Garee aadaa Oromiyaafi ayyaana sabootaa

Adaamaa: Gareen aadaa Oromiyaa godinaalee aadaa 10tti qoodamuun guyyaa sabootaa boru kanajamuuf qophii gahaa gochuusaa ibse.

Qindeessaan Koreen Agarsiisa Aadaa Oromiyaa, Obbo Diimaa Abarraa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, guyyaan sabootaafi sablammootaa waggoota 12 darbaniif naannolee adda addaatti kabajamaa barana yeroo 13faf mataduree, “Tokkummaa Itoophiyaa Heddumminaan Miidhage” jedhuun handhuura Oromiyaa, Finfinneetti boru kabajama.

Guyyaan kun guyyaa walqixxummaan aadaa, afaan, duudhaafi amantii sabootaa, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa itti mirkanaa’e waan ta’eef, gareen Oromiyaa bakka bu’uun eenyummaa Oromoo kaawwaniif ibsu ykn beeksisu qophiirratti argamaa jedhaniiru. Gareen agarsiisa aadaa kun Sadaasa 17 bara 2011 irraa eegalee Adaamaatti shaakalaa turuusaas ibsaniiru.

Guyyaan sabootaa waggaa waggaatti Sadaasa 29 sadarkaa biyyaalessaatti kan kabajamu yoo ta’u, eenyummaa sabootaafi sablammoota biyyattii walbarsiisuu, walitti fiduufi nagaan akka waliin jiraatan gochuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Keessumaa ayyaanichi Oromoo kaaba, kibba, bahaafi lixa jiru walitti fiduun tokkoomsuu keessatti gahee olaanaa taphateera kan jedhan Obba Diimaan, garaagarummaa ilaalchaa, aadaa, loqoda afaaniifi kanneen biroo mul’achaa turan hir’isuusaa beeksisaniiru.

Barana handhuura Oromiyaatti kabajamuunsaa ammoo ummata Oromoof hiika guddaa jedhanii, sabootniifi sablammootni wayita gara Finfinneetti dhufan aadaan, duudhaan, safuufi haalli jiruufi jireenya Oromoo maal akka fakkaatu kan hubachiisu ta’uus dubbataniiru.

Kunimmoo ijaarsaafi tokkummaa biyyattiif Oromoon hundee ta’uunsaa caalaatti akka beekamu kan taasisuudha jedhaniiru.

Sadaasa 24 irraa eegalee gareen sabootaafi keessummootaa naannolee hundarraa Finfinnee kan seene yoo ta’u, karrawwan shananiinuu koreen keessummeessituu akka aadaa Oromootti simannaa ho’aa taasisuu eeraniiru.

Guyyaan sabootaa walitti fufiinsaan kabajamuunsaa bulchiinsa sirna federaalizimii cimsuurra darbee nageenya biyyattiif wabii ta’uus dubbataniiru. Kanaaf milkaa’ina kabaja guyyichaaf hundee tumsuu akka qabus waamicha dabarsaniiru.

Gaazeexaa Bariisaa

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *