Nageenya Oromiyaa waloon eegsisuun hojii dursuu qabuudha

Finfinnee: Nageenyi Oromiyaa boora’uun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyyattii ta’uu hubachuun jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo kaleessa Giddugala Aadaa Oromootti bal’inaan mari’ataniiru.

Pirofesar Hizqeel Gabbisaa, “Ce’umsa gara dimokraasiitti taasifamaa jiru keessatti gufuuwwan mudachaa jiraniifi furmaatasaa” jedhuun yaada ka’umsaa dhiyeessaniiru. Haala kanaan, mootummaan yeroo gabaabduu keessatti dirree siyaasaa bal’isuuf tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa jiraachuufi injifannoo gaariis galmeessisuu eeran.

Haa ta’u malee qaamoleen badii injifannoowwan argaman duubatti deebisuuf tattaafachaa jiran naannawawwan biyyattii tokko tokkotti okkora uumaa akka jiran eeraniiru. Kanarraa ka’uun keessumaa Oromoon naannawawwan daangaarratti badii tokko malee ajjeefamaafi qe’eesaarraa buqqa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoo kana furuuf ammoo keessumaa jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo gamaafi gamana dhaabatanii quba walitti qabanii waldhaadhessuurra dhimma nageenyaafi dantaa ummata Oromoorratti waloon hojjechuun dirqama ta’uu himaniiru. Hundarra ammoo qaamoleen naannoo Oromiyaa dirree waraanaa gochuun dantaa siyaasaa argachuuf tattaafachaa jiran hedduu waan ta’aniif, aadaa siyaasa boodatti hafaa keessaa baanee tumsaan hojjechuu qabnaa jedhan.

Wayita kanatti jaarmiyaaleen siyaasaa marti hammeenya waliirratti hojjechuurraa ofqusatanii nageenyaafi dantaa sabichaarratti waloon hojjechuun filmaata keessa galuu akka hinqabne hubachiisan. Ummatni Oromoo martis ce’umsi kun akka hingufanneef qoodasaa bahachuu akka qabu dubbataniiru.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi dura taa’aa ittaanaan ODP, Obbo Lammaa Magarsaa gamasaaniin akka jedhanitti, biyya kana keessatti aadaa siyaasaa boodatti hafaa bu’uurarraa jijjiiruuf hoggantootni jijjiiramaa, qeerroofi qarreen, hayyootniifi ummatni Oromoo qabsoo hadhaawaa godhaniiru. Kunimmoo injifannoo boonsaa akka gonfannu nu taasiseera. Qaamoleen duubatti nu deebisuuf halkaniifi guyyaa hojjetan ammoo nageenya Oromiyaa booressaa jiru.

Yeroo ce’umsaa kana keessatti qormaatotni ulfaatoon qunnamaa waan jiraniif mootummaan qofaasaa hiikuu akka hindandeenye ibsanii, keesumaa jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo waldanquurra waliin hojjechuun furmaataa jedhaniiru. Akka ce’umsi siyaasaa kun milkaa’uufi gufatu gochuun harka hundaarra waan jiruuf hojii har’a bilchinaan hojjetamuu qabu waloon hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisan.

Abbootiin Gadaafi amantiis dhimma nageenya Oromiyaarratti mootummaafi jaarmiyaaleen siyaasaa walitti dhiyeenyaan akka hojjetan gorsaniiru. Lammiileenis nageenyaaf dursa kennuu akka qaban yaadachiisanii, hundarra kadhannaadhaan qoodasaanii kan bahatan ta’uu ibsaniiru.

Hoggantootni jaarmiyaalee siyaasaa Oromoos yaadolee dhiyaatan hundaarratti yaada kan kennan yoo ta’u, dhimma nageenyaafi dantaa ummata Oromoorratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru. Fiixa bahumsa kanaafis ittifufiinsaan waltajjiin marii akka qophaa’u gaafataniiru.

Oromiyaa keessatti nageenya buusuun hojii mootummaa qofarratti gatamu osoo hintaane jaarmiyaaleen siyaasaas dirqama qabaachuusaanii eeraniiru. Kanaan boodas hireen ce’umsa kana keessatti qaban gargar faffaca’uu ykn qoqqoodamuurra tokkoomuun furmaata waaraa ta’uun ibsameera.

Gaazeexaa Bariisaa

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *