kanaan walfaallessu yoo kaasan ni agarra. Oromoon tokko seera rakootiin gaa’elasaa kan raawwatu yoo ta’e malee gaa’ela raawwateera ykn haadha warraa qaba jechuun hindanda’amu. Kanas seerri Gadaa ni kaa’a.

Namni gaa’ela hinraawwanne tokko jila Gadaa deemuus ta’e hirmaachuun dhorkaadha. Wareegas gochuu hindanda’u. Kunis kan agarsiisu namni tokko guutuu kan ta’u dubartii wajjin ta’uu mul’isa. Keessattuu yaa’iin Gadaa olaanaan tokko yoo gaggeeffamu dubartiin itti siqxee taa’uudhaan abbaa warraanis ta’ee obbolaan yoo jiraatan yaada  qabdu ibsuun hirmaatti. Haa ta’uutii kallattiidhaan yaa’iitti akka hirmaattu seerri hinhayyamu. Sababnisaas rakkoo uumamaa dubartii qunnamurraa kan ka’eefi nageenya maatii Gadaa eeguufi.

Sirna Gadaa keessatti namni tokko maatii horachuu kan danda’u umriinsaa gaa’elaaf waan gaheef osoo hinta’iin akka seeraatti sadarkaa inni gaa’elasaa itti raawwatutu jira.  Sadarkaa kanaan ala yoo kan dhala  godhatu ta’e dur ijoolleesaa akka hinargine ta’ee sa’a ameessa wajjin nama daa’ima kana guddisuutti kennama.

Kunis kan ta’uu danda’e miseensi tokko hojiifi dirqama isaaf kennamu galmaan gahuuf cimina qaamaafi kutannoo akka qabaatu gochuun waan barbaachisaa ta’eefi. Kanaaf akka seera Gadaatti daa’imni seera keessatti dhalachuu akka  qabu hubatama. Kunis mirga daa’immanii eegsisuufi.

Walumaagalatti akka seera Gadaatti Oromoon daa’ima ofii dhiisiitii kan ormaayyuu jaarmiyaalee Gadaatiin ni guddifata; ni moggaafata malee mirga daa’immanii hindhiibu. Daa’imni jaarmiyaa Gadaatiin Oromoo ta’u tokkos mirga guutuu Oromoon argatu mara ni argata.

Kanarraa ka’uun Gadaan Sirna dimokraatawaafi hirmaachisaa, sirna mirgi qaama kamuu keessatti kabajamuudha. Sirna walitti bu’insa kamuu hiikuun aadaa waldanda’uufi tokkummaan waliin jiraachuu jajjabeessu waan ta’eef addunyaa maraaf rakkinoota hiikuuf fakkeenya ta’uu kan qabudha. Kanaafis sadarkaa hambaa addunyaatti galmeessisuuf tattaaffii guddaan taasifame milka’ini argameera.

Obbo Alamaayyoo Haayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *