Raayyaan Ittisaa Sudaan taayitaa biyyattii bulchuu qabate

Raayyaan Ittisa Biyyaa Su­daan Pirezdaanti Omar Hasan Albashir to’annaa jala oolchuun taayitaa biyyattii bulchuu qabate.

Omaar Hasan Albashir wag­gootii 30f biyyattii kan bulchan yammuu ta’u, har’a raayyaa it­tisa biyyattiitiin taayitaarraa kaafamaniiru.

Raayyaan ittisaa biyyaa Su­daan waggoota lamaaf biyyattii akka bulchus ibsameera.

Ministirri Raayyaa Ittisa Bi­yyaa Sudaan, Awaad Ibin Oof ibsa kennaniin, waggootiin lamaan bara ce’umsaa ta’uu ee­ranii, labsiin yeroo hatattamaa baatiiwwan sadiif turus labsam­uusaa beeksisaniiru jechuun mi­idiyaaleen adda addaa gabaasa­niiru.   Bariisaa Ebla 4/ 2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *