Dirree tokkummaan daragaggoota Oromiyaa itti calaqqise, tapha guutuu Oromiyaa

Ispoortiin jaalala, nagayaa, tokkummaafi ijaarsa naamusa gaariifi qaroomina sadarkaa gandaarraa hanga addunyaatti hariiroo waloo cimsudha.

Tapha ispoortii gara garaa keessatti kutaaleen hawaasaa adda addaa akkaataa dandeettiisaaniitti kan irratti hirmaatan yoo ta’u, korniyaawwan lamaan hirmaachisuun ala miidhaamtoota qaamaallee kan of keessatti hammatedha.

Sochii ispoortii gara garaa taasifamu mara keessatti hirmaannaan dargaggootaa olaanaa yoo ta’u dargaggoonni qaamaan, naamusaafi ga’umsaan akka bilchaatan, tokkummafi obbolummaasaanii akka cimsatan, biyyasaaniif wabiifi abdii akka ta’an kan qaru waan ta’eef fudhatamummaa guddaa kan qabudha.

Bu’uuruma kanaan sochii ispoortii sadarkaa gandaarraa hanga naannootti, biyyarraa sadarkaa addunyaatti babal’isuun dachaan dabalaa kan jiru yoo ta’u bara kana Oromiyaanis tapha guutuu Oromiyaa marsaaa 26ffaa magaalaa Jimmaatti qopheessuun godinaalee Oromiyaa gara garaa walitti fiduun ispoortiin dirree jaalala, tokkummaa, obbolummaafi qaaamaan itti ijaaraaman ta’uu qabatamaan agarsiisaa turteetti.

Taphni guutuu Oromiyaa waggaa waggaan xoofoo walgeeddaruun gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, sababoota gara garaan addaan ciccitaa turuunsaa niyaadatama.

Haata’u garuu barana bifa adda ta’een guutuu Oromiyaarraa koorniyaa lameeniinuu kanamalees miidhamtoota qaamaas hirmaaachisuun magaalaa Jimmaarratti gaggeeffamaa turee tibbana goolabameera.

Sochiin kun tokkummaafi obbolummaa Oromootaa kan cimsu, dargaggoota yaadqalbiifi ga’umsaan cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sabbooqaa kaasaniiru.

Dirree dargaggoonni kuma shanii ol itti walgahan magaalaan Jimmaa anaadhufu jettee simachuun jaalala obbolummaa fi tokkummaan waloosaanii akka cimuuf dhangaa ispoortiin qalbii sooraa turteetti.

Dirree tokkummaa dargaggoonni Oromiyaa itti walgahan kun babal’ataa deemuun tokkumman waloosaanii akka cimu gochuurra darbee obbolummaafi jaalalli, naamusni gaarii akka gabbatu kan taasisudha.

Gosoota ispoortii 21n dargaggoonni kuma shanii ol kan walitti dhufan Istaadiyoomiin magaalaa Jimmaa jaalattoota ispoortii kumaatamaan dabalamtee ijaafi gurra uummataa ta’aa turteetti.

Sochiin kun kanaa ol cimee kan ittifufu ta’uu kan himan Obbo Maatiwoos ispoorteessitoota dargaggoota ta’an hedduu horachuurra darbee sadarkaa addunyatti maqaa biyyaa waamsisuun kan danda’ame hirmaannaa guddaa dargaggootaani.

Ispoortii atileetiksiin maqaan Itoophiyaa waamamaa jiru hedduun dargaggoota naannoo keenya keessaa bahaniinidha, kun ammas cimee ittifufuu qaba jedhu.

Ispoortiin sadarkaa naannootti waggaa waggaan gaggeeffamaa deemu kun dargaggoota qaamaan,qorqalbiin cimsuun alatti aadaan,eenyummaan duudhaan,aartiin waloo akka gabbatuufillee bu’uura kan buusudha.

Isa kanaafimmoo dargaggoonni ga’ee leencaa taphatu jedhanii dorgommii ispoortii guutuu Oromiyaatti taasifamaa ture kana keessatti hirmaannaan dargaggootaa olaanaadha.

Taphoonni ispoortii kan akka kubbaa miilaa, atileetiksii, saaphana, kubbaa kachoo,teenisii,saayikilii, qiriphaa,koorniyaa lamaaniifi miidhamtoota qaamaanis gaggeeffamaa tureera.

Sochiin kun bakka atileetonniifi ispoortessitoonni biyyakeenya bakka bu’uu danda’an itti biqilan akka ta’uuf xiiqiin hojjetamaa jira.

Atileetonni maqaa biyyaa waamsisuu danda’an biqilaniiru,taphattoonni kubbaa miilaa biyya bakka bu’anis omishamaniiru, sochiin ispoortii babal’achuun dargaggoota qaamaafi qorqalbiin cimsuurra darbee fayyadamummaasaanii mirkaneessuu keessattis bakka olaanaa kan qabudha.

Ispoortiin soora qalbiifi sammuuti keessumaa dargaggoota egeree biyyaaf wabii ta’an naamusaan ijaaruu, sammuun gahoomsuu fi qaranii baasuu keessatti bakka olaanaa kan qabudha.

Kanaafuu dargaggoo utubaa biyyaa ta’e ispoortiin ijaaranii guddisuun miirrri jaalala biyyaafi aantummaan akka cimu kan godhu waan ta’eef ijaaraa deemuun itti fufuu qaba.

Dargaggoonnis kana beekanii sochii ispoortii taasisan mara keessatti yaadaan qalbiifi sammuun cimanii bahuun ispoortiin jaalala, tokkummaafi obbolummaa kanamalees wiirtuu ijaarsaa ta’uu beekanii hirmaannaa guddaa taasisaa jiru.

Ispoortiin cimuun dargaggootaa miirri ittigaafatamummaafi obbolummaa nama dhuunfaarra darbee biyyaaf bu’aa buusuu danda’u akka dhugoomu waan godhuuf wiirtuuleen oolmaa ispoortii akka babal’ataniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira, fuuldurattis ittifufa yaada jedhu kaasu Obbo Mataiwoos.

Humni dargaggootaa ispoortiirratti bobba’e kun humna misoomaa hawaasa biyya keenyaaf waabii ta’edha jedhanii dorgommiin ispoortii gaggeeffamaa jiru kun naannoorra darbee biyyaaf bu’aa akka buusuuf akeekamee kan hojjetamudha.

Dhaloonni ispoortiin ijaarame qaamaan ijaaramaadha misooma biyyaa mara keessatti qooda guddaa qabaata kanaaf fuldurattis ciminaan irratti waaan hojjetamuuf qophaa’ummaan dargaggootaas kanaa ol jabaachuun irra jiraata.

Dirreen ispoortii keenya sadarkaa Oromiyaatti jiru burqaa Peeleewwan, Roonaaldoofi meesiin haaraafi hedduu ta’an itti dhohanii bahan aakka ta’uuf cichinee hojjenna kan jedhan ammoo Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasiri.

Burqaaan ispoortii kunimmoo dargaggoota keenya ta’uu kaasanii naannoorra darbee sadarkaa addunyaatti maqaa biyyaa waamsisuun bu’aan guddaa argamaa jira.

Dargaggoonni keenya godinaaaleerra naanana’anii ispoortiin dorgomuun badhaafamuunsaanii caalaatti hojjetanii naannoorra darbanii biyyasaaniif kanamalees sadarkaa addunyaattis maqaa biyyaa olkaasuu keessatti qooda olaanaa kan qabanidha.

Dargaggoota misoomsuun biyya misoomsuudha, misoomni kunimmoo akka ija godhatee argamuuf irratti hojjechuun murteessaadha.

Giddugaloonni ispoortii keenya mijataa ta’anii osoo hintaane miirri kutannaa jiru cimaa ta’uusaan ispoortessitoota kumaatama horachaa jirra.

Ispoortessitoota horachuu qoftis gahaa waaan hintaaneef ga’umsisaanii dachaan dabalee biyya keenyaaf bu’aan akka bu’uuf istaadiyoomonni keenyas haaromuun, ammayaahuun barbaachisaadha.

Giddugala ispoortii mijataa qabaachaa yoo deemne ispoortessitoonni dhalataa burqaa deemanis bifuma sanaan akka ciman waan godhuuf ciminaan hojjechuun barbaachisaadha.

Gama misooma ispoortiin sochii mootummaan taasisaa jiru kan jajjabeeffamuu malu ta’uu kan kaasan Obbo Tijjaaniin dorgomtoonni guutuu Oroiyaarraa Jimmaatti walgahan hunduu injifattootadha jedhu.

Dargaggoonni keenya koorniyaa lameeniinuu dirree tokkorratti walgahuun ispoortiin waaldorgomanii jaalala, obbolummaa, bilchina sammuun muuxanoo waljijjiiraa turaniiru kun tokkumaa waloosaanii kan agarsiisu waan ta’eef fakkeenya gaarii dhaloota boruuf oltaa’uudha.

Ummata naannoo keenya keessaa harki caalu dargaggeessadha,dargaggoon utubaa biyyaa ta’uusaan walqabatee ispooriin ijaaramaa deemuun mataasaas biyyasaafis faayidaa waan qabuuf kan jajjabeeffamuu maludha.

Bu’uuruma kanaan ispoortiin guutuu Oromiyaa 26ffaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamee dargaggoota kuma shan hirmaachise kun naamusa gaariin xumuramuunsaa hunduu injifachuusaaf agarsiistuu guddaadha.

Hunduu injifataa ta’eera jechuun Dargaggoonni Oromiyaa marti koorniyaa lamaaniinuu injifachuusaanii kan ibsu waan ta’eef jaalalummaan ispoortii kan irratti mul’atedha jechuun ni danda’ama.

Marsaa marsaan godinaalleerra naannahee gaggeeffamuun ispoortii guutuu Oromiyaa kun dargaggoonni mana obboleeyyan fi waahillansaanii akka baran aadaa,duudhaa aartii waloosaanii akka walabarsiisan,muuxannoo gama ispoortiifi naamusaan qaban akka walgeeddaran kan gargaaru waan ta’eef cimaa deemuun irra jiraata.

Dargaggoonni keenya as taa’anii Peelee, Roonaaldoo, Meesiifaa qofa kan faarsan osoo hintaane isaan caalanii argamanii maqaa biyyasaanii akka waamsisaniifi maqaasaaniis dirree ispoortii addunyaarratti akka olkasaniif hojjechuun barbaachisaadha.

Kan naamusa ispoortiin ijaaramee guddate, sammuun gahoome, dandeettiin of gahe maqaasaas kan biyyasaas waamsiisuu akka danda’u eenyumaafuu dhokaataa miti.

Dhaloonni duuba jirus taphatoota alaa maqaa waamuurraa gara taphattoota Oromiyaa keessaa biqilanii ija addunyaa keessa seenanii waamuutti akka ce’uuf misoomni ispoortii eegalame cimuun irra jiraata.

Walumaa galatti ispoortii Guutuu Oromiyaa 26ffaa tibbana magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa ture ispoortessitoota kuma shan gosa ispoortii 21n keessummeessuun kan caalaanii hojjetan badhaaasuun kan hafan onnachiisuun xoofoo marsaa 27ffaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggariif dabarsuun kan xumurame yoo ta’u naamusaafi ga’umsa ispoortii dargaggoonni dirreerratti agarsiisan kan jajjabeeffamuufi cimuun irra jiraatudha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You