Nageenya waaraaf harka nagaaf diriiretti fayyadamuu

Waamicha nageenyaa mootummaa jijjiiramaatiin taasifameen paartiileen siyaasaa qabsoo hidhannoo taasisaa turan hedduun karaa nagaa socho’uuf gara biyyaa galanis murni akkuma biyya galeen bosonatti maqe, Shaneen walqabatee dararamni Oromiyaa keessatti lammiilee nagaarratti raawwatame dubbachuuf kan daran namatti ulfaatuufi suukanneessuudha.

Gaaga’amni rogawwan maraa Oromiyaarra darbee Itoophiyaafuu dhukkubbii mataa ta’ee kallattiinis ta’e alkallattiin Shaneedhaan walqabata. Oromiyaan dachee uumaan badhaase iddoowwan tokko tokkotti dirree misoomaa ta’uurra dirree dhiigni lammiilee nagaa ittidhangala’u, ummanni ittidararamu, ajjeefamu, qaamaa ittihir’atu, qabeenyi ittibarbadaa’u ta’eeti kan ture.

Dararama lammiilee nagaafi boqonnaa biyyaaf jecha gama mootummaatiin waamichi irradeddeebiin taasifamus firii barbaadamu hinargamsiifne. Mariin nageenyaa galaana qaxxaamuruun marsaawwan lamaaf Taanzaaniyaatti taasifames firii hinargane.

Akkuma kan Oromiyaa, Naannoo Amaaraattis garee finxaaleyyiitiin ummanni naannichaa gidiraa guddaa argaati kan ture. Gareen Finxaaleyyii maqaa ummataatiin socho’u kunis ummata naannichaa gadadoofi rakkinaaf saaxiluu bira darbee qabeenya barbadeessaa, lubbuu lammiilee nagaa galaafachaa tureera.

Ammaan tana garuu murnoota lamaanirrattiyyuu tarkaanfiin tolaafi lolaa nageenya waaressuurratti xiyeeffate fudhatamaa jira. Dargaggootni beekaniis ta’e osoo hinbeekiin murnoota kanatti makaman hedduun karaa abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaatiin harka kennachaa jiru. Isa filmaata nagaa diderratti ammoo tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jira. Hundaa ol, karaa nagaatiin harka kennachuun murtoo ittifufuu qabuufi jajjabeeffamuu qabuudha.

Qabsoon hidhannoo ibiddaan taphachuun qixa, miidhaansaas daran olaanaadha. Jaarraan amma keessa jirrus meeshaa waraanaarra olaantummaan yaadaa kan fedhuudha. Waldhabdee yaadaatiif osoo qabsoon hidhannoo furmaata ta’a ta’ee kan waggoota 150 darbanii qofti ga’aa akka tures sirriitti hubatamuu qaba.

Qabsoon hidhannoo rakkoo hammeessuurra bu’aa tokkollee waan hinqabneef ammas naannolee lamaanittuu warri harca’anii bosonatti hafan akkuma miiltoowwansaanii ulaa nagaa banameefi harka nagaa mootummaadhaan diriiretti fayyadamuu cimsanii ittifufuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You