Pirojektichi waggaa lama booda humna maddisiisuu jalqaba

Finfinnee: Pirojektiin Ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa marsaa duraatiin waggaa lama booda humna ibsaa meegaawaatii 750 maddisiisuu kan eegalu ta’uun ibsame.

Sadarkaa pirojektiin ijaarsi hidhichaa irra jiru ilaalchisuun marii paanaalii kaleessa Fenfinneetti qaamoleen dhimmichi ilaallatu adeemsisanirratti akka ibsametti, ijaarsi hidhichaa Korpireeshinii Industirii Sibiilaatiin adeemsifamaa ture kana ammaa booda kontiraaktaroota sadarkaa addunyaatti beekamtii qabaniin kan adeemsifama.

Ijaarsi hidhichaa waliigalaa yeroo ammaa %65 irra kan jiru yoo ta’u, waggaa lama booda marsaa duraatiin humna ibsaa meeggaa waatii 750 maddisiisuu kan eegalu ta’uun ibsameera. Hojiin marsaa lammaffaa ijaarsa pirojektichaas kan itti fufu ta’a.

Kanaandura ijaarsi pirojektichaa guyyaa tokkoofuu kan addaan hincinne ta’us hojiin ijaarsichaa garuu qabbanaa’ee tureera. Ijaarsa pirojektichaa guutummaatti waggaa afur keessatti xumuruuf hojjetamaa kan jiru ta’uun himameera.

Hawaasni ijaarsa hidhichaa milkeessuuf humna, maallaqaafi beekumsasaatiin tumsa guddaa taasisaa kan ture yoo ta’u, hanga ammaatti qarshiin biiliyoona 12.3 ummatarraa walitti qabameera. Hawaasni hirmaannaa ijaarsa hidhichaa milkeessuuf taasisu cimsee akka itti fufuufis waamichi dhiyaateera.

Ijaarsa hidhichaa milkeessuun fedhii humna ibsaa biyyattii guutuurra darbee biyyoota ollaatti gurguruun sharafa alaa irraa argamu guddisuun guddina dinagdee biyyattii boriif abdii guddaa ta’uunis himameera.

Hanga ammaatti qarshiin biiliyoona 98 ijaarsa hidhichaaf kan bahe yoo ta’u, ijaarsa hidhichaa xumursiisuuf qarshiin hangamii akka barbaachisu waliigaltee kontiraaktara haaraa waliin taasifamu eddii raawwatamee booda yeroo gabaabaa keessatti kan beekamu ta’uun himameera.

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

One Comment to “Pirojektichi waggaa lama booda humna maddisiisuu jalqaba”

  1. Pingback: trustbet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *