Nageenya mirkaneessuurratti ummanni mootummaa cinaa hiriiruu qaba

Finfinnee: Buqqa’uufi ajjeefamuu lammiilee Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuz jiraatan balaaleffachuun torban kana kutaalee Oromiyaa tokko tokko hiriirri ba’ameera. Kaayyoon hiriirichaas namoota yakka kana raawwatanirratti mootummaan tarkaanfii hatattamaa akka fudhatu gaafachuufi.

Hiriironni adeemsifaman kunneenis harki caalaansaanii karaa nagaa qabuun kan adeemsifaman yoo ta’u, hiriira barattoonni Yunvarsiitii Wallaggaa adeemsisaniin garuu yaalii daandii cufuuf taasifameen namoonni 14 miidhamuusaanii OBN gabaaseera.

Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Dheeressaa Tarrafaa, guyyoota muraasa dura hiriirri walfakkaatu karaa nagaan gaggeefamuu eeranii, waliitti bu’iinsa Naqamteetti qaamolee nageenyaafi warra hiriira bahan gidduutti mudateef sababni karaa cufuu ta’uu ibsaniiru.

Walitti bu’iinsa daangaa Naannoo Beenishaangul Gumuzitti mudateef warri balaa dhaqqabsiisan seeraaf dhiheeffamaa jiraachuufi hawaasni miidhaa balaaleffachuuf miidhaa biraaf saaxilamuu akka hinqabnes dhaamaniiru.

Haaluma kanaan jeequmsa Naannoo Beenishaangul Gumuziifi Oromiyaa lixaatti uumameen walqabatee hoggantoota olaanoofi giddugaleessaa shakkaman shan to’annaa jala ooluu Poolisiin Fedeeraalaa beeksiseera.

Hoggantoota to’annaa jala oolan keessaa Hogganaa Ittaanaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Naannoo Beenishaangul Gumuz akkasumas, Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Asoosaa duraanii kan eerman ta’uu ‘EBC’n gabaaseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas gaaffii ummanni gaafatu rakkoon mudate hatattamaan haa furamu kan jedhu waan ta’eef rakkoo akka hinuumne eeree, garuu dubbiin ijoo yeroo ammaa iddoowwan daangaa qarqaraatti maaliif rakkoon nu mudachuu danda’e kan jedhu sirriitti xinxaluu akka barbaachisu hubachiisa.

Rakkoon nageenyaa uumamaa jiru humnoonni kaleessa haalota adda addaatiin sarbiinsa mirga namummaa ummatarraan ga’aa turaniifi qabeenya ummataa qisaasaa turan har’a bakka jiranii adamsamanii seeratti dhiyaachaa jiraachuusaaniitiin walqabatee kan miliquu barbaadu karaa danda’ameen biyyattii nagaa dhorkuun tattaaffichi boodatti akka deebi’uuf wixxirfachaa jiraachuu ibsa.

Bu’uruma kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoon nageenyaa kun karaa waaraa ta’een furmaata akka argatuuf madda rakkichaarratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu beeksisa.

Kanaafuu, ummanni dhimmicha hubatee sochii taasisu kamuu keessatti tattaaffii mootummaan rakkicha hiikuuf taasisaa jiru cinaa akka dhaabbatu waamicha dabarsa.

Qindeessituun Saamraawiit Girmaa

Recommended For You

One Comment to “Nageenya mirkaneessuurratti ummanni mootummaa cinaa hiriiruu qaba”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *