“Karroonni Shanan Finfinnee sa’aatii 24:00’f teknolojiifi humna gahaan tikfamu” – Obbo Leejjisaa JooteeBariisaa

Magaalaa Guddoo Oromiyaafi Itoophiyaa; teessumni gamtaa Afrikaa, Finfinneen karroota shan qabdi. Karroonni kunniinis Karra Qaalluu (karaa qaallittii), Karra Qoree (Karaa Sabbataa) Karra Qirxii (karaa Karaa Sulultaa), Karra Gafarsaa (karaa Amboo), Karra Alloo (karaa Xaafoo)ti. Karroonni kunniin Shaggariin marfamanii isa dhufuun anaa dhufu jechaa, isa deemuun imalaa gaarii jechaa hawwii qabaniin kan itti gaggeessan yoo ta’u, abbummaan simattee olgalchuufi gadibaasuurratti ittigaafatamummaa guddaa kan qabdummoo magaalaa dhiiga ilmaan Oromootiin ijaaramaa jirtu, Shaggari.

Giddugaleessummaa magaalittiin walqabatee saamichi lafaa, hanni, alseerummaafi weerarri lafaa daran hammaataa kan ture yoo ta’u, ilmaan isheerratti dhalatanii guddataniif abidda miilaa; kaaniif ammoo mana boqonnaa taatee tajaajilaa turteetti.

Oromoon abbaa qe’ee ta’ee osoo jiruu sirnoota darbaniin qabiyyee lafasaa saamamee qe’umasaatti waardiyyaa ta’ee akka balbala eeguuf dirqamee ture.

Qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa humna qeerroofi qarreen gaggeeffamaa tureen sirnoonni bulguu, hattuufi saamtotaa dabareesaanii eeganii hurrahuun boqonnaa haaraa banameen Shaggar orma fakkaachuurraa baatee gara of fakkaachuutti deebiteetti.

Magaalaan Shaggar Finfinnee marsitee kan jirtu, madda bu’uuraalee misoomaa Finfinneef galtee ta’an kan dhiyeessitu seensa giddugala siyaasaa waan taateef xiyyeeffannaan eegamti. Bu’uura giddugala magaalaa Finfinnee kan taate Shaggar kabajamuu hawaas dinagdeefi siyaasaafi nageenyaasheef gahee leencaa kan taphattu ta’uun beekamaadha.

Haaluma kanaan nageenyi karroota Shanan Finfinnee akkamiin eegamaa jira? Weerarri lafaa mudachaa jiru akkamiin qolatama? Qophaa’ummaan jiru maal fakkaata, isa jedhuuf deebii argachuuf Ittigaafatamaa Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Shaggar Obbo Leejjisaa Jootee keessummaa Bariisaa maxxansa kanaa kan taasifanne yoo ta’u, gaafdeebii isaan waliin taasisne akka armaan gadiitti dhiyeessineerraa oluma, nooraa kunooti.

Bariisaa: Shaggar nageenyasheefi karroota Finfinnee shananii tiksuu keessatti gahee leencaa taphatti, nageenya waaraa bu’uura misoomaa ta’e kana akkamiin lafa qabsiisaa jirti?

Obbo Leejjisaa: Dhugaa dubbachuuf magaalaan Shaggar nageenyashee qabatamaan mirkaneessuun ala karroota Shanan Finfinneerratti eegumsa guddaa taasisuun mirkanaa’uu nageenya waaraafi misoomni ittifufaa hawaasni nagaa qabu akka horatamuuf aantummaan hojjetaa jirti.

Bariisaa: Aanaaleefi Kutaa magaalaa meeqatu Shaggar keessa jira?

Obbo leejjisaa: Bulchiinsi magaalaa Shaggar aanaalee 36fi kutaa magaalaa 12 kan of keessaa qabu yoo ta’u, bakkeewwan hundatti nageenyi waaraan qabatamaan mirkanaa’ee bulchiinsiifi nageenyi akka lafa qabatu taasifamaa jira.

Bariisaa: Finfinneen giddugala biyyaa, kan hawaas dinaagdeefi siyaasaa ta’uun walqabatee kan garas dhufu hunduu Shaggar keessa qaxxaamuree darba. Nageenya waloo tiksuuf hordoffiin taasifamu hoo maal fakkaata?

Obbo Leejjisaa: Akkuma atuu kaaste Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaafi Itoophiyaa akkasumas teessuma gamtaa Afrikaa giddugala hawaas dinagdeefi siyaasaa waan taateef kan garashiitti imaalu kumaatama.

Akkuma kan hojjetee of jijjiiruuf dhufu jiru kan yakkaafi alseerummaaf kaka’ee seenus hindhabamu. Yeroo kanatti ittigaafatamummaa guddaan magaalaa Shaggar olaanaa waan ta’eef karroota shananuu qaxxisaafi libsuu ijaan tiksina.

Bariisaa: Humni gahaa nageenya Shaggariifi karroota Finfinnee shanan tiksu jiraa? Alseerummaan hoo akkamiin hordofamaa?

Obbo Leejjisaa: Alseerummaa to’achuuf humni gahaa jiraachuun dirqama. Kanamalees hirmaannaan hawaasaa gahee guddaa taphata. Haaluma kanaan Raayyaan Ittisaa, Poolisiin Federaalaa, Poolisiin Naannoo, Milishaafi Gaachanni Sirnaa of kennanii nageenya hawaasa magaalaa Shaggariifi Karroota Shanan Finfinneef waardiyyaa dhaabatu.

Bariisaa: Misoomni milishaafi Gaachana Sirnaa babal’ataa jira. Keessumattuu kan Shaggar olaanaadha. Haata’u garuu humnoonni kunniin hammami? Leenjii gahaa qabuu? Rakkoo furuurrattoo maal fakkaatu, akkamiinis ibsamu?

Obbo Leejjisaa: Nageenyi Shaggar eegamuu jechuun kan Finfinnee eegame jechuudha. Haaluma kanaan milishaan akka Shaggaritti leenji’ee tajaajila kennaa jiru kuma saddeeti. Kanamalees Gaachanni Sirnaa Shaggariifi Karroota shanan Finfinneerratti waardiyyaa dhaabatee nageenya tiksaa jiru kuma 67fi 200’dha .

Bariisaa: Garaagarummaan milishaafi Gaachana Sirnaa gidduu jiru maali?

Obbo Leejjisaa: Milishaan qaama hidhatee nageenya hawaasaa tiksuuf dhaabateedha. Gaachanni Sirnaammoo osoo hinhidhatiin uleedhaan nageenya walii waliisaa kan eegu yoo ta’u, lamaanuu nageenya waaraa mirkaneessuuf hawaasaafi biyyasaaniif kan dhaabataniidha.

Gaachana Sirnaa adda kan godhu koorniyaawwan lameenuu kan hirmaachise, nageenya hawaasaaf dursa kan dhaabatu, eeruu kan kennu, hattuufi waliin dhooftuu seeratti butuun qixxee raayyaa ittisa biyyaa biyyasaaniif halkanii guyyaa qorra rooba, aduu osoo hinjedhiin tajaajila tolaa kennuun namni nagaan bahee akka galu tasgabbii biyyaa kan mirkaneessanidha.

Bariisaa: Milishaan hidhate kun ga’umsa loltummaa qabaa?

Obbo Leejjisaa: Gaafa milishaa jedhamu namni salphisee ilaaluu danda’a. Garuu kanneen leenjii loltummaa dirree barbaachisu hunda fudhataniifi ga’umsaaniis kan ijaaraman waan ta’eef gama kanaan shakkiin hinjiru.

Shaggar nageenya Magaalaa Finfinneetiif dallaa ittigaafatamummaa guddaan harkashii jiruudha. Sochiin hawaas dinagdeefi siyaasaa magaalattii akka hingoolamneef gahee leencaa kan taphatan humnoota kana. Qopaa’ummaan gama kanaan jiru jajjabeessaafi abdachiisaadha.

Bariisaa: Gaafa milishaa jedhamu namni salphisee ilaala. Kabaja kennuufiirrattis hanqinni jira jedhamaatii isin kanarratti maal jettu?

Obbo Leejjisaa: Milishaa salphisanii ilaaluun rakkoo ilaalchaafi wallaalummaa yoo ta’een ala kan gadi qabamee ilaalamu miti. Qe’ee, maatiifi qabeenya koo lubbuukoo jedhee osoo hinmararfatiin nama namaaf, biyyaaf waardiyyaa dhaabbate gadiqabuun sirrii miti.

Namoonni muraasni ilaalcha akkasii qaban jiraachuu malu. Garuu namni hojiisaanii guyyuu arge kan isaan tuffatu osoo hintaane kan kabajni guddaan maluuf ta’uu hubata.

Osoo qorra, rooba, aduu, beelaafi dheebuuf hinjilbeeffatiin humna nagaaf waardiyyaa dhaabatu kankooti jedhanii ofitti qabuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Gama naamusasaaniittan isin deebisaatii milishaanis ta’e gaachanni sirnaa rakkoo naamusaa hinmalleef akka hinsaaxilamneef hordoffiifi deeggarsi taasifamu akkamitti ibsama? Aangoo dahoo godhachuun hawaasa dadarbachuufaa akkamitti ilaaltu?

Obbo Leejjisaa: Dhugaa dubbachuuf leenjiin qofti gahaa miti. Hordoffiifi deeggarsi yeroo yeroo barbaachisaadha.

Haaluma kanaan Gaachanni Sirnaas ta’e Milishaan hordoffiifi deggarsa taasifamuun leenjiin dabalataa kennamaafii deema. Yoo dogoggoroonni mudatanis akka sirrattan, kanamalees hanga adabbiitti kan geessan jiru. Qaamni kana hordofu jira. Gamaggama nigaggeessina. Komiin nisassaabama, tarkaanfiin sirreeffamaas fudhatamaa deema. Hudhaaleen jiranis gamaggamamanii qaama gorsaa walabaa jedhamuun gorsi kallattiin sirreeffamaa kennamaa deema.

Bariisaa: Milishaan keessan meeshaa gahaa qabaa?

Obbo Leejjisaa: Dhugaa dubbachuuf meeshaa gahaatu jira jechuun hindanda’amu. Kan mootummaan kenneen ala hawaasni meeshaa qabu dabarsee kennuun kanamalees milishaaf bituun nageenyasaaf hojjetaa jira.

Bariisaa: Seermaleessummaan akka Shaggaritti saamichi lafaa, hanni, daldalli seeraaan alaa hammaataadha jedhama akkamiin hordofaa jirtu?

Obbo Leejjisaa: Alseerummaa guddaan Shaggar qoraa jiru saamichaafi weerara lafaati. Gama kanaan ijaarsa seeraan alaarratti tarkaanfiin guguddaa fudhatamaa tureera, ammas ittuma jira. Keessumaa ijaarsi seeraan alaa guutummaatti sadarkaa dhaabachuurra gaheera jechuun nidanda’ama.

: Saamicha lafaatiin walqabatee maqaawwan adda addaa moggaasuun babal’ifannaan lafaa mudachaa jiraachuu ammallee komiin jira. Gama kanaan malli taa’e maali?

Obbo Leejjisaa: Mudannoo yeroo Cuuphaa (Ximqataa) numudate keessaa maqaa, ‘taabonni bahee bakka bulerraa galuu dide’ jedhuun laficha dhuunfachuuf yaalii guddaan taasifameera. Ta’us tarkanfii fudhatameen irraa kaasuun danda’ameera.

Duubarra amantaa dahoo godhachuun babal’ifannaafi weerarri lafaa hammaannaan koree abbootii amantaa of keessatti hammate ijaaruun gochichi akka dhaabatu taasisneerra.

Gabaabumatti weerarri lafaa gama kamiinuu Shaggarirratti taasifamu kan hinkeessumoofne waan ta’eef alseerummaan gama kanaan mudatu hir’ataa jira. Kanaafis gachanni sirnaa, milishaafi eeruun hawaasaa bu’aa buuseera.

Bariisaa: Meeshaaleen waraanaa seeraan alaa karroota Finifinneerratti yeroorraa yerootti qabamuutu himamaatii maddi meeshaalee kanneenii eessa?

Obbo Leejjisaa: Keessumaa meeshaaleen waraanaa seeraan alaa kallattiilee Sulultaa, Xaafoofi Kooyyee Facceetti qabamaa jiran finxaaleyyii Itoophiyaa kaabaarraa dhufaniini.

Caasaaleen nageenyaa keenya sa’aatii 24:00 qophaa’ummaafi qaxxisaan tiksaa, to’achaa seeratti dhiyeessaa tarkaanfiin irratti fudhatamaa jira. Namootaafi meeshaa waraanaan ala konkolaattonni meeshicha fe’anii dhufanis qabamaniiru.

Dhiyoodhuma kana konkolaataan Gaambeellaarraa dhufe kilaashii 44fi bireenii tokko eeruufi hordoffii nuti taasisneen Finfinneetti qabameera.

Gabaabumatti alseerummaan meeshaa waraanaafi daldala seeraan alaa kanneen akka bunaa, albuudaa, mobaayilii, boba’aafi zayitiin walqabatu qindoomina humnoota ngeenyaa federaalaa kan finfinneefi Shaggariin hordofamaafi to’atamaa seeratti dhiyeeffamaa jiru.

Keessumaa caasaaleen nageenyaa Shaggar ittigaafatamummaa guddaan of kennanii sa’aatii 24:00 hordofamaa nageenyi hawaasa Shaggariifi Finfinnee tikfamaa jira.

Bariisaa: Meeshaaleen kontirobaandii qabaman eessa geeffamu?

Obbo Leejjisaa: Taaskifoorsiin hundaa’ee dhimma kana hordofu jira. Haaluma kanaan meeshaaleen galii ta’an galii ta’u. Isaan kaan gurguramanii mootummaaf galu. Kanamalees kan tajaajila hawaasaaf ooluu qabanis ulaagaa keessa darbuu qabuun hordofamanii tajaajila barbaadameef oolu.

Bariisaa: Sakatta’insi karroota Shanan Finfinneerratti taasifamu humna caasaa nageenyaa kanaan qofa lafa qabata jechuun hindanda’amu. Kanaafuu ittifayyadamni teknolojii keessan maal fakkaata?

Obbo leejjisaa: Jiraattonni kaameeraa ‘CCTV akka fayyadaman gooneerra. Waajjirri keenyas Bulchiinsa Nageenya Marsariitii Odeeffannoo wajjin walta’uun sochii magaalaa Saggar keessatti nageenyaa kabachiisuuf taasifamu kamuu hordofuuf teknolojiin dijitaalaa hojiirra ooleera.

Yeroo ammaattis tajaajila teknolojii kana hojiirra oolchaa jirra. Karroota shanan qabnurratti kaameeraan hordofu hojiirra akka oolu waliigalameera. Tajaajilichi hamma tokko haa jalqabu malee dhiyootti guutummaa guutuu Shaggar keessatti hojiirra akka oolu ta’a.

Bariisaa: Qophiin gama ogeessa teknolojii kana hogganu horachuutiin hoo maaltu hojjetame?

Obbo Leejjisaa: Ogeessi mindeeffameera. Hamma tokko ijaarsi teknolojii guutuu Magaalaa Shaggar keessatti xumuramaa jira.

Bariisaa: Karroota Finfinnee Shananirratti kaameeraan sakatta’insaa dhaabachuuf jiru teknolojii addaati jedhamaatii maaltu adda isa taasisa?

Obbo Leejjisaa: Teknolojiin kun eksireeyii addaafi ammayyaa yoo ta’u, meeshaaleen waraanaa seeraan alaa konkolaataa cirracha ykn midhaan fe’e keessa dhokfamanii oggaa dhufan osoo fe’isa inbuusiin raajii keessoo cirrachaan ykn midhaaniin uwwifamee dhokate gadi basee kan mul’isuudha.

Teknolojiin kun osoo caasaan nageenyaa baay’ee hindhama’iin waan cirracha ykn midhaan keessatti dhoksaan fe’ame gadi baasee kan mul’isu waan ta’eef dhamaatii kan hambisuufi alseerota kan salphisu yoo taa’u, dhiyootti hojiirra ooluun tajaajila hordoffiifi sakatta’insaa eegala.

Gabaabumatti kan Finfinnee seenus ta’e bahu ashaaraansaa fudhatamee guyyuu hordofama alseerummanis ni to’atama. Kutaalee magaalaa 12’n karaa dijitaalaa hordofuun alseerummaa caasaalee gara garaatiin qaqqabuu malu kallattiin hordofuuf kan gargaaruudha.

Bariisaa: Tekolojiin kun Finfinnee wajjin walhidheeraa? Kan gadi bahus kan karrasheetti olgalu hordofuufis waan gargaaruuf miirri waliin hojjechuu maal fakkaata?

Obbo leejjisaa: Teknolojichi Artefishaal Intalajansiifi Bulchiinsa Nageenya Marsariitii Odeeffannoo waliin ta’uun Shaggaritti hojiirra yoo oolu kan olgalus gadi bahus to’achuuf gargaara. Qaamolee kanneen waliin ta’uun tajaajila nageenyaa teknolojiidhaan deeggarame hojiirra oolchuuf hojjetaa jirra.

Hundaa olimmoo ummanni keenya miira nageenyichi kankooti jedhuun shakkii hojii alseerummaa wayita argu gaachana sirnaa, milishaa, caasaa nageenyaa argatetti eeruu kennuun naannawasaa tiksaa jira.

Bariisaa: Teknolojiin kun adda ta’uusaatiin walqabatee gatiinsaallee qaalii ta’uu hinooluutii hammamtu itti baha?

Obbo Leejjisaa: Keessumaa teknolojiin eksireeyii konkolaattota fe’isa baatan sakatta’u kuniifi kameeraawwan biroo waan konkolataan dhoksan baatu piriinti godhanii baasan qarshii miliyoona 100 baasuun ogeeyyota mindeessuun tajaajilaaf qopheessuutti jira.

Magaalaa Shaggar miidhagduu (smart) taate ijaaruuf imalarra jirama. Teknolojiin kun hojiirra ooluunsaammoo sochichaaf akka galteetti kan gargaaru waan ta’eef kan jajjabeeffamuu qabuudha.

Bariisaa: Ijaarsa seeraan alaa diiguun walqabatee tarkaanfiin fudhatamaa turuun niyaadatama. Ta’us dhimma kanaan walqabatee murnoonni kan Oromoo hindiigamne jedhanii dubbatan turaniiru. Isin kanarratti maal jettumee?

Obbo Leejjisaa: Alseerummaan saba tokkoof mirga, kaaniif ammoo yakka ta’e hinjiru. Dhugaa dubbachuuf ijaarsa seeraan alaa diiguun walqabatee irra jireessi kan jalaa diigame kan Oromooti. Sabaan qoodamee ijaarsi seeraan alaa diigame hinjiru.

Gabaabaatti ijaarsi seeraan alaa diigame kamuu sabaan kan hinqoonne, fuuldurattis kan ittifufu ta’a. Alseerummaan eenyuunuu hinjajjabeeffamu, araaramas hinqabu.

Bariisaa: Tibbana istaatistiksii ummataa lakkaa’uuf magaalaa Shaggar keessa manarra kan naannahan ergama kennameef booddeetti dhiisanii qalama baatanii maallaqa nuu kennaa diddanimmoo mana keessan diigna jedhanii kanneen maallaqa funaanan jiru jedhamaatii isin kana quba qabduu?

Obbo Leejjisaa: Eeruun kun sirriidha. Kutaa Magaalaa Gafarsaa Noonnootti mana komishinara tokkoo deemanii nidiigna; kanaan ala maallaqa fidaa jedhanii kanneen saamichaaf bobba’an turaniiru. Haaluma kanaan bakkawwan garagaraatti maallaqa funaanaa turaniiru. Hojii caasaaleen nageenyaa keenya of kennanii hojjetaniin shakkamtoonni kunniin to’annoo jala oolaniiru.

Kana duwwaa miti hattoonni kunniin qaboo yaa’iillee qabatanii lafa seeraqabeessaan abbaa qabeenyaaf kenname dhabsiisuun maallaqa gaafachaa turan. Dhimma kana hordofnee to’anneerra. Gama kanaan hojii guddaatu hojjetame.

Gabaabumatti alseerummaan Shaggar qoraa jiru hammaataa ta’us caasaan nageenyaafi hawaasni qindoominaan hojjechuun nageenyasaa waloo eegsisaa jira jechuun nidanda’ama.

Bariisaa: Shaggariif kan du’e eenyu, kan eenyuuti?

Obbo Leejjisaa: Dhugaa dubbachuuf Shaggariif kan du’e, kan qabsaa’e isa keessa jiraatu qofa miti. Oromoon kallattiilee afraniinuu jiru keessa jiraachuu baatus kankooti, kan obboleeyyankooti jedhee dhiigeefiira, du’eefiira, wareegameefiira.

Shaggar magaalaa imaanaa guddaadhaan nutti kennamteedha. Kaleessa duunee har’aan ishee geenyeerra. Har’a tiksinee dhaloota boruuf kan dabarsuu qabu nuyi.

Bariisaa: Amantaa ummanni magaalaa Shaggar caasaa nageenyaafi hoggantootarraa qabu keessumaa Shaggar nuu tiksuu danda’u jedhu maal fakkaata?

Obbo Leejjisaa: Amantaan ummanni caasaalee nageenyaarraa qabu olaanaadha jechuun nidanda’ama. Sababnisaas ijaarama caasaalee nageenyaatiin booda nageenyi lammiilee mirkanaa’aa jira. Kanaan walqabatee hawaasni maallaqasaa baasee meeshaa waraanaa dhiyeessaafii jira.

Kanamalees kanneen qaban dabarsanii kennuun nageenyi naannawaakoo eegamuun kankoo eegamuudha yaada jedhuun caasaa nageenyaa waliin dhaabachaa jiru.

Bakkeewwan shakkiin nageenyaa jiruttullee eeruu kennuun hawaasni caasaa nageenya waliin qindoomina uumee Shaggar qe’ee nageenyaa taasifataa jira. Kun waan daran jajjabeeffamuu qabuudha.

Bariisaa: Daldala albuudaa seeraan alaatiin walqabatee konkolaattotaan Shaggar keessaa halkan saamanii Finfinneetti geessan jiru jedhamaatii kun hordofamaa jiraa?

Obbo Leejjisaa: Dhimmi daldala seeraan alaa albuudaan walqabatu yeroo dheeraaf qormaata Shaggar qoraa tureedha. Amma hafeera. Dargaggoonni Shaggaritti dhalatanii guddatan kallattii daandiirra buluu hinqaban. Balbala namaa eeguun irra hinjiraatu jedhuun misooma albuudaarratti akka hojii uummataniif kallattii mootummaan kaa’e hordofuun alseerummaan dhaabataa jira.

Dargaggoonnis miira qabeenyakooti jedhuun tikfachaa jiru. Albuunni Shaggar konkolaataan miti fal’aanaan seeraan ala gadi hinba’u dargaggootumatu caasaa nageenyaa faana walta’uun hordofataa jira.

Yeroo ammaatti dargaggoonni keenya fayyadamoo ta’aa jiraachuunsaanii nama gammachiisa. Abbaan qabeenyaa maqaa misoomaatiin seeraan ala ofii albuuda saamaa dargaggoota eeggattummaaf saaxilaa ture amma daangaa godhateera.

Gabaabumatti kabajamuun olaantummaa seeraa nageenyi waaraa akka mirkanaa’u, misoomni hunda qixa fayyadamaa taasisu akka babal’atu, ba’anii galuun akka danda’amu taasisaa waan jiruuf ammallee cichinee irratti hojjechuun Shaggar magaalaa jireenyaaf mijooftuufi miidhagduu akka taatuuf ga’ee lammummaafi ogummaa keenyaa ba’achaa jirra.

Bariisaa: Abbootiin qabeenyaa, diyaaspooraawwan misoomawwan garagaraarratti bobba’an bilisummaan hojiisaanii akka hojjetataniif hordoffiifi deeggarsi caasaa nageenyaatiin taasifamuuf maal fakkaata?

Obbo Leejjisaa: Abbootiin qaabeenyaas ta’an diyaaspooraawwan misoomsanii misoomuuf dhufan nageenyisaaniifi bakki hojiisaanii akka mirkana’uuf deeggarsi ogummaa nitaasifamaaf.

Kanamalees isaanis gamasaaniin alseerummaa mudachuu malu tiksuuf naannawa warshaaleesaaniifi keessattis kaameeraa ‘CCTV’n akka deeggaraman kallattii taa’een ittifayyadamuun nageenyaaf aantummaa qaban mul’isaa jiru.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif isin galateeffanna.

Obbo Leejjisaa: Shaggar kankooti. Miidhamni hawaasa Shaggar miidhama kooti yaada jedhuun xiyyeeffannoo kennitanii gaafdeebii nuwaliin taasisataniif nutis isin galateeffanna.

Hawaasni keenya nageenyasaa bu’uura waan hundaa ta’e kabachiifachuuf haaluma barameen caasaa nageenyaa waliin qindoomee hojjechuu qabaan ergaa keenya.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You