Bu’aalee guguddoo Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa imalasaa waggoota 30n galmeessise

Agarsiisni imala sektaroota mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota 30 darbanii mul’isu kan Qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii naannichaatiin qophaa’e Bitootessa 25-27 bara 2016tti Giddugala Aadaa Oromootti adeemsifameera. Waltajjicharratti sektaroonni mootummaa naannichaa hundi agarsiisawwan imalasaanii waggoota 30 darbanii ibsan qabatanii dhiyaataniiru. Barreeffamni kunis imalaafi bu’aalee waggoota 30 darban gama Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin galmaa’anirratti xiyyeeffata.

Biirichatti Dursaan Garee Misooma Aadaa Obbo Olaanaa Tashoomaa gaafdeebii waltajjicharratti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa aangoo Caffeen bara 1985 kenneef bu’uura godhachuudhaan hojiilee aadaa, duudhaa, afaaniifi seenaa Oromoo akkasumas qabeenya hawwata turizimii naannichaa misoomsuufi qorachuun walqabatee waggoota 30 darban hojiilee guguddoo hedduu raawwateera. Hojiilee guguddoo biirichi waggoota 30 darbanitti raawwate qabatanii waltajjicharratti hirmaachuus eeraniiru.

Waggoota soddomma keessa waa’ee Sirna Gadaa afaan guutanii haasa’uun hindanda’amu ture jedhanii, isaa as garuu Sirni Gadaa xiyyeeffannaa argatee ‘UNESCO’tti galmaa’eera. Bakkeewwan dhiibbaa sirnoota darbaniitiin Sirni Gadaa itti laafee ture keessaa wiirtuulee shanitti akka deebi’u ta’eera. Wiirtuuleen kunneen (Odaa Huullee, Saglan Iluu, Ja’an Sayyoo, Odaa Bulluqiifi Odaa Bisil)tti Gadaan haara’eera.

Akka dursaan garee kun jedhanitti, kitaabonni Sirna Gadaa, aadaafi seenaa Oromoo ibsuurratti xiyyeeffatan hedduunis maxxanfamaniiru. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin ta’uun qajeelcha barsiisaa dabalatee kitaabileen Sirna Gadaa barattoonni kutaa 1ffaa-8ffaatti irraa baratan qophaa’anii hojiirra oolaniiru.

Iddoowwan irreeffannaa dhiibbaa sirnoota darbaniin badanii turan hojii waggoota 30 darban keessa raawwatamaniin iddootti deebi’aniiru. Irreechi waggoota 30 dura namootaa muraasaan kabajamaa ture hojiilee biirichi raawwataa jiruun irreechi yeroo ammaa namoota miliyoonaan lakkaa’amaniin kabajamaa jira. Bara 1985 malkaan irreechi itti irreeffatamu lamaafi sadii hincaalu ture. Yeroo ammaa garuu irreechi malkaawwan 74 irratti irreeffatamaa jira jechuun ibsu.

Hojiilee Biiroon Adaafi Turizimii Oromiyaa waggoota soddoma darban keessa raawwateen bakkeewwan seenaawwan qabsoo Oromoon walqabatanirratti siidaawwan ijaaramaniiru. Isaan keessaa Siidaawwan Aanoleefi Calii Calanqoo akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Giddugaloota Aadaa Oromoo kanneen akka Finfinnee, Madda Walaabuufi Odaa Bultumis ijaaramaniiru. Siidaawwan yaadannoo kunneen dogoggora seenaa Oromoorratti raawwatame ibsuufi dhaloonni har’aa dogoggoricharraa akka baratuuf kan dhaabataniidha.

Dhiibbaa sirnoonni darban qaqqabsiisaa turaniin Oromoon Finfinnee keessatti aadaa, afaaniifi eenyummaasaa dhabee tureera. Aadaa, afaaniifi eenyummaa Oromoo Finfinnee keessaa badee ture deebisuuf ijaarsi pirojektota leenjii, qophiifi agarsiisa nyaata aadaa Oromoo, akkasumas bakki agarsiisa meeshaalee aadaafi ogummaa harkaa Oromoofi iddoowwan aartiinsaa itti barsiifamu ijaaramaa jiru. Ijaarsi pirojektota kunneenii yeroo ammaa sadarkaa xumuraarra jiraachuufi dhiyeenyatti kan eebbifaman ta’u jechuun eeraniiru.

Barjaaleen naannichatti Afaan Oromootiin barreeffaman seerlugaafi seera qubeessa Afaan Oromoo eeganii akka barreeffaman taasisuuf barjaalee kuma 300 olirratti tarkaanfiin fudhatameera. Afaan Oromoo afaan teknolojii akka ta’uuf Inistiitiyuutiin Afaan Oromoo qo’atu naannichatti banameera.

Aartii Oromoo guddisuuf Giddugala Aadaa Oromoo Finfinneetti ijaarameera. Giddugalichatti iddoowwan agarsiisa tiyaatiraafi leenjii aartii qophaa’anii tajaajila kennaa jiru. Artistoota barreessitoota gameeyyii aartii Oromoo guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiran kanneen akka Isaayyaas Hordofaa, Alii Birraafi Diimaa Abarraafaa aartii Oromoo balballoomsaa turan 12 beekamtiifi badhaasa hanga niishaaniitti akka argatan taasifameera.

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa har’a abbaa sektaroota sadiiti. Isaanis Giddugala Aadaa Oromoo, Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoofi Komiishinii Turizimii Oromiyaati. Seektaroota kunneen babal’isuun hojiilee gama aadaa, aartiifi Afaan Oromoofi turizimii Oromiyaa guddisuufi babal’isuutiin raawwataman milkeessuu keessatti gahee guddaa qabu. Komiishiniin Turizimii Oromiyaa qabeenya turizimii Oromiyaa beeksisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Gama damee turizimiitiin paarkota, dahoo bineensotaa, haroowwan, lageen, fincaa’aawwaniifi holqawwanirratti hojiilee hedduun raawwatamuu himanii, holqoonni dhagaa keessaa 340 ol ogeessa holqaa biiroo keenyaa Naasir Ahmadiin qoratamanii adda bahaniiru. Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalees ‘UNESCO’tti akka galmaa’u ta’eera. Bosonni Yaayyoos sochii bal’aa taasifamaa tureen galmee yeroo ‘UNESCO’ irratti akka galmaa’u ta’eera jedhu.

Bara 1980 keessa Oromiyaa keessa hoteelonni abbaa urjii jedhamuun beekaman kan hinturre. Hojiilee Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa damee hoteelaafi turizimiirratti raawwatamaa tureen yeroo ammaa hoteelonni 104 ol abbaa urjii ta’anii tajaajila kennaa jiru.

Bara 1985 yaa’iinsa turistii biyya keessaa nama 500 kan hincaalle yeroo ammaa gara miliyoona 11tti guddateera. Turistoonni kunneen Ayyaana Irreechaa, konfiraansiiwwan, bakkeewwan seenaafi iddoowwan hawwata turistii naannichaarratti bal’inaan hirmaachaa jiru.

Aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa laafeefi iddoowwan tokko tokkotti badee ture deebisuufis hojii bal’aan raawwatamuu eeranii, ummanni Oromoo aadaa, duudhaafi eenyummaasaa beekee akka guddatu gochuuf hojii bal’aan raawwatamuufi raawatamaa jiraachuu ibsan.

“Oromoon ummata Sirna gadaatiin buluudha. Sirni Gadaa dhaloota qaruu, aadaa, duudhaa, seerotaafi safuu barsiisee guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Sirna Gadaa keessatti hundumtuu akkaataa umuriisaatti gahee mataasa qaba. Aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti deebi’uudhaaf Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa kallattii mootummaan naannichaa baaserratti hundaa’uun hojiilee guguddoo raawwatamaniin bu’aaleen hedduun galmaa’uu” jechuunis ibsu Obbo Olaanaan.

Hojiilee duudhaa Oromoo ganamaatti deebi’uuf raawwatamaa turaniin manni murtii aadaafi buusaa gonofaa Caffeedhaan beekamtii argatanii akka hundaa’an ta’eera. Manni murtii aadaa ummanni Oromoo duudhaasaa ganamaatiin akka bulu taasisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira.

Manni murtii aadaa haqa baasuun qaamolee walitti bu’an araarsuufi hariiroosaanii duraanii caalaa cimsuu keessatti gahee guddaa qaba. Buusaa Gonofaan ammoo namoota deegan, balaa ibiddaa, hongeefi dhibeedhaan miidhamaniif deggersa taasisuufiin deebi’anii akka dandammatan taasisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira jechuunis eeru.

Oromiyaatti barnoonni Sirna Gadaa sirna barnootaa keessa galee kutaa 1ffaa-8ffaatti akka baratamu ta’uun dhaloonni duubaan dhufu aadaa, duudhaa, safuu Oromoo eegee akka guddatu taasisuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himanii, namni namaaf akka na’uufis tajaajilli lammummaa bal’inaan akka kennamu ta’eera jedhu.

Tajaajila lammummaa kanaan manneen harkaqal’eeyyii hedduun ijaaramaniiru. Tajaajila lammummaa kanaan ummanni hanqina mootummaa humnaafi maallaqasaatiin akka tumsu ta’eera. Isaan kunneen hojiilee aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti deebi’uuf taasifamaa jiran ta’uu himaniiru.

Hojiilee Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa sektaroota biroo waliin waggoota 30n darban aadaafi duudhaa Oromoo badeefi laafee ture deebisuuf taasisaa tureen bu’aalee guguddoon galmaa’aniiru.

Irreechi Hora Finfinnee deebi’uufi Sirni Gadaa ‘UNESCO’n galmaa’uun bu’aawwan guguddoo galmaa’an keessaa akka fakkeenyaatti eeramu. Muuxannoo hanga ammaatti horanne fayyadamuun gara fuulduraatti hojii kana caalu hojjechuuf qophiidha jedhu.

Hojii Afaan Oromoo guddisuuf raawwatamaa tureen afaanichi yeroo ammaa afaan ‘Google’ ta’eera. Bara 1980 dura Televiizhiniin biyya kanaa Afaan Oromootiif sa’aatii tokko qofa kenna. Har’a midiyaaleen 18 oltu Afaan Oromootiin hojjechaa jira. Maxxansaaleen Afaan Oromootiin qophaa’anii bahanis hedduudha. Afaan Oromoo yeroo ammaa afaan Afrikaafi konfiransii idiladdunyaa ta’uuf carraa bal’aa qaba.

Afaan Oromoo afaanota hojii mootummaa federaalaa akka ta’aniif filataman keessaa tokko ta’eera. Kanaafis imaammanni Afaanii baheera. Imaammatichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’ee gaafa hojiirra oolu Afaan Oromoo sadarkaa naannoo Oromiyaa qofatti utuu hintaane sadarkaa mootummaa federaalaatti hojiirra kan oolu ta’uus dubbataniiru.

Waa’een Afaan Oromoo toora xiyyeeffannoowwan mootummaa Oromiyaa keessaa tokko ta’uun Inistiitiyuutiin Qo’annoofi Qorannoo akka hundaa’u ta’eera. Yunivarsitiiwwan gara garaattis barnoonni Afaan Oromoo hanga digrii sadaffaatti kennamaa jira. Afaan Oromoo yeroo ammaa sadarkaa duubatti deebi’uu hindandeenyerra gaheera jedhu.

Uffannaafi faayaawwan aadaa Oromoos yeroo ammaa haala miidhagina qabuun qophaa’anii gabaarra jiru. Ummanni Oromoos uffannaa aadaasaa bal’inaan uffataa jira. Uffannaan aadaa Oromoo ayyaanota akka Irreechaa, fuudhaafi heeruma, walga’ii, konfiraansiiwwaniifi sagantaalee gara garaarratti bal’inaan uffatamaa jira.

Waldaaleen 222 ol uffannaa aadaa dhahuu, ogummaa harkaarratti hirmaachaa jiru. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa waliin ta’uun waldaalee kunneen leenjisuufi hanga biyya alaatti walitti hidhamiinsa gabaa uumuufiin deggaraa jira. Yeroo ammaa uffannaan Aadaa Oromoo gabaa biyya keessaafi alaatti daran barbaadamaa jiraachuufi hojiin aadaa, duudhaafi Afaan Oromoo guddisuuf gama hundaan eegalame gara fuulduraattis cimee kan ittifufu ta’a jechuun eeraniiru.

Agarsiisni imala sektaroota mootummaa naannoo Oromiyaa waggoota 30 agarsiisu qophaa’uun sektaroonni muuxannoo gaarii akka walirraa qooddatan taasisuufi hanqina qaban akka guuttatan taasisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf gara fuulduraattis cimee ittifufuu akka qabu dhaamaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You