“Ibsaan akka naa galuuf jechan lafa koo dhabe”

“Ibsaan akka naa galuuf jechan lafa koo dhabe”
-Haadha dhimmaa
“Lafichi baankii lafaatti deebi’eera”
-Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaa

Finfinnee: Aadde Balaayinash Ayyalaa Jimaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Aanaa Aleeltuutti, jiraattuu Ganda Ejersaati. Aadde Balaayinash lafa qonnaafi biqiltuu irra dhaabbatan dhaabbanni, “PLC” Gaayinti jedhumu karaa seeraan alaa narraa fudhate akka naaf deebi’uun barbaada. Kunis gurra ummataafi mootummaa naa qaqqabuu qaba jechuun komiisaanii qabatanii torban darbe gara Kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaa dhufaniiru.

Gaazexaan Bariisaas komii dubartii kanaafi deebii Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa biraa argate akka armaan gadiitti dubbistootasaatiif dhiyeessa.

Lafa hektaara 10 maatiisaaniirraa dhaalaan argatan walakkaasaarra biqiltuu dhaabuun kaan qonnaaf fayyadamaa akka turaniifi dargaggoota 25fis carraa hojii bananii akka turan kan eeran Aadde Balaayinash, lafa kana qonnaafi horsiisa looniif ittifayyadamaa turuusaanii himu.

“Baabura midhaanii jeneretaraan hojjetu qarshii kuma 880n dhaabeef ibsaa galfachuuf yaalee bu’aa ba’ii tureen naa milkaa’uu hindandeenye. Bara 2006 irraa eegalee deddeebi’ee gaafachaan ture. Iyyata koollee nama harkaa fuudhu dhabee rakkachaan ture. Hanga waggaa 10ttillee sii galuu hindanda’u naan jedhan”.

“Otoo dubbichi kanaan jiruu namicha amma lafa koo fudhate wajjin hojjenna jedhee dhufe. Anis nama kamuu wajjin hojjechuu akka hinarbaadne itti hime. Ji’oota jahaaf deddeebi’ee dallaalota qabatee dhufe. Namichi lafa koo narraa fudhate ji’a tokko keessatti galche” jedhu.
Dallaalonni, dhaabbaticha wajjin hojjechuunsaanii bu’aa akka qabu amansiisuunis bifa aksiiyoonaatiin akka waan qarshii miliyoona 10 kennuufiitti mallatteessisiisuusaanii eeru, Aadde Balaayinash.

Cheekii gogaa (qarshii hinqabne) kan miliyoona tokko baasus naa kennamee ture kan jedhan dubartiin tun, kana booda bakka sanarraa mirga wayiituu hinqabdu jechuuniin aksiiyona jedhame keessaa harka 55 kan “PLC” Gaayinti, harka 45 kan Aadde Balaayinash gochuun waliigaltee kan qopheesse ta’uus ibsaniiru.

“Dhimma qarshii miliyoona 10n walqabaterratti diraamaa akkamii akka narratti hojjete hinbeeku. Ana dhiisii innumti baratee hinbeeku. Gaafan dhaqee mallatteesseefillee hinbeeku. Qarshii miliyoona 10n waggoota afur keessatti haala kamiin laficha gadilakkisee akkan bahu inni itti yaadeera” jechuun dubbatu.

Waliigalteen raawwatame kan mandaraa ta’uu kan eeran Aadde Balaayinash, waliigaltichi bakka jaarsi biyyaas ta’e qaamni biraa hinjirretti isaanumti lamaan qofti kan walii mallatteessan ta’uu dubbatu. Dhimma kana abbaa warraasaaniis ta’e ijoolleensaanii quba hinqaban jedhu. “Waan fooyya’aatu argama jedhanii na gowwoomsinaanin xaxoo kana keessa gale. Kana ammoo ana dhiisnaan eenyumtuu ni gowwooma” jedhan.

Ammaan tana qondaaltota mootummaatiin doorsifamaan jira kan jedhan Aadde Balaayinash, sodaa tokko malee lafasaaniitiif falmachaa jiraachuu ibsu. Lafa isaan falmaafii jiran “PLC”n Gaayinti kaampaanii Chaayinaa, “CM Trading” jedhamuuf kireessuusaas ni dubbatu.

Amajjii 22 bara 2009 irraa eegalee hojjechuuf waliigalanis namichi dhaabbata Gaayinti geggeessu waliigaltee biraa kaampaanii Chaayinaa wajjin seenuusaas ni eeru. Bakka bu’aa jedhee waan barreessee na mallatteessiseef isaan fayyadamaa turusaas Aadde Balaayinash ni ibsu.

“Otoo ani hinbeekiin waliigaltee Afaan Oromootiin barreeffame keessa jecha ‘gurgurtaa’ jedhu galchee waliigalticha akkan mallatteessuuf yaalee ture. Booda jechicha oggaan dhagahu maaliif akkana goote jedhee gaaafannaan, ‘Ani waanin Afaan Oromoo hinbeekneef’ namicha waliigalticha barreessetu dogoggorse’ naan jedhe. Bakka bu’ummaa malee gurgurtaa waan hinraawwanneef gaafa sana hinmallatteessu jedheen ture” jedhu. Booda garuu dallaalotaan dhiibamanii akka mallatteessan eeru. Dhimma kana keessaa abbaan taayitaa mootummaallee akka harka qabu dubbatu.

“Cheekii yeroo lama naa mallatteesseera. Yeroo tokko qarshii kuma 375, yeroo biraa ammoo qarshii kuma 750. Cheekonni kunniin lamaanuu qarshii hinqaban. Qarshii miliyoona 10 irratti waraqaa sobaa qopheesseeti kan na mookse. Qoodni bu’aa naa kanfalamus akka hinjirre natti hime” jedhu. Mootummaan lafasaanii akka deebisiisuufis ni gaafatu.

“Lafti koo ibsaa galfachuuf jecha dhabe deebi’ee kaampaanii Chaayinootaatiif ji’aan qarshii miliyoona 1.2tti kireeffameera. Waajjirri mootummaa waliigaltee nu mallatteessises ragaa mirkaneeffachuuf hinyaalle. Sababuma kanaan lafa koos, qarshii jedhames dhabeera” jedhu.

Dhimma kanarratti kan dubbisne Adeemsisaan Hojii Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa, Injiinar Yirdaawu Nagaash, “Aadde Balaayinash sadarkaa xiqqaadhaan hayyama fudhatanii maashinii dhakaa daakuu hamma humnasaanii hojjetaa turan” jedhu.

Dubartiin tun maashinii guddaa galfachuuf humna waan hinqabneef “PLC” Gaayinti ykn Injiinar Amsaal Geetinnat wajjin waliigalusaanii eeru. Waliigaltichis kafaltii beenyaa tokko malee kan raawwatame ta’uu ibsu. Bara 2009 abbummaan lafichaas Aadde Balaayinashirraa gara “PLC” Gaayintitti jijjiiramuusaa dubbatu.

Seera misooma albuudaa keessatti hayyama “PLC” gochuun, sheeriitti jijjiiruun, dabarsuufi guddisuun waan danda’amuuf Biiroon Bishaan Albuudaafi Inarjii Oromiyaas seeruma kana bu’uureffachuun isaan keessummeessuusaa eeru.

“Beenyaan kanfalamu hinjiru jedhamee qaama dhimmi ilaallaturraa eddii xalayaan biirichaaf barreeffamee booda geggeessaan yeroo sana ture dhimma kana xumureera. Kenniinsa hayyamaarratti rakkoon hinjiru. Ta’us qajeelfamaafi labsii misooma albuudaatiin walqabatee haala waliigalteetiin qaamni hayyama omishaa fudhatee ji’oota jaha keessatti hojii keessa hingalle taanaan hayyamnisaa ni haqama” jedhan.

Maanaajarri “PLC” Gaayinti otoo Aadde Balaayinash hinbeekiin kallattiidhaan kaampaanii Chaayinaa “CM Trading” jedhamu wajjin maqaa dhiyeessii tajaajilaa jedhuun waliigaltee walii mallatteessee akka tures eeranii, Aadde Balaayinash qooda harka 45 haa qabaattu malee waliigaltee kaampaanii Chaayinaa kana wajjin seename kan hinbeekne ta’uu addeessu.

Waliigaltee “PLC”n Gaayinti “CM Trading” wajjin taasiseen ji’atti qarshii miliyoona 1.3 akka kanfalu, baasii hojiilee biroo kaapmaanichi ofumsaatii akka danda’utu ibsamuusaa dubbatanii, kanis lafichi dabarfamee kennamuusaa eera jedhu.

Waliigalteen kaampaanii Chaayinaa wajjin taasifame maashinii ittiin omishaa jiran waggaa afur booda akka isaaf dhiisanii bahaniidha kan ibsu. Kan Aadde Balaayinash ammoo laficha gurgurtaadhaan malee qoodicha keessaa akka hinjirre kan agarsiisiisuudha. Qarshiin eerames bifa bittaatti akka kennamuuf, qoodicharratti murteessii akka hindandeenyetu ibsame. Kanarratti walitti bu’iinsi uumamnaan hojichi akka hinjalqabamne ta’e.

“Dhimma cheekii gogaafi waliigaltee jara lamaanii mana murtiitu ilaala. Nuti garuu raawwii ilaallee raawwiin waggaa lama guutuu waanti hojjetame waan hinjirreef tarkaanfii fudhanne. Lafichis gara baankii lafaatti deebi’eera. Lafa deebi’e kanarratti mootummaan misooma biraatiif fayyadamuu danda’a” jedhan.

Kenniinsa hayyamaa keessatti dogoggoroonni adda addaa uumamuu danda’u. Dogoggora kana kallattiidhaan kan ilaalu qaama haqaati. Nuti xalayaan gaafannee beenyaan ittikanfalameera. Qorannaan dhiibbaa naannawaa hojjetameera, lafti kun komii hinqabu jedhamee gaazexaarra oolee adeemsa kenniinsa hayyamaa guuttatee komii tokko malee kenname. Lafti kun mallattoo Aadde Balaayinashiin gara PLC Gaayintitti jijjiirameera. Haalli jijjiirraa sana keessatti ittiin deemame hanqina qabaachuu mala. Garuu gaaffiin hayyamaa Biiroon Bishaan Albuudaafi Oromiyaatiif dhiyaate qulqulluudha. Kanaaf bara 2000 irraa kaasee lafichi kan “PLC” Gaayinti malee kan Aadde Balaayinashiin hinbeekamu.

Gaazexaan Bariisaas ammaaf dhimmichi gama tokkoon seeraan qabamee ilaalamaa jiraachuu waan hubateef kana caalaa gadifageenyaan itti deemuu hindandeenye.
Ta’us gara fuulduraatti dhimmicha hordofnee dubbistootaaf kan dhiyeessu ta’a. Qaamni dhimmi ilaallatu garuu dhimma kana qoratee ummataaf akka ibsu abdachaa yaaliin yaada “PLC” Gaayinti barreeffama kana keessatti dabaluuf taasisne nu hinmilkoofne.

Charinnat Hundeessaatiin

 

Recommended For You

3 Comments to ““Ibsaan akka naa galuuf jechan lafa koo dhabe””

  1. Pingback: Phuket Muay Thai

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *