“Isinii omisha nama isinirraa bitu dhabadanii rakkattu, nutimmaa waan nyaannu dhabnee biyya alaarraa qamadii galchina” – MM Doktar Abiyyi Ahimad

Akka Oromiyaattis ta’e akka biyyaatti bakkeewwan omisha qamadii, garbuufi mi’eessituwwaniin adda durummaan beekaman keessaa tokko Godina Baaleeti. Omisha godinichatti omishamu keessaa % 58 qamadii, Arsii Lixaafi Baalee immoo walitti % 61 kan omisha yoo ta’u kana keessaa % 21 kan Baaleeti. Kanaafuu omisha akka biyyaatti omishamu keessaa ga’een Baalee olaanaadha jechuudha.

Godina Baalee keessammoo aanaan Gindhiir qamadii baay’inaan omishuun beekama. Keessumaa qamadiin daabboofi makarooniif ta’u kan omishamu Gindhiiriifi Gololchatti. Aanaalee kanneenitti qonnaan bultoonni mala qonna guutuutti fayyadaman hektaararraa hanga kuntaala 80 ni omishu.

Godinni Baalee omishaafi omishtummaan badhaatuu taatus rakkoo daandii irraa kan ka’e gabaa barbaachisu waan hinarganneef jireenyi qonnaan bultoota naannawa sanaa hamma barbaadamu akka hinjijjiramneedha qonnaan bultoonni carraa argataniin kan ibsan.
Tibbana wayita Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad, Ministira Muummee Ingiliiz duraanii Toonii Bileer waliin Gindhiiritti argamuun daawwannaa taasisan kan ibsaniifis kanuma.

Doktar Abiyyi Ahimad, hojii qonnaan bultoota Baalee fagootti dhagahaa turan ijaan arguusaaniitti daran gammaduusaanii kaasanii, akka biyyaatti hektaararraa qamadii kuntaala 80 argachuun tokkoffaa ta’ullee rakkoo bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandiifi ibsaa jiraachuu dhabuusaatiin gabaan sirriitti naannawicha dhaqee omishasaanii bitu waan hindandeenyeef hamma dadhabbii isaanii argachuu akka hindandeenye dubbatu.

Kanas fagoodhaa dhaga’uun osoo hintaane ijaan arganii qonnaan bulaa waliin mari’atanii oyiruu qonnaan bultootaa ilaaluun maal gochuun akka danda’amurratti hubannoo olaanaa waan argataniif kanaa booda, xiyyeeffannaan mootummaa naannoos ta’e fedeeraalaa omishaafi omishtummaa guddisuudhaan, gabaa bal’isanii jiruufi jireenya ummataa fooyyessuu ta’a jedhu.

Qeerroon naannawaa Baalees kana booda humni, fedhiiniif qabsoon keessan ta’uu kan qabu akkamitti daldallee, omishnee, kanarraa buufannee jiruufi jireenya keenya fooyyessuu dandeenya isa jedhu mala jedhu. Mootummaanis isaan wajjin ta’ee naannawicha misoomsuufi jijjiiruuf akka hojjetu waadaa seenaniiruuf.

“Isinii hektaararraa kuntaala 80 omishtanii nama isinirraa bitu rakkattu, nutimmaa waan nyaannu dhabnee biyya alaarraa qamadii galchina” kan jedhan ministirri muummeen, kanaan booda qonnaan bultoonni waa’ee daandii gaafachuu akka hinqabne kaasu. Gaaffii ta’uu kan qabu “mootummaa kanaaf sharafa alaatiin qamadii biyyaa galchuu wayyaaf moo nurraa bitatee gargaaramuu wayyaafi?” isa jedhu ta’u mala jedhu.

Kana booda mootummaan halkaniifi guyyaa hojjete ummatasaa jijjiira akka barbaaduufi xiyyeeffannaan ummataa misooma ta’uu akka qabu ibsanii kanammoo kan taasisan ummataaf jedhanii osoo hintaane ummatarraa fayyadamuuf akka ta’e dubbatu.

Ministirri Muummee Duraanii Ingiliiz Toonii Bileer gamasaaniin, simannaa onnee namaa tuqu ummati Baalee taasiseef galateeffatanii, achitti kan argaman affeerraa ministira muummee Itoophiyaatiin ta’uu ibsu. “Dr. Abiyyi nama gaarii, jabaafi waan yaade hunda hojjechuu danda’u ta’uu isaatiin isatti amaneen dhufee Baalee daawwadhe. Sababan isatti amanuufis deggarsa barbaachisu hunda gochuuf waadaan isinii seena” jedhan.

Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa gamasaaniin haala qonnaa bulaan Baalee Gindhiir mala teknolojii haaraatiin qamadii itti omishu arguusaaniitti gammaduusaanii eeranii, kunis Oromiyaa qofaaf osoo hintaane biyyaaf abdii guddaa ta’uusaatiin hoggansi sadarkaa hundaa aka itti gammadu addeessu.
Dimshaashumatti, asirraa hubachuun kan danda’amu omishni biyyattii haalaan omishamaa jiru sababa rakko bu’uuraalee misoomaatiin ummata bira osoo hinqaqqabiin hafaa jira. Kanaan qonnaa bulaan gatii dhamaatiisaas dhabaa jira. Gama biraatiin ammoo ummanni sababa omshni addaddaa haalaan bira hingeenyeef gatii qaala’aa ta’een bitee fayyadamuuf yookiin utuu barbaaduu dhiisuuf dirqamaa jira. As keessatti fayyadamaa ta’aa kan jiru faddaalota gatii gadaanaan qonnaan bulaarraa midhaan bitanii gatii olaanaan ummatatti gurgaraniidha.

Kanaafuu mootummaan rakkoo kanaaf xiyyeeffannaa kennee qonnaan bulaafi hawaasa bal’aa fayyaduurra darbee sharafa biyya alaatti ba’uu oolchuun dinagdee biyyaa guddisuuf hojjechuu qaba jenna.

 

Bariisaa Mudde 5/2011

Qindeessituun Saamraawiit Girmaa

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *