Guyyaa sabootaafi sablammootaa 13fa godinaaleetti

Finfinnee: Guyyaa sabootaafi sabalammootaa 13fa bor kabajamaa jiruuf gareewwan agarsiisa aadaa godinaalee Oromiyaas guyyicha hawwiidhaan eegaa akka jiru.

Aadde Zabiibaa Burushaa Godina Jimmaatti Ittaantuu Afyaa’ii Mana Maree Aanaa Qarsaati. Waltajjii marii nageenyaa dubartoota afyaa’otaa tibbana Finfinneetti adeemsifamerratti uffannaa aadaa Jimmaatiin faayamaniitu kan hirmaatan.

Nutis ayyaana sabootaa aanaasaanii ilaalchisuun gaafdeebii addatti taasifneefiin akka jedhanitti, aanaasaanitti guyyichi waggaa waggaadhaan bifa ho’aa ta’een ni kabajama. Kan baranaa garuu adda kan taasisu wayita jijjiiramni bulchiinsaa dhufee biyyattiin dimokraasii dhandhamaa jirtutti akkasumas, wayita dubartoonni sadarkaa olaanaarraa kaasee aangoo ciccimaa itti argatan ta’uusaatiin isa durii caalaatti miidhaginaan kabajaa jirra jedhan.

Aanaa Qarsaa keessa saboonniifi sablammoonni garagaraa jiraachaa kan jiran ta’uu eeranii, isaanis ofitti qabuudhaan karaa nagaa ta’een akka kabajamus ni ibsu.

Hirmaattuun marichaa kan biroo Aadde Asteer Abinnatis Godina Harargee Lixaatti afyaa’ii ittaantuu Aanaa Daaroo Labuuti. Isaanis uffannaa aadaa Harargeetiin faayamaniiru. Guyyaa sabootaafi sabalammoota aanicha keessa jiran hirmaachiisuun akkuma kanaan duraa haala ho’aan kabajuuf kabajamaa jedhu.

Guyyichi kan aadaa ofii ittiin mul’ifatan qofa osoo hintaane saboota garagaraa wajjiin kan jaalalaafi tokkummaa ittiin cimsatan waan ta’eef, hiika guddaa qabaachuu eeraniiru. Kunimmoo cimee itti fufuudhaan dhalootatti illee darbuu akka qabu dhaamu.

Gaazeexaa Bariisaa

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *