Sirna Gadaafi jaarmiyaalee guguddoosaa

Kutaa 3fa

Gurmeessi Siinqee

Gadaa keessatti gaa’elaaf kan wal kaadhimmatan ulaagaalee guuttachuu qaban akka guuttatan Gadaan ni kaa’a. Isaanis:

  1. Kanneen walfuudhan firoomina dhiigaarraa hanga abbaa torbaatti (7) fagaachuu akka qaban mirkaneeffachuu,
  2. Gosawwan wal fuudhuu hin qabne beekuu ykn barsiisuu,
  3. Hangafaafi quxisuu (Oboofi cooraa) ykn luba wal hinfuune ta’uufi dhiisuu qulqulleeffachuufi karaa seera qabeessa ta’een naqataan gaa’ela raawwachuudha.

Bu’uuruma kanaan gaafa guyyaa gaa’elaa intala heerumtuuf kennaan Siiqqee haadha ishiitiin kennamaaf. Siinqeen mallattoo hormaataati; kan daa’imman deesse itti hammattu, hawwii dhalootaati. Kana malees milkii qabeenyaafi jireenya gaariiti. Siinqeen kan qabeenya ishii ittiin fo’attudha. Kunis mirga qabeenya ishee kan ittiin mul’istudha. Siinqeen kan hammeenya dhiiraa ittiin ofirraa ittistu, kan mirga ishee ittiin eegsistudha. Dhiirri aadaa Oromoo keessatti dhalate kamiyyuu dubartii Siinqee qabatte hindhaanu; hin miidhu. Siinqeen kennaa haadha ishee waan taateef nikabaja. Kanaaf, Siinqeerra ejjetee kan miidhuufi kan dhaanu yoo ta’e, gosaan qeeqaafi adabbii guddaatu eeggata.

Dubartoota Ulfa qabaniifi Jila Gadaa

Gama birootiin wal diddaa ykn walitti bu’insa gosa lamaan gidduutti uumamu furuuf ykn hiikuuf Siinqeen gahee guddaa qabdi. Yeroo walitti bu’insi akkasii uumamu dubartiin Siinqee ishii qabachuun, mucaa yoo qabaatan baachuun, ijoollee sadarkaa kuusaa geesse of duuba hiriirsuun faaruu dhaggeessisaa gareewwan lamaan gidduu seenuun “araar– araar” jechaa walitti bu’insi akka dhaabbatu taasisu. Yeroo kana Abbootiin Gadaafi jaarsoliin dubartootaafi ijoollee kanneen argan gareewwan waldhaban lamaan dubbisuun kan miidhameef beenyaa kennuun rakkoo isaanii karaa nagaan akka hiikkatan taasisu.

Haala kanaan dubartootaan nageenyi bu’uun kabajni Siiqqee eeggamee wal dhabdeen hawaasa gidduu jiru akka hiikkatu ta’a. Siinqeen Oromoota gara Kaabaa kan akka Walloo, Yejjuu, Raayyaafi Waajjiraat keessattis Qotii jedhamuun hojjeta. Bifuma wal fakkaatuun rakkinoota hiikti.

Gumaa

Jaarmiyaalee Sirna Gadaa keessatti beekaman keessaa Gumaan isa tokkodha. Gumaan Ummata Oromoo bira darbee ummattoota naannolee ollaaa biratti walitti bu’insa hiikuu ykn furuu keessatti baay’ee kan beekamuufi jaarmiyaa Gadaan horata keessaa isa tokkodha.

Jechi “Gumaa” jedhu jecha Afaan Oromoo yoo ta’u, ka’umsi isaa foon horii gosoota namni jalaa du’eefi warra ajjeeseef xixiqqaatee guyyaa araaraa nyaataaf hiramu ykn kennamudha. Gumaan yeroo ammaa kan ittiin beekamu hiikkaa seenaa duriitiin osoo hinta’in aadaa gatii lubbuu ittiin baasan ykn jaarmiyaa miidhaa raawwatameef beenyaa itti kanfaluun wal dhabdee jiruuf araara buusanidha. Akkuma beekamu, akkaataa seera Sirna Gadaatiin lubbuu namaa balleessuun cubbuudha. Hojii Waaqayyo hin jaalanne waan ta’eef, Ummata Oromoo biratti lubbuu namaa balleessuu dhiisii lubbuu bineeldaa illee dabarsuun dhorkaadha.

Dogoggoraanis ta’ee beekaa lubbuu namaa nammi balleesse adabbii hawaasummaafi aadaatiin alatti Gumaa akka baasu ni taasifama. Sababa adda addaatiin namni lubbuun namaa harka isaatti bade tokko osoo Gumaan hinbahin dura maatii isaa wajjin laga shan cee’ee fagaatee akka baqatu seerri aadaa nidirqisiisa. Lageewwan walirraa fagaatanii kan jiran yoo ta’e, laga tokko al shan deddeebi’ee akka cee’u ni  ta’a. Badii ajjeechaa kana booda jaaroleen hatattamaan gidduu seenu. Akka badiin biraa hinraawwatamneef ni eegu. Abbootiin Gadaafi jaarsoleen naannoo dhimmicha qabbaneessuuf jaarsolee naannichatti ramadaman deddeebi’anii nigaafatu. Kana booda murtiif kan isaan gargaaru akkaataa ajjeechaa sanaa niqoratu. Qorannichis akkaataa ajjeechichaafi ajjeechichi ittiin raawwatame, akkasumas ajjeechaan booda ajjeesaan badii isaatiin gochoota raawwate kan hammatudha. Haaluma kanaan ajjeechicha dhiiga gurraachaafi dhiiga diimaa jechuun bakka lamatti qoodu.

  1. Dhiiga gurraacha kan jedhamu ajjeesaan haaloo qabatee, nama kan ajjeesu yoo ta’eefi erga ajjeesee boodas gocha hintaane qaama nama ajjeeseerratti kan raawwatu yoo ta’edha. Gochi akkasii adabbii aadaa cimaa kan hordofsiisu ta’a.
  2. Dhiiga diimaa kan jedhamu immoo walitti bu’insa jireenya guyyaa guyyaa keessatti akka tasaa dogongoraan ajjeechaa raawwatamuuf kan murtiin kennamudha.

Kanneen lameeniin alatti, ajjeechaawwan adda addaa yoo raawwatames gara lamaatti deebisuun beenyaan dhiigaa (Gumaan) niraawwatama.

Gumaan osoo hinkanfalamiin dura abbaan ykn obboleessi nama ajjeesee tokko cancala (sansalata) harkatti qabachuun biyya keessa deemee ykn daandii guddaatti (horaatti) bahee “Lubbuun nu harkatti darbite; Gumaa baasuuf kadhanna; lammii koo nu gargaaraa” jechaa guyyaa gabaa kadhachuu qaba. Ajjeesaan ammam illee qabeenya yoo qabaate horii mataasaa hinkanfalu. Rakkatee kadhatee gosti akka gargaaruuf seerri Gadaa ni tuma.

Namni nama ajjeese hanga Gumaan kanfalamutti waltajjiiwwan hawaasaarrattis ta’ee aadaa waaqeffannaa, sirna Gaa’elaa kamirrattuu argamuu hinqabu. Harki isaa dhiiga waan ta’eef. Haaluma kanaan kadhannaan Gumaa eega raawwatee booda loowwan muraasa beenyaa dhiigaatiif ni dhiyeessu. Akka aadaatti dur namni lubbuu balleesse loon dhibba (100) kan kanfalu yoo ta’u, yeroo ammaa Gumaan namaa hanga qarshii kuma kudha lamaa (12,000) gaheera.

Guyyaa xumuraa ykn guyyaa araaraa loon qaluun araarri akka bu’u ni taasifama. Yeroo tokko tokko wal irraa fagaatanii taa’uun loon tokko tokko qalmaaf dhiyeessu. Luka horii qalamee tokko – tokko irraa baasuunis akka wal jijjiiranii waadanii nyaatan ni godhama. Dursa garuu alangaafi waraana shan (5) ciibsuun garaacha loon Gumaaf qalame san uranii harka wal qabachiisuun akkaataa seera Gadaatiin gareewwan lamaan akka araaraman waadaa ni galchu. Nagaafi bitamuu isaaniis waadaa galuun jaarsoliif mirkaneessu.

Namni nama ajjeese biyyaafi naannoo irraa fagaatee waan tureef baay’ee qaamaafi jireenyaan miidhamee garee warra du’eetti mul’achuu qaba. Kana booda garee nama ajjeeseefi nama du’ee irraa namtokko tokko gidduu isaanii uffataan golguun garraacha qotiyyoo qalamee keessaan harka akka wal fuudhan ta’a. Ijaan akka wal ilaalan hin hayyamamu. Achiin booda dhiiga horii qalameetiin harka wal dhiqu. Xiqqoo turaniis bishaaniin qulqulleessu ykn dhiqatu. Kun cubbuufi badii balleessan irraa qulqullaa’uu agarsiisa. Nagaaf bitamuu isaanii waadaan erga mirkaneessanii booda akka firoomaniifi warrooman ni godhama. Bu’uuruma kanaan walitti bu’iinsa uumame furuun jireenya isaanii nagaan akka gaggeessan taasifama.

Kanarraa ka’uun jaarmiyaan Gumaa namoota dhuunfaa gidduuttis ta’ee hawaasa gidduutti lola uumameef nageenyaafi araara buusuun hawaasni kamiyyuu jaalalaafi kabajaan tokkummaan akka waliin jiraatu taasisuu keessatti hambaa Sirni Gadaa nuuf qoodedha jechuun ni danda’ama.

Gumaan yeroo ammaa Ummata Oromoo biratti qofa osoo hinta’iin guutummaa biyya keenyaatti rakkoo uumame tokko karaa nageenyaan hiikuurratti duudhaalee waldanda’insaa guddaa waan qabuuf sirriitti itti fayyadamuun bal’inaan beeksisuu qabna.

Jaarsummaa

Jaarmiyaalee Gadaa walitti bu’iinsa hiikan hedduu keessaa jaarsummaan isa tokkodha. Jaarsummaan rakkoo maatii tokko hiikuurraa kaasee hanga rakkoo biyya tokkoo furuutti jaarmiyaa gahee guddaa taphachuu danda’udha.

Keessattuu Ummata Oromoo keessatti wal dhabdeefi walitti bu’iinsi sadarkaa kamittuu uumamu dursa jaarsa ollaaan akka hiikamu ta’a. Kunis rakkoon maatii qe’eetti akka hiikamuuf waan barbaadamuufidha. Walitti bu’insiifi wal diddaan uumame jaarsummaa maatiitiin (ollaaatiin) furmaata yoo dhabe gara jaarolii naannoofi Abbootii Gadaatiin akka ilaallamu ni ta’a. Sadarkaa kanattis furuun kan hin danda’amne yoo ta’e, Abbootii Gadaa gosaa birratti akka ilaallamu ni ta’a. Haaluma kanaan seeraafi tumaalee Sirna Gadaatiin tumaman bu’uuraa godhachuun furmaata rakkooleetiif beektota seeraa (hayyuu) gaafachuun wal diddaa uumame hiikaa deemu. Waldiddaan uumame sadarkaa kanatti furmaata yoo dhabe yaa’ii gosaa guddaatti (Gumii Caffeetti) ol darbuun furmaata akka argatu ta’a. Hiikoon dhabamu seeratu itti tumama. Adeemsi kunis jaarsa ollaaa, Eelaa, Raaree Gosaafi Gumii jedhama.

Jaarsummaan dhimma tokko kan ilaalu seerota, furmaataafi murtiilee sirna Gadaatiin kaa’aman irratti hundaa’uuni. Kanaaf, karaa bilisaafi iftoomina qabuun, karaa loogii hinqabneen murtii waan dabarsuuf qaamoleen wal falman mormii tokko malee murtoo kenname akka fudhatan ta’a. Kanarraa ka’uun walitti bu’iinsaafi wal diddaa jaarsummaan furmaata hin arganne gara Caffee Abbaa Gadaatti dabarsuun walitti bu’iinsa tokko malee karaa nagaatiin rakkoolee furuu keessatti jaarsummaan faayidaa guddaa akka qabu hubachuun ni danda’ama.

Jaarsummaan walitti bu’iinsi akka hin uumamne ittisuufis ta’e kan uumamus yoo ta’e karaa nagaan hiikuuf gahee olaanaa waan qabuuf jaarmiyaa hiikkaa waldiddaa ammayyaa keessattillee beekamtii argachuu kan qabudha jenna.

Obbo Alamaayyoo Haayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *