“Namni taa’ee odeessu yoomuu nama hinta’u” -Aadde Angaatuu Haayilee

Gaafa ummanni Oromoo Somaaleerraa buqqa’ee sana “Ani isinii jira” jechuudhaan magaalaa Galaaniifi Dukamitti manneen 16 ijaaruun meeshaa hunda guutuun keessa qubachiisan. Naannawaasaattis baalota kanneen akka (Cilaattammo) cilaaddaamaa, roozmariinoofi kanneen biroo dhaabuun keessummummaan akka itti hindhaga’amne taasisaa turan. Ijoollee haadhaafi abbaa hinqabne hedduu gargaaruun barsiisaniiru. Ammammoo ijoollee 13 akka dhala isaaniitti karaa seera qabeessa fuudhanii guddisaa jiru. Namoota baay’eemmoo of biratti ogummaa barsiisanii of dandeessisaniiru.

Namni baay’ee kan isaan beeku ammoo gaafa Pirezdaantii Eertiraa, Isaayyaas Afawarqii Itoophiyaa dhufan warqee maraa Wallaggaa waqeeta lama (giraama 60) badhaasaniiru. Hojiin isaanii kontiraaktara. Guyyaatti miindeeffamtuu saantima 50 irraa ka’anii har’a dhaabbata ijaarsaa mataasaanii qabu. Hojiilee ijaarsaa garagaraatti hirmaachuudhaan manneen waliin jireenyaallee ijaaraniiru, ammas ijaaraa jiru.

Keessummaan Bariisaa har’aa dubartii cimtuu naannawaa jireenyasaanii Aqaaqiitti ‘Haadha Firaa’ jedhamuun beekaman Aadde Angaatuu Hayiileeti. Bu’aa ba’ii jireenyaafi milkaa’ina isaanirratti turtii waliin taasisneerra, dubbisa gaarii.

Bariisaa: Aadde Angaatuu mee dubbistoota keenyaan walbaraa?

Aadde Angaatuu: Ani maqaan koo Angaatuu Haayilee jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamteetti. Barnoota koo sadarkaa tokkooffaa Mana Barumsaa Qassoo jedhamuttin baradhe. Sadarkaa lammaffaammoo yommus Mana Barumsaa Qadamaawii Haayilasillaasee yeoo amma Jaatoo jedhamuttan baradhe. Akkuman kutaa 12ffaa xumureen obboleessi koo hangafti bara 1968 gara Finfinnee na fide.

Bariisaa: Boqonnaa moo barumsaaf dhuftan?

Aadde Angaatuu: Yommuun dhufe akkan biyya baruuf ture. Isa bira waggaa tokkon taa’e. Yommus barumsas hingalle calliseedhuman taa’e. Isaa booda Warshaan Huccuu Aqaaqii akka nama qacaru dhaga’een biyyan hinbeekne keessa dhokadhee ba’ee dhaqee warshicha gaafannaan “Qacarriin hinjiru” naan jennaan deebi’ee manatti gale. Gaafan deebi’u obboleessikoo waanin bade itti fakkaatee na barbaadaa ture.

Guyyaa biraa ammas warshicha gaafan deemu namoota 70 taanee galmoofnee galle. Isaan keessaas yeroo booda calalanii waamanii na qacaran. Yommus miindaan koo guyyaatti saantima 50 ture. Waaree booda sa’aatii 9:00tti seeneen halkan shanitti ba’aa ture. Manni obboleessa koo bakka Aqaaqii Warshaa Qaaccaa yoo ta’u, laga Aqaaqii ce’een hojii deema ture. Walirraa fagoo ta’us miilaan deeddeebi’een hojjedha. Hamma sa’aatiin hojii deemuu koo ga’utti ammoo hojii mana keessaa hunda hojjedheen ba’a ture. Hojii argachuun anaaf waan guddaa waan tureef dadhabbii koo hin yaadu.

Akkuman takka hojjedheen waanin barnoota qabuuf ergamtuu godhanii gara waajjiraa na galchan. Xiqqoo tureemmoo mana galmeetti na guddisan. Utuman akkanaan hojjechaa jiru, obboloonni koo kaan biyyatti deebi’uu qabda jedhanii Naqamteetti na deebisan.

Bariisaa: Maaliif akka deebitan barbaadan?

Aadde Angaatuu: Hojiin hojjedhutti baay’ee hingammadne turan. Ani garuu deebi’ee badee dhufeen waajjiran dura keessaa hojjechaa turretti deebi’een hojiikoo itti fufe. Mindaan koo ji’atti qarshii 75 naa ta’e. Garuu jireenyi ulfaataa waan tureef abbaan koo gaafa nu dubbisuu dhufan waan mataa koo hojjechuu akkan barbaadu itti hime. Isaanis yaada gaarii akka ta’eefi akka na deggaran waadaa naa seenanii biyyatti deebi’an.

Utuu kanaan  jiru abbaa manaa koo har’aa waliin walbarre. Inni yummus Gojjaam jiraata ture. Deddeebi’ee dhufee na dubbisa ture. Booda akka walfuunuuf gaaffii naa dhiheessinaanan abbaa kootti hime. Isaanis “Siif taanaan rakkoo hinqabu” jedhanii qarshii kuma shan naa kennan. Qarshiin hammanaa yeroo sana guddaa ture.

Yommuu kana yaadni koo bakka lamatti hirame. Tokko qarshii kanaan waan mataa koo jalqabuu. Inni biraammoo heerumuudha. Kanaaf nama gaaffii bultoo naa dhiheesse kana qorachuun eegale. Isaa booda qarshicha qabadhee heerumuun murteesse. Kanas obboleessakoottan hime. Innis itti gammaduu baatullee “Fedha kee taanaan heerumi” naan jedhe. Namni inni fuudhaaf na gaafatus maal akkan barbaadu na gaafannaan hunda dura waan miilakoo irra dhaabbadhu hojii waan ofiikoo jalqabuu akkan barbaadu itti himee waliigalle. Haala kanaan obboleessikoo gaafatamee bultootti seenne.

Bariisaa: Qarshii abbaan keessan isinii kennan maalirra oolchitan?

Aadde Angaatuu: Qarshicha qabadheen bakka lamaacaalbaasii dorgomee, bakka tokkoo naannawaa Kolfeetii mo’adhe. Qarshiin barbaachisu kuma shan ture. Isuman qabu hunda kenneen gale. Waaniin hojii itti eegalu homtu na harka hinturre. Yommuu kana Warshaa Huccuu Aqaaqiidhaa qarshii xiqqoo qabadheen hojii dhiisee ba’e.

Suuqiin mo’adhetti mi’a guutuun dirqama waan tureef mi’a ittiin bitee guute. Garuu suuqii keessa gabaan waan hinturreef bakkeetti baasee gurguruun jalqabe. Abbaan warraa koos deddeebi’ee na ilaalaa waan tureef kaka’umsa koo argee qarshii kuma afuriifi 500n lafa bal’aa naa bite. Achirratti daldalaan mana ijaarradhe.

Takka hojjedhee immoo baabura midhaanii dhaabuun barbaade. Ammas abbaakoo qarshii gaafadheen baaburicha dhaabe. Haala kanaan gabaa daldalaa ooleen, ol deebi’ee shaamaa uffadheemmoo yommuu namni midhaan daakkatu hammareen qopheessaafii ture. Utuun akkanatti jooruu immoo ijoollee da’eemmoo guddisaa ture. Waaqayyoo guddaadha, hundasaayyuu na dandeesise.

Bariisaa: Yeroo sanatti dubara taatanii nan heeruma jettanii murteessitanii abbaafi obboleessa keessanitti yommuu himtan isinitti hinulfaannee?

Aadde Angaatuu: Ni ulfaata. Garuu filannoon jiru lama. Ofiikoodhaan hojjedhee of baasuu. Innimmoo osoo homaa of harkaa hinqabaatin karaatti hafuu ta’a. Inni biraa yoo nama gaarii ta’e waliin hojjennee waan rabbi namaa kenneetti fayyadamuudha. Kanaafani heerumuu murteesse. Murtoon koos sirrii ture. Kunoo har’a abbaa warraa koo waliin waggoota 40 jaalalaafi kabajaan waldeggaraa waliin jirra.

Bariisaa: Akkamiin gara hojii ijaarsaatti seentanree?

Aadde Angaatuu: Gaafa miillikoo lafa qabachuu eegalu mana baaburichaa sirreessuu barbaadeen garagaantii bituu bakka cirracha itti daakan deeme. Yommuun achi ga’ee argu cirrachiifi garagaantiin baay’ee gurgurama. Yommus garagaraantii konkolaataan tokko qarshii 70 ture. Ergan hojicha argee booda ammammoo onneen koo isa hojjechuu na hawwe. Abbaa warraakootiin gaafan mariyadhu yaadnikoo gaarii ta’ullee wanti ittiin jalqaban akka hinjirre natti hime.

Ani garuu abdii hinkutanne. Miilakootiin kiloomeetira lama bakka Caffee Tumaa jedhamu deemaa iddoon hojii itti jalqabu barbaaduun  eegale. Ifaajjii hedduun booda iddoo bal’aan argadhe. Garuu maashinii dhagaa daakuu (kireesharii) hinqabu. Meeshaan kun yommus qarshii kuma 90 ture. Animmoo qarshii hamma kana of harkaa hinqabu. Sanaa booda kubbaaniyyaa Kaasmaa jedhamu deemeen waan hunda itti hime. “Maal of harkaa qabda” nan jennaan akkan waa tokko hinqabnes itti hime.

Kanaa booda mari’atanii dhufanii bakka warshicha dhaban ilaalan. Deebi’anii bakka kireeshariin itti dhaabbatu akkan sirreessu natti himan. Dhufaniis naa dhaaban. Isaa booda jiruun ulfaachuutti kaate. Ofii kootiin dhagaa falaxa, baareellaadhaanan baadha.

Bariisaa: Maaliif nama itti qacartanii hinhojjichisne?

Aadde Angaatuu: Hinqabukaa. Yoo hojichaaf namni afur barbaachisa ta’e sadii qacareen tokko ofiikootiin hojjedha. Yommus miindaan torbanitti qarshii 60 ture. Anis guyyaan hojjedheen baay’iseen miindaa sana argadha. Yoon torban guutuu hojjedhe guutuun argadha, gidduuttimmoo gara gabaa yoon deeme hir’atee naa kanfalama. Sababni isaa qarshiin naharka jiru xiqqoodha. Isan iddoo biraatti daldalee  fiden miindaa kaffala.

Kireesharichi guyyaatti dhagaa konkolaataa sadii daaka. Kanaaf guyyaa guutuu achi dhaabbadhee hojjechuuttin ka’e. Guyyaa gabaa Kibxataafi Sanbatammoo gabaan deema. Maashinchatti dhagaa naquun hojii isa ulfaataa ture. Dhagaa isa daakamemmoo peestaaliidhaan baadheen dhaabbilee garagaraarra deemee gabaammoo barbaada. Haala kanaan dubartii warshaa qorichaa qabdu tokko argadhee isheen narraa bitutti kaate. Akkasiin gabaan ho’aa dhufe. Yeroos dhagaa meetir kuubiin tokko qarshii 70 waan tureef hojichi bu’aa gaarii qaba. Qarshiin argadheenis kireesharicha kanfaleen kan ofii taasifadhe. Yommuu gabaan argamu immoo konkolaataan itti fe’an, iskaavaatariin hinjiru.

Utuman kana hojjedhummoo midhaan bitee galagalchuuttin ka’e. Xaasaadhaan biteen kiloodhaan gurgura. Jireenya mo’achuuf waanin itti hinbuune hinjiru. Baay’ee dadhabsiisaa ture; ta’us bu’aansaa gaarii waan ta’eef uumaa koon galateeffadha.

Bariisaa: Hojii baay’ee yommuu hojjettan, isin hinrakkisuu? Tokko raawwattanii tokko hindhiistanii?

Aadde Angaatuu: Lakkii, ani karooraanin hojjedha. Ani sa’aatii muraasan rafa. Yeroo hunda halkan sa’aatii sagalitti ka’een kararoora hojii koo guyyaa barreeffadha. Akkasitti waanin itti deemuuf narakkisu ture.

Bariisaa: Hojiin keessan harki caalu hojii alaati. Ijoolleemmoo qabduu, Hojii mana keessaafi  ijoollee kunuunsummoo eenyuutu isin gargaara?

Aadde Angaatuu: Hojii mana keessaa hamman danda’e nan hojjedha. Garuu biyyaa nama fidadhee kan na gargaartu jirti. Firoonni abbaa manaa koo 13 immoo na bira taa’anii waliin hojjenna. Waldeggaree, gaafan qabu kenneefi gaafan dhabu naa kennanii waliin jiraanna turre. Isaa booda immoo ijoollee haadhaafi abbaa hinqabne ofitti fudhee guddisaa waanin tureef baay’ee hinrakkanne.

Bariisaa: Aadde Angaatuu ijoollee meeqa qabdu?

Aadde Angaatuu: Ijoollee saddeetin da’e; dhiira afuriifi dubara afur. Amma isa dhumaa tokko qofatu na waliin jiraata. Innis kontiraaktaradha, waliin hojjenna. Warra kaan mana ijaareefii waan ittiin hojjetan kenneefii of dandeesiseera. Yommuun ijoolleekoof waan ittiin hojjetan kennuuf xiqqoo kenneefiin guddaa irraa eega. Ta’uu baannaan waldhabna. Ani daandiin isaan agrsiisa, waanan qabu nan kennaaf. Yommuu isaan dhama’anii hojjetanii itti dabalan immoo sammuukoon kennaaf. Nan gorsa, nan jajjabeessa.

Ijoollee sagal haadhaafi abbaa hinqabne immoo karaa seera qabeessaan ofitti fudhee guddisaan jira. Amma isheen tokko dizaayinarii, tokkommoo faarmaasistii ta’aaniiru. Dhiirri tokkommoo injinara ta’eera. Warri kaan barataa jiru. Isaaninis qixuma ijoolleekoottin ilaala. Waanuman ijoollee kootiif godhun isaaniifis godha.

Bariisaa: Bara darbe lammiilee Oromoo naannoo Somaaleerraa buqqaa’aniif deggarsa fakkaeenya ta’u taasistaniittu. Maal ture?

Aadde Angaatuu: Baasii mataakootiin Galaanitti manneen 10, Dukamitti ammoo manneen ja’a ijaaree kenneeraaf. Mooraan  nama tokkoo karee 105. Achirratti ergan mana ijaareefii booda waan isaan ittin nyaatan, irra rafan hunda guuteef. Manasaanii fuuldurammoo baalawwan akka qorichaatti naannawaasaaniitti itti fayyadaman kanneen akka cilaaddamaa, roozmariinoofi kan kana fakkaatan dhaabeef. Qoraan ittiin bilcheeffatan illee utuu hinhafinin galcheef. Bishaanis konkolaataadhaan fe’een geessaafii ture.

Amma walgaafanna. Wantoonni baay’een sirrateeraaf, bishaanis qabu. Yommuu manicha seenan dubartoonni sadii da’anii turan. Ijoollee sanas deemneen dubbisa, nan uwwisas.

Bariisaa: Yommuu Pirezdaantiin Eritiraa Isaayyaas Afwarqii dhufan boo’aa warqee kennitaniifii turtan. Maaliif kennitaniif, maaliif immoo boossan?

Aadde Angaatuu: Ani yommuun sana godhe eenyuunuu hinmariisisne. Ani ollaawwan qe’eefi qabenyasaanii bakkeetti dhiisanii asii ari’amanii Ertiraa deemanin qaba. Gatii gadi bu’aadhaan qabeenya waggoota dheeraaf itti dhama’anii kuufatan gurguranii deemaa turan. Gara namoota torbaati manasaanii adaraa natti kennatanii deemaniiru.

Haati ulfaan utuu jirtuu abbaan dhiisee deeme, abbaafi mucaan walhinbeekan. Walfuudhanii torban utuu hinguutin adda deeman. Godaannisa baay’eetu ture. Mootummaanis araarsuuf yaalii taasisus hinmilkoofne ture. Kun yeroo hunda na gaddisiisa.

Utuu kanaan jiru Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad gara aangootti dhufanii utuu hinturin araara buusan. Kan namni meeqa itti darbee dadhabe isaan yeroo gabaabaatti dhugoomsan. Eritiraa deemanii aarara buusan. Obbo Isaayyasis akka Itoophiyaa dhufan dhaga’een halkanuma taa’een araarri kun waadaadhaan hidhamuu qaba jedheen warqee Wallaggaa waqeeta lama (giraama 60) qopheesse. Saganticharrattis gammachuudhaan dhaqee kenneef. Kennaan sun warqee qubaati, kun immoo waadaa agarsiisa. Kana dura waadaan sun cabee ture, ammammoo haara’uu qaba jedheen kenneefi.

Kanan boo’emmoo gammachuufi. Kana booda dhuguma araarri ta’ee warri manaafi qabeenyasaanii bakkeetti dhiisanii deeman ollaawwan koo dhufu? Dhuguma haatiifi ilmoon, abaafi ijoolleen walarguu? Firoonni wal yaadan walitti adeemuu? Isa jedhu yaadeen gammadee boo’e.

Tokko ta’uun utuu nurra jiruu akka biyya ormaatti wal ilaaluun biyya biraatti deemanii namoota wal argaa turan Doktar Abiyyi dhufanii furmaata itti kennuusaanii arguu caalaa waanti nama gammachiisu hinjiru. Mee taa’ii yaadi, ollaakeetii ni dhukaafama, mana keetii ni nyaatama. Sin dandeesisu, sin gammachiisus. Inni achii dhuka’u siinis si jeeqa. Kanaa booda waadaan hindiigamu. Nutis Ertiraa ni deemna, isaanis ni dhufu. Carraa kanaan Doktar Abiyyiin daran galateeffachuun barbaada.

Bariisaa: Tola ooltummaafi garraamummaan keessan maalirraa madda?

Aadde Angaatuu: Waa hunda kan naaf godhe Waaqa. Namni hojjetee hinmilkoofne baay’een jira. Ani garuu milkaa’eera. Isa rabbi naagodhe kanarraammoo yoon namaaf qoode hojiikoofi dadhabbiikootu naaf eebbifama.

 Bariisaa: Bu’aa ba’ii jireenyaa kana keessatti mudannoon hindaganne jiraa?

Aadde Angaatuu: Baay’eetu jira. Isaan keessaa yoon siif kaase guyyaa lama utuun miilaan asiifi achi jedhee hojjedhuu bishaan na fudhatee ooleera. Guyyaa tokko kophee koo, guyyaa biroommoo shaarphiikoo fudhatee sokkeera. Gargaarsa rabbiitiinin ba’e malee baay’ee sodaachiisaa ture. Garuu abdii kutee hinguungumun ture. Taa’ee boo’ee Yaa rabbi ati jirta jedheen immoo ka’ee deema. Hindanda’u jedhees duubatti deebi’ee hinbeeku.

Bariisaa: Biyya alaa hinjaallattan jedhama, kun dhugaadhaa?

Aadde Angaatuu: Yeroo tokko erga ijoolleen koo gurguddatanii booda Ameerikaa deemu malee jedheen deemuuf ka’e. Naman beeku tokko qofatu jira, isatu waraqaa daawwannaa naaf erge. Inni maatiisaa waliin Kolombasiin jira. Ka’een garas deema. Itoophiyaadhaa ittoo indaanqoo, buddeena, ‘quwaanxaa’fiwaan baay’ee fuudheen ka’e. Waashingitanitti si egna jennaan dideen ofiin deeme. Achitti isheen sakkattaatu ‘quwaanxicha’ fuutee na jalaa gate. Baay’een aare.

Itoophiyaanoonni achitti na argan akkan hin aarre natti himanii, qodaakoo isa hafe fuudhanii xiyyaara Kolombas na yaabsisanii na gaggeessan. Yommuun achi ga’u guyyaa lamaaf warrin bira deeme magaalaa natti agarsiisan. Isaa booda mana natti cufanii deemutti ka’an. Animmoo taa’uu waanin hinbarreef bakkeetti ba’een margafaa haama.

Galgala gaafa dhufan nyaata fidanii dhufu, ni nyaanna. Kan irraa hafe ammoo firijii keessa bulchannee nyaanna. Guyyaa muraasa keessatti nuffuun jalqabe. Haala koo ilaalanii gara Atilaantaammoo na geessan. Achis guyyaa ja’an ture. Gaafan deeme ji’a sadii turuufin deeme. Guyyaa 29ffaatti biyyakootti deebi’uun qaban jedhe. “Maal” jennaan? “Abbaa warraakoofi ijoollee koon yaade” jedheen. Keessakootti, “Anaa kan as taa’u? dhagaakoo, baareellaakoo, gabaakoo, xaasaakoo… “jechaa.

Achii biyyakoottin deebi’e. Yommuun Buufata Daandii Xiyyaaraa Biyyoolessaa Boolee ga’u “Safuu biyyakoo, rakkadhus balladhus suma naa wayya” jedhee lafa dhungadheen mana kootti gale; ergasii deebi’ee hindeemne. Yoon nyaachuu baadhe, yoon rakkadhe biyyakoo naa wayya.

Bariisaa: Ijoolleen keessanoo gara byya alaa hindeemnee?

Aadde Angaatuu: Ani daandii akkasii itti hinagrsiifne, hinbarsiifnes. Ofii waan bal’aa hinagarre, isaanittis hinmul’isne. Ani ijoolleen koo kutaa saddeet gaafa caalaniidha suuqiidhaa wayyaa haaraa bitee kanin itti uffise. Isa dura ‘Salbaajii’ uffatu turan. Fakkeenyaaf utuu Ameerikaa haa deeman jedhamee qarshiin meeqa akka ba’u qoradheera. Kanaaf asumatti barsiiseen, asumatti hojii akka eegalaniif karaa qabsiisa. Isaa booda isaanuu bu’aasaa gaafa argan deemuu hinbarbaadan. Amma hundisaanii sadarkaa gaariirra jiru. Namni lafa hintaanetti kufe, araadaan bade hinjiru. Yommuu fuudhan ani haadha warraa filadheefiin fuusisa. Haadha manaasaaniis akka haadhaatti itti dhiyaadheen wajjin jiraadha. Kanaaf biyyi keenya Ameerikaanuu caalti. Maaliif deemuree?

Bariisaa: Akkoo meeqa argiitaniittu?

Aadde Angaatuu: Ijoollee ijoolleekoo sagaliin arge. Galatasaa.

Bariisaa: Amma maalitti jirtu mee?

Aadde Angaatuu: Galata uumaa. Har’a waan baay’eedhaan fooyya’eera. Harkaan dhagaa daakuurraa ba’ee kiresharii guyyaatti dhagaa konkolaataa 40 daakuu danda’uun qaba. Lodarii namaa hojjechuurraa kan ofii koo bitadheera. Konkolaataawwan fe’umsaafi iskaavaatariiwwanis nan qaba. Hojiif asiif achi kanin deemu konkolaataa namaan ture, har’a kan ofiikoo tokkorra darbee sadii afur nan qaba. Namni mana narratti rukutee kanatu sirra jira naan jedhu hinjiru. Waanan bira  ga’uu hawwee hunda bira ga’eera. Kanaa booda taa’ee biyyakoofi sabakoof hojjechuun barbaada.

Bariisaa: Manneen waliin jireenyaas dorgomtanii mo’uun hojjechaa jirtu miti?

Aadde Angaatuu: Eeyyee, maaliif gamoo hinijaarru jennee maqaa mucaakoo isa dhumaatiin eeyyama ijaarsaa baafannee. Achii Ejensii Manneen Magaalaa Finfinneetti dhaqeen galmaa’ee. Isaa booda ji’a torbaan booda pirojektiin manneen jireenyaa waliinii Boolee Arraabsaa akkan ijaaruuf bilookiin lama na qaqqabe.

Sana booda bakka hojii fudhannee hojiitti seenne. Utuu bokkaan roobee lolaan nu fudhachuuf ka’uu, halkan keessaa sa’atii torbafaatti galaa hojjennee xumurre. Yommuu ijaarsicha xumurru qulqullinnaafi saffiisaan hojjechuun lammaffaa bane.

Isaa booda raawwii keenya ilaaluun ammas bilookii sadii abbaa darbii torbaa dabalataan nuu kenne. Amma ijaarsasaa xumurree Waxabajjii 30 furtuu laanna. Hojii kanaan mucaan koo barnoota animmoo beekumsa arganne. Kanatti fayyadamuun ammammoo Aqaaqiitti gamoo abbaa darbii torbaa kan dhuunfaa keenyaa, liiftii kan qabu ijaarrachaa jirra. Amma sadaffaa xumuraa jirra.

Bariisaa: Karoorri keessan fuulduraa maali?

Aadde Angaatuu: Kanaa booda ijoollee haadhaafi abbaa hinqabne walitti qabee guddisuun yaada. Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti ijoollee 100 ta’u 200 walitti qabee mana barumsaa ijaareefi barsiisuun yaada. Namoota firaafi aantii hinqabnes mana yaalaa xiqqoo wayii banee achitti akka tola tajaajilaman taasisa kan jedhus nan karoorfadha. Kanaa booda waanin qabuun utuun biyyaafi ummatakoof hojjedhee nan jaalladha.

Bariisaa: Mee isin hojii baay’ee hojjettanii sadarkaa kana geessan. Keessummaa dubartummaan osoo hindaangeessin. Dhaloota ammaaf maal dhaamtu?

Aadde Angaatuu: Namni taa’ee odeessu yoomuu hin nyaatu. Kan araada qabus akkasuma. Sammuusaa balleessee biyyaafi lammiisaa ballassa. Garuu namni fiige, namni baate, namni amma nyaatee boodaaf yaadu hundi bakka barbaade ni ga’a. Sammuun keenya yeroo mara yoo saffise bakka yaadne inuma geenya. Mee horii dirreerratti bobbaasi. Yoo sangaa didaan tokko keessa jiraate horiin sun tasgabbaa’anii hindheedan. Tikseenis aaraa oole gala.

Namni eenyummaasaa beeku, sammuusaa ajajuu danda’u, hojii hintuffanne, biyyasaaf kan yaadu  yoo qarshii  dhabeellee sammuun isaa sooreessa.

Inni biraa kennuun eebbifamuu waan ta’eef waan qabnurraa waliiqooduu baruu qabna. Wayyaa sadii afur yoo qabaanne hirree laannee isa nu cinaa jiru guddisuu qabna. Harka walqabannee yoo deemne agabuu hinbullu, harka ormaas hinilaallu. Anis kana waanin godheef rabbi waanin qabu naa eebbisee asiin na ga’e. Kanaaf harki hinhojjenne haa hojjetu, sammuun hinfiigne haa fiigu. Yoo kana ta’e konkolaataa namaa hin ilaallu, nutis konkolaataa ni qabaanna, gamoo namaa hin ilaallu, nutis gamoo keenya ni qabaanna.

Bariisaa: Dhumarratti, warra biyya fagoo ilaalan, lubbuusaanii balaatti kennanii godaansa deemaniif maal dhaamtu?

Aadde Angaatuu: Ani namni ofii barbaadee godaana jedhee hin yaadu. Namoota kakaasantu jira. Ati du’ii ani qarshiin argadha kan jedhan waan jiraniifi. Utuu qabeenya maatiisaanii gurguranii deemaniin gadi bu’anii waa xiqqoo ittiin hojjetanii inuma jijjiiramu. Raafuu, dinnicha bitanii irraa buufatanii yoo gurguran guyyaatti qarshii tokko ol kaa’achuu hindadhaban. Isumatu kuufamee guddata.

Ani namni tokko biyya alaa deemuufi qarshii xiqqoo na gargaari yoo naan jedhe hinkennu. Kottu na waliin hojjedhu, qarshiin siif kennu miindaan sii kanfala jedheen of biratti hambisa. Akkasitti ijoollee baay’een hambise. Hunduu akkas gochuu qabun jedha.

Saamraawiit Girmaatiin

Suurri Daanyee Abbarraatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *