Afaan dhalootaatiin barachuu: dhaloota egeree gaarii qaban horachuuf

Afaan dhalootaatiin barachuun faayidaa gosoota hedduu akka qabu qorannoowwan garaa garaa ni mirkaneessu. Faayidaa afaan dhalootaatiin barachuun qabu keessaa inni tokko sirna barnootaa keessatti yemmuu ta’u, innis daa’imman ykn ijoolleen afaan dhalootasaaniitiin barnoota hordofan kanneen afaan birootiin hordofan caalaa carraa waan baratan sana sirritti hubachuu qabu.

Keessattuu immoo barattootni kutaa 1ffaa hanga 4ffaatti baratan akaakuuwwan barnootaa fudhatan hunda afaan dhalootaasaaniitiin akka baratan kan gorfamu yemmuu ta’u, barattootni haala kanaan hinbaranne garuu waan daree keessatti baratan sana sirnaan hubachuuf hedduu kan rakkatan akka ta’es ragaawwan garaa garaa ni agarsiisu.

Yeroo hedduu ijoolleen maatiisaanii waliin sababa hojiifi jiruutiin iddoo dhalootasaanii irraa godaananii naannawa afaan dhalootasaanii itti hindubbatamne ykn immoo itti hinbarsiifamne jiraatan afaan dhalootasaanii dhiisanii afaan naannawaa jiraatanii sanaan barachuuf dirqamu. Haalli kun immoo qayyabannaa egeree daa’immanii isa boruu qofarratti osoo hintaane, afaan maatiinsaanii baadiyyatti dubbatan dagatanii aadaafi safuu saba keessaa bahaniis akka dagatan taasisa.

Rakkoo kana furuudhaaf mirgi daa’imman hundi akka afaan dhalootasaaniitiin baratan heeyyamu erga ragga’ee hojirra oolee turus, asuma Finfinnee keessatti ijoolleen Oromoo maatiinsaanii iddoo garaa garaa irraa dhufanii asitti isaan horan afaan maatiisaaniitiin barachuuf carraa akka argatan kan taasifame garuu waggoota muraasa afran kana keessatti akka ta’e Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ni dubbatu.

Magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromoo babal’isuun alatti dhalattootni Oromoo magaalattii keessa jiraatan afaan dhalootasaaniitiin akka barataniif qaanqee jalqabaa kan qabsiise Biiroo Barnoota Oromiyaa ta’uu kan himan Doktar Tolaan, manneen barnootaa yeroo jalqabaatiif magaalattii keessatti akka afaan Oromoo barsiisaniif adda bahanii turan afran sun har’a gara manneen barnootaa 403 ta’anitti guddachuudhaan Magaalaa Finfinnee keessatti afaan Oromootiin ijoolleen akka barnoota argatan taasifamaa jiraachuu kaasu.

Akka ibsasaaniitti, Finfinnee keessatti barnootni Afaan Oromootiin kennamu manneen barnootaa afuriin jalqabe yeroo ammaa gara manneen barnootaa 403tti guddachuu qofa osoo hintaane, barattootni Afaan Oromootiin barachuu jalqaban 400 turan yeroo ammaa gara barattoota kuma 120 tti guddachuu danda’aniiru.

Finfinneetti barnoota Afaan Oromoo barsiisuun barsiisota 200n eegalame yeroo ammaa dachaa hedduun dabalee gara barsiisota kuma 15 ta’aniin barnootni Afaan Oromoo kennamaa jira. Waliigalatti baay’inni barsiisootaa akka Magaalaa Finfinneetti jiran kuma 31 yemmuu ta’u, kana keessaa immoo dhibbantaan 50 barsiisota Afaan Oromoo barsiisan ta’uunsaa injifannoo guddaadha.

Hojiin barnoota Afaan Oromoo Finfinnee keessatti babal’isuu kallattiiwwan xiyyeeffannoo guguddoo lama irraa ka’eeti. Kana keessaa inni jalqabaa afaan saba bal’aa kana ummatni biraa akka baratuufi akka sirnaan hubatu gochuu yemmuu ta’u, adeemsi kun immoo sochii Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuuf godhamuufis deggarsa olaanaa kan qabaatuudha. Inni lammataa immoo ijoolleen Oromoo Finfinnee keessa jiraataniifi carraa afaan dhalootasaaniitiin barachuu dhabanii afaan biraatiin barachuudhaaf dirqaman immoo afaan dhalootasaaniitiin baratanii sadarkaa fooyya’aarra akka gahaniif kan fayyaduudha.

Asi keessattis dhimmoota lamatu jira. Innis daa’imman afaan dhalootaatiin baratan carraa waan baratan sana sirnaan hubachuufi bu’a qabeessummaa egereesaanii murteeffachuun faayidaa isa tokko yemmuu ta’u, bu’aan inni lammataa immoo afaan abbootaafi akaakileesaanii yemmuu baratanitti aadaafi safuu sabichaa sirnaan hubatanii dhaloota isaan booda jiruufis akka dabarsaniif kan isaan gargaaruudha.

Afaan dhalootaatiin barachuun faayidaalee amma armaan olitti kaafne qofaa osoo hintaane, hojiiwwan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamaa jiran milkeessuu keessattis iddoo olaanaa kan qabuudha.

Mootummaa naannoo Oromiyaas ta’ee bulchiinsi magaalattii wacaafi olola Afaan Oromoos ta’e manneen barnootaa Afaan Oromoo magaalattii keessatti barsiisanirratti taasifamaniin osoo hinrifanne inumaayyuu bifa xiiqiitiin hojiin eegalame caalatti babal’atee akka itti fufuuf hojjachaa jiru.

Barattootni barnoota idileen duraa kanneen umriinsaanii afurii hanga jahaa jiran xiyeeffannoo addaa bakka hinargannetti afaan dhalootaatiin barsiisuun qofti qulqullina barnootaa kan hinmirkaneessine ta’uu Biiroo Barnoota Oromiyaatti, Ogeessa Barnootaa kan ta’an Obbo Taarrafaa Fiqaaduu ni dubbatu, kanaan alatti garuu barattootni sadarkaa duraa jechuunis kutaa tokkoo hanga afuriitti jiran afaan dhalootasaaniitiin akka barataniif ‘UNICEF, UNESCO’fi qaamoleen barnootaafi daa’immanirratti hojjatan hedduun ni jajjabeessu.

Mirgi afaan dhalootaatiin barachuu kun immoo hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuufi ajaja dhaabbilee daa’immaniifi barnootarratti hojjatanii qofaa osoo hintaane, mirga heerri biyyattii daa’immaniif kenneefi mirga dhalootaas ta’uu ogeessi kun ni ibsu.

Guyyaan Afaan dhalootaa idil addunyaa Finfinneetti dhiheenya kana qophiiwwan garaagaraatiin kan kabajame yemmuu ta’u, sirnicharratti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasifatan, hoggantoonni mootummaa olaanaafi bakka bu’oonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argamaniiru.

Addunyaarraa daa’imman 10 keessaa 4 afaan dhaloota isaaniin barnoota kan hinbaranne ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Daayrektara Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa “UNESCO” Ityoophiyaa, Yuumiikoo Yuukoozakiin yemmuu ibsan, kun immoo daa’imman kanneeniif mirgi uumamaasaanii kabajamaafii akka hinjirre kan agarsiisu ta’uudha jedhu.

Akka isaan jedhanitti, dhalli namaa hundi mirga afaan dhaloota isaatiin barachuufi hojiilee jireenya isaa biroo ittiin gaggeeffachuu kan qabu yemmuu ta’u, dhaabbatichi barattoonni ol adeemoon hundi afaan dhalootaa isaaniitiin barnoota akka argatan taasisuuf kutannoo guddaadhaan biyyoota hundarratti hojjachaa jira.

Damee barnootaarratti Itoophiyaan tarsiimoo mataashee baafattee adeemsa baruuf barsiisuu lammiilee biyyattii hundaaf qaqqabamaa taasisuuf hojjachaa jiraachuu kan himan immoo Ministir De’eetaa Aadaafi Turizimii Ambaasaaddar Masfiin Charinnat, kana keessaatti mirgi barattoonni hundi barnoota sadarkaa jalqabaa afaan dhalootasaaniin barnoota akka argatan taasisu isa guddaafi hojirra oolaa jirus ta’uu dubbatu.

Biyyoota akka Itoophiyaa sabaafi sablammoota afaan hedduu dubbatan qabdu keessatti dhimmi afaan dhalootasaaniitiin barachuu dhimma gaaffii keessa galuu miti kan jedhan Ambaasaaddar Masfiin, sabni kamiyyuu daa’immansaanii afaansaatiifi ijoolleen yeroo jalqabaa itti afaan hiikkataniin mana barnootaa sadarkaa duraa akka galchuufis dhibbaan guddaan isaanirra gahee osoo hintaane faayidaasaa sirnaan waan hubataniifi.

Ityoophiyaan duudhaa, safuu, aadaafi afaaniin biyya soorettii afaanotni hedduu itti dubbatamaniifi barnoonnis ittiin kennamu yemmuu taatu, akka biyyaatti yeroo ammaa afaanotni dhalootaa 55 ta’an tajaajilarra jiraachuu ragaan Ministera Aadaafi Turiizimiirraa argame ni mirkaneessa.

Walumaagalatti, daa’imman afaan dhalootaatiin barsiisuun aadaafi safuu ummata irraa dhalatanii akka dhaalan qofaaf osoo hintaane, dhaloota egeree gaarii qaban akka ta’aniifis kan isaan gargaaruudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You