Sirna Gadaafi jaarmiyaalee guguddoosaa

Kutaa 4fa

Meedhicha

Moggaasatti aanee koolugaltummaa kennuun jaarmiyaan beekamu Meedhachadha. Meedhacha jechuun jaarmiyaa seeraan garee tokko qaama ofii godhuuti. Jaarmiyaan kun keessattuu hawaasa Oromoo hinta’in koolugalummaa kennuufiin Oromoo akka ta’aniif mirga moggaafamaa kan kennuudha. Sirna Gadaa keessatti saboonni ummata Oromoo wajjin daangaan wal qunnaman dhiibbaa qaamoleen adda addaa irra geessisan dandamachuuf, keessattuu dhiibbaa bulchitoonni isaanii irra geessisan jalaa miliquuf bulchiinsa Gadaa Oromoo nageenya qabutti baqatu.

Jaarmiyaa kanaan namoonni Oromummaa fudhachuuf hayyamaafi fedhii mataa isaaniitiin waan ta’eef moggaasarraa seera adda ta’een jaarmiyaa Meedhachaatiin afaaniifi aadaan isaanii eegameefii Oromoo keessatti maatii ta’uun akka dabalaman ta’a.

Sirna raawwii Meedhachaa kana irratti warri moggaafatuufi moggaafaman kakaa ni raawwatu. Kakaan ykn waadaan kunis dhiiga tokko taaneerra, walitti makamneerra jechuu agarsiisa. Warri moggaafatan dhiiga keenyatti isin daballeerra; akka alagaatti isin hin ilaallu jechuun waadaa galu. Kana booda dursaa gosaatiin Meedhacha (gogaa qal’oo horii qalame irraa bahu) harkatti hidhachuun jilli kun raawwata.

Meedhachi namoota qofaaf osoo hinta’iin lafa, biqiltuu, marga, beellada, haadha warraarratti hidhachuun abbummaa qabiyyee mirkaneeffachuun walitti bu’insarraa bilisa godhuuf jaarmiyaa gargaaruudha.

 Qaalluufi Ayyaantuu

Sirna Gadaa keessatti Qaalluun jaarmiyaa dursaa amantiilee yoo ta’u, isaa gaditti dursitoonni amantiilee jaarmiyaa xixiqqaa Waayyuufi Ayyaantuu jedhaman ni argamu. Jaarmiyaaleen kunneen Sirna Gadaa keessatti dambiifi seerota mataasaanii kan qaban yoo ta’u, hunda kan caalu immoo jaarmiyaa Qaalluuti. Jaarmiyaan Qaalluu Abbaa Muudaan kan hogganamu yoo ta’u, Sirna Gadaa keessatti dursaa amantiilee olaanaadha.

Duudhaaleen aadaafi amantii Oromoo bakka isaaniitti kunuunfamanii akka turaniif jaarmiyaa gargaarudha. Qaalluun gosa hunda keessa kan jiru yoo ta’u, Qaalluu hangafni kan Warra Odituuti.  Kan biroo ammoo kan Qaalluu Beerreeti.  Kanaa ala kan Gujii Qaalluu Warra Odituuti. Odituu Maccaa, Tuulamaafi Booranaa kan beekamtu yoo ta’u, Qaalluun Warra Saphiiraas Tuulama keessatti ni beekamu. Hojiin jaarmiyaa Qaalluu Oromoon amantii Waaqeffannaa keessatti Waaqa isaa akka beekuuf barsiisuufi tokkummaan ummataa eeggamee akka jiraatuuf wal taasisuudha.

Kana bira darbees dursitoonni Gadaa (Abbootiin Gadaa) dhugumaan hayyama miseensota Gadaatiin filatamuu isaanii agarsiisuuf jila Muudaa guddaa ni taasisu. Warra Qaalluu irraa eebbaafi Muuda argachuuf jechuudha. Kiristaanonni gara Yerusaalemitti, Islaamonni immoo gara Makkaatti akkuma imalan Oromoonnis gara Madda Walaabuutti Muudaaf deemuun kan wal fakkaatudha. Qaalluun (Abbaan Muudaa) Boorana, Gujiifi gosoota Tuulamaa keessatti kabajaafi iddoo guddaa qabu.

Hojiin Qaalluuwwanii inni guddaan amantiilee barsiisuu qofa osoo hin ta’iin nageenya lallabuufi eegsisuudha. Kanaafis yeroo Muudaa gosoonni Oromoo akka walitti hin buune ni barsiisa ykn ni akeekkachiisa. Qabeenya uumamni badhaaste waliigaluun akka itti fayyadamaniifi akka nageenyaan jiraatan ni lallabu. Gadaan ala humnoonni diinaa alaa dhufee akka isaan hin bitne ni daddammaqsu. Abbaa Gadaa filatameef eebba ni kennu.

Qaalluu jala jaarmiyaalee jiran keessaa Ayyaantuun tokko yoo ta’u, Waayyuun immoo lafee dugdaa Qalluu isa guddaadha jedhamee beekama. Iddoo tokko tokkotti immoo Waayyuun bakka Qaalluu ta’anii Ummata hogganu. Fakkeenyaaf Qaalluun Maccaa Qaalluu Odituu (Madda Walaabuu) bakka bu’uun hojjetu. Yeroo baay’ee Waayyuufi Ayyaantuun Waaqayyoon kadhachuun araarri akka bu’u waan hojjetaniif namoonni wal lolaniifi mufatan rakkoofi iccitii isaanii osoo hin dhoksatiin itti himatu. Qaama isaan miidheefi mufachiises sodaa tokko malee saaxilu. Kunis Qaalluun ergamaa Waaqaati waan jedhamuufi dabalataanis Qaalluun muudama kennaa ulfinaa jechuudha.

Muudaa Oromoon keessattuu Oromoon Maccaa gara Madda Walaabuutti tasisan ‘Azzaaj Xinnoon’ barreesse Mohaammed Hasan akka armaan gadiitti ibseera.

 .…Besides their belief in one Waqa, the Oromo believe in one single person whom they call Abba Muda. As Jews believe in Moses and Muslims in Mohammed, the Oromo believed in their Abba Muda. They all go to him from far and near to receive his blessings.[1]

Hiiknisaas Oromoon Waaqa tokkichatti amana. Nama dhuunfaa Abbaa Muudaas ni amana, ni kabajas.Abbaa Muudaas amanu. Akkuma uummanni Jewshi ykn Isiraa’el Muuseetti, Musiliimni immoo Mohaammadiin waaman Oromoon Abbaa Muudaa waama jechuudha. Isaan hundi dhihoofi fagoorraa eebbasaa fudhachuuf isa bira dhaqu.

Ayyaantuun kunis qaama nama irratti miidhaa geessise tokkotti karaa bakka bu’aa isaa dhaamsa erguun beellamaan akka dhiyaatu taasisa. Daandiirratti akka wal hin qunnamnes karaa kam dhufuu akka qabu itti ni himama. Kunis osoo isa bira hin ga’in daandiirratti akka walitti hin buune taasisuufidha.

Waayyuunis nama miidhaa geessise qofaatti erga dubbisee booda qaama miidhame bakka bu’aa isaatiin (Qalaaxee) waamsisuun beellamaan akka dhiyaatu taasisa. Daandiirratti akka wal hin qunnamnes karaa kam dhufuu akka qabu itti ni hima. Kunis osoo isa bira hin ga’in karaarratti akka walitti hinbuune taasisuufidha.

Waayyuun qaama nama miidhe qofaatti erga dubbisee booda miidhamaan akka dhufu taasisuun lamaanuu fuulaa fuulatti walitti fiduun ni dubbisa. Lamaanuu nama Waaqaa biratti sobuun waan hin jirreef dhugaasaa dubbatu. Kan sobu yoo jiraate abaarsa fudhata. Haaluma kanaan nama balleesse gorsuun nama miidhame jajjabeessuun akkaataa seera Gadaatiin dhimmi isaanii ilaallamee akka araaramaniif gara jaarsa jabbootaatti erga.

Bu’uuruma kanaan Oromoo qofa osoo hin ta’iin gara isaatti namoota dhufan hunda rakkoo isaanii ilaalee furmaata ni kennaaf. Gareewwan haala hamaan wal lolanii dhufan dhiifama walii taasisuun jaalalaan wal hammachuun nageenyaan gara mana isaaniitti deebi’u. Kan balleesses beenyaa kennuun nageenya buusa. Kun waabeekaa Qaalluu irraa kan hafe akka aadaa Oromootti dursitoota amantii Waaqeffannaa olaanoo waan ta’aniif ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa waan qabaniif dambiiwwan Gadaa kunuunsuun kanneen tursaniidha.

Gadaan sirnoota gita bittaa darban keessatti yoo dhorkamu Qaalluufi Ayyaantonni garuu beekamtii argachuun akka turan ta’eera. Sababni isaas aangoo gita bittootaa kan hinmiine waan ta’aniif turuun isaanii faayidaa qabeessa ta’uusaa waan hubatameefidha.

3.7 Kallachaafi Caaccuu

Sirna Gadaa keessatti Kallachaafi Caaccuun jaarmiyaalee korniyaawwan lamaaniin addaan bahee tajaajiluudha. Kallachi meeshaa amantii dhiirotaa yoo ta’u, Caaccuun immoo meeshaa safuu amantii dubartoonni qoma irratti qabatanidha. Kallachaafi Caaccuun Oromoota tokko tokko biratti meeshaa hoodaa ykn ulfaa jedhamuun waamamu. Kanarraa ka’uun Oromoo biratti kabaja guddaa qabu. Oromoonni Kallachaaf iddoo guddaa waan kennaniif kabaja ayyaanotaafi iddoo maratti qabataniiti adeemu. Walitti bu’insaafi waldiddaa jiru hiikuufis tooftaa itti fayyadamanidha. (Dhinsaa Leephisaa; 1975).

Fakkeenyaaf, walitti bu’insi yoo uumame rakkoo jiru furuuf hangafoonni Kallachaafi Caaccuu qabatan bakkichatti argamuun Waaqayyo Kallacha kana nuuf laateef jedhaatii lola kana dhiisaa jechuun maqaa Waaqaatiin ni kadhatu.  Hawaasni aadichaafi naannoo ollaaa keessatti guddatanis kabajaafi gahee Kallachi Oromoo qabu waan beekaniif dafanii lola isaanii dhaabuun araaraaf dursitoonni gosaa akka taa’an ni gaafatu. Dhimmichas haala tasgabbiitiin ilaaluun waliigaltee uumuun furmaata kennu. Haaluma kanaan Kallachaafi Caaccuu akka jaarmiyaa hiikkaa wal diddaa tokkootti fudhachuun itti fayyadamaa waan turreef jiruufi jireenya ammayyaa keessattis gahee guddaa waan qabuuf jajjabaachuu kan qabudha (Alamaayyoo Hayilee; 1999:222)

3.8 Bokkuu

Bokkuun mallattoo gaggeessitoota Gadaafi hangafumaati. Bokkuun kan hojjetamu muka irraa yoo ta’u, yeroo baay’ee mukeen akka waddeessaa, ejersaafi mukeewwan jaalatamoo irraayi.

Bokkuun gabaabatee qarqar ykn arfii gama tokkoo akka kubbaatti dubulbulaawee kan hojjetamu yoo ta’u, qabannaansaa immoo qal’atee dhanquu lamaan hojjetama. Uleen kunis ciqilee (dhundhuma) tokkoofi walakkaa kan hin caalle yoo ta’u, namoonni qabatanis Abbaa Bokkuu jedhamu. Gosoonni Oromoo tokko tokko Abbaa Bokkuufi Abbaa Gadaa nama tokko taasisuun yeroo ilaalan ni argama. Haa ta’uutii gurmaa’insa Gadaa keessatti Caasaa mataasaanii ni qabu.

Obbo Alamaayyoo Haayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012


Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *