Adaanaa Shuumee: Dargaggoo ogummaa fayyaa baratee hojii qonna qindaa’aarratti hirmaachuun milkaa’aa jiru

Dargaggoo Adaanaa Shuumee Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Godina Guraagee, Aanaa Imdibir, Magaalaa Imdibir jiraata. Dargaggoon kun Ogummaa Fayyaatiin Yunivarsitii Finfinneerraa eebbifamuun waggaa lamaaf qondaala fayyaa ta’uun Finfinneetti hojjeteera.

Isa booda gara Magaalaa Imdibiritti deebi’uudhaan adaadaasaa waliin kilinika dhuunfaa keessa hojjeteera. Hojii daldalaarrattis hirmaatee hojjeteera. Hojiileen inni irratti hirmaatee ture hundi waan akka inni yaade ta’uufii dideef yeroo ammaa qonna qindaa’aarratti hirmaatee hojjechaa jiraachuu dubbata.

Turtiin dargaggoon kun, Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Imdibir Obbo Tsaggaayee Shuumee akkasumas Hogganaa Ittaanaan Qajeelcha Qonnaa Godina Guraageefi ittigaafatamaan Damee Beelladootaa Obbo Mahaammad Muddasir garee Gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa dhiyeenya kana hojiif gara Magaalaa Imdibir dhaqe waliin taasisan akka ittaanutti dhiyaateera.

Lafa baargamoon irra ture

lafti baargamoon irra ture heektaara lama ta’a. Baargamoon laficharra ture waggaa saddeet keessatti yeroo ga’u qarshii kuma 100tti gurguramaa ture. Baargamoon laficharra ture kan akaakayyuufi abaabayyuu keenyarraa nutti ce’eedha. Lafa baargamoon irra ture kana ciree fuduraalee akka muuzii, avokaadoofi kuduraalee gara garaa dhaabuun hojii ulfaataadha ture.

Baargamoo waggoota 100 ol lakkoofsise

Hojjedhee jijjiiramuun qaba jedhee waanan hojii kanatti galeef gufuu baargamoo waggoota 100 ol lakkoofsise buqqisee yeroo ammaa kuduraaleefi fuduraalee gara garaa dhaabeera. Gadi bu’ee hojjedhee jijjiiramuun qaba jedhee waanan of amansiiseef hojii kana kutannoofi murannoo cimaadhaanin hojjechaa jira. Ergan hojii kana jalqabee waggaa tokko ta’eera. Yeroo ammaa lafti baargamoon irra ture lafa biqilaan muuzii, avokaadoofi bunaatiin misoomee argama.

Gufuu baargamoo cileessuu

Hojii ulfaataan hundee baargamoo buqqisuudha. Baargamoon laficharra ture waggoota dheeraa kan lakkoofsise waan ta’eef gufuu baargamoo tokko buqqisuun hanga torban tokkoo na fudhateera.

Gufuu baargamoo buqqises cileessuudhaan gabaaf dhiyeesseera. Lafti baargamoon irra ture sun asiidawaa waan ta’eef nooraafi dikee hojii itti dabalee akka gabbatu taasiseera. Horsiisi loowwanii bal’inaan naannawichatti waan argamuuf laficha dikee itti guureen gabbisaa jira.

Jijinbila kuntaala tokko dhaabuu

Bara darbe lafa baargamoon irra ture ciree hiddasaa buqqisee qotuudhaan jijinbila kuntaala tokko Haadiyyaarraa fidee lafa kaaree meetira 500 ta’urra dhaabuudhaan omisha kuntaala 24 argachuun qarshii kuma 156tti gurguruufi barana ammoo sanyii jijimbilaa omisha fooyya’aa kennu ogeessota qonnaa mariisisuudhaan jijinbila bal’inaan omishuuf qophiirran jira.

Hundee muuzii omisha fooyya’aa kennu 1,000fi biqiltuu bunaa kuma tokkoofi 500 dhaabuu

Lafan baargamoo irraa ciree, gufuusaa baasee qotee biyyeessaa dikee horii itti guuree gabbisaa jirurra biqiltuu muuzii omisha fooyya’aa kennu hundee 1,000 konkolaataadhaan Arbaa Mincii fidee dhaabeera.

Biqiltuun muuzii tokko muuzii hanga kiiloo giraama 40-50tti kennuu akka danda’u ogeessotarraa odeeffadheera. Omisha muuzii kana keessa biqiltuuwwan bunaa kuma tokkoofi 500 dhaabuu hima.

Deeggarsa ogeessotaa

Ogeessonni qonnaas deeggarsa guddaa naa taasisaa jiru. Qaamoleen mootummaas gad bu’anii deeggarsa barbaachisu taasisuudhaan na jajjabeessaafi deeggaraa jiraachuufi bara darbe fandii marmaartuu qarshii liqii kuma 300 argadheen mana loowwan aannanii itti horsiisu ijaarradheera.

Ittifayyadama lafaafi bishaanii

Lafti baargamoon irraa ciramee yeroo ammaa misoomee argamu kun yeroo akkasitti ilaalan waan salphaa fakkaatus gatii guddaa itti baaseera. Laftiifi bishaan keenya qabeenya guddaa nuti sirnaan irraa fayyadamaa hinjirreedha. Lagni Googab waggoota dheeraaf faayidaa tokko malee lafa ani misoomsaa jiru bira yaa’aa turuufi yeroo ammaa lagichatti fayyadamuun waqtii bonaa kuduraaleefi biqiltuuwwan gara garaa omishaan jira.

Qonna qindaa’aa

Bara darbe lafa baargamoon irra ture ciree hojii qonna qindaa’aa wayitan jalqabu kaappitaalli koo qarshii kuma ja’a ture. Kaappitaala kana baargamoon cire walakkaasaa gurguruudhaanin argadhe. Kan hafeen ammoo dallaafi loon aannanii itti horsiisaan ijaara. Yeoo ammaa sadarkaa gaariirra jira. gara fuulduraatti hojiin hojjechaa jirurraa bu’aa olaanaan eeggadha.

Gaarummaa barachuufi eebbifamanii hojii mootummaa qofa eeguu

Barachuun gaariidha. Yunivarsitoota gara garaarraa eebbifamanii hojii mootummaa qofa eeggachuun garuu sirrii miti. Dargaggoonni carraawwan hojii naannawaasaanii jiran hunda beekanii akka ittifayyadamanin gorsa. Ani ogummaa fayyaa baradheen kaka’umsaan hojii qonna qindaa’aarratti hirmaachaan jira. Yoo kamuurratti bobba’uuf kaka’umsa qabaannee gorsa ogeessotaa hojiirra oolchine milkaa’uu dandeenya.

Carraa hojii uumameefi fakkeenyummaasaa

Ani yeroo ammaa dhaabbiidhaan dargaggoota shaniifi kan yerootiin ammoo dargaggoota 15f carraa hojii uumeera. Dargaggoonni kaanis anarraa waan guddaa barachuu danda’u. Jiraattonni naannawa kootiis anarraa arganii baargamoo ciranii hiddasaa buqqisanii omisha kuduraaleefi fuduraalee gara garaaf qopheessaa jiru.

Magaalaa Imdibiritti, Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa Obbo Tsaggaayee Shuumee

Magaalaa keenyatti sagantaa ‘Maaddii Guutuu’n hojiileen horsiisa loowwan aannanii, lukkuu, furdisa looniifi omishni kuduraaleefi fuduraalee bal’inaan adeemsifamaa jiru. Maatiin lafa murtaa’aa qaburratti omishaalee yoo xiqqaate wabii nyaatasaa akka mirkaneeffatu taasisuuf hojiilee bal’aan raawwatamaniiru; raawwatamaas jiru. Magaalattiitti waldaaleen 20 ol gurmaa’anii horsiisa loowwan aannaniirratti hirmaachaa jiru.

Akka magaalattiitti loon aannanii tokkorraa guyyaatti aannan liitirii 22-32 argamaa jiraachuu himanii, hojiin sanyii loowwan aannanii fooyyessuus bal’inaan raawwatamaa jira. Waggaa lama keessatti loowwan aannanii kuma tokkoofi 154 sanyii kormaa fooyya’aadhaan mixiiqqeessuun danda’ameera. Loowwan erga mixiiqqeeffamanii boodas to’annoofi hordoffii barbaachisu taasisaafii jirra.

Imdibir qonnaaf mijattuudha

Magaalattiin lageen Googabiifi Mageechaa gidduutti waan argamtuuf qonnaafis mijattuudha. Yeroo ammaa hojiin baargamoo qarqara lageen kunneenii turan ciranii kuduraaleefi fuduraalee dhaabuu bal’inaan adeemsifamaa jira.

Fakkeenyummaa Dargaggoo Addaanaa

Lafti baargamoon irraa ciramee kuduraaleefi fuduraalee gara garaan misoome waggaa guutuu omisha kennaa jira. Dargaggoo Adaanaa Shuumee bargamoo ciree kuduraaleefi fuduraalee gara garaa omishuun dargaggootaaf fakkeenya gaarii ta’aa jira.

Waajjirri qonna magaalaas hubannoo uumuurraa jalqabee jiraattotaafi dargaggoota hojii qonna magaalaarratti hirmaataniif deggersaafi hordoffii barbaachisu taasisaafii jira. Kana malees qaamolee biroo waliin ta’uun hojii walitti hidhamiinsa gabaa uumuu hojjechaa jirra.

Hogganaa Ittaanaa Qajeelcha Qonnaa Godina Guraageefi ittigaafatamaa Damee Beelladootaa Obbo Mahaammad Muddasir

Mandaroota…

Sagantaan ‘Maaddii Guutuu’ inisheetiivii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin bara 2015 jalqabameedha. Sagantaan kun godina keenyatti haala gaariidhaan hojiirra oolaa jira. Sagantichaan mandara aannanii, lukkuu, dammaa, fooniifi qurxummii jennee hundeessinee irratti hojjechaa jirra. Gandoota godinichaa 185tti waldaalee 60 gurmeessuun mandaroota aannanii 525 hundeessuuf karoorfannee hojjechaa jirra.

Sagantaa Maaddii Guutuutiin dura maatiin tokko loon aannanii sanyii fooyya’aa tokko akka qabaatu taasisuurratti xiyyeeffannee hojjechaa turre. Loowwan akka godinichaatti jiran keessaa %23 kan ta’an kanneen sanyiinsaanii fooyya’eedha.

Kun gama sanyii loowwanii fooyyessuutiin ammayyuu hojii guddaan kan nu hafu ta’uu agarsiisa. Kanaafuu waggaa waggaan loowwan %10 sanyiisaanii fooyyessaa deemuu qabna. Barana sanyii loowwan kuma 22 fooyyessuuf karoorfannee hojjechaa jirra.

Maaddii Guutuu’n sagantaa waggoota afuriif hojiirra ooluudha. Erga sagantichi hojiirra oolee waggaa tokkoofi walakkaa ta’eera. Waggaa lamaafi walakkaa hafe keessatti akka godinichaatti mandaroota aannanii 525, mandaroota lukkuu kuma tokkoofi 076, mandaroota foonii 80, kanniisaan mandaroota 100fi qurxummiidhaan mandaroota 20 hundeessuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Waldaalee horsiisa loonii

Akka godinichaatti waldaalee 60 horsiisa looniirratti, waldaaleen 236 ammoo horsiisa lukkuurratti hirmaachaa jiraachuu himanii, hojiin kanaan lammiileen kuma tokko ta’an carraa hojii argataniiru. Dameen qonnaa carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Kaayyoon keenya inni guddaan wabii nyaata maatii mirkaneessuufi sirna nyaataa madaala’aa ta’e akka argatu taasisuudha kan jedhan Obbo Mahaammad, akka godinichaatti qabeenya aannaniitiin maatiin kuma 120, qabeenya fooniitiin maatii kuma 85, qabeenya lukkuutiin maatiin kuma 69 fayyadamoo ta’aniiru. Kun dargaggoota gurmaa’anii horsiisa loowwan aannaniifi lukkuurratti hirmaachaa jiran hindabalatu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You