Carraan Waaliyaa dhiphate

Finfinnee: Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatiin waggaa lamatti al tokko biyyoota miseensa konfedereeshinichaa jidduutti kan adeemsifamu walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa ALA bara 2019 magaalota Kaameeruunitti adeemsifama jedhamee eegama.

Walmorkicharratti hirmaachuuf biyyoonni Afrikaa 48 ramaddii 12tti qoodamanii tapha gulaalaa garee adeemsifachaa jiru. Walmorkii gulaalaa kanatti biyyoonni ramaddiisaaniirraa mo’atan 16 tapha waancaarratti hirmaachuuf Kaameeruunitti qajeelu jedhamee eegama.

Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa, Waaliyaanis tapha kanarratti hirmaachuuf walmorkiiwwan gulaalaa Gaanaa, Keeniyaafi Seeraaliyoon wajiin taasifachaa kan jiru yoo ta’u, carraan inni waancaaf dabruuf qabu itti dhiphateera.

Carraan Waaliyaa kan dhiphateef walmorkiiwwan shanan taasifatetti Gaanaadhaan 2-0n, Keeniyaadhaan dhaqaafi deebiitti 3-0n mo’amee Seeraaliyoon 3-0n mo’atee qabxiin inni tapha ittaanuuf darbuuf galmeesse daran xiqqaa ta’uusaatti.

Kanaafu Waaliyaan Wancaa kubbaa miilaa Afrikaa 32ffaa Kaameerun ji’aa Bitootesaa bara 2019 keesumeesiturratti hirmaachuf qabdu dukanaa’era.

Bariisaa sadaasa 14/2011

Recommended For You

One Comment to “Carraan Waaliyaa dhiphate”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *