Akka aadaafi duudhaa Oromootti eeboofi gaachanni eenyuuf kennama?

Abbootiin Gadaafi ogeessonni aadaa gaachanaafi eeboo akka meeshaa kabajaatti aangawoottan, keessummootaafi namoota kanneen fakkaataniif kennuun baratamus hiiki aadaa keessatti qabu garuu kan biraa akka ta’etti kaasuudhaan yeroo garaa garaatti qeeqaa turaniiru.

Aadaafi duudhaa ummata Oromoo keessatti gaachanniifi eeboon meeshaalee waraanaa diina ittiin ofirraa qolataniifi kabajaafi gootummaa ibsuuf ooludha .

Oromoo qofa biratti osoo hintaane biyyoota Afrikaa garagaraattis ummattootni dur jiraachaa turan diinasaanii ofirraa ittisuufi bineensota ittiin adamsuudhaaf meeshaalee kanneenitti dhimma bahachaa akka turan seenaarraa hubachuun ni danda’ama.

Itoophiyaattis saboonni, sablammoonniifi ummattootni garagaraa biyyattii keessa jiran Eeboofi gaachanatti fayyadamaa kan turaniifi ammas fayyadamaa warreen jiranis hindhabamne. Keessattuu sabootaafi sablammooto hortee kuush ta’an biratti meeshaaleen waraanaa aadaa eeboofi gaachanni iddoo guddaa qaba.

Eeboofi gaachanni meeshaalee waraanaa aadaa kan ta’aniifi ummattoota biyyattii keessaa garri caalu diinasaa ittiin ofirraa ittisaa turuusaatiin har’as dhaabbileen Itoophiyaa kanneen akka Raayyaa Ittisa Biyyaas faajjii isaanii taasisaniiru.

Aangawoonni Itoophiyaa namoota siyaasaa garagaraaf gaachanaafi eeboo akka ‘kennaa jaalalaafi kabajaatti’ yoo kennan arguun waan baramaa dhufe yemmuu ta’u, haalli kun immoo yeroo tokko tokko akeekasaarraa maqeera jechuun kanneen qeeqanis jiru

‘’Gaachanni kan Oromoon dur ittiin waraana seenuudha’’ jedhu Abbaa Gadaan Tuulamaa Goobana Hoolaa. Akka yaada Abbaa Gadaa Goobanaatti, Sirna bulchiinsa Gadaa Oromoo ‘UNESCO’tti galmaa’e keessatti dargaggoonni sadarkaa Raabaadoriirra jiran gaafa rakkoon walitti bu’iinsaa dhufe diinaan lolu. Yeroo rakkoon walitti bu’iinsaa qaama diinaa tokko waliin uumame immoo dargaggootni sadarkaa Gadaa Raabaa Dooriirra jiran waraanaaf kan itti fayyadaman gaachana, eeboofi fardadha.

Meeshaalee waraanaa aadaa Oromoo keessaa gaachanni eeboo diinarraa darbatamu akka qolatuuf jabaa ta’uu qaba. Gaachanni gogaa roobiirraa waan hojjetamuuf eeboo darbatame ykn goraadee ofirraa qolachuuf gargaara. Kana waan ta’eefis yeroo hedduu gaachana kan qabatuufi kan ittiin lolu goota jedhu.

Itoophiyaa keessatti gaachanniifi eeboon baay’inaan ummatoota Kuush biratti beekama. Ummatoota Kuush keessaa lakkoofsaan olaanaa kan ta’e ammoo ummata Oromooti. Gaachanniifi eeboon ummata Oromoo biratti hiika kabaja guddaa qaba.

Akka aadaa Oromootti gaachana kan qabatu nama gootaafi sabasaatiif gaachana ta’uudha. Oromoo biratti gaachanni kabajaa guddaa qaba. Dur Oromoon nama eebbisee waraanatti yeroo ergu haadholiin siinqee eebbisanii siinqee jala hulluuqsisanii dabarsuun gara waraanaatti ergu. Abbootiin ykn warri dhiiraa immoo nama gara waraanaa deemu kanaaf eeboofi gaachana harka keessa ka’uudhaan gara imala waldura dhaabbannaa diinatti bobbaasu.

Kunis ergaan inni dabarsu ‘’deemi, diinakee loli, diina sitti dhufemmoo kan ittiin qolachuu dandeessu gaachanni kunooti’’ jechuun itti kennanii hawwii injifannoo waliin bobbaasu.

Gaachanniifi eeboon meeshaa waraanaa duriiti. Meeshaan ammayyaa osoo hindhufin dura dhiirri diinas, bineensas kan ittiin ofirraa qolachaa ture meeshaaleedhuma kanneeniin ture.

Gaachanni meeshaa waraanaa ta’uun alattis ummata Oromoo biratti ulfina guddaa kan qabu ta’uu kan kaasan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa, gaachanni kan kennamus goota sodaa tokko malee diina dura dhaabbatee loluuf kennama malee nama argeef kan hinkennamne ta’uu ibsu.

Yeroo ammaa gaachanni waltajjii gara garaa irratti namoota ykn keessummootaaf kennamaa jiraachuu himanii, aadaa Oromootiin ala gaachana namoota hinmalleef kennuun kabajaafi hiikkaa isaa kan hir’isu waan ta’eef sirrachuu qaba jedhu.

Gaachana nama tokkoo kennuun ammo ergaa ‘’Ati jabaadha, goota, amanamaadha jechu of keessaa qaba. Gaachanni warra lolee galeefi warra gara fuula duraa itti abdii qabaniifis ni kennama.’’ Jedhu.

Akka Abbaa Gadaa Goobanaatti, Sirna Gadaa keessatti warra qabeenya gurguddaa qabutu gaachanaafi eeboo dhiirotaaf kenna. Eeboon nama waraana deemuuf ka’eef kan kennamu yoo ta’u, irra caalaa, ajjeesaadhaan walqabata. Kan ajjeessan immoo diina namaa qofa osoo hintaane, bineensota guguddoo dhala namaa irratti balaa geessisuu ajjeesuu dabalata.

Yeroo dhihoo as garuu sagantaawwan garaa garaarratti keessummoota guguddoo iddoo biraatii dhufaniif meeshaalee waraanaa aadaa Oromoo kana kennuun baratamaa dhufuunsaa jaalaluma Oromoon jara sanaaf qabu ibsuuf jecha, gaachannimmoo jaalaluma meeshaa guddaa kaleessa Oromoon waraana ofirraa ittise, meeshaa jaalalaa, kabajaa, meeshaa dhiirri ittiin lolu jechumaaf warra siyaasaa kanaaf kan hinmalle ta’uu dubbatu.

Abbaa Gadaa Goobanaan ‘’Warra siyaasaatiif gaachana kennuun sirrii miti’’ jechuun yaadasaanii ibsu. Gaachanaafi eeboon alatti kallacha, akkaataa uffataafi kaan irrattillee ittifayyadama irratti qaamoleen sirnasaa malee bakka hinmalletti qaamolee hinmalleefi kan oolchan jiraachuus eeraniiru.

Akka yaada Abbaa Gadaa kanaatti, hoggantoota siyaasaatiif gaachana osoo hintaane wantootni akka adaa Oromootti kennamaniif ni jiru. Wantoota namoota siyaasaatiif akka kabajaatti kennamuufii qaban keessaa inni tokko Alangee yemmuu ta’u, kunis nama siyaasaan beekaa ta’eef Alangee kennaniifii ‘’beekaa ta’i’ jedhanii lallabuufi. Beekii biyya bulchi akka jechuuti. Beekanii malee jeeqanii biyya hinbulchan waan ta’eefi.

Meeshaan inni biraa namoota siyaasaatiif akka kabajaatti kennamuu danda’amu immoo Baallii Guchii yemmuu ta’u, kunis Baallii Guchii rifeensa mataasaatti suuquudhaan beekaa ykn gamna ta’i jedhuun. “Beekaa mataa baallii” jedhaniin. Akka warra siyaasaa sanatti immoo gamna jechaadha.

Meeshaan inni biraa Horooroo jedhama. Horooroo yoo kennan rakkoo hinqabu. Ittifufiinsa dhala namaa ofirraa qaba. Horooroo Yuuba, Abbaa Gadaatu qabata. Dargaggeessi Gadaa hingahin horooroo hinqabatu.

Fardis kennaawwan kabaja ibsuu danda’aniifi namoota siyaasaatiif kennamuu danda’an keessaa isa biraa yoo ta’u, araaraafi nageenya jabeessa, walqunnamsiisa jedhama.

Walumaagalatti, waggoota jijjiiramaa kana keessatti aadaafi duudhaaleen Oromoo kanaan dura dhiibbaa humnoota aangoo giddugaleessaa gonfatamaniin moggaatti dhiibamaa ture deebi’ee itti lalisaa jirutti dagoggoroota xixiqqoo aadaafi duudhaa Oromootiin faallaa ta’an sirreeffachuun imala gara duudhaa ganamaatti deebi’uuf qabame milkeessuuf hojjachuun qooda Oromoota maraati jedhu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You