Qaroomina Kuush deebisuuf gahee labata har’aa

Bara teknolojiin daran hinfagaaanne keessa dandeettii uumamaan argatetti fayyadamuun kalaqaaleen hortee Kushiin lafa qabatan addunyaa addunyaa har’a keessa jiraannu kanaaf gaaffii guddaa ta’uunsaa hin oolu.

Ijaarsaaleen, siidaawwaniifi bobbocni meeshaalee garagaraa ogummaa harkaan hojjetaman kanneen teknoloojii ammayyaan deggaramanii hojjetaman ykn kalaqaman kan gachisiisudha. Ta’us, seenaafi qaroominni ummata Kush kaleessaa, har’a itti fufuu dhabuunsaa hanqina humna nama baratee jechuun kan danda’amu miti.

Qaroomina dur ture san itti fufsiisuuf ammoo dabareen kan dhaloota haaraa ta’uun ni beekama. Barataa Raajii Ashannaafii Godina Qellam Wallaggaa, Aanaa Gidaamiitti kan dhalate yoo ta’u, qaroomina ture deebisuuf  kanneen carraaqaa jiran  keessaa tokko ta’uu dubbata.

Maatiin  Raajii,  ijoollee sagal qaban  keessaa isa 8fa yoo ta’u, umriinsaa akkuma barnootaaf gaheen mana barumsaa sadarkaa 1fa Abdii Boriitti hordofeera. Barnootasaa sadarkaa 1fa marsaa duraa keessatti 1fa kan bahaa turee yemmuu ta’u, qorumsa biyyaalessaa kutaa 8fa qabxii avereejii 90fi parsantaayilii 99.1  fiduu danda’eera. Kanaanis carraa  Mana Barumsa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) aragtee kutaa 9fa hanga 12fatti hordofaa tureera.

Barataa Raajiin Qormaata biyyoolessaa kutaa  10fa wayita fudhatetti qabxii 4.00 fiduun maqaa waldichaa adda durummaan waamsisuu danda’eera.

Kutaa 9fa hanga 12fa wayita hordofaa turetti sadarkaa 1fa bahuun  kan xumure yoo ta’u, barataa tokkoon durfamuun qabxii akka biyyaatti takkaa galma’ee hinbeekne 647 fiduun sadarkaa 2fa qabachuu danda’eera.

Yeroo ammaattis qabxii olaanaa galmeessisuu isaatti Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknoloojii Adaamaa seenuun damee barnoota Fiiziksiitiin barumsasaa eegaleera.

Barataa Raajiin, rasaasa yeroon barbaaduufi guca qaroominaa ta’uun biqilaa kan jiru yoo ta’u, hanqinaaleen muummee barnootaa dhaabbilee barnoota olaanaa Itoophiyaa keessa jiran tattaaffii dhaloonni haaraa  taasisanitti gufuu  ta’uunsaa waan hinoolle ta’uu dubbata.

Kunis damee barnootaa murteessaa ta’an dhaabbilee barnoota olaanaa keessaa dhibuusaaniin fedhiin alatti kan biraa akka hordofan taasisaa jiraachuusaa akka komiitti kaasa.

Raajiin damee barnootaa  saayinsii hawaa (‘space science’) barachuuf karoorfatus fedhiinsaa dhiyeessii muummee barnootaa biyyattiin qabdu waliin walsimuu hindandeenye. Kunimmoo egeree biyyattiif rakkoo uumaa deemuunsaa waan hinoolleef, mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kennuu akka qabu mul’isa.

Raajiin biyya keessatti barnoota fedhiisaa guutu dhabus biyya ofii keessatti qaxalummaan barachuun hayyuulee fiiziksii kanneen akka Albarti Anistaayinfaa bakka bu’uun biyyasaa maqaa waamsisuuf, akkasumas qaroomina Kuush durii bakkatti deebisuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jira.

WMOn biyya  alaatti isa barsiisuuf carraaqqiin guddaa taasifamaa turus milkaa’uu hindandeenye. Sosochii WMOn gama kanaan taasisu kun carraa barnoota ammayyaa barataa  kanaaf arguun alatti rakkoon fayyaa isaa waliin walqabatee isa mudate hordoffii akka argatuuf kan aggaame ture. Raajiin dhibee sukkaaraan qabamee wal’aansa fayyaa fudhachaa kan jiru ta’ullee barnootasaatti cimee hordofaa jira.

Barataa ija ta’e kana yoo kunuunfatan bu’aa cululuqaa biyya boonsu galmeessisuu waan ta’eef, qaamni mootummaas ta’e mitmootummaa aantummaa dhaloota boru biyya ijaaruuf kaatu kanaf qabatamaan agarsiisuu mala.

Sodaa dhibee sukkaaraa kanaaf kaayyoo qabaterraa kan duubatti hinjenne ta’uu kan hime barataan kun, seenaa odeessuurra qabatamaatti seenaa hojjetee darbuuf dhaloota gahumsa hidhatee ka’eedha.

Walumaagalatti WMO barattoota qaxalee qaroomina Kuush durii deebisuuf gahumsa qaban horachaa kan jiru waan ta’eef, dhaloota akkanaa cimsuun gahee nama hundaa ta’uu qaba.

Bariisaa sadaasa14/2011

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

One Comment to “Qaroomina Kuush deebisuuf gahee labata har’aa”

  1. Pingback: auto swiper

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *