Sirna Gadaa keessatti sadarkaalee hirmaannaa ijoollummaafi dardarummaa

Sirni Gadaa garaagarummaa koorniyaa, umrii, sadarkaa barnootaa, gosaafi amantiidhaan dhala namaa kan qoodu osoo hintaane sirna dhala namaa hunda jaarmiyaalee adda addaa jalatti ijaaruun hawaasa keessatti dhimmoota siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaarratti akka hirmaatan taasisuudha.

Sirnicha keessatti namni tokko sadarkaa ijoollummaarraa kaasee hanga Jaarrummaatti jaarmiyaalee sadarkaa sadarkaan jiraniin hammatamuun hoggansaafi ittigaafatamummaa garagaraa keessa kan darbu yoo ta’u, gama koorniyaatiinis hunduu ijoollummaasaarraa kaasee sirnicha keessatti hirmaachuuf akka mijatutti caasaalee garagaraatti kan qooduudha.

Sirnichi hojiilee siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa hojjechuuf akka mijatutti karaa bilchina qabuufi hirmaachisaa ta’een kan caaseffame yommuu ta’u, caasaaleen jiran kunniin dhalli namaa guyyaa dhalaterraa eegalee akkuma umriinsaa dabalaa adeemuun waan yaadaan bilchaatuuf ittigaafatamummaan namni tokko hawaasa keessatti qabu dabalaa adeemee sirna bulchiinsa Gadaa keessatti gulantaa tokkorraa gara gulantaa ittaanuutti ce’a. Barreeffamni kun sadarkaalee sirni Gadaa Gujii qabu afran keessaa kan ijoollummaafi dardarummaarratti kan xiyyeeffateedha.

Akka ragaan maxxansa Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Gujii “Baallii 75ffaa” sababeeffachuun qophaa’e dubbisiisetti tokko tokkoon gulantaalee kanneen keessatti sirnootni (jilti) raawwatamuufi namni akka ittigaafatamummaasaa bahachuu danda’uuf akkaataadhuma gulantaasaatiin leenjiin kennameefii gahoomaa deema.

Ijaaramni sadarkaalee Gadaa kunis akkuma gahumsaafi bilchina sadarkaalee keessa qaxxaamuruun qoodamee kan ijaarame yoo ta’u, sadarkaan (gulantaan) nama tokkoof kennamu umriirratti osoo hintaane gulantaa abbaasaarratti hundaa’a. Fakkeenyaaf Namni gulantaa Dooriirra jiru daa’imnisaa Dabballeedha. Daa’imni kun erga waggoota saddeet xumuree booda gara Qarree Diqqootti darba.

Namni gulantaa Yuuba Xiqqaarra jiru ijoolleen Yuubni kun uummatu Dabballee ta’uu waan hindandeenyef gulantaa sadarkaa abbaasaatiin waan madaalamuuf Kuusa ta’a. Akkasumas ijoolleen abbaansaanii abbaa Gadaa ta’e sadarkaa abbaan irra jirurraa gadi deebi’anii sadarkaa ijoollee Dooriitti Dabballee ta’anii hinramadaman. Sadarkaa abbaan Gadaa irra gaheen sadarkaa Qarree Diqqootti (Gaammee Xiqqootti) ramadamu.

Gulantaaleen sirna Gadaa Gujii kan namni sadarkaa sadarkaan keessa qaxxaamuru gara gulantaalee 13 qaba. Isaanis walduraa duubaan; Dabballee, Qarree Duubaa, Qarree Duraa, Kuusa, Raaba, Doorii, Gadaa, Baatuu, Yuuba Diqqaa, Yuuba Guddaa, Jaarsa Guduruu, Jaarsa Qululluufi Jaarsa Raqeyaadha. Gulantaaleen kunniin ijaaramawwan guguddoo afuritti qoodamu. Isaanis sadarkaalee Ijoollummaa, Dardarummaa, Maanguddummaafi Jaarrummaati.

Sadarkaan Ijoollummaa gulantaa Dabballee, Qarree Duubaa, Qarree Duraafi Kuusa of keessatti hammata. Yommuu sadarkaa ijoollummaa jedhamu namootni sadarkicha keessatti argaman umriisaaniitiin daa’ima jechuu osoo hintaane gaheen isaan sirna Gadaa keessatti qaban gahee jalqabaati jechuudha.

Namootni sadarkaa kanarratti argaman ittigaafatamummaa gama hawaasummaa, dinagdeefi bulchiinsaatiin hawaasa keessatti aangessuu waan hindandeenyeef sadarkaalee isaaniin ol jiran eeyyamsiifatanii hojii raawwwatu.

Sadarkaa kana keessaa isa jalqabaa kan ta’e Dabballeen miseensotni Luba kanaa gulantaadhaan ilmaan Doorii yommuu ta’an, sadarkaa kanaan waggaa saddeet turu. Namni sadarkaadhaan Doorii hingeenye yoo daa’ima godhate, gulantaan daa’imichaa Dabballee hinta’u, Hanga Gulantaa Dabballee seenutti Guduruu ykn Suluuda ta’a.

Oggaa daa’ima kanaaf rifeensa mataa haadaniif rifeensa xiqqaa fuulduratti dhiisuuf. Miseensotni Doorii ijoolleesaanii Guduruu turan jila jilisaniifii gara Dabballeetti guddisu. Yeroo isaan jilisan haati daa’imaa “Dur dhoksee guddisaa, har’a qoffee mul’isa” jettee sirbiti.

Aangoon miseensota gulantaa kana keessa jiranii gadaanaa ta’uu agarsiisuuf mallattoo daa’imummaa gulantichaa kan ta’e meeshaa Dabballee jedhamuufi elellaan gogaa horii irratti seefame mataatti godhatan.

Warri sadarkaa kana keessa jiran dhuma gulantaa kanaarratti jilli maqbaasaa gaggeeffameefii gara gulantaa ittaanuu, Qarree Duubaatti guddatu. Miseensotni sadarkaa kanaa daa’imman xixiqqoon yoo akka tasaa du’an reeffiisaanii boroo manaatti awwaalama.

Bu’uruma barsiisa sirna Gadaatiin abbootiin Gadaafi Yuubotni erga Faaroo ilaalanii booda rifeensasa daa’imichaa irraa haadanii ilmaansaaniitiif sirna maqaa baasuu raawwachuun ijoolleen kunniin gara gulantaa ittaanuutti akka cehan taasisu.

Dabballeen sagantaa maqbaasaa kanaan rifeensa mataasaanii haaddatanii, erga qarree buufatanii booda korma maatiinsaanii kennaniif mooraa loonii keessaa baatanii balbala abbootiisaanii duratti Areerachuun; sirba “Shaboo yaasa” jedhamu sirbuun gammachuusaanii ibsatu.

Yuubni Gujii Gannaalee Aagaa sirna Maqbaasaa ilaalchisee yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, miseensi caasaa sirna Gadaa, Gadoomuuf sirnoota keessa darban keessaa tokko sirna Maqbaasuuti,

Sirna Gadaa keessatti namni tokko yoo maqaan hinbaaneef eenyummaansaa hinbeekamu kan jedhan yuubni kun, sirnichi mijuuwwan Obboleessaa, Dooriifi Yaa’aatiin kan raawwatamu ta’uu himaniiru. Namni sirna maqbaasaatiin maqaan baheef yoo akka tasaa du’ellee awwaalchisaa karaa nama maqaan hinbaaneefirraa adda ta’een kan raawwatamuuf ta’uu ibsaniiru.

Gulantaan Dabballeetti aanee jiru Qarree Duraa (Gaammee Guddaa) yoo ta’u, miseensoti gulantaa kanaa oggaa umuriinsaanii nama guddaa ta’u guyyaa abbootiinsaanii horii jilaaf qalatan isaanis abbaan duubaan harirtii raawwatu.

Warri gulantaa kana keessa jiran bulchiinsa sirna Gadaa keessatti shoorrisaanii guddaa ta’uu baatus, gaheensaanii guddaan korboo (leenjii waraanaa) taphachuu, foora looniin godaanuu, loon haya nyaachisuufi loon hora geessuudha.

Miseensi sadarkaa kanaa waan gara gulantaa ittaanuutti guddachaa deemanuuf jila Qarree buufata jedhamu raawwatanii gara gulantaa ittaanu (Kuusa)tti cehu. Miseensotni Jila raawwatan kun battaluma san qabeenya jalqabaa kan ta’e Goromsawwan (Raaddeen) lama kanneen maqaansaanii Qarreefi Bobbaasii jedhamee moggafamu argatu. Akka seera Gadaa Gujiitti namni tokko qabeenya horachuu kan jalqabu guyyaa kennaa raada argate sanaa eegaleeti.

Ijoolleen gulantaa kanaa, Qarree Duraa (Gaammee Guddaa) ta’anii kan turan waggaa saddeetiif yoo ta’u, dhuma waggaa saddeettaffaatti Qarree Dhumaa baafatanii gara Kuusaatti cehu.

Gulantaan Kuusaa gulantaa miseensisaa gara fuulduraatti ittigaafatamummaa fudhachuuf deeman waan ta’eef gulantaalee darbanirra yeroo ittidammaqee walbeekee waan hedduu barachaa deemuu qabu waan ta’eef gulantaa daran murteessaadha.

Jilootniifi sagantaaleen akka Jila Woldhaggii, Nyaachisa, Fooqa (Agallaa) seenuufi Jilli Bantii Saaqataa jilootaafi sagantaalee miseensota gulantaa kanaatiin taasifaman keessaa isaan muraasa.

Woldhaggiin gulantaa kana keessatti miseensotni luba kana keessa jiran hundi yeroo itti walbarataniifi dhuma gulantaa kanaarratti miseensi gulantichaa hoggansa keessa galuuf waan deemuufi waggaa 20 booda baallii fudhatanii Gadaa ta’anii ummata bulchuuf filatamuu waan danda’anif sagantaan waldhaggiin kun barbaachisaadha.

Yeroo woldhaggii abbootiin ijoollee kanaa gulantaa Yuubarra jiran hundi korma qaluudhaan nyaachisa gaggeessu. Yeroo kanatti hojiin miseensa Kuusaa inni guddaan nyaachuu, dhuguu, walbaruu, sirbuu, qeexaluu, sarbicha dhiituufi bashannanuudha.

Kuusi Yaa’a Gadaa gula godaanuudhaan abbootii Gadaa Qadaadduurraa barumsaafi leenjii fudhachuun hojiiwwan akka loon godaansisuu, karaa yaa’i Gadaa godaanu gula godaananii ciruu, mi’a fe’uu, qachaa yaa’aa ijaaruun tajaajila.

Fooqa (Agaallaa) seenuunis sagantaa miseensota gulantaa kuusaatiin raawwatamu keessaa tokko yoo ta’u, sagantaa fooqa seenuutiin miseensotni Kuusaa namoota hoggansaaf ta’an lakkoofsaan saddeet ta’aniifi kanneen Gujii balbala torbaa bakka bu’an ittifilataniidha.

Namootni filataman kunniin waggoota 16 booda hanga gulantaa Gadoomaa gahanii aangoo fudhatanii ummata bulchuu eegalanitti guyyaa filatamanii jalqabanii miseensotasaanii wajjin fooqa seenanii leenjii fudhatu. Namootni miseensota gulantaa kana keessaa filataman Faga, Abbaa Murtii, Irkisaa Abbaa Gadaa, Hayyuu, Jadhaaba, Waamuraafi Torbiidha.

Namoota dandeettii hoggansaa, naamusa gaarii, kaayyoofi gaaroo gaarii qaban erga of eeggannoo cimaadhaan filatamanii booda namootni filatamaniifi miseensotni gulantichaa hundi iddoo leenjii isaanif qophaa’e (Fooqa ykn Agaallaa) seenanii osoo addaan hinkutin leenjii ji’a tokkoo fudhatu.

Mooraan leenjii kun dallaadhaan ijaaramee namootni filataman fooqa seenanii yommuu leenjicha fudhatan miseensotni hinfilatamin immoo hundisaanii fooqaan ala dallaatti naanna’uudhaan osoo addaan hinkutiin guyyoota 28f leenjii cimaa fudhatu.

Leenjicha kan kennan Yuubota guguddoo ga’umsaafi muuxannoo baroota dheeraa qabaniidha. Iddoon leenjichi itti kennamus iddoo qubsuma ummataarraa fagoo ta’eefi wanti nama jeequu danda’u tokkollee hinjirree yoo ta’e filatamaadha.

Matadureewwan leenjiin kun irratti kennamu keessaas muraasni waa’ee sirna bulchiinsa Gadaa, waa’ee aadaa, seeraa, qajeelfama hojii, naamusaa, waa’ee waraanaafi waa’ee jiloota adda addaati. Erga leenjicha xumuranii booda garee gareedhaan ijaaramanii mooraa leenjichaatii bahuun ummata keessa socho’anii akka leenjii fudhatan hojiitti jijjiiran taasifama.

Haaluma walfakkaatuun miseensi Kuusaa kan leenjiif fooqa seenaniifi hinseeniin hundi Jila Bantii Saaqataa kan mataasaanii gubbaatti bantii diqqoo saaqatan jila bantii haaddataa raawwachuun haadha warraa kan jalqabaa fuudhuun gara gulantaa ittaanu (Raabaa)tti guddatu.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You