Hammeenya raawwatanii dhokachuun haa ga’u!

 

Itoophiyaafi ummannishii baroota dhufaanii darbaniin sarbitoota mirgaafi saamtota maqaafi bifa jijjiirratanii, afaan damma dibatanii ittidhiyaataniin miidhaafi gidiraa argaa turaniiru.
Kanatu wayyutu dhufe oggaa jedhamu hammeenya raawwatamuun kan caalu ta’ee argamuun dabaree walfuraa biyyattii dhidhima hiyyummaafi wallaalummaa akka laayyootti keessaa bahuun hindanda’ametti oofaa turaniiru.

Har’a biyyi keenya gonfoo xurii baroota dheeraaf irratti ligdaa’e dhabamsiisuuf imala jijjiiramaarratti argamti. Dhimmoota haala kanaan jijjiiraman keessaa tokko haala qabsiinsa mirga namummaa lammiileeti.

Qabiinsi mirga namummaas ta’e mirgoonni dimokraasii biroon bu’uurarraa dhugoomuu kan danda’an namoota dhuunfaarra oggaa dhaabbilee fedhiin wajjummaa argamsiiseen hogganamuun eegalameedha.

Dhimma qabsiinsa mirga namummaafi saamtummaa biyya keenyatti raawwatame ilaalchisuun tibbana ibsa bal’aa kan kennan Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad akka jedhanitti, haala dhaabbileen dimokraasiifi haqaa amanamoon hinhundoofne keessatti matayyoonni oggaa akka fedhan ta’an arguun ummatoota Itoophiyaatiif haaraa miti.

Ummanni yeroo kamuu taanaan sirna abbaa irree hunkuteessuuf oggaa qabsaa’uufi aarsaa kafalu hammeenyi akka dhaabatee haqni akka dhugoomuuf malee garajabeeyyii biroo bakka buusuuf miti.

Qaamoleen qabsoo ummataatiin aangoo qabatan garuu fedhii ofii malee kan ummataa guutuu hindandeenye. Ummanni kaleessarra har’a wayya jedhee obsaan yoo eegellee, irra deddeebiidhaan sagaleesaa yoo dhageessisellee rakkinichi fooyya’uurra hammaachaa dhufe.

Keessumaa dirreen dimokraasii dhiphachaa, lammiileen sababa sabummaasaaniifi ilaalcha siyaasaa qabataniin miidhaan irra gahu suukanneessaa ta’aa, sarbi mirga namummaa hammaachaa, malaammaltummaan biyyattii liqimsaa dhufe.

Ummanni keenya garaa tokkoon, akka waan jecha tokko dubbatuutti, ‘miidhaafi hammeenyi nu gaha’ jedhee akka ka’u kan taasises gidiraawwanuma kanneeni.

Akka isaan jedhanitti, kan hammeenya raawwate Afaan Oromoo yoo dubbate Oromoo, Tirgiriffa yoo dubbate Tigree, Naannoo Amaaraarraa dhalate yoo ta’e Amaaraa, yoo Sidaamaadhaa dhufe Sidaamaa namni komatu yoo jiraate inni nama dadhabaa seenaarraa hinabaranneedha.
Kanaaf yakkamtoonni eenyuyyuu haa ta’anii eenyu, saba kamuu keessa seenanii haa dhokatanii, qaamni kamuu yoo iyyeef hanga yakkaan shakkamanitti bakka jiranii adamsamanii seeratti dhiyaachuu qabu. Daangaan bulchiinsaas ta’e daangaan biyyoolessaa yakkamtoota seeratti dhiyeessuurraa waan hindhorkineef mootummaan kutattummaa gama kanaan eegale cimsee ittifufuu qaba.

Ummannis kiyyoo qaamolee kanneeniin qophaa’urraa of eegaa akka isaan seeratti dhiyaataniif qoodasaa bahachuu qaba malee haaluma kamiinuu golgaa ta’uu hinqabu.

 

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *