Babal’achuun paarkiiwwan indastirii guddina dinagdee si’eessa

Finfinnee: Biyya tokkoof nama barate heddumminaan qabaachuun carraa ta’us hojiitti hinbobbaane taanaan ammoo kasaaraa olaanaa akka hordofsiisuudha ogeessonni dinagdee kan dubbatan. Inumaayyuu rakkoo nageenyaa ta’uun dinagdeen biyyaa boodatti akka harkifatu taasisa jedhu.

Kanarraa ka’uunis biyyoonni hedduun karoora bal’aa qopheeffatanii humna nama baratee hojiitti bobbaasuuf yommuu yaalan mul’ata. Kunis ifaajjii mootummaa qofaan kan hiikamu waan hintaaneef qaamolee addaddaa hirmaachisuun hojjetu.

Akka Itoophiyaatti yoo fudhannes intarpiraayizoota maaykiroofi xixiqqaatiin gurmeessuun carraa uumuurraa eegalee hanga pirojektota guguddoo ijaaruun irratti hirmaachisuuf hojii bal’aan gaggeeffamaa jira. Keessumaa paarkiiwwan indastirii babal’isuun rakkoo hojii dhabdummaa furuuf sochii jajjabeessaan eegalameera.

Haaluma kanaan naannolee biyyattii adda addaatti paarkiiwwan indastirii ijaaramuun hojiitti kan seenan yoo ta’u, paarkiiwwan indastirii Maqalee, Kombolchaa, Hawaasaafi Adaamaa akka fakkeenyaatti eeramu. Dhiheenyatti ammoo paarkiiwwan indastirii Dirree Dawaa, Bahaar Daar, Boolee Lammii, Jimmaa, Dabra Birhaanfaa gara hojiitti seenu jedhamanii eeramu.

Durataa’aan Boordii Korporeeshinii Paarkii Indastiriyaalii Itoophiyaa Doktar Arkaba Uqubaayi ibsa tibbana Tajaajila Oduu ‘Zyinuwaa’f kennaniin, Itoophiyaan ALA hanga Waxabajjii bara 2018tti paarkota 15 ijaaruuf kan karoorfatte yoo ta’u, hanga yoonaatti torba xumuramanii hojii eegaluusaaniifi dhiheenyatti ammoo ja’a hojii akka eegalaniidha kan eeran.

Karoorri biyyattii paarkota indastirii kunneen damee manufakchariingiitiif %20 gumaacha taasisuun dhuma KGT lammaffaatti damicha %50 guddisuu ta’uus ni eeru.

Daariktarri korporeeshinichaa Aadde Lalisee Namee ammoo ibsa ‘FBC’if kennaniin, paarkonni indastirii ji’a sadii booda hojii eegalan dargaggoota ogummaa garagaraa qaban baay’eef carraa hojii kan uuman ta’uu dubbatan.

Paarkonni baay’een bu’aa huccuu giddugaleessa kan godhatan ta’uufi meeshaa dheedhiin qonnaan bulaa irraa kan dhiyaatan ta’uus ni himu. Sheedota paarkii indastirii keessatti ijaaraman irratti abbootiin qabeenyaa biyya keessaa akka hirmaatan eeranii, Itoophiyaan bara 2025 biyyoota galii giddugaleessaa argatan cinaa hiriiruuf hojjechaa kan jirtu ta’uu akkasumas, paarkiwwan indastirii 30 qabaachuuf karoorfamuusaa addeessu. Kunis qooda dinagdee dhibbantaa shanii hanga 20 akka qabatu eeru.

Babal’achuun paarkiiwwan indastirii biyyattiif bu’aa akkamii akka qabu kan Gaazexaa Bariisaaf ibsan ammoo, ogeessa dingadee kan ta’an Doktar Guutuu Teessooti. Akkasaan jedhanitti, ijaaramuun paarkiiwwan kanneenii nama dhuunfaa, dhaabbilee daldaltootaafi biyyaaf faayidaa olaanaa qaba.

Akka dhuunfaatti, carraa hojii bal’aa uumuurra darbee qonnaan bulaa naannawa sana jiruuf gabaa dhihoo uuma kan jedhan ogeessi kun, kana jechuun qonnaan bulaan omishasaa gabaa geessuuf fagoo akka hindeemne gargaara jechuudha jedhu. Kana malees sababa gabaa dhabuutiin omishni isaa manatti jalaa hinahafu jedhu.

Akkasumas lafa itti carraan hojii uumamu ta’uusaatiin faayidaa qabaachuusaa kan himan Doktar Guutuun, kanas karaa lamaan ibsu. Inni duraa namoota achii keessatti mindeeffaman yoo ta’an, kanneen biroo ammoo naannawa ijaarsa paarkichaatti kanneen hojii daldalaafi tajaajilaa hojjetan ta’uu dubbatu. Akka fakkeenyaattis, mana nyaataa, buna, kophee haxaa’uu, mana jireenyaa kireessuufi kkf kaasu.

Akka dhaabbilee daldalaatti ammoo, hirmaannaan dhaabbilee dhuunfaa waan babal’atuuf abbootii qabeenyaa hedduu horachuun akka danda’amu kan himan Doktar Guutuun, gama abbootii qabeenyaa hirmaachisuun sochiin jiru gadaanaa ta’uu himu. Itoophiyaatti hojiilleen invastimantii, ijaarasawwan pirojektii garagaraafi hojiileen misoomaa harka mootummaa kan jiran ta’uusaaniitiin guddinni dinagdee ariifachuu hindandeenye jedhu.

Babal’achuun paarkiiwwan indastirii faayidaan akka biyyaatti qabu yommuu ilaalamu ammoo, ce’umsa dinagdee dhugoomsuuf shoora olaanaa qabaachuusaati. Akka haala qabatamaa biyyattiitti qonniifi kenninsi tajaajilaa bal’inaan kan adeemsifaman yoo ta’u, dameen manufakchariingii garuu guddina barbaadamu hinfidne. Kunimmoo guddina dinagdee waan quucarsuuf kana jijjiiruuf paarkiiwwan babal’isuun furmaata ta’uu eeru.

Kana malees bu’uuraaleen misoomaa daran akka babal’ataniif carraa uuma. Bakkeewwan paarkiiwwan indastirii ijaaramanitti bu’uuraaleen misoomaa kanneen akka ibsaa, bishaaniifi daandii guutamuun dirqama. Kunimmoo invastaroota biyya keessaafi alaa hawachuuf qooda guddaa qabaachuu kaasu.

Keessumaa invastaroonni alaa sharafa qofa osoo hintaane teknolojii, hidhata gabaa addunyaafi dandeettiiwwan adda addaas fidanii waan dhufaniif faayidaansaa akka laayyootti kan ilaalamu akka hintaane addeessu.

Akka ibsa Doktar Guutuutti, biyyoonni akka Chaayinaafi Taayilaandi paarkiiwwan indastirii babal’isuun faayidaalee eeraman kanneen argataniiru. Itoophiyaanis haalli taa’umsa ishee biyyoota Awurooppaafis ta’ee Eeshiyaaf mijattuu ta’uusheetiin, qabeenya uumamaatiin kan badhaateefi giddugaleessa biyyoota Afrikaa ta’uunshee carraa gaariidha. Sirnoonni darban garuu biyyattiin faayidaa barbaadamu akka hinarganne taasisaniiru jedhu.

Fuuldurattis, paarkiiwwan indastirii kanneen sheedii isaanii dhaabuu qofa osoo hintaane guutummaatti hojiitti seensisuuf yoo ifaajame, rakkoolee bulchiinsa gaarii mul’atan hiikuuf yoo tattaafatame, akkasumas, walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf yoo carraaqame bu’aan yaadame argamuu akka danda’us eeru.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *