Barsiisota buqqa’aniif xiyyeeffannoon kennamaa hinjiru

Finfinnee: Sababa walitti bu’iinsaan barsiisotni naannoo Somaalee, Beenishaangul Gumuziifi Ummattoota Kibbaarraa buqqa’uun isaanii yeroo addaddaa ibsamaa tureera.

Pirezidaantiin Waldaa Barsiisota Itoophiyaa, Obbo Yohaannis Bantii ibsa addatti Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf torbee darbe kennaniin akka jedhanitti, seenaa biyyattii keessatti lammiileen badii tokko malee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’aa turaniifi jiran hedduudha. Sababuma kanaan manneen barnootaa keessumaa baadiyyaatti gubachaa turaniiru. Barsiisotni hedduunis ari’atamaniiru; kanneen buqqa’aniifi ajjeefamanis ni jiru.

Naannoo Somaaleerraa barsiisotni 453, Beenishaangul Gumuzirraa 260, Ummattoota Kibbaarraa ammoo 70 buqqa’uun magaalaa Bahaar Daar, Naqamteefi Geedi’oo qubachuusaanii ibsanii, kanneen ajjeefamaniifi achi buuteen isaanii dhabames jiraachuus eeraniiru. Barsiisotni kunneen hawaasa buqqa’an waliin dararfamaa kan jiran ta’ullee deggarsi barbaachisaan taasifamaafii akka hinjirre dubbatu.

Akka ibsasaaniitti, barsiisotni buqqa’an kunneen iddoowwan addaddaatti ramaddii akka argataniif waldaansaanii xalayaa Ministeera Barnootaatiif barreessee deebii eeggachaa jira. Hangasitti garuu qaamoleen gara garaas hanga tokko deggarsa taasisaafii jiru. Waldaan Barsiisotaa Itoophiyaas kanaan dura deggarsa maallaqaa taasiseera. Kanaanis bara 2010 naannoo Oromiyaatiif qarshii kuma 70, Somaaleef kuma 30fi Ummattoota Kibbaatiif  kuma 20 kennuusaa himaniiru.

Kana waliin nageenya biyyattii mirkaneessuuf ji’oota dhufan konfiransiiwwan nageenyaa gaggeessuuf karoorri qabamuu Obbo Yohaannis ibsanii, dhimmi barsiisota buqqa’aniis nageenya biyyaa wajjin furmaata waaraa argata jedhu.

Gorsaa Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Qaadii Fatoo gamasaaniin, barsiisonni 440 buqqa’uusaaniifi rakkoo kanaan walqabatee jiru furuufis biiroonsaanii godinaalee adda addaatti ramaddii barsiisotaa geggeessuusaa eeru.

Barsiisota Jigjigaarraa buqqa’an qajeelfama Ministeera Barnootaarraa kennameen ramaduun akka hindanda’amne himanii, kunis, nageenya hoggansi haaraan naannichaa mirkaneesseen deebi’anii akka hojiisaanii ittifufaniif kallattiin kaa’amuusaa beeksisaniru.

Barsiisotni naannoo Beenishaangul Gumuz, keessumaa Godina Kaamaashiifi naannawasheerraa buqqa’an hedduu ta’uu himanii, hojiisaaniitti akka deebi’aniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Daa’imman Godina Kaamaashiifi aanaalee daangaarraa buqqa’an barnoota argachaa akka hinjirres himanii, hanga nageenyi mirkanaa’utti bakkuma qubatanitti haalli barnoota itti argatan mijachaa jira jedhaniiru.

Bariisaa sadaasa 21/2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

2 Comments to “Barsiisota buqqa’aniif xiyyeeffannoon kennamaa hinjiru”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *