Ispoortii kubbaa kachoo wiilchariidhaan

Finfinnee: Gosoota ispoortii paaraalompikii xiyyeeffannaan itti kenname keessaa tokko kubbaa kachoo wiilchariiti. Ispoortiin kun biyya keenyatti edda jalqabamee yeroo dhihoo ta’us taphawwan guutuu Itoophiyaa bara 2006 Naannoo Amaaraa, magaalaa Baahir Daaritti  adeemsifameen beekamtii argateera.

Ispoortichi biyya keenyaaf haarawaa ta’uusaatti ummata biratti beekamtii kan argate taphatoota paaraalompikii yeroo sana taphawwan guutuu Itoophiyaarratti wiilchariidhaan hirmaataniin ta’uusaa beekameera.

Hirmaattonni kunneen tapha kubbaa kachoo wiilcharii kana beeksiisuuf wayita hirmaatan, qaama miidhamtootaaf ulfaataa fakkaata ture. Ta’us, yeroo  gabaabaa keessatti babal’achuudhaan hirmaatota qaama miidhamtoota biratti ulfaataa akka hintaane mirkanaa’uu danda’eera.

Biyyattiin gosa ispoortii kanaaf xiyyeeffannaa itti kennuudhaan itti fufnaan yeroo gabaabaa keessatti dorgomtoota biyyatti bakka bu’uun sadarkaa biyyooleesaatti hirmaatan horachuu dandeetti jedhameeti eegama.

Darikterri Federeeshina Kubbaa Kachoo Itoophiyaa Obbo Yimar Haayilee akka ibsanitti, ispoortiin kun wayita biyya keenyatti  jalqabu wiilchariiwwan 24fi buufatoota ispoortii shan qofatu ture. Wayita ammaa tana gargaarsa Waldaa Fannoo Diimaa Biyyooleessaatiin taasifameen wiilchariiwwan jaatamni argamuu kan danda’e yoo ta’u,  kunis pirojektiiwwan naannolee adda addaatti argamaniif raabsameeraa jedhaniiru.

Akkasumas ispoortii kanaan sadarkaa olaanarratti kan argaman leenjistonni biyya alaa Itoophiyaa dhufuudhaan  ogeesota ispoortii kanaaf leenjii addaddaa kennuusaanis himaniiru.

Federeeshiniin Kubbaa Kachoo Itoophiyaa, Waldaa Fannoo Diimaa Biyyooleessaa waliin ta’uudhaan bara 2006 irraa eegalee ispoorticha biyyattii keessatti akka babal’atu taasifamuusaa kan dubbatan Obbo Yimar, baranas Sadaasa 4 bara 2011 irraa kaasee leenjiin leenjistootaa guyyoota 15f  turu kennamaa jiraachuusaa eeraniiru.

Bariisaa sadaasa 14/2011

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *