“Meeteekota xixiqqoo Oromiyaatti argaman seeratti dhiheessuun tarkaanfii ittaanu ta’a”

Konfiransii nageenyaa godinaalee Oromiyaa garagaraa hirmaachise torban kana keessa Jimmaafi Adaamaatti taa’ameera. Kaayyoonsaas haala yeroorratti ummata waliin mari’achuun kallattii gara fuulduraa kaa’uuf ta’uudha Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa kan odeeffanne.

Haaluma kanaan Dilbata darbe konfaransiin Nageenyaa Godinaalee Oromiyaa Lixaa hirmaachise magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera. Konfiransii kanarrattis kutaaleen hawaasaa godinaalee Wallaggaa afran, Buunoo Bedeelleefi Iluu Abbaa Booraarraa baba’an irratti hirmaataniiru.

Konfaransicharratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa argamuun haasaa taasisaniiru. Akka isaan jedhanitti, kallattii hojii tibba kanaa nageenya mirkaneessuu, tokkummaa Oromoo daran jabeessuufi ‘Meeteek’ xixiqqoo Oromiyaa keessa jiran seeratti dhiheessuu ta’a.

Haala amma jiruun namoota hawaasa miidhaa turan irratti tarkaanfii fudhachuufis ta’e tarkaanfii fudhachuuf wanti rakkisu akka hinjirre eeranii, akkuma sadarkaa federaalaatti eegalametti faayilasaanii qorachuun seeratti ni dhihaatu jedhu.

Kanaa booda yakkamaafi namni qulqulluun haalli itti walkeessa makamanii hojjetan dhabbachuu waan qabuuf hojiin seecca’uu kan hojjetamu ta’uufi keessumaa ‘Meeteek’ xixiqqaa Oromiyaa keessa maandheffatan seeratti dhiheessuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Keessumaa, caasaalee gadiitti kanaan dura hojii haaromsaa hojjetameen kanneen of qajeelchuu danda’aniif akka fooyya’aniif yeroon kennamuusaa yaadachiisanii, ta’us namoonni kunneen ammayyuu hanqina isaanii osoo hinfooyyessiin ittuu hojmaata badaa keessa seenanii waan jiraniif hala kana qajeelchuun hatattamaan akka itti adeemamus Obbo Lammaan  ni eeru.

Kanaa booda caasaa mootummaa haaraa yommuu mudamu ummatatti dhihaate beekamti yoo argate malee akka hinmuudamnes waltajjicharratti dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatuun Roobii darbe Konfaransiin Nageenyaa Oromiyaa bahaafi jiddugaleessaa hirmaachise Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffameera. Konfaransii kanarrattis Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa argamaniiru.

Kutaaleen hawaasaa garaa garaas konfaransicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, dhimma nageenyaa naannoo Oromiyaafi biyyaarratti gadi fageenyaan mari’ataniiru.

Obbo Lammaan haasaa waltajjirrachitti taasisaniinis, “Yoo dhaabbannee waliin mari’ataa hindeemne itti galli keenya milkaa’aa ta’uu hindanda’u” jedhan.

“Hoggansi amma jiru ummanni Oromoo biyya ijaaruu malee akka biyya hindiigne mirkaneesseera. Gufuu tarkaanfii hoggansa kana jalaa fudhuun ammoo gahee maanguddootaa, gahee abbootii Gadaa, gahee qeerroofi waliigala ummata Oromooti. Kana gochuuf ammoo boodatti hinjennu. Siyaasniifi qabsoon jarjara hinfeetu. Tasgabbii barbaachisa. Ammas yoo ta’ee qabsoo jalqabne kana bakkaan gahuuf tasgabboofnee waldhaggeeffachuu nu barbaachisa” jedhu.

“Qabsoon Oromoo aarsaa guddaa kaffalchiiseera. Qabsoo dabarsine keessatti kufaatii keenyaaf sababni numa mataa keenya. Hanqina keenyarraa barachuu danda’uu qabna. Kaleessa aarsaa daran qaalii ta’e kaffallee yeroo boqonnaa murteessaarra geenyetti waan keessa dabarre dagannee amala tokkummaa dhabuu kaleessa kufaatii keenyaaf sababa ta’etti deebi’uun sirrii miti” jechuun hubachiisaniiru.

Akka Obbo Lammaan jedhanitti, qeerroon kaleessa aarsaa qaamaa lubbuu yommuu kaffalee injifannoo argamsiiseera. Har’a garuu yeroo qabsoon ummata Oromoo boqonnaa murteessaarra gahetti maqaa qeerrootiin burjaajii uumamaa jiru walcabsuu kaleessaa sanaan adda bahee hin ilaalamu. Yeroo kanatti lagaan walqooduun walbittineessuuf deemuun qabsoofi dhiiga ilmaan Oromootiif ulfina dhabuudha.

Yeroo ammaa kana duulli Oromoorratti gaggeeffamaa jiru salphaa akka hintaane eeranii, yeroo kanatti ammoo waljaalachuufi tokkummaa qabaachuudhaan ala wal qoqqooduun saaxilamummaa keenya bal’isa; walii keenya qofa osoo hintaane ummattoota Itoophiyaa biroo waliinis nagaa qabaachuu qabna. Nuti nagaa ta’uuf nagummaa ollaawwan keenyaafis hojjechuu danda’uu qabna jedhu.

Qabsoo keenya kaleessaa injifannoorraa kan fageesse xawalwaallee diinaafi fira gidduu deemu ta’uufi har’as mallattoon akkasii mul’achaa waan jiruf kana of keessaa baasuuf tokkummaan hojjechuun murteessaadha jedhu.

Walumaagalatti jijjiirama amma argame boodatti akka hindeebineef hoggansa “Team Lemma” waliin akka hojjetan hirmaattonni marichaa dhugoomsaniiru.

Dhaabbata Pireesii Etoophiyaa

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *