Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa: Mallattoo gootummaafi injifannoo Itoophiyaanotaa

Godambaan Injifannoo Yaadannoo Ad­waa waggaa 128ffaa irratti Finfinnee, Kutaa Magaalaa Araadaa bakka Birbirsa Gooroo (Piyaasaa) jedhamee beekamuufi iddoo seenaqabeessa fageenyi kallattii It­oophiyaa marti irraa ka’amee safaramuufi fuullee Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti ijaaramee Dilbata darbe sirna ho’aadhaan eebbifamuunsaa ni yaadata­ma.

Godambichi haala seenduubee injifan­noo Adwaa ibsuu danda’uun dizaayiniifi qulqullina addaatiin ijaaramuun bakka Pirezidaantiin RFDI Saahilawarqi Za­wudee, Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo, Ministirri Muummee Itta­anaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, Afyaa’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoo, Pirezidaantii Ittaa­naa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee, ministiroonni, pirezidaantonni naan­nolee, abbootiin Gadaa, haadholiin Siin­qee, abbootiin amantiifi keessummoonni waamichi taasifameef gara garaa argama­nitti sirna ho’aan eebbifameera.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ah­mad haasaa sirna eebba godambichaarrat­ti taasisaniin akka jedhanitti, Yaadannoo Injifannoo Adwaa gatii dhabsiisuun dhi­igaafi lafee abbootii keenyaa gatii dhab­siisuudha. Injifannoon Adwaa qabsoofi gootummaa abbootiin keenya taasisani­ifi wareegama isaan kaffalaniin argame. Godambaan Yaadannoo Injifannoo Ad­waa kun marsaa 128ffaa isaatti Itoophi­yaa fakkaatee hamma Itoophiyaa gahee haala seenduubee injifannichaa ibsuun ijaarame.

Abbootiin keenya garaagarummaa biyy­aafi mootummaa gidduu jiru addaa baas­anii beeku kan jedhan Doktar Abiyyi, kanaafis Gootichaa Baalchaa Abbaa Naf­soo fakkeenyummaan eeraniiru. Moo­tummaan amma jiru mijachuu dhiisuu malus Itoophiyaan garuu yeroo maraa kan mijattu ta’uu dubbataniiru.

Abbootiin keenya kaleessaa bilisummaafi kabajaa gonfachuuf duudhaa qabaachaa akka turan himanii, daandiin isaan duud­haa gonfachuuf irraa imalan ammoo ibid­da ture. Abbootii keenyarraa duudhaa bilisuummaafi kabajaa dhaaluu malee tooftaan isaan injifannicha gonfachuuf fayyadaman ibiddicha dhaaluu akka hin­qabne yaadachiisaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Fin­finnee Aadde Adaanach Abeebee sirna eebbichaarratti akka jedhanitti, Godam­baan Yaadannoo Injifannoo Adwaa seen­aafi seenessa dhokateefi dabe sirreessuu keessatti gumaacha guddaa qaba. Waggaa 128 booda Godambaan injifannoo Adwaa madaalu ijaarameera. Godambichi lafa barootaaf faayidaa malee turerratti ijaa­ruun iddoo hawwata turistii dabalataa Magaalaa Finfinnees ta’eera.

Bilisummaan akka jiraannu kan taa­sisan goototaa Adwaaf kabajni guddaan kan malu ta’uu himanii, seenaa gootota Adwaafi injifannoosaa yaadachuuf Go­dambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa qulqullina sadarkaa addunyaa eeggateen, teknolojiidhaan dabalamee ijaaramuu dubbatu.

Pirezidaantiin RDFI Saahilawarqi Za­wudees akka jedhanitti, waggoota 127f hojiileen seenaa Injifannoo Adwaatiin walgitan hojjetamuu dhabuun nama gaabbisiisa. Har’a Godambaan seen­aa injifannoo Adwaan walgitu yaada Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ah­madii maddisiisaniin ijaarameera. Seenaa sirnaan beekuun akkuma Adwaa hojiilee tokkummaa cimsanirratti hojjechuun bar­baachisaa ta’uus hubachiisan.

Seenaa keessaa luqqisuun walfalmuun, abbaa seenaa olaanaa Adwaa ta’uu keenya kan hingitne ta’uu himanii, kanaaf seenaa leellisuu qofa utuu hintaane seenaarraas barachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Gootonni abbootii yeroos duula Adwaar­ratti hirmaatan kan walitti isaan fide jaa­lala biyyaa ta’uu eeruun, hunduu kan jaalala biyyaaf dhimmamu ta’uu qaba jedhaniiru.

Injifannoon Adwaa mallattoo bilisummaa ummata gurraachaa kan abbootiin keenya waldhabdee xixiqqoo cinaatti dhiisuun birmadummaa biyyasaaniif gamtaan duu­lanii nuun gahaniidha kan jedhan ammoo Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeeti. Injifannoon Ad­waa seenaafi birmadummaa ummata gur­raachaa boquu kan ol qabachiise ta’uus eeraniiru.

Godambaan Yaadannoo Injifannoo Ad­waa kun daa’immanillee gootummaafi seenaa guddaa abbootiin keenya hojjeta­nii darban akka beekan taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Tajaajilli Kominikeeshnii Mootummaa RFDI ibsa baaseen, Itoophiyaan bi­yyoota sirna mootummaafi giddugalaa qaroominaa taatee keessaa adda durum­maan eeramti. Adeemsa seenaa kana keessatti birmadummaafi bilisummaa It­oophiyaa sarbuuf weerarriwwan garaga­raa gaggeeffamaa turaniiru. Biyyattiin weerarawwan kanneen injifannoon irraa aanuun fakkeenya bilisummaa addunyaa taateetti jechuunis ibseera.

Adwaan asxaa injifannoofi bilisummaa lafeefi dhiiga Itoophiyaanotaatiin arga­meedha. Injifannoon Adwaa gootum­maafi wareegama abbootiin garaagarum­maa tokko malee dhiigaa dhangalaasanii, lafee itti cabaniifi lubbuu itti wareegama­nii nu gonfachiisaniidha. Kanaaf Adwaan injifannoos, hambaas ta’uu beeksiseera.

Adwaan olaantummaafi fedhii gita bit­tootaa kan hiika dhabsiise, bantii seenaa ta’uu eeruun, hambaa walitti hidhamiinsa ummatoota gurraachaa, asxaa qabsoo Af­rikaanotaafi maddaa cimina miiraa ta’uus ibseera.

Adwaan, lammiilee Itoophiyaa hunda fo’aa jaalala biyyaan kan walitti hid­he, labsii bilisummaa birmadummaa biyyaa kan durse yoo ta’u, tokkum­maan sabdaneessummaa Itoophiyaa kan bu’uureffameefi diinota keenyaatti am­moo qaanii kan haguugeedha jedheera.

Godambaan Yaadannoo Injifanoo Adwaa Magaalaa Finfinnee wiirtuu Birbirsaa Goorootti ijaarames haala injifannoo Adwaa kan gituufi injifannoo waloo ifa baasuu, seenessawwan qoqqoodoo dha­bamsiisuun seenessawwan waloon akka ijaaramaniifi dhalootatti akka darban kan taasisu ta’uu ibsuun, tokkummaa sabda­neessummaa Itoophiyaafi obbolummaan akka hidda gadi fageeffatu taasisuu kees­satti faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ib­seera.

Injifannoon Adwaa Itoophiyaanota qo­faaf utuu hintaane qabsoo ummatoota gurraachaaf asxaafi madda cimina mi­iraa ta’uu himuun, godambichi teessoo Afrikaa Finfinneetti ijaaramuun Itoophi­yaanotaaf qofa utuu hintaane obboloota keenya, Afrikaa wareegamaniifillee yaadannoo ta’uu eereera.

Godambaan Yaadannoo Injifannoo Ad­waa faayidaan waloo Itoophiyaanotaa kan kabajamu walta’uun ta’uusaatiif mallattoo ta’uus eeree, godambichi see­nessawwan waloo cimsuun duudhaalee injifannoo Adwaa cimsuun Itoophiyaa badhaatee ijaaruuf waloon socho’uun humnaafi injifannoo ta’uu ibseera.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Ab­diisaas gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, injifannoon Ad­waa, ilaalcha olaantummaa warra adii tokko jedhee kan diigedha. Injifannoon kun qabsoo abbootiifi goototni keenya lolanii lolchiisuun argameefi gurraacha maqaa ulfinaa gonfachiiseedha.

Waggoota 128 booda Godambaan wa­reegamtootaafi Yaadannoo Injifannoo Adwaa madaalu yaada Ministirri Muum­mee Doktar Abiyyi Ahmad maddisiisanii ijaarameera kan jedhan Obbo Shimal­lis, hoggansi dhaloota kanaa, akkuma seenaa injifannoo Adwaatti ulfina tol­che, hiyyummaafi boodatti hafummaa mo’achuuf hojjechaa jiraachuu himu.

Godambaan Yaadannoo Injifannoo Ad­waa Finfinnee, Birbirsa Goorootti lafa hektaara shanirratti ijaarame lafaa gaditti darbiiwwan lamaafi lafaa olitti darbiiw­wan shan qaba. Godambichi balbaloota seensaa saddeet kan qabuu yoo ta’u, bal­baloonni kunneenis “Balbala Gootota Bahaa, Balbala Gootota Lixaa, Balbala Gootota Kaabaa, Balbala Gootota Kib­baa, Balbala Abbootii Fardeenii, Balbala Goototaa, Balbala Paan Afrikaanizimii” jedhamuuun moggaafamaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

 

Recommended For You