“Itoophiyaa dhufuu kootti daran gammadeera” – Atileet Zarasannaay Taaddasaa ALA Amajjii 8 bara 1982 baadiyyaa Ertiraatti dhalate. Haadhaafi abbaasaatiif ilma hangafaati. Hanga umriinsaa barumsaaf gahutti naannawuma hiriyyootasaa wajjin dirree keessa burraaqaa guddate; Atileet Zarasannaay Taaddasaa. Umriisaa xobbeetti mana barumsaa kan gale Zarasannaay, daandii fagoo miilasaa duwwaa imalee barachaa ture. Wayita gara mana barumsaa dhaquufi deebi’u akka itti hinbarfanneef waan fiiguuf ka’umsisaa achirraa ta’uu dubbata. Zarasannaay wayita barnoota sadarkaa tokkoffaa baratu kubbaa miilaa taphachuudhaan beekama. Haata’u malee, barsiisaan isaa atileetii akka ta’u waan isa gorseef fuulasaa gara fiigichaatti garagalfate. Sana booddeedha dorgommiiwwan manneen barnootaa jidduutti waggaa waggaadhaan gaggeeffamanitti fiigicha meetira kuma tokkoofi 500, kuma sadiin, kuma shaniifi kuma 10n mo’achuufi yeroo gabaabaa keessattis beekamtii argachuu kan danda’e. Atileet Zarasannaay fiigichasaa itti fufuun Ertiraa bakka bu’ee dorgommiiwwan biyyoolessaarratti hirmaachuun yeroodhaa gara yerootti beekamummaansaa dabalaa dhufe. Waggoota 16n darbanitti dirreewwan atileetiksii biyyoolessaa, keessumaa olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa, dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaa, taphawwan Afrikaa guutuufi fiigicha walakkaa maaraatooniitti atileetota beekamoo addunyaa keessaa tokkoo ta’e. Atileet Zarasannaay ALA bara 2010 fiigicha walakkaa maaraatoonii Poorchugaal, magaalaa Liizbanitti adeemsifame daqiiqaa 58:23 raawwachuun waggoota saddeettan darbaniif rikardiin addunyaa harkasaatti argama. Ertiraan dirree olompikitti meedaaliyaa nahaasaa tokko qofa kan qabdu yoo ta’u, meedaaliyaan tunis kan argamte Olompikii Ateensi kan ALA bara 2004 adeemsifametti Zarasannaayiin ta’uun kan yaadatamuudha. Atileetichi erga dorgommii biyyoolessaarratti hirmaachuu jalqabe walumaagalatti meedaaliyaawwan 14 kan argate yoo ta’u, isaan keessaa warqii saddeet, meetiifi nahaasa sadii sadii mormatti dirateera. Zarasannaay dhiheenya kan fiigicha olaanaa Itoopiyaa yeroo 18faf magaalaa Finfinneetti adeemsifameerratti atileetii kabajaa ta’uudhaan wayita affeeramu akka ibseetti, wantoota jireenyasaa keessatti isa gammachiisan keessaa tokko Itoophiyaa dhufuudhaan biyya atileetota goototaa daaw’achuu akka ta’e ibsa. Atileetota Itoophiyaa beebbeekamoo keessumaa Hayilee Gabrasillaasee, Qananiisaa Baqqalaa, Silashii Sihiniifi Gabra Igizaabeer Gabramaariyaam yeroo baay’ee dirreewwan gurguddoo atileetiksiirratti akka wal beekan kan himu atileetiin kun, isaaniifis kabaja guddaa akka qabu ibsa. Dirreewwan irratti hirmaatanitti waan injifataniif atileetiis ta’e, leenjisaan isaan hinkabajne jira jechuun hindanda’amu kan jedhe Atileet Zarasannaay, Keeniyaanis akkuma Itoophiyaa atileetota beekamoo yoo qabaattes, Hayileefi Qananiisaan isaaf gootota atileetiksii ta’uu dubbata. Keessumaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa wajjin dorgommiiwwan hedduurratti wajjin fiiguusaanii yaadatee, yeroo heddu kan isa injifatu Qananiisaa ta’uu hima. “Seenaa dorgommii biyyoolessaa keessatti fiigicha kiiloo meetira 12 Keeniyaa, Mombaasaatti adeemsifamerratti Qananiisaa bira darbe yoon mo’adhu of hinamanne. Sababnisaas Qananiisaan dorgommii akkanaarratti meedaaliyaawwan 12 ol argachuudhaan mootii dorgommii kanaati” jedha. Akka Atileet Zarasannaayi jedhutti, atileetonni Itoophiyaa akka obboleessa isaanitti ilaalu. Keessumaa wayita dorgommiin xumuramu mormasaa hammatanii dhungatu. Hayileen daran isa gorsa. Leenjistoonni isaanii Doktar Walda Masqal Kostireefi Irreessaa Tolasaa Qottuun “jabaadhu” jechuun isa jajjabeessu. Kanaafis isaan galateeffata. Minstirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiifi Pirezdaanti Isaayyaas Afawarqii walitti dhufeenya biyyoota karaa nagaa furuusaaniitiin gammachuun daangaa hinqabne itti dhaga’amuusaafi guyyaa sanaa kaasee Itoophiyaa dhufuuf fedhiin olaanaa keessatti uumamuusaa addeessa. Fuulasaa gara maaraatooniitti garagalfachuun shaakala cimaa gochaa kan jiru atileetiin kun qilleensi Itoophiyaa waan namatti toluuf gara kana dhufuun shaakaluu akka yaadees ibseera. Barreessaan Federeeshinii Atileetiksii Ertiraa Obbo Taaddasaa Gabruu gamasaaniitiin akka jedhanitti, ummanni Ertiraafi Itoophiyaa sanyiifi dhiigaan kan walitti hidhamaniidha. Fiigicha olaanaa kanarrattis kan mul’atu kanuma. Itoophiyaanonni guyyaa turtiisaaniitti marateefi jaalalaan haala gaariidhaan isaan simachuu himanii, kun ammoo walyaaduufi walitti dhufeenya biyyoota lameenii kan mul’isuudha jedhu. Obbo Taaddasaan Doktar Abiyyiin “Abiy keenya”, haadholiin Ertiraa ammoo “Nabiyyii keenya” jedhanii akka waaman eeranii, Doktar Abiyyi nama yeroo ammaa biyyoota lameeniif samiidhaa bu’e malee ardii kanarratti uumamee nutti hinfakkaatu jechuuun ibsu. Gara fuuladuraattis Federeeshiniin Atileetiksii Eritiraa walitti dhufeenya biyyoota lameenii caalaatti cimsuuf sagantaa qopheessee atileetota Itoophiyaa akka hirmaachisu abdiin qaba jedhaniiru.

ALA  Amajjii 8 bara 1982 baadiyyaa Ertiraatti dhalate. Haadhaafi abbaasaatiif ilma hangafaati. Hanga umriinsaa barumsaaf gahutti naannawuma hiriyyootasaa wajjin dirree keessa burraaqaa guddate; Atileet Zarasannaay Taaddasaa. Umriisaa xobbeetti mana barumsaa kan gale... Read more »

Carraan Waaliyaa dhiphate

Finfinnee: Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatiin waggaa lamatti al tokko biyyoota miseensa konfedereeshinichaa jidduutti kan adeemsifamu walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa ALA bara 2019 magaalota Kaameeruunitti adeemsifama jedhamee eegama. Walmorkicharratti hirmaachuuf biyyoonni Afrikaa... Read more »

Ispoortii kubbaa kachoo wiilchariidhaan

Finfinnee: Gosoota ispoortii paaraalompikii xiyyeeffannaan itti kenname keessaa tokko kubbaa kachoo wiilchariiti. Ispoortiin kun biyya keenyatti edda jalqabamee yeroo dhihoo ta’us taphawwan guutuu Itoophiyaa bara 2006 Naannoo Amaaraa, magaalaa Baahir Daaritti  adeemsifameen... Read more »

Fiigicha Olaanaa Itoophiyaa: Dirree nageenyaa

Finfinnee: Itoophiyaatti fiigichi olaanaa ”Great Ethiopian Run” jedhamuun kan  moggaafame dorgommiin atileetiksii  adeemsifamuu edda jalqabe waggoota 18 lakkoofsiseera. Ardii Afrikaatti keessumaa biyyoota Afrikaa Bahaafi Giddu galeessaatti kan jalqabaa yoo ta’u, dorgomicharratti umrii,... Read more »