Paartiileen siyaasaa Oromoo dhimma Oromoorratti tokkummaan hojjechuu qabu

Finfinnee: Paartiileen maqaa Oromootiin hundaa’an hundi dhimmoota mirga, faayidaa, nageenyaafi dinagdee Oromoo mirkaneessan irratti tokkummaan waliin hojjechuu qabu.

Kanneen sagantaa, kaayyoofi tarsiimoonsaanii walfakkaatus walitti makamuudhaan humna waliif ta’anii qabsoo ummataa dhugoomsuu qabu. Addi Dimokraatawaa Oromoo (ADO) dhiyeenya kana ODP waliin walitti makamuun dhimma faayidaafi mirga Oromoo kabachiisu irratti waliin hojjechuuf waliigaluunsaanii ni yaadatama. Paartiin Kongiresii Biyyaalessaa Oromoos (KBO) adeemsa ADO hardofuun ODP waliin walitti makamuun dhimma Oromoorratti waliin hojjechuuf qophiirra jiraachuu ibseera.

Durataa’aan KBO, Obbo Tolasaa Tasfaayee ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ummatni Oromoo yeroo ammaa paartiileen siyaasaa maqaa Oromootiin hundaa’an 14 hinbarbaannu. Paartiileen kunneen walitti makamuun lama ykn sadii ta’uu akka qaban gaafataa jira. Gaaffii ummataa kabajuun dirqama waan ta’eef paartiinsaanii dhiyeenya kana kora sabaa geggeessuudhaan eddii marii balaan taasisee booda ODP waliin walitti makamuuf murteessuusaa dubbatu.

Paartiileen maqaa Oromootiin hundaa’an haala kanaan walitti makamuun dorgommii filannorratti sagalee akka wal hinsaamne, ummatni utuu hinburjaaja’in filannoof akka qophaa’u taasisa kan jedhan Obbo Tolasaan, kana malees filannoo injifachuudhaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti sagalee guddaa argachuun carraa biyya bulchuu akka argannu nu taasisa jedhan. Sagaleen ummataa akka addaan hinfaffacaane gochuuf paartiileen hafanis walitti makamuun dirqama ta’uu himu.

Ittigaafatamaan Waajjira Giddugaleessaa ODP, Doktar Alamuu Simee gamasaaniin ibsa kaleessa Gaaxexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, paarichi walqooduu utuu hintaane paartiilee biroo waliin ta’uun gaaffii ummataa deebisuutti amana.

Ummatniifi paartiileen maqaa Oromootiin hundaa’an utuu qabsaa’aniifi wareegama barbaachisu kaffalanii injifannoof dhiyaachuu hindandeenye turan. Kunis tokkummaa dhabuurraa kan madde ta’uu himaniiru.

Paartiileen maqaa Oromootiin hundaa’an diina caalaa walirrattiqabsaa’aafi mogolee wal buusaa waan turaniif injifannoo bira gahuu otoo hindanda’iin turan kan jedhan Doktar Alamuun, ODPn yeroo ammaa tokkummaa ummataa cimsuufi paartiilee maqaa Oromootiin hundaa’an waliin hojjechuuf qophii ta’uu himu. Addaan faffaca’uun paartii qabsoo ummatichaa duubatti waan harkisuuf tokkummaa uumuufi waliin hojjechuun paartiilee siyaasaa daran barbaachisaa ta’uu himanii, paartiileen maqaa Oromootiin hundaa’an 14 naannicha keessa jiran walitti dabalamuun gara paartii lamaafi sadiitti xiqqaachuu akka qaban dubbatu.

Paartiileen heddummaachuun sagalee ummataa qoqqooduun warra mirga Oromoo sarbuufi bituu barbaadaniif carraa gaarii uuma kan jedhan Doktar Alamuun, ODPn kanaan dura paartii

ADO waliin walitti makamuuf walii galtee mallatteessuuyaa yaadachiisu. Yeroo ammaa ammoo Kongirasiin Biyyaalessaa Oromoo ODPtti makamuuf mariirra jiraachuu himaniiru.

ODPn paartiilee siyaasaa maqaa Oromootiin hindaa’an kamuu wajjin hojjechuuf fedhii kan qabu ta’uus himanii, paartiileen kaayyoofi tarsiimoonsaanii ODP irraa adda ta’anis walitti makamanii waliin hojjechuu akka qabaniifi dhimma mirga, faayidaa, nageenya, dinagdeefi misooma Oromoorratti hunduu waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Suurri Tsahaay Nugusee

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *