Dhaloota kanaaf ajandaan waggaa 50 nagaa waaraa ta’uu qaba

Itoophiyaan seenaa mootummaa bara dheeraa keessatti garaagarummaa siyaasaa, waldhabdeefi walitti bu’iinsota karaa nagaa, mariifi waldhaggeeffachuun hiikuurratti muuxannoo hinqabdu.

Akka carraa ta’ee siyaasnishee siyaasa yeroo hunda zeeroorraa jalqabuudha. Biyyanatti kan barame kan humnaan mo’atee aangoo qabate, hamma humnaan mo’amee aangoorraa bu’utti bar­siifata siyaasaa hunda walittiqabee to’atuufi kan barbaade itti raawwatudha.

Mootummaan jijjiiramaa aangoo kan qabate humnaan miti. Kun aadaa siyaasaa haaraadha. Aadaan siyaasaa karaa nagaa boqonnaa siyaasaa haaraa kana cimsu ammoo filannoo dimokraatawaan fud­hatama ummataa argatee mootummaa hundeessuun agarsiiseera.

Kana malees hoggantootaafi miseensota paartiilee siyaasaa adda addaa hoggansa mootummaa gochuun ramaduu, Itoophiyaan mana waloo keenyaa ta’uushee ragaa ba’eera. Cehumsi siyaasaa karaa nagaa qofti manii miti; meeshaa maniiwwan kaan milkeessuuf gargaaruudha malee.

Adeemsa yeroo ammaa sirreessuun qofa rakkoon Itoophiyaa hinfuramu. Cabiinsota seenaa kees­satti dhaalle suphuun dirqama. Cabiinsota seenaa kanneen suphuuf furmaatonni sadii kaa’amaniiru. Rakkoo siyaasaa ture marii biyyaalessaan hiikuu, rakkoo siyaasaa bara dhihoo ammoo haqa cehu­msaafi haaromsaan sirreessuu.

Haala qabatamaa Itoophiyaatiin mootummaan tokko filannoo injifatee aangoo qabatus dhimmoon­ni kophaa murtee kennuu hindandeenye, marii biyyaalessaafi hunda hammate barbaadan nijiru.

Sagaleen kun erga dhaga’amee walakkaa jaarraa lakkoofsiseera. Garuu hanga yeroo dhiyootti yeroo mootummaan jijjiiramaa dhufetti dhageettii hinarganne. Mootummaan jijjiiramaa yaada kana fudhachuu qofa osoo hinta’iin dhaabbata walabaa kana mijeessu hundeesseera; komishinii marii biyyaalessaa.

Komishinichi torban muraasa booda waltajjii marii sadarkaa naannootti gaggeessuu ni eegala jed­hamee eegama. Akkasumas, naannolee lama filannaan hirmaattotaa keessatti hinraawwatamnetti yeroo dhiyootti filannichi nixumurama. Mariin hawwiidhaan eegamaa jirus nigaggeeffama.

Carraa dhaloota keessatti al tokko argamtu kana osoo hinqisaasessiin olkaasaa, deeggaraa, rak­koolee Itoophiyaan bubbulaniif furmaata akka fiduuf hundi keenya gahee keenya bahuu qabna. Sababa hinmalleen carraa kana qisaasessinee rakkoo keessa of tursiisuun dhaabbachuu qaba.

Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroowwan adda addaatti miidhaa, hookkaraafi sarbamiinsi mirga bu’uuraa mudachaa tureera. Kun taatee seenaa biyyoota biroo keessattis mul’atuudha. Akkaataa adeemsa keenya amma ammaatti qaamni humnaan mo’atee aangoo qabate, yakkamaafi balleessaa jedhee namoota biroo balaaleffata; ni adaba.

Adeemsi kun haqa hinfidu. Xiiqii, gabbiifi haaloo bahuu fida malee. Maraanmartoon quuqqaafi haaloo bahuu seenessa miidhamummaa wiirtuu siyaasaa kan ta’e kanaafi. Maraanmartoo kana cabsuuf haqni cehumsaa isa filatamaafi murteessaa waan ta’eef kanas milkeessuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

Faallaa kanaatiin bakka mootummaan milkaa’ina haalota abdachiisoo kanneeniif xiyyeeffannaan hojjetaa jirutti gariin mootummaa kuffisnee humnaafi qawween aangoo yoo hinqabanne jechaa jiru. Kun yoo abjuu ta’e malee waan tasumaa milkaa’u akka hintaane sirriitti hubatamuu qaba. Aadaa jaarraa 18ffaa gara jaarraa 22ffaatti baatanii deemuun abaarsa malee jijjiirama akka hinta­anes beekamuu qaba.

Waraanni hunda kasaarsa. Nagaan hundaaf bu’aa argamsiisa. Waa’ee waraanaa abbootii keenyar­raa dhaga’aa guddanne. Kun nuuf gahaadha. Dhaloota keenya keessattillee waraanonni ciccimoon lama sadii darbaniiru. Garuu dhaloonni dhufu badhaadhina malee madaa dhaaluu hinqabu.

Warraaqsa bara 1966 eega waggoota 50f haala siyaasa ammayyaa Itoophiyaa arginee walakkaa jaar­raa lakkoofsiseera. Kanneen maraanmartoon gadi isaan hinlakkisne garuu ammallee achuma jiru.

Kanaaf kan darberraa barachuun haalaafi yeroo hubachuun mul’ataafi ajandaa mataa keenyaa qa­bannee gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabna; dhaloota kanaaf ajandaan waggaa 50 nagaa waara­afi badhaadhina waan ta’eef.

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You