Fiigicha Olaanaa Itoophiyaa: Dirree nageenyaa

Finfinnee: Itoophiyaatti fiigichi olaanaa ”Great Ethiopian Run” jedhamuun kan  moggaafame dorgommiin atileetiksii  adeemsifamuu edda jalqabe waggoota 18 lakkoofsiseera. Ardii Afrikaatti keessumaa biyyoota Afrikaa Bahaafi Giddu galeessaatti kan jalqabaa yoo ta’u, dorgomicharratti umrii, saalaafi sabummaadhaan osoo adda hinba’iin Itoophiyaanonniifi lammiilee biyya alaa dabalatee naamoonni kumaatamatti lakkaa’aman hirmaachaa turaniiru.

Fiigichi olaanaa Itoophiyaa kun walitti dhufeenya Itoophiyaafi biyyoota addaa addaa cimsuudhaaf ga’e olaanaas taphachaa tureera. Keessumattuu damee industirii turizimii biyyattiif sharafa biyyaa alaa argamsiisuun shoora olaanaa taphachaa jira.

Yeroodhaa gara yerootti hirmaattota baay’ee horachaa kan dhufe fiigichi sadarkaa olaanaa kun, baranas yeroo 18faf ka’umsiifi deebiinsaa addabaabaayii Sidis Kiiloo ta’e Dilbata darbe haala miidhagaadhaan adeemsifameera.

Dorgommii baranaa kanarratti namoonni kuma 44 ta’an kan hirmaatan yoo ta’u, kanneen keessaa ambaasaadaroonni biyyoota 16, lammiileen biyya alaa 800, kilaboota biyya keessaarraa atileetonni 700 ta’an qooda fudhataniiru.

Fiigicha kiiloo meetira 10n baranaa kanarratti atileetonni beekamoonni Itoophiyaa, Eritiraa, Keeniyaafi Ugaandaa Korniyaa lameeniinuu hirmaataniiru.

Kan dhiirota jiddutti adeemsifametti atileeti Haagos G/Hiyoot daqiiqaa 28:54.03n tokkoffaa ba’uudhaan qarshii kuma 100, waancaafi meedaaliyaa warqii fudhachuu danda’eera.

Boonsaa Didhaa daqiiqaa 29:03.08n lammaffaa ba’uun qarshii kuma 30, waancaafi meedaaliyaa meetii, Xilaahun Ayyeenaa daqiiqaa 29:13.07n sadaffaa ba’uun qarshii kuma 12, waancaafi nahaasa  badhaafamaniiru.

Kan dubartootaa jiddutti gaggeeffameen ammoo Footeen Tasfaayee daqiiqaa 33:43.05 tokkoffaa ba’uun qarshii kuma 100, waancaafi meedaaliyaa  warqii, Tsahaayi Gammachuu daqiiqaa 33:48.08 lammaffaa ta’uun kuma 30, waancaafi meedaaliyaa meetii, Tsigee G/Salaam kuma 12, waancaafi nahaasa badhaafamaniiru.

Bareessaan Federeeshina Atileetiksi Eritiraa Obbo Taaddassaa Gabruu guyyaa dorgommiin kun itti adeemsifametti argamuun akka ibsanitti, yeroo jalqabaaf dorgommii miidhagaa akkanaarratti argamuudhaan daawachu isaaniif gammachu guddaatu isaanitti dhagahame. Keessumattuu biyyoonni obbolaa ta’an Itoophiyaafi Eritiraan waggoota 20 booddee jiddusaanitti nageenyi bu’uudhaan atileetonni biyyoota lameenii waltajjii  ispoortii fiigichaarratti argamuudhaan hirmaachuun isaanii isaanifis ta’u ummata Eritiraaf gammachu guddaa ta’uusaa ibsaniiru.

Doktar Abiyyi Ahmadiifi Pirezidaanti Isaayaas Afawarqii biyyoota lameen jiddutti daandiin nageenyaa akka banamtu edda mirkaneessanii kaasee federeeshiniin atileetiksii Eritiraa atileetota erguudhaan dorgommiiwwan adda addaarratti akka hirmaatan hawaa har’a dhugoomeeraa jedhan.

Gara fuula duraatti walitti dhufeenyi Federeeshina Atileetiksii Itoophiyaafi Eritiraa akka cimuuf abdii qabaachuusaanii dubbataniiru.

Atileeti beekamaan Eritiraa, Zarasannaayi Taaddasaa gamasaatiin akka ibsetti, waggoota dheraa booda Finfinneetti argamuudhaan dorgommii kanaaf keessummaa kabajaa ta’uun argamuusaatti baay’ee gammadeera.

Ummanni Itoophiyaafi Eritiraa tokko ta’uusaa bakkan itti sosocho’u hundatti deggarsa naaf taasifamerraa hubadheera. Ammaan tana akkan waan ummata kiyyaa keessa jirutti gammachuu guddaan isatti dhagahamuusaa ibseera.

Ummatni Itoophiyaa jaalala Eritiraaf qabu wayita Pirezidaanti Isaayaas si’a duraaf Itoophiyaa dhufan itti gammadaan ture. Har’a ammoo qaamaan asitti argamuudhaan jaalala yeroosan faginarratti arge hubachuu isaatti gammachuu daangaa hinqabne kan isatti dhagahame ta’uu dubbateera.  Waltajiiwwan dorgommii addunyaa gurguddoorratti atileetota beekamoo Itoophiyaa nan beeka kan jedhu Zarasannaayi, keessumaa Haayilee, Qananisaafi Silashii Sihiin akka obbolaa kiyyaatti nan ilaalaa jedheera.

Qananisaafi Silashii wajjiin dirreewwan Olompikii, Shaampiyoonaa Atileetiksi Addunyaafi Dorgommii Qaxxaamura Biyyaarratti yeroo baay’ee walfalmuusaanis yaadateera. Kabaja guddaas akka  isaaniif qabu ibseera.

Bariisaa sadaasa 14/2011

Recommended For You

One Comment to “Fiigicha Olaanaa Itoophiyaa: Dirree nageenyaa”

  1. Pingback: rove cart

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *