Dhimma nageenyaarratti cichinee haa hojjennu

Qabsoofi wareegamni ummanni biyyattii keessumaa waggoota muraasa darbanii as taasisaa turan dhaaba siyaasaa tokko ykn ummata Oromoo qofaaf utuu hintaane injifannoo bilisummaa ummattoota Itoophiyaa hunda kan mirkaneessedha.

Biyya keenyaa waggoota darbanitti sarbama mirgaa irra gahaa tureefi fayyadamummaa haqaqabeessa dhabe mormiisaa tooftaafi kallattiilee adda addaatiin agarsiisaa tureera.
Guyyumaan dukkana limixiidhaan liqimfamee gidiraa guddaa dhamdhamaa kan ture ummanni Itoophiyaa ifti dhugaan baateefi gocha ajaa’ibaa akka biyya keenyaatti ni ta’a jedhamee hin abjootamne ji’oota muraasaa as argaa jira.

Kanaanis baay’oonni manneen sirreessaatti sarbamni mirgaa irra gahaa ture, miidiyaaleen cufamanii turan, dhaabbileen siyaasaa shororkeessummaan moggaafamanii turan bilisa bahaniiru. Waldhabdeen Ertiraafi Itoophiyaa jidduutti waggoota 20 oliif tureefi yoomiyyuu ni furama jedhamee hin yaadamne tarkaanfii qabatamaa Doktar Abiyyi fudhataniin nagaafi araarri bu’eera.

Biyya araarri bu’ee nagaan qabsaa’uuf waliigalameefi haalli imala siyaasaa biyyattii ummata biyyattii bira darbee addunyaa ajaa’ibsiisaa jiru mul’atetti ammaan booda waraanni gama kamiinuu adeemsifamu jiraachuu hinqabu.

Paartiin siyaasaa kamuu yaadaan malee humna waraanaatiin injifachuun imaammata siyaasaa yeroon itti darbe ta’uu hubatanii adda addummaafi rakkoo kamiyyuu mariidhaan furuu amananii fudhachuu qabu.

Matayyoonni aangoorraa bu’an, mana sirreessaatii bahan paartiileen siyaasaafi ummatni marti jijjiirama yeroo ammaa biyyattiitti mul’achaa jiru dagannaa tokko malee eeggachuu qabu.
Dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromoon socho’an marti akka goondaa walqabatanii kan walhinceessisne yoo ta’e rakkina kaleessaatti deebi’uu waan ta’eef kanarratti cichanii hojjechuun murteessaadha.

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *