Mala miidhaa qorichi aramaa kanniisaarraan gahaa ture maqsuuf dhahame

Finfinnee: Qorichi aramaa seera qabeessaan biifamuu dhabuusaarraa kan ka’e dhumaatii kanniisaa qaqqabsiisuun oomisha dammaa hubaa jiraachuu qorannooleen damichaa ni mul’isu.

Qonnaan bulootni godinaalee Oromiyaa gara garaas dhimma kanarratti komii kaasaa kan turan yoo ta’u, argannoon Giddu Gala Qorannoo Qonnaa Sinaanaa furmaata qabatee dhiyaachaa akka jiru ogeeyyiin qorannoo fayyaa kanniisaarratti hojjetan dubbatu.

Daawwannaa Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa torbee darbe Godina Baaleerratti gaggeessaa tureen furmaatni argamaa jiraachuu Gaazexaa Bariisaaf odeeffannoo kennaniiru.
Obbo Tamaaroo Galgaloo wiirtuu Qorannoo Qonnaa Sinaanaa kana keessatti Qorataa Nyaata Kannisaa yoo ta’an, kanaan dura nyaata kanniisotaarratti xiyyeeffannoo kennuu dhabuun qoricha aramaa biifamuun dhumaatiin kanniisaa qaqqabaa akka tureefi bu’aan oomisha dammaa gadaanaa ta’uusaa himu.

Dhimmi kun yeroorraa yerootti furamuu dhabuun damee dammaa dadhabsiisaa tureera kan jedhan Obbo Tamaaroon sochii wiirtichi taasisaa jiruun bu’aan jiru jajjabeessaa ta’uu ibsu. Keemikaalli biifamu kun ammoo humna isaan buusuun bahanii daraaraa akka hinguurre isaan taasisuun hanqina nyaataa uumamuun dalagduu kanniisaan alatti ilmaanillee akka dhuman taasisaa tureera.

Argannoo rakkoo kana furuuf lafa taa’e keessaa tokko naannawaa gaagura kanniisaatti daraaraa Faasiiliyaa jedhamu oomishuun furmaata kanniisota kana baraaruuf taa’e ta’uu Obbo Tamaaroon ni addeessu.

Daraaraan Faasiiliyaa humnaafi foolii fagootti kanniisota dalagaduu hawwatuu qaba kan jedhan qorataan kun yaalii kanaan dura wiirtuusaanii keessatti gaggeeffameen bu’aan qabatamaa akka argamuusaa himu.

Argannoon kun bal’inaan irratti hojjetamee oomishtoota dammaa waliin gahuuf sochiin gamanumaa taasifamaa jira kan jedhan Obbo Tamaaroon, oomisha faasiiliyaa kanaan alattis daraaraa kanniisota hawwatan kanneen akka abasuudaas bu’a qabeessummaansaanii olaanaa ta’uu ibsu. Bu’aa qorannichaa waliin gahuuf rakkoon mudachaa jiraachuu eeranii, kana maqsuufis tumsi barbaachisaa taasifamaa jiraachuu dubbatu.

Hojjetaa Misoomaa Aanaa Sinaanaa Ganda Salqaa kan ta’an Obbo Tashoomaa Alamuus gamasaaniin, miidhaa qorichi aramaa oomisha dammaarratti qaqqabsiisaa ture dinagdee qonnaan bulaarra darbee dinagdee biyyaa miidhaa kan ture ta’uu eeranii, argannoowwan dhaabbilee qorannoo qonnaatiin argaman jijjiirama argamsiisaa jira jedhu. Kun ta’us daraaraa kana yeroo gabaabaa keessatti waliin gahuun akka hindanda’amne eeranii, wiirtuuleen qorannoo qonnaa akka biyyaatti jiran xiyyeeffannoo laachuun qindoominaan hojjechuu akka malaniidha kan himan.

Hanga hojiin waliin gahiinsaa raawwatutti qonnaan bulaan qajeelfama ogeeyyiin misoomaa kennan hordafuun qoricha aramaa kana biifuu akka qabuufi bu’aa argannoo kana saffisaan waliin gahuufis walta’iinsaan kan hojjetan ta’uu eeranii jiru.

Argannoon kun rakkoo kaleessa qonnaan bulaan dhumaatii kanniisaa waliin walqabatee kaasaa ture fura kan jedhan ammoo Qonnaan Bulaa Aanaa Sinaanaa Ganda Saalqaa Haji Mohaammad Saaddooti.

Akka Qonnaaan bulaan kun jedhanitti, argannichi jajjabeessaa ta’us walii ga’iinsi sanyii haadhoo daraaraa kanaa harkifannaa akka hinqabaanneef kutannoon hojjechuun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

 

Recommended For You

One Comment to “Mala miidhaa qorichi aramaa kanniisaarraan gahaa ture maqsuuf dhahame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *