“Tokkummaa Itoophiyaa Heddumminaan Miidhage”

Finfinnee: Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 13n boru mataduree “Tokkummaa biyyaalessaa heddumminaan miidhage” jedhuun qophiilee adda addaatiin Finfinneetti kabajama.

Guyyicha ilaalchisuun Manni Marii Federeeshiniifi Caffeen Oromiyaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, ayyaanicha haala kan kanaan duraarraa adda ta’een kabajamaa jira.

Mana Maree Federeeshiniitti Barreessituun Koree Dhaabbii Dhimmoota Tokkummaa Dimokraasummaafi Barnoota Heeraa Aadde Firewayinii Gabragzaaber ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, saboonni, sablammonniifi ummatoonni biyyattii aadaa ofii qofa osoo hintaane kan saba biroo mul’isuun qaama ayyaanichaa ta’uu eeraniiru.

Ayyaanni sabootaa baranaa wantoota hedduun isa darberraa adda ta’uufi dhimmoota garaa garummaa sabootaa ibsan caalaa kanneen tokkummaasaanii cimsanirratti xiyyeeffatamee kabajamaa jiraachuus ni dubbatu.

Tanaan dura sabootni hundi aadaasaanii qofa agarsiifachaa turuusaaniitiin walitti dhufeenyiifi tokkummaan sabootaa haala barbaadameen kan hinmirkanoofne ta’uufi inni baranaa  garuu walshakkiifi gadoon saboota gidduutti uumame akka fala argatuuf  sabootni aadaasaaniitii maddiitti kan saboota biroos akka agarsiisan taasifameera.

Dhiheenya kana saboota waggoota dheeraadhaaf waliin jiraataa turan gidduutti walshakkiifi walitti bu’iinsa uumamaa ture ittisuun ajandaa ijoo guyyaa sabootaafi sablammoota baranaa ta’uu kan himan barreessittiin, sagantaaleen ayyaanicha ilaalchisuun adeemsifaman hundi dhimma kana giddugaleeffachuun raawwatamaa jiraachuu eeru.

Waltajjiiwwan araaraa iddoowwan walshakkiin uumamee ture hundatti taasifamaa jiraachuusaafi kanaanis naannolee gara bahaatti argamaniif Magaalaa Dirre Dhawaatti, naannolee gara lixaatti argamaniif immoo Asoosaatti waltajjiin araara ummattootaa gaggeeffamuu addeessu.

Ayyaanichaan boodas sochiin araaraafi jaalala ummattoota gidduutti mirkaneessuu cimee kan ittifufu ta’uufi haaluma kanaanis gara kabaatiin naannolee Amaaraafi Tigraay gidduutti, gara kibbaatiin immoo Oromiyaafi naannoo kibbaa gidduutti shakkii jiru dhabamsiisuuf waltajjiiwwan araaraafi nageenyaa kan gaggeeffaman ta’uu dubbatu.

Yeroo ammaa ayyaanichaaf haalotni hundi xumuramuusaaniifi keessummoota ayyaanichaaf gara Finfinnee dhufan simatamuusaanii beeksisaniru.

Ayyaanicha yeroo 13faf qophaa’u kanarratti sabootaafi sablammoonni 76 ta’an agarsiisa aadaa ni taasisu jedhamee eegama.

Gama biraatiin ayyaanichaaf  godinaalee Oromiyaa hunda irraa namoonni 110 filatamanii aadaa uffannaa, sirbaafi ragadaa  ummata Oromoo guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattootaa bor kabajamurratti agarsiisuuf qophaa’uusaanii Caffeen Oromiyaa beeksise.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa, Aadde Loomii Badhoo ayyaanichaa ilaalchisuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, hojiin  duudhaa, aadaafi seenaa sabichaa beeksisuufi guddisuu kun waggaatti yeroo tokko qofa agarsiifamu utuu hintaane itti fufiinsaan  raawwatamuu  qaba.

 

Finfinneen handhuura Oromiyaa waan taateef bulchiinsa magaalattii waliin ta’uun keessummoota ayyaanicharratti hirmaachuuf dhufan haala gaariidhaan simatamaniiru..

Ummatni hundis qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya naannawasaa eeggachuu akka qabuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Gazeexaa Bariisaa

Bayyanaa Ibraahimiifi Natsaannat Taaddasaa

Recommended For You

One Comment to ““Tokkummaa Itoophiyaa Heddumminaan Miidhage””

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *