Shawaal Iid: Ayyaana tokkummaafi obbolummaa ummatoota cimsu

Jiraattonni naannoo Hararii, keesuummoonni naannolee oollaa naannichaarraa, naannolee biyyattii biroofi biyya alaatii dhufan hirmaachisuun Roobii darbe Ayyaanni Shawaal Iid sirna ho’aadhaan kabajameera.

Sirnicharratti agarsiisiwwan adda addaa dhihaatanii akka ayyaanichi caalaatti miidhagu taasisaniiru.

Ayyaanonni akkanaa tokkummaa, walooma, obbolummaafi gamtaa ummatootaa waan cimsaniif caalaatti cimee kabajamuu qaba.

Waggaa 1ffaan Shawaal Iid Dhaabbata Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (‘UNESCO’) n hambaa kilayaa ta’ee ittigalmaa’e waan ta’eefis ayyaanni baranaa haala addaatiin bakka Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaafaan argamanitti kabajame.

Pirezidaantiin Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriis qaamolee ayyaanni Shawaal Iid duudhaa aadaasaa eegee karaa waloomaafi jaalala agarsiisuun akka xumuramuuf gumaachan galateeffataniiru.

Ayyaanni Shawaal Iid waggaa waggaan sirna ho’aadhaan kabajamu kun barana yeroo kamuurra milkaa’ina guddaan xumuramuus ibsaniiru.

Milkaa’ina ayyaanichaaf qooda kan qaban ummata naannichaa, qaamolee nageenyaafi eegsiftoota seeraa, jila naannolee ollaa akkasumas qaamolee gumaacha taasisan biroo maqaa ummataafi mootummaa naannichaatiin galateeffachuusaanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You