Bitootessa bara 2010 irraa kaasee haalli siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee biyya kanaa adeemsa siyaasaa haaraa keessa kan itti galte yemmuu ta’u, haala siyaasaa lammiilee karaa nagaatiin yaadasaanii ummata biraan gahuuf qabsaa’an hundaaf kan ulaan siyaasaa itti bal’ate, miidiyaaleen walabaa boqonnaa itti argatan, sabaafi sablammootni siyaasa giddugaleessaa keessaa dhiibamanii moggaatti baafamanii turan kan sagalee itti argatanii paartii biyya bulchutti sadarkaa koree giddugaleessatti iddoo argataniifi rakkoolee gara garaarratti shakkii keessa galaa kan ture ijaarsi hidha guddichaa kan itti baraarame waqtii jijjiiramaa guddaa kanatti.
Jijjiiramni siyaasaa waggaa jahan har’aa dhufe kun damee barnootaatiif carraafi sodaa akkamii, qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti raawwiin jiru maal akka fakkaatuufi keessattuu jijjiirama imaammata barnootaatiin walqabatee kufaatiin barattootaa kutaa 12ffaafi 8ffaatti jiru maalirraa akka madde, dabalataanis jijjiiramoota gama barnootaatiin waggoota jijjiiramaa kana keessatti galmaa’anirratti Gaazexaan Bariisaa hayyuu barnootaafi hogganaa yeroo dheeraa damee barnootarratti jijjiirama fiduun beekaman Doktar Tolaa Bariisoo wajjiin gaafdeebiin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramoota damee barnootaatiin waggoota jijjiiramaa kanatti galmaa’an dubbistoota keenyaaf ibsuuf heeyyamoo ta’uu keessaniif galatoomaa!
Doktar Tolaa: Isinis hojii bu’uura waan hundaa kan ta’e barnootarratti waan hojjatamaa jiru ummata biraan gahuuf dhufuu keessaniif ulfaadhaa!
Bariisaa: Mee gara bu’aalee jijjiiramaan booda damee barnootaarratti argamaniitti dhufuun dura rakkoolee sanaan dura turan osoo nuu kaastanii?
Doktar Tolaa: Bareedakaa. Akkuma beekamu bara jijjiiramaa kan jedhamu bitootessa bara 2010 as yeroo jiru kan dhuunfatu yemmuu ta’u, kunis amma waggaa jahaffaa keessa galleerra jechuudha. Akkuma isinuu kaaftan gara hojiiwwan damee barnootaatiin waggoota jahan jijjiiramaa kanneen keessatti hojjatamaniitti darbuun dura rakkoon sanaan dura ture maal akka ture ilaaluun daran barbaachisaadha.
Haala imaammata barnootaa waggoota 30tti dhihaatuuf biyyattii keessa ture yemmuu ilaallu rakkoowwan turan hedduu ta’anis isaan keessaa barattootni barnoota sadarkaa tokkoffaa marsaa jalqabaa kutaa 1ffaa hanga 4ffaatti turan barreessuufi dubbisuu dadhabuudhaan walqabatee rakkoon ture olaanaadha.
Akkuma beekamu barataan barnoota sadarkaa gadaanaa keessatti sirnaan hinqalbifanneefi dubbisuufi barreessuu hindandeenye gara sadarkaa giddugaleessaafi olaanaatti yemmuu guddatus waan daree keessatti barsiifamu sirnaan qayyabachuurratti rakkoo guddaa kan itti ta’uudha.
Rakkoon biraafi dhimmumti kanaan walqabatu manneen barnootaa oolmaa daa’immanii baadiyyaa keessa jiraachuu dhabuu qofa osoo hintaane, kanneen naannawa magaalotaatti argamanis abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin kan barsiifaman turan.
Haalli kun rakkoolee guguddoo lama uume. Isaanis, inni jalqabaa barattoota baadiyyaafi magaalaa gidduutti loogii uumuudhaan garaagarummaan akka bal’atu taasise. Lammaffaa oolmaan daa’immanii magaalotatti ijaaramanii barnoota kennanis abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin kan bulan manneen barnootaa dhuunfaa waan ta’aniif maatii harkaqal’eeyyii manneen barnootaa dhuunfaatti daa’immansaanii barsiifachuu hindandeenyeef carraa kan hinkennine waan tureef magaalumattuu ijoollee hiyyeessaafi dureessaa gidduutti garaa garummaa uumuudhaan qajeelfama daa’imman umriinsaanii barnootaaf gahe akka barattu ajajuufi mirga lammiileen hundi barnoota walfakkaataa argatanis kan sarbuudha.
Kanaaf rakkooleen kunniiniifi kaan sirnaan erga tarreeffamanii booda gara tarkaanfii sirreeffamaatti kan galameedha jechuun ni danda’ama.
Bariisaa: Rakkoolee keessattuu barnoota bu’uuraan duraa kanneeniif mala furmaataa akkamii keessan? Hanga ammaatti bu’aan dhufe hoo maal fakkaata?
Doktar Tolaa: Jalqaba rakkooleen kunniin maalirraa akka maddan erga qorannee booda gara kallattii furmaataa keenyee irratti hojjachuutti kan galle. Barnootni bu’uuraa manneen barnootaa mootummaa keessatti akka hinkennamneefi manneen barnootaa dhuunfaa naannawa magaalotaatti argaman keessa qofatti akka kennaman kan taasise imaammata barnootaa biyyattiiti.
Kanaafuu, rakkoo kana bu’uuraan furuuf yoo barbaadame tarkaanfiin jalqabaa imaammata barnootaa lammiilee gidduutti loogiin akka uumamuuf karaa bane geeddaruu qofa ture. Kanumarraa ka’uun nutis erga rakkoolee jiran tarreessinee booda imaammanni waggoota 28f barnootni biyyattii ittiin hogganamaa ture akka geeddaramu waliigaltee irratti uumuudhaan akka geeddaramu taasifameera.
Imaammanni barnootaa barnootni idileen duraa ykn oolmaan daa’immanii mootummaadhaan akka hinkennamne dhorkaa ture geeddaruu qofa osoo hintaane, keessattuu Naannoon Oromiyaa manneen barnoota oolmaa daa’immanii Bu’uura Boruu /Ifa Boruu/ jedhaman haala seenaa Itoophiyaa keessatti hinbaramneen yeroo gabaabaa keessatti baay’inaan ijaaruudhaan seenaa haaraan dalagameera.
Erga imaammanni barnootaa geeddaramee booda hojii guddaan akka Oromiyaatti xiyyeeffannoo addaatiin hojjatame hojii oolmaa daa’immanii babal’isuu, manneen barnootaa bultii addaafi manneen barnoota addaa ture. Kanneen keessaa inni guddaafi xiyyeeffannoo olaanaan hojjatamaa jiru daa’imman jalaa dhufan irratti yemmuu ta’u, baadiyyaafi magaalota Oromiyaa hedduu keessatti daa’imman argaman carraa barnoota idileen duraa ykn barnoota bu’uuraa akka argataniif hanga ammaatti manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 15,058 ijaaramanii hojii baruufi barsiisuu keessa galaniiru.
Barnoota idileen duraa ykn bu’uuraa kana kennuun maaliif xiyyeeffannaa argate yoo jedhame, rakkooleen ani jalqabarratti osoo jijjiiramni kun hindhufiin damee barnootaa keessatti dhiibbaa olaanaa akka uumaa jiran sii kaase fakkeenyaaf kan barattootni sadarkaa duraa marsaa jalqabaa baratan dandeettii barreessuufi dubbisuun walqabatee isaan qunnamaa ture waan furuufi.
Haala imaammata barnootaa haaraa amma hojiirra oolaa jiruutiin daa’imni tokko umriisaa waggaa shanitti barnoota bu’uraa 1ffaa akka galu kan heeyyamuudha. Daa’imman osoo gara barnoota idilee hingaliniin dura oolmaa daa’immanii keessa dabartee gara barnoota idileetti galtu immoo ogummaa barreessuufi dubbisuu sirriitti horattee dhufti. Kana jechuun rakkoon dubbisuufi barreessuun walqabatee tanaan dura mul’achaa ture haala kanaan furmaata waaraa argateera jechuun nidanda’ama.
Asirratti garuu, rakkoo bu’uraa kan ture immammatni barnootni bu’uuraa akka manneen barnootaa mootummaatiin hinkennamne dhorku geeddaramuusaafi as keessatti garuu barattootni sababoota garaa garaatiin imaammatuma geeddarame kana keessatti kutaa 1ffaa hanga 4ffaa barachaa jiran hundi dubbisuufi barreessuu ni danda’u jechuu dhiisuu dandeenya.
Waanti guddaan garuu, imaammanni duraanii kan barattootni carraa kana akka hinarganne dhorku geeddaramee yeroo ammaatti daa’imman carraa barnoota bu’uuraa manneen barnootaa bu’uura boruu waggoota muraasa keessatti ijaaramanii barnoota kennaa jiranitti argachaa jiru jechuudha.
Haala waliigalaatiin yeroo ammaa barattootni miiliyoona 1.8 ta’an manneen barnootaa bu’uura boruu keessatti baruumsasaanii hordofaa jiru.
Bariisaa: Ijaarsa manneen barnootaa bu’uura boruu kana bifa si’ataa ta’een akka babal’ataniif sababnisaa maali? Hirmaannaan ummataa hoo as keessatti akkamitti ibsama?
Doktar Tolaa: Akkuma beekamu rakkoon damee barnootaa keessa ture isa daa’imman barnoota bu’uuraa manneen barnootaa mootummaatti akka hinarganne taasisuu qofa osoo hintaane rakkoowwan qabxii barattootaatiin walqabatee tures hiikuufi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiiwwan akka Oromiyaatti baroota jijjiiramaa kanneen keessatti hojjataman manneen barnoota bu’uura boruu ijaaruu qofa hinturre. Hojiin damee barnootaarratti baroota kanneenitti hojjatame tokko jedhee kan eegalame manneen barnootaa haaressuufi dareewwan dabalataa ijaaruu ture.
Duula manneen barnootaa haaressuufi dareewwan dabalataa ijaaruu keessatti hawaasni naannoo keenyaa baadiyyaafi magaalaa haala nama ajaa’ibsiisuun hirmaannaa taasisaa tureera; jiras. Waanti nama ajaa’ibu Godina Shawaa Kaabaatti mana barnootaa tokkotti yemmuu ijaarsi dareewwan dabalataa adeemsifamaa turetti yemmuu daaw’achuuf achi dhaqnu barsiisota dhoqqee bukeessannii mana maragaa turan ija keenyaan agarreerra.
Kun kan ani ija kootiin argeedha malee hojiin iddoowwan hedduutti hojjatamaa ture hedduun haaluma kanaan barataadhaa hanga barsiisaatti, hoggansa manneen barnootaatii hanga hawaasa mana barnootaatti hirmaannaa cimaafi miira abbummaatiin hojjatamaa ture.
Yommuun gara gaaffii keetti deebi’u ijaarsi manneen barnootaa bu’uura boruu yeroo gabaabaa keessatti akka baay’inaan ijaaramuufis sababa guddaa kan ta’e hirmaannaa ummata bal’aa naannoo keenyaati jechuun nidanda’ama.
Hojiiwwan Biiroon Barnoota Oromiyaa deeggarsa mootummaa naannichaafi qaamolee gara garaatiin deeggaramee waggoota jijjiiramaa kana keessatti adeemsa hojjechaa ture keessatti hawaasni bal’aan bifa kanaan dura hinbaratamneefi gara fuula duraattis cimee ittifufuu qabuun hirmaannaa abbummaa taasisaa tureera, taasisaa jiras.
Keessumaa ijaarsa manneen barnootaa bu’uura boruutiin walqabatee immoo hirmaannaafi dorgommiin abbootiin qabeenyaa Oromoo taasisaa turan hedduu ajaa’ibsiisaa ture. Irrajireessi manneen barnootaa kanneeniis kan ijaaraman gumaacha abbootii qabeenyaa naannichaatiin yemmuu ta’u, abbootiin qaabeenyaa Oromoo ijoolleen duubaa dhufan hiree gaarii argatanii akka biyyattii dhaalan hawwii qabanis kan irratti mirkaneessaniidha. Abbaan qabeenyaa Oromoo tokko qofti manneen barnootaa bu’uura boruu lama ijaaree Biiroo Barnoota Oromiyaafi mootummaa naannichaatiif kenneera.
Kanaaf hojiiwwan haaressa manneen barnootaatii kaasee hanga hojiileen ijaarsa dareewwan dabalataa, darbees manneen barnootaa bu’uura boruu babal’isuu keessatti hirmaannaan ummataa ture kan kanaan dura hin baramne qofa osoo hintaane, haalli raawwii yeroo ijaarsaa manneen barnootaa kanneenniis yemmuu ilaalan ijaarsisaaniis haala kanaan dura biyya kanatti hinbaratamneen ji’oota shanii hanga waggaa tokkoo gidduutti kan ijaaramanii xumuraman ta’uunsaaniis hojiileen ijaarsaa koriidarii Finfinneetti si’ataa jiru kanaafis akka bu’uura ta’etti amanna.
Yommuu haala waliigalaatiin ilaalamu dadammaqiinsi hojiiwwan damee barnootaa waggoota jahan kanatti mul’achaa jiru qabeenya ofiirratti murteessuu danda’uurraa kan maddeedha jechuun nidanda’ama.
Bariisaa: Si’aayina pirojektota kanneeniifi hirmaannaa ummataafi abbootii qabeenyaa kana nutis hordofaa waan turreef ragaa ta’uu dandeenya. Mee waliigalaan hirmaannaan ummataa waggoota jijjiiramaa kanneenitti damee barnootaa keessa ture maallaqa hammamiitti shallagama?
Doktar Tolaa: Asirratti beektuu, yeroma ijaarsi pirojektotaa haala ho’aadhaan hirmaannaa ummataafi abbootii qabeenyaatiin gaggeeffamaa ture sanattuu hirmaannaan ummataa bakka akkasiitti ture maallaqa hangannaatti shallagama jennee yeroo ibsaa turretti, “Jarri lakkoofsa hinbeektuu?” jedhamaa ture. Hojiin tokko yommuu hirmaannaa ummataatiin hojjatamee shallaggiinsaa gara maallaqaatti jijjiiramu hojicha kan hogganu nu miti.
Hirmaannaa ummataa dameewwan gara garaarratti qaamolee adda addaatiin raawwatame Biiroo Faayinaansii Oromiyaatu foormulaa herreegaasaatiin hojjata malee kan Biiroo Barnootaatiin hojjetamu miti. Namootni hedduu garuu waan hojmaata kana sirnaan hinhubanneef waanuma nuti lafaa kaanee tilmaama keenyaan akkas jennee dubbannu ittifakkaachuu mala.
Kanaaf, akka Biiroon Maallaqaa Oromiyaa hojjatee nutti agarsiisetti hirmaannaan ummataa waggoota jijjiiramaa kanatti damee barnootaa qofarratti bahe qarshii biiliyoona 100 olitti tilmaamama. Kun ammas akkuman duraan kaase namoota haala herregaa dhimmi kun ittiin hojjatamu hinbeekneef ulfaachuu danda’a.
Wanti ani hambise tokko maal seete, haaressa manneen barnootaa, ijaarsa dareewwan barnootaa dabalataafi ijaarsa manneen barnootaa bu’uura boruu cinaattis, manneen barnootaa addaafi manneen barnootaa bultii addaas iddoowwan hedduutti baruma jijjiiramaa kana keessatti ijaaramaniiru.
Akkuma beekamu jijjiirama dura mana barnootaa bultii addaa Waldaa Misooma Oromiyaa qofatu Oromiyaa keessa ture. Ammaa garuu haala teessuma Oromiyaa xiyyeeffannoo keessa galcheefi dhaqqabummaasaas mirkaneessuun iddoowwan filataman torbatti manneen bultii addaa ijaaramanii barattoota simachuudhaan barsiisaa jiru.
Isaanis; mana barnoota bultii addaa Dodolaa, Amboo, Nageellee, Haramaayaa, Ya’aballoo, Najjoofi Baddalleetti ijaaramanii barattoota barsiisaa kan jiran manneen barnoota bultii addaa kunniin barana yeroo jalqabaatiif waan maatiriikii fudhataniif rakkoo qabxiin walqabatee naannoo keenyatti mul’achaa jirus ni fooyyessu jennee abdanna.
Ijoollee kutaalee Oromiyaa gara garaa keessaa dorgomanii manneen barnootaa bultii addaa kanneenitti barachaa jiran keessaa 1800 barana qormaata maatirikii kutaa 12ffaa ni fudhatu.
Kana qofa osoo hintaane, manneen barnootaa addaas kan barattootni ciccimoon filamanii itti baratan, garuu akka mana barnoota bultii addaatti keessa hinbulamne, guyyaa qofa ijoolleen ciccimoon kan itti barataniifi yunivarsiitota naannawa sana jiran jalatti akka bulaniifi, haalli mijate kan ijaaramanis barootuma jijjiiramaa jahan kana keessatti.
Hanga ammaatti akka naannootti manneen barnootaa 33 haala kanaan hundaa’anii hojii baruufi barsiisuu fooyya’aa ta’e kennuurratti argamu.
Kanaaf hojiiwwan kanneen hunda keessatti hirmaannaan ummataafi abbootii qabeenyaa ture olaanaadha. Kanaafuu maallaqni ani hirmaannaan ummataa waliigalaan biiliyoona 100 olitti tilaamama siin jedhe sunis hojiiwwan kanneen hunda kan hammatuudha.
Bariisaa: Hojiiwwan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjataman keessaa jireenya barsiisaa fooyyessuun isa guddaa waan ta’eef asirratti hoo maalirra jirtu?
Doktar Tolaa: Gaaffii gaariidha. Akka Baankiin Addunyaa jedhutti hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjatamu keessaa dhibbantaan 70 barsiisaafi hoggansa manneen barnootaatiin akka ta’e mul’isa. Kanaaf nutis dhimma kana akka salphaatti waan ilaallu miti jechuudha.
Baroota jijjiiramaa kana keessatti hojii rakkoolee barsiisotaa furuuf hojjatameen barsiisotni kuma 27 magaalotatti iddoo ijaarsa manaa akka argatan taasisuun danda’ameera. Haata’u malee baay’ina barsiisota qabnuufi rakkoolee isaan keessa darbaa jiraniin yemmuu ilaallamu hojiin kun daran xiqqaadha.
Rakkoo mindaafi faayidaalee adda addaatiin walqabatu sadarkaa biyyaatti akka deebii argatuuf hanga kallattiin taa’utti nuti humna qabnuun naannawa magaalotaatti bariisotaaf lafti akka kennamu, naannawawwan baadiyyaatti immoo hirmaannaa ummataatiin manneen jireenyaa barsiisotaaf akka ijaaraman taasisaa jirra. Yeroo ammaa naannawa baadiyyaatti manneen jireenyaa barsiisotaa 5000 ijaaramaa jiru. Kanaaf hanga humni keenya danda’een dhimma kanarrattis xiyyeeffannoodhaan hojjachaa jirra.
Bariisaa: Mee dhumarratti qabxiin barataa kutaa 8ffaafi 12ffaa bara darbe Oromiyaatti galmaa’e quufsaa waan hinturreef barana maal haa eegnu?
Doktar Tolaa: Nutis firiin qormaataa bara darbe akka naannootti galmaa’e kan kutaa 8ffaas ta’e kutaa 12ffaa quufsaadha ilaalcha jedhu hinqabnu. Wanti beekamuu qabu tokko maal isinitti fakkaate, dameen barnootaa akka damee kaanii hojii gaarii har’a hojjatteef bu’aasaa kan argattu ammuma yeroo gabaabaa keessatti osoo hintaane, yeroo dheeraa booda.
Barnoota bu’uura boruu jennee ijoolleerratti eegalle bu’aasaa haammachuu kan eegallu waggaa 12n booda jechuudha. Kanaaf hojiilee guguddoon nuti dhalootarratti hojjachaa jirru qabxii yeroo ammaa galmaa’aa jiru qofaadhaan madaalamuu hinqabu. Yoo kan madaalamus ta’e gaafa ijoolleen irratti hojjachaa jirru qormaata fudhatanirraa eegaluu qaba.
Haa ta’uutii garuu qabxiin bara darbe kutaa 8ffaafi 12ffaa irratti galmaa’e qaanessaadha. Barattoota bara darbe qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii walakkaadhaa ol argachuudhaan darban dhibbantaa 1.8 ture.
Barana garuu lakkoofsa kana gara dhibbantaa 11.8 ol guddisuuf karoorfannee hojjachaa jirra. Kan kutaa 8ffaas yemmuu ilaallu isaan qormaataman keessaa kan darban dhibbantaa 40 qofa. Kanas barattoota kutaa 8ffaa barana qormaataman keessaa barana dhibbantaa 80 ni dabarsina jennee hojjachaa jirra.
Bariisaa: Yeroo nuu kennitaniif irra deebinee isin galateeffanna
Doktar Tolaa: Isinis ulfaadhaa!
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016