Sharafni alergii bunaa akkaataa karoorfameen milkaa’aa hinjiru jedhame

Finfinnee: Sharafni alergii bunarraa argamu akkaataa karoorfameen milkaa’aa akka hinjirre Waldaan Alergii Buna Itoophiyaa ibse.

Pirezidaantiin waldichaa Obbo Huseen Agraawu kaleessa qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin marii magaalaa Finfinnee adeemsifamerratti akka ibsanitti, sharafni alergii bunaa  bara 2011 kan kurmaana 1fa irraa eegamaa ture karooraa gadi. Kunis rakkoo qulqullinaan walqabatee uumameedha jedhan.

Bunni biyyoota biraa gara alaatti wayita ergamu qulqullinnisaa si’a saddeet sakatta’ama kan jedhan Obbo Huseen, kan Itoophiyaa garuu waan xiyyeeffannaa hinarganneef akkaataa karoorfameen akka hinmilkoofne eeru.

Sharafni alergii bunaa biyyattiitti harkifachuunsaa hanqina doolaaraa dhaqqabsiisaa turuusaas himanii, rakkoon qulqullina bunaa furmaata akka argatuuf ciminaan hojjetamaa jira jedhan.

Bunni sadarakaa 1fa dhiqame waggoota lamaaf mankuusa keessatti tajaajilaa ala ta’aa jiraachuus ibsanii, kunis dinagdee biyyaarratti dhiibbaa guddaa geessisaa jedhaniiru. Hudhaa gama kanaan jiru furuufis bunni sadarkeeffamee osoo sharafa alaatiif hindhiyaatiin samudnisaa fudhatamee akka sakatta’amuu qabu kallattiin kaa’amuu pirezidaantichi beeksisaniiru.

Sumudni bunaa dursa ilaalamuun rakkoo qulqullina wajjin walqabatee dhufu maqsuu akka danda’u waan hubatameef gamanumaa  hojiitti akka seenamu ta’eera jedhu.

Bunni sadarkaa tokkoffaa waggoota lamaaf mankuusa keessa ture tajaajilaan ala akka hintaaneef akaahamee gabaaf akka dhiyaatuuf ciminaan hojjetamaa jiraachuu dubbatanii, kana milkeessuufis tumsi qaamolee maraa murteessaadha jedhan.

Bara bajataa 2011 kurmaana 1fa keessa sharafa alergii bunaarraa doolaara miliyoona 247.44 argamsiisuuf karoorfame keessaa doolaarri milyoona 204 qofti akka argame kan himan ammoo Daarektara Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa, Obbo Addunyaa Dabalaati.

Rakkoon kun qulqullina wajjin walqabatus hudhaaleen kanneen akka daldala seeraan alaafi rakkooleen imaammata waliin walqabatan jiraachuusaanii dubbataniiru. Hanqinoota kanneen furuufis yeroon kennamuu akka hinqabne himaniiru.

Godinaalee Oromiyaa shan bunni alatti akka ergamu kan hinbeekneefi qooda kan hinfudhanne ta’uu kan ibsan Obbo Addunyaan, kanneen keessaa Horroo Guduruu Wallaggaafi Shawaa Kaabaa eeraniiru.

Bunni bakkeewwan kanneenitti omishamu sadarkaasaa kan eeggate ta’ullee xiyyeeffannoo dhabuusaatiin biyyuma keessatti gatii gadi aanaan gurguramaa turuusaa himaniiru. Kunis yoo xiyyeeffannoo argachuu baate gatiin bunaa Itoophiyaa yeroodhaa yerootti gadi akka bu’u taasisaa jedhaniiru.

Bariisaa sadaasa 21/2011

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

One Comment to “Sharafni alergii bunaa akkaataa karoorfameen milkaa’aa hinjiru jedhame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *