Duudhaalee amantii waliinii

Rakkoolee nageenyaa kutaalee biyyattii addaddaatti uumamaa jiran furuuf mootummaan tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa kan tureefi jiruudha. Yaa’iin Dhaabbilee Amantii Itoophiyaas  nagaafi araara buusuuf kadhannaatiin qoodasaanii bahachaa turaniiru. Wayita ammaas barsiisa caaffata qulqullaa’aa lammiilee hubachiisuuf sochii jalqabaniiru. Kanaanis sanada, “Duudhaalee amantii waliinii” jedhu qopheessuun karaa miidiyaalee gurra ummataan akka gahu taasifameera. Nuyis akka armaan gadiitti dubbistoota keenyaan geenyeerra.

Bu’uurri amantii uumaa waaqaafi lafaa yoo ta’u, namni kamuu uumaasaa amanachuun kutannoo amantiisaaf qabu ibsata. Waaqayyoo ammoo  dhala namaa hundaaf ajaja lama kenneera. Kunis jalqabaa uumamni hundumtuu uumaasaa akka jaalatuufi ajajamuu yoo ta’u, kan lammaffaa ammoo dhalli namaa marti walii waliisaanii akka kabajaniifidha. Namootni duriifi raajotni turanis ajaja lamaan kana kabajuufi hojiirra oolchuutiin cimanii akka dhaabbatan Macaafa Qulqulluufi Quraanarraa hubachuun kan danda’amuudha.

Kunimmoo dhalli namaa wayita biyya lafaa kanarra  tokkummaan jiraatan walii waliisaanii waliin hariiroo uummachuun barbaachisaa ta’uusaafi  uumaasaafi uumama biroo waliinis walitti dhufeenya uummachuuf amantiin murteessaa ta’uusaa kan mul’isu jechuudha. Duudhaaleen amantii waliiniis yaadrimee kanarraa kan maddan yoo ta’u, akka armaan gadiitti ilaaluun ni danda’ama.

Amantummaa

Amantummaan nama amantiin qaba jedhu kamirraayyuu dirqama eegamudha. Amantummaa dhugaan kan ittiin ibsamu qajeelfamoota amantii ta’an keessattiifi hordoftoota qajeelfamoota kanneen kabajaniidha. Qajeelfamootni amantiis namni nama waliin wayita jiraatuufi uumama kaawwan waliin hariiroo wayita uummatu sirna hordofamuu qabuudha. Kunis walkabajuu, waltumsuu, waljaalachuu, ilaalchaa gaarii walii qabaachuu, hojii tolaa kaka’umsaan hojjechuu, haqummaa, namoota biroof dursa kennuufi hojiilee  gaarii ta’an raawwachuudha. Namootni amantii kamuu keessatti qajeelfamoota amantii hundumaa jabeessuun qabatanis amanamoo akka ta’an hubachuun barbaachiisaadha. Kanaaf amantummaan dirqama amantiifi hawaasummaa bahachuutiin hojii tolaaf dhimmamuu akka ta’e hubatamuu qaba.

Macaafa Qulqulluu keessaatti namni, “Ani  amantii qaba” jedhu hojii gaarii hinqabu yoo ta’e maal waa’ee baasaaf ree?(Yaaqoob 2:14). Quraana keessatti ammoo, “Dhuguma namni hunduu hanquu keessa jira; warri amananiifi waan gaarii hojjetan, hadaraa warri jedhaman,  obsaanis kanneen hadaraa jedhaman qofti yoo hafanidha(Al-Asir 2-3)

Nageenyummaa

Nageenyummaan bu’aa waliin jireenyaa waliigaltee, tokkummaa, jaalalaa, waliif yaaduufi walkabajuuti. Dhalli namaa namoota waliin jiraatan waliiniifi uumamoota biroo waliin karaa nagaan hariiroo akka uummataniif amantiileen hundi cimsanii barsiisu. Kunimmoo dhalli namaa gosaan, sabaan, naannawaan, amantaafi siyaasaan osoo wal hinqoodiin hawaasa keessa jiraatuufi uumamoota biroo waliin nageenya akka qabaatu kan mul’isuudha. Si’a baay’ee namoota nagaa lama gidduutti walitti bu’iinsa kan uumu faayidaa dhuunfaa argachuuf jecha kan kaawwanii eeguu dhabuudha.

Barsiisni amantii kiristaanaa “Akka siif ta’u kan barbaaddu kaawwaniifis godhi, sirratti akka raawwatamu akkuma hinbarbaadne namoota biroorrattis hinraawwatiin” jedhu macaafa qulqulluu keessatti eerameera. Amantii Islaamummaa keessatti ammoo Nabii Mohaammad yoo ibsan, “Wanti isiniif akka ta’uuf hawwitan marti kaawwaniifis akka ta’uuf yoo hinraawwatne sirriitti amanuun keessan sobadha” jedhaniiru. Kunimmoo nageenyi bu’aa haqummaafi dhugummaa ta’uusaa kan mul’isu yoo ta’u, yoomillee dhala nama gidduutti nageenyi akka jiraatu kan taasisuudha.

Waliin jiraachuu

Dhalli namaa erga uumamee kaasee qofaasaa jiraachuu hindanda’u. Kunis dhalli namaa uumamaan tokko yoo ta’u, waliin jireenyi namootaa ammoo kana kan mirkaneessuudha. Waliin jiraachuun madda hariiroo gaariifi walta’insaati. Waliin jiraachuun walsaamuufi of caalchisanii jaalachuu kan dhabamsiisu waan ta’eef bu’uura waliin guddachuufi qaroominaati jechuudha.

Barsiisa amantii keessattis waliin jiraachuun dhala namaa gidduutti  qofa  osoo hintaane naannawaa keessa jiraatanis kan hammatu yoo ta’u, biqilootniifi bineensotni eegumsa argachuu akka qaban abboommii Waaqayyoo/Rabbiiti.

Walkabajuu

Walkabajuun bu’uura barsiisa amantii kamuu akka ta’e bal’inaan Macaafa Qulqulluufi Quraana keessatti eerameera. Uumaan, “Abbaafi haadha kee kabaji, warra xixinnoowwani hintuffatiin, xixinnoota keessaas tokkollee hingufachiisiin” jechuun abboomeera. Xiqqaan isa guddaa akka kabaju, inni guddaan ammoo xiqqaaf garaa akka laafu, maatiin, ollaawwan, maanguddoota, barsiisotaafi dura bu’oota akka kabajamaniif, rakkattootni akka gargaaramaniif, haati warraafi abbaan warraa akka kabajamaniif, daa’imman akka kunuunfamaniif, mirgi namummaa akka eegamuuf caaffata qulqullaa’aa keessatti bal’inaan ibsameera.

Akkuma namni kamuu eenyummaansaa marti akka kabajamuuf fedhu, kan namoota biroos yoo kabajame duudhaa walkabajuuf haala mijataa uuma jechuudha. Kunis aadaa, afaan, haala jireenyaa, ilaalchaafi ejjennoo namoota biroof iddoo kennuun kabajuun yoo danda’ameedha. Jechaan qofa dubbachuu osoo hintaane, qabatamaatti hojiitti hiikamuu qaba. Walkabajuun waan hundumaaf iddoo laachuu waan ta’eef, mallattoo bilchinaa ta’uu argisiisa.

Dhugummaa

Dhugummaan ibsituu dubbii afaanii, yaadaa, qajeelummaa, haqummaa, fudhatamummaafi kutatummaa yoo ta’u, barsiisa amantii keessattis iddoo olaanaa kan qabuudha. Jechi, ‘eebbifamaa’ jedhus namoota amantiisaaniirratti ciman kan ibsu yoo ta’u,  hiiknisaas dhugaa qabeessa ta’uusaati. Kunimmoo dhugummaan galma isa dhumaa ta’uusaa kan mul’isuudha. Dhugaa dubbachuun hojii eebbifamaa ta’uufi soba dubbachuun garuu hojii cigaasisaa ykn jibbamaa akka ta’e caaffata qulqullaa’aa keessatti ibsameera.

Dhugummaan ofitti amanamummaa, qajeeltummaa, beekamummaa, gootummaafi akka mallattoo bilisummaatti kan fudhatamuudha.

Haqummaa

Yaadrimeen haqummaa dhugummaafi nageenya waliin walitti kan siquudha. Dhugummaan jiraannaan haqni jallachuu hindanda’u. Namni dhugaqabeessa ta’e tokko murtee qajeelaa kan kennuufi haqa qabeessa ta’eedha. Amantiin kamiyyuu haqummaan akka hinjallanneef cimsanii barsiisuu akka qaban Waaqayyo/Rabbi caaffatni qulqullaa’aa keessatti abboomeera.

Kanaaf haqummaan ogummaa dhugummaa, sobaafi dogoggorarraa ittiin adda baasan waan ta’eef, itti gaafatamummaa guddaan raawwatamuu qaba.

Dabalataanis duudhaaleen amantii waliinii kanneen armaan oliiti eeramaniin alatti, fakkeenyaaf, dhiifama gochuun, qajeelummaafi gaarummaa hojjechuun, akkasumas hawaasa keessatti fakkeenya ta’anii jiraachuun murteessaa ta’uusaa caaffata qulqullaa’aa keessatti eerameera.

Walumaagalatti, Itoophiyaa keessatti hordoftootni amantii kiristaanaafi Islaamaa hariiroo gaarii uummachuun baroota hedduu lakkoofsisaa har’a gahuusaanii kan hubatamuudha. Kunis, walgargaaruutiin, walkabajuutiin, waliif birmachuu, waldanda’uufi waliif araaramuutiin baroota hedduu karaa nagaan waliin jiraachaa turaniiru. Duudhaaleen kunneen ammoo har’as dagatamuu waan hinqabneef, hunduu hubannootiin itti fufsiisuuf dirqama itti kenname ta’uu beekuun murteessaadha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *