Du’aa ka’uu: Fakkeenya jaalalaafi garraamummaa

Akka amantaa Kiristaanaatti fannoo booda otoo du’aa ka’uun jiraachuu baatee amantichi hinjiraatu ture. Imalli dhumaa Yesuus lafa kanarratti taasise seenaa gaddisiisaa ta’ee hafaayyu. Abdiin dhala namaas nidukkanaa’a ture.

Garuu du’aa ka’uun misiraachoo mo’annaa addaafi isa dhumaa sammuu namaatii ol ta’e labse. Duuti Kiristoos du’a barbadeesse. Mo’amuu hammeenyaafi qaana’uu seexanaas ta’e. Gaddis gara gammachuutti jijjiirame. Ifni addunyaa kun ifa jireenyaafi du’aa ka’uusaa agarsiise. Jaalala, waliiyaaduufi garraamummaas qabatamaan mul’ise.

“Ani karaa, jireenyaafi dhugaa gara mootummaa Waaqayyootti geessuudha, anaan malee mootummaa Waaqayyootti galuu hindandeessan” jedhuun ifa gochuun baay’otatti gaaffiifi warra kaaniif ammoo misiraachoo lallabe.

Warri hidhaa garaa garaatii hiikaman gammachuun yoo simatan barsiisonni seeraa, fariisonniifi kanneen ergichi liqimfamuufii dide akkasumas Yihudaanis maallaqaan goyyomfamee hammeenyaan guutamuun shira hamaa ragaa sobaan xaxuun du’aaf dabarsanii isa kennan. Harka loltoota bulchiinsa warra Roomaatti dabarfamees fannifamuun ajjeeffame.

Yesuusis, “Waan godhan hinbeekanii yaa Abbaa dhiisiif” jechuunis dhiifama lallabee lubbuusaas ilmaan namootaa barbaacha dhufeef dabarsee kenne. Guyyaa sadaffaattis du’a mo’ee ka’uudhaan golgaa cubbuu diigee namaafi waaqa walitti araarse. Dhiigasaatiinis cubbuu ilmaan namootaa qulleessee Ayyaana Faasikaa cimseef.

Yesuus Kiristoos dhiphina, du’uufi du’aa ka’uusaa ergamootasaatti kan hime hamma qabatamaatti arganitti abdii kutannaafi wal’aansoon garagaraa isaan mudachuu malu waan hubateefi.

Erga guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ees ergamootaafi duuka boototasaatti altokkoon hinmul’anne. Sababnisaas, tokko tokko rafanii turan, kaan ammoo du’aa ka’uusaatti waan hinamanneef osoo bakka awwaalaasaa hindeemiin hafan. Erga hirribaafi shakkii keessaa ba’anii booda garuu waa’eesaa hunda yaaduu eegalan.

Jijjiiramniifi abdiin naannoofi biyyi keenya qabdus baay’otaaf sirriitti ifus, kaanitti ammayyuu dukkana fakkaatee mul’achuun bakkuma kaleessaa taa’anii abjuudhaan rakkachaa kan jiran darbee darbees ta’u nijiru.

Kanneen Gooftaa Yesuus Kiristoos waliin turan dhalachuufi guddachuusaa, barsiisaafi hojiisaa, dhiphachuufi du’asaa argan, abdii bor jiru ilaaluun obsaan deeman baay’eedha. Kaan ammoo qormaata dandamachuu dadhabanii dhiphinaafi rakkoo jiru sodaatanii biraa deebi’anis laayyoo miti.

Sanbanni xiqqaan akka har’aa garuu amanootaafis ta’e kaaniif guyyaa addaa ture; guyyaa dhiphinaafi daran dheerate. Warri Roomaanotaa Israa’eelotaaf dhumateera jechuus eegalan. Yihudoonnis akkasuma.

Amantoonni garuu karaa tokkoon jeequmsaafi sodaa, karaa biraa abdii qaban yaaduu eegalan. Amantiinsaanii gara abdiitti akka hinjijjiiramneef jeequmsaafi haala jiru ilaaluun sodaatu. Jeequmsiifi haalli jiru akka isaan hinbunneef ammoo amantiinsaanii abdii itti horeera. Bor abdiifi ifa arguu akka danda’an garuu dursanii hubataniiru.

Dhiphinni sanbata xiqqaatti isaan mudate garuu hanga dhumaatti waliin hinturre. Guyyaan du’aa ka’uu Sanbanni guddaan akka boruu gammachuufi ce’umsa addaa fudhatee dhufe. Dhiphinni, boo’ichi, rakkoofi haalli kaleessaa sun bor itti hinfufu. Bor guyyaa addaati. Kan gammachuu, jijjiiramaafi badhaadhinaati.

Guyyaan dhiphinaa sun dagatamee waggaa waggaan guyyaan du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos gammachuun kabajamaa jira. Ka’umsiifi badhaadhinni keenyas akkasuma. Wal’aansoo, gufuuwwaniifi haalota har’a jiran keessa dabarree bor abdii yaanne bira nigeenya. Hiyyummaafi haalota nu danqan ofirraa mulqinee akeeka ka’umsa keenyaa nimikaneeffanna.

Barsiisa Waaqayyo waaqakee garaa kee guutuu, laphee kee guutuu, yaada kee guutuu jaaladhu namammoo akka mataa keetti jaaladhu jedhu barsiisuun walitti dhufeenya namaaf waaqa jidduutti akkasumas namaaf namoota jidduudhaa cabee ture deebisee haaressuun abboommii haaraas ilmaan namootaaf dhaabe fakkeenya godhachuun deddeebi’uu qabna.

Jaalala fannoorratti fannifamuu ibsuun, jaalalli dhugaan teessoo kabajaarraa bu’uu kan gaafatu ta’uufi ulaagaaleerratti kan hinhundoofne ta’uu Kiristoos qabatamaan nu barsiiseera. Ayyaanni yaadannoo du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos ayyaana araaraafi dhiifamaa waan ta’eef nuti, dhaloonni ammaas Kiristoosirraa duudhaa jaalalaa, garraamummaafi walii yaaduu kana dhaallee jireenya keenya guyyuu keessatti ittifayadamuu qabna.

Ayyaana Faasikaa gaarii!

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You