Karaan nagaa yeroo hunda bu’aa qabeessa

“Ummataaf dhaabanna jennee manaa baanee ummata mataarra dhaabanne. Maqaa ummataatiin baanee garuu gocha keenyaan waan ummataaf hinmallee raawwanne, waan safuu cabse qaanii malee raawwanna, maallaqaaf nama ugguruu, dhumarratti garuu maallaqas namas hinhambifne. Qonnaan bulaa haa ta’u, jiraataa magaalaa, konkolaachisaa haa ta’u, kanneen lafoo deeman, ergama fudhanneen qabeenyasaa barbadeessinee, lubbuusaas galaafanne” jedhan hidhattoonni Shanee tibbana gara nagaatti deebi’aa jiran.

Warumti hafanis miidhaa gahaa jiru nuffaniiru. ‘Hinsodaatinaa, kunoo nutuu gallee kunuunfamaa jirraa” jedhu miseensonni Shanee godinaalee Oromiyaatti waamicha nagaafi booji’amuun harka kennatan kunniin.

Maallaqa saamichaan walitti qabamus qondaaltota garichaatu fayyadama. Magaalota guguddoo keessaa lafa bitachuun gamoo ijaarrachuu bira darbee hanga maatiisaanii biyyoota alaatti erguu ga’aniiru. Gocha garichaan ilmaan haadha hiyyeessaafi humna omishataa hedduutu irbaata bineensaa ta’e.

Walitti garagaluufi faayidaarratti walfixuun murnichaa kan mul’isu ummataaf dhaabachuu utuu hintaane ummatatti daandii misoomaa cufuu, bilisummaa utuu hintaane qabeenyaafi mirga ummataa sarbuun ummata gidiraafi garbummaatti hidhuu ta’eera.

Akkuma, “Qe’ee warra walnyaatuutii waa nyaatu” jedhamu utuu aangoo xiqqoon itti kennameeyyuu utuu walnyaatanii lammii alagaa nyaachisu. Bu’aa malee hojii dhiifnee, dhiiga ofiis ummata ofis balleessine, ummanni waan dafqasaa xuruursee horate ni saamama, irraa ajjeefama, kan saamuufi ajjeesu miseensa garichaa kan itti basha’u garuu hoggansa garichaati.

Miidhaafi gidiraan gareen kun ummata godinaalee Oromiyaa gara garaarra darbee sadarkaa biyyattii dhaqqabsiise daran hamaafi akkana, akkasi, hammana jedhanii ibsuuf kan namatti toluu miti. Gidiraan ummanni Oromoo keessumaa waggoota jahan darbanitti qe’umasaatti hidhattoota maqumasaa qabatanii maqaa qabsootiin arge kan lakkaa’ameefi tarreeffamee dhumu miti.

Gocha hamaa haala dhalli namaa namarratti niraawwata jedhamee hin abjootamneen qabeenyi ummanni dafqasaa xuruursee horate nibarbadaa’e, ni saamame, manni irratti gubate, shammarran ni gudeedaman, daandiin ni manca’e, misoomni duubatti deebi’e, ijoolleen maatii malee hafan, qe’een nidiigame, ni one, ni maseene.

Humni misoomaa bosona seenee ofis, ummatas, biyyas miidhe. “Gidiraan kun nurraa dhaabachuu qaba” jedhee watwaata ummanni.

Mootummaan, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqeefi jaarsoliin biyyaas gidiraafi gaaga’amni gahaa jiru akka dhaabatuuf yeroowwan adda addaatti irradeeddebiin waamicha nagaa dhiyeessaa turaniiru.

Karaan nagaa yeroo hunda bu’aaqabeessa ta’uu kan hubatan miseensonni Shanee tibbana waamicha nagaa taasifameef fudhachuun baay’inaan harka kennachaa jiru. Erga barfateefi waantonni baay’een manca’anii ta’us imalli gara nagaa miseensonni murnichaa ammaan tana taasisaa jiran kan daran jajjabeeffamuu qabuudha.

Inni gochasaa badiitti gaabbe gara nagaatti deebi’uuf murteessuunsaa waan jajamuufi jajjabeeffamu ta’ee, isa didee akka muka qottoo jallatee deebi’ee ummatumasaa miidhuuf harca’e bosonatti haferratti ammoo tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu qindoominaan raawwatamaa jiru cimee ittifufee ummanniifi biyyi boqonnaa argachuu qabu. Ummannis fuulleffannaa hojii misoomasaarratti eegale jabeessee ittideemuu qaba.

Gama kaaniin sarbama mirga namoomaa, rakkoolee walitti bu’iinsa kanneen mudatan wal’aanuufi furuu keessatti imaammanni haqa ce’umsa dheengadda Mana Marii Ministirootaatiin ragga’e shoora olaanaa qabaata.

Imaammatichi adeemsa ce’umsa haqaa karaa gurmaa’een, haala qindaa’eefi bu’aaqabeessa ta’een sadarkaa biyyaalessaatti hogganuufi hojiirra oolchuu kan dandeessisu waan ta’eef hojiirra oolmaasaatiif hunduu ga’eesaa bahachuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You