Magaalaa qalqalloo dureessa tokkoo guutuuf dheebottu: Baatuu

Boo’icha xumura dhabee yeroo hunda imimmaan ummataa dhugu, madaan inni duraa osoo hinqooriin madaa irratti madaa biraa dabalu, boo’icha addaan hincitne boosisuun magaalaa Baatuutti ni mul’ata.

Faayidaa ummataa kumaatamaan laakka’amuu irra tarkaanfatanii kan abbaa qabeenyaa tokkichaaf balaa dhaloota har’aa qofa boosise xumuramu osoo hintaane, isa dhaloota egerees boo’ichaan simatuuf ummata saaxilan.

Hara ummanni ofiifis dhugaa loon ofiitis obaafatee bobbaafachaa turetu har’a lagatamaa jira, lubbu qabeeyyiin bishaanicha keessa turanis ammaan kana yeroo yeroon du’anii bishaan gubbatti bahaa jiru.

Dubartiin dhala dhabdee, ishiin ulfaa’uuf carraa argatte immoo waan dhala namaa hinfakkaanne da’uudhaaf dirqamte. Nama qaama guutuun hojiidhaaf achi galetu harkaafi miilli muramee beenyaa gahaa osoo hinargatin manatti deebi’e.

Keemikaalli jarri fayyadamu fuula hojjattootaa gubee namummaa keessaa baasuudhaan rakkoo hiyyummaa irratti rakkoo qaama miidhamummaa dabaleefi.

Invastimantii jiruufi jireenya ummata naannichaa miidhaa kiisa abbaa qabeenyaa tokko qofaa guutu kana ummatichi mormaa turus hanga har’aatti qaama isaaf awwaatu dhabuu jiraataan naannichaafi hojjetaa dhaabbatichaa kan turan Obbo Amaanoo Burqaa ni dubbatu.

Yeroo jalqabaa sana ummatichi faayidaa gama carraa hojii uumuutiin jiru qofaa ilaaluudhaan gammachuun kan simate ta’uusaafii dhawata dhawataan garuu Haroo Danbal faaluu bira darbee hojjettooni achitti carraa hojii argatanis dhibeewwan keemikaala warshichaatiif saaxilamuu kan eegalan ta’uu ibsu.

Komii ummanni yeroo hunda kaasuuf immoo deebiin bulchiinsa naannoo sanas ni ilaallaafi ni qorannaa qofa ta’e hafuu kan himan Obbo Amaanoon, yeroo ammaa kanatti jijjiiramni gama siyaasaatiin dhufaa jiru kun dhimma kanas ni fura jedhanii kan abdatan ta’uu eeru.

Erga dhaabbanni abaaboo Sheer jedhamu kun naannawa sanatti ijaaramee immoo nama qofaa osoo hintaane lubbu qabeenyiifi sirnaakkoon naannichaas faalameera.

Ummanni naannawa sanaa osoo bishaaniin marfamee jiru sababa dhaabbata kanaatiif bishaan dheebochuun immoo qaanii guddaa waan ta’eef dhimmichi furmaata hatattamaa kan barbaadu ta’uufi yoo hintaane garuu ummanni naannichaa dhaabbata kana achii ari’uudhaaf karaa hundaan kan falmatu ta’uu ibsu.

Dhimmoonni kanneen akka dhaabbata Abaaboo Sheer, rakkoo bishaan dhugaatii, hojii dhabdumaafi lafa invastimantiifi qulqullina bu’uraalee misoomaa rakkoo bulchiinsa gaarii ummata dararaa turan ta’uu kan himan immoo dargaggoo Heregoo Odaa, rakkoon bishaan dhugaatiifi miidhaan dhaabbanni Sheer kun ummata naannawa sanaa irraan ga’aa jiru immoo rakkoolee hangafaa ummanni xiiqiidhaan kaasaa jiru ta’uu dubbatu.

Dhimmoota ummanni waggoota hedduuf kaasaa ture kanneen furuuf immoo qaamota mootummaa sadarkaan jiran hundatti yeroo hedduu iyyatanis hanga har’aatti deebii dhabuusaaniifi kana booda ummanni tarkaanfii barbaachisu hunda fudhachuuf qophaa’aa ta’uu ibsu.

Ce’umsiifi jijjiiramni akka biyyaatti yeroo ammaa dhufaa jiru kun gara naannawa sanaatti qaqqabuu akka qabuufi rakkoofi komiin ummataa waggoota hedduuf ture hangas mara ulfaataa ta’ee osoo hintaane, kutannoo gama bulchiinsaatiin ture dadhabaa ta’uusaa irraa kan maddedha.

Ce’umsi yeroo ammaa rakkoolee ummanni magaalattii yeroo dheeraadhaaf kaasaa ture kana yeroo gabaabaa keessatti furuudhaan dheebuu ummataa akka baasu abdii qabaachuusaan ni hima.

Jalqabumarraa kaasee dhalattoonni naannoo sanaa warshicha keessatti akka hinqacaramne taasifamaa turuu kan himu dargaggoon kun, innis iccitiin ykn miidhaan gama sanaan ummataafi naanawa sanarratti qaqqabu akka dhokatuuf yaadamee akka tures ni ibsa.

Keemikaalli warshichaa bishaan Haroo Danbal faaluusaatiinis ummanni yeroo ammaa magaalaa Bulbulaa jedhamurraa bishaan dhugaatii bitachuudhaaf dirqameera.

Miidhaan kun lubbu qabeeyyii naannawa Haroo Danbal ykn Ziwaay irraa kaasee hara Abijaataatti walitti hidhamiinsa bishaanii karaa laga Bulbulaatiin jiruun hawaasa qarqara haroowwan kanneenii jiru hunda miidhaa jira.

Walumaa galatti, nannoo jiidhaafi hawata turiizimiitiin beekamu sababa dhaabbata tokkoof dhabuun gaaffii seenaa jalaa nama hinbaasu. Hunda caalaa immoo, bishaan keessa jiraachaa sababa warshaan dureessa tokko  bishaan faaleef dheebochuun seenaa ta’uu qaba.

Invastimantii ummata boosisaa galiisaa qofaaf hojjatu ummatarraa kaasuun immoo ga’ee olaanaa humnoota jijjiirama haaraa kanneen irraa eeggamuudha.

Keemikaalli warshichaa Haroo Danbal faaluudhaan ummata dararaa jira

Bariisaa sadaasa 12/2011

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *