Finna: Pirojektii bishaanii ummata Booranaatti abdii jireenyaa horaa jiru

Gaaga’amni hongee bara darbe gaanfa Afrikaatti mudate waggoota 50 asitti daran hammaataa ta’uunsaa irra deddeebiin ibsamaa ture. Gabaasni Sagantaa Nyaata Addunyaa baranaa akka ibsutti, Keeniyaa, Itoophiyaafi Somaaliyaatti marsaa hongee daran saffisaa dhufeen lammiileen miliyoona 23 beelaaf saaxilamaniiru. Lammiilee kanneen baraaruufis deggarsi doolaara Ameerikaa miliyoona 810 barbaachisa.

Biyyoota akka Sudaan, Keeniyaafi Somaaliyaatti sababa dhabamuu roobaatiin hongeen waggoota shaniif walitti aansee mudate qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota gaanfa Afrikaa daran darareera. Hongee booda roobni hamaan turee roobes lafa qonnaa mancaasuu bira darbe beeyiladoota hongeerraa baraaraman hedduu galaafateera. Somaaliyaa gara kibbaa qofatti sababa rooba hamaatiin namootni kuma 219 qe’eesaaniirraa yoo buqqa’an namootni 22 ta’an achi buuteensaanii dhabameera.

Akka gabaasa sagantichaatti, Sudaaniifi Somaaliyaatti rakkoon nageenyaa hongee mudateef humna ta’uun beelli daran akka hammaatu taasiseera. Keessattuu Somaaliyaatti daa’imman kuma 500 ta’an hanqina nyaataafi nyaata madaalamaaf saaxilamuun daran isa yaaddessuu eereera.

Itoophiyaatti waggoota ja’a dura rakkoon hongee sadarkaansaa walhaa caalu malee naannawa lixaarraa kan hafe bakkawwan hundatti mudatee gaaga’ama guddaa dhaqqabsiiseera. Bara darbes rakkoon kun Oromiyaa bahaafi naannoo Sumaaleetti mudatus gaaga’amni godina Booranaa suukanneessaa ture.

Hongee mudate sana ummatni biyyattii adda addummaa sabaa, aadaafi amantaa tokko malee tokkummaan akka ummata Booranaaf birmatu taasisuunsaa taatee yeroo dhiyooti.

Torbee darbe qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaafi Biiroo Jallisiifi Misooma Horsiisee Bulaa Oromiyaatiin daawwannaan pirojektii Finnaa garee hoggantootaafi ogeessota miidiyaa godinichatti taasifamee ture. Daawwannichaan jijjiirama qabatamaa lafa jiru hubachuutti dabalee garaagarummaa kaleessaafi har’aa akkasumas of eeggannoo egeree hedduu arginee dinqisiifanneerra.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa pirojektota bishaanii gammoojjii Booranaatti hojjeteefi hojjechiisaa jiru dhala namaa qofa osoo hintaane allaattota hedduufuu abdii jireenyaa ta’aa jira. Omishni margaas haala kanaan dura hinbaratamneen xiyyeeffannoo argatee hojjetamaa jira.

Akkuma “Namni bofa arge maagaa dheessa” jedhamu godaannisa kaleessaa haquufi hongee irra deddeebiin mudataa jiru maqsuuf mootummaan Boorana dabalatee guutuu gammoojjiwwan Oromiyaatti pirojektii Finnaa 73 qarshii biliyoona 25 oliin hojjechiisaa jira. Irri caalaan pirojektota kanneeniis Godina Booranaatti argama.

Sagantaa daawwannaa sanirratti Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, hongee gaanfaa Afrikaa irra deddeebiin hubaa jiru akka biyyaatti qolachuuf mootummaan waggoota sadan darban, gama tokkoon hojii lubbuu baraaruu gama kaaniin ammoo furmaata waaraaf pirojektii dhiyeessa bishaaniirratti hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Tarsimoo lubbuu baraaruun tumsa keessaafi alaa qindeessuun hojii bal’aa hojjetameen hongeen mudate osoo lubbuu nama tokkoollee hinmiidhiin jala darbuun danda’ameera. Rakkoon mudate daran bal’aafi hamaa ta’uusaatiin beeyiladootarra hubaatiin ga’us tumsa mootummaafi qaamoee biroon hojii dhiyeessii nyaata beeyiladaa taasifameen sanyii loon Booranaa badiirraa baraaruun danda’ameera. Lubbuu baraaruuf midhaan nyaataafi nyaata beeyiladaa cinatti dhiyeessiin bishaan dhugaatiis dhimma xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamaa ture ta’uus Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Pirojektiin Finnaa baasii hedduun hojjetamaa jiru kun namaafi beeyiladaaf bishaan dhiyeessuu qofa osoo hintaane horsiisee bulaan gariin hojii qonnaa akka eegalu daandii saaqaa jira. Pirojektiin bishaanii kun horsiisa beeyiladaatti abdii horuu bira darbee hawaasni naannawa gammoojjii jiraatan qonna aadeffachuun oggaa jireenyasaanii fooyyeffatan qabatamaan mul’achaa jira.

Hongee hamaa mudatuuf adda durummaan kan saaxilaman beeyilada horsiisee bulaa ta’uun hubatamee barana akka naannoo Oromiyaatti marga toonii miliyoona lama ol ta’u lafa hektaara miliyoona sadiirratti omishaa jiraachuu Hogganaa Ittaanaan Biiroo Jallisiifi Misooma Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injinar Alamuu Raggaasaa dubbataniiru.

Yoo dhuma hongeen mudateyyuu akka kana duraa nyaata loonii giddugaleessa biyyaarraa geejjibsiisuun hinbarbaachisu. Boorana qofa mankuusaan nyaata beeyiladaa ja’a hojjetamanii jiru. Margi omishamaa jirus yoo xiqqaate beeyilada miliyoona sadii ol dandamachiisuu danda’a. Hojiin omisha nyaata beeyiladaas bal’inaan kan ittifufu ta’a.

Bulchaa Ittaanaan Godina Booranaa Obbo Bariisoo Gannoos gamasaaniin akka jedhanitti, hongee hamaan godinicha mudate beeyiladoota miliyoonaan lakkaa’aman galaafateera. Har’a garuu mootummaan pirojektota Finnaafi idileetiin hidha bishaanii 18 qarshii biliyoona 3.4 oliin hojjete abdii jireenyaa ta’eera. Ammaan tana of eeggannoof kan ta’u margi tooniin kuma 75 ol omishamee mankuusatti argama.

Pirojektii bishaanii bal’inaan hojjetameefi omisha margaa kuufamee jiruun kanaan booda Booranatti hongeen yaaddoo hinta’u. Gaddi kaleessaa darbee pirojektotaafi rooba argameen dacheen Booranaa magariisaan faayamtee haalaan qalbii nama hawwatti. Loon Booranaa marga jilba nama ga’u sooratanii qaamnisaanii akka biiftuu calaqqisu haalaan godaannisa kaleessaa nama irraanfachiisu.

Akka Obbo Bariisoon jedhanitti, Booranni carraa argatetti fayyadamuun mala jireenyaa fooyyeffataa jira. Pirojektota bishaanii lama qofa fayyadamuun yeroo jalqabaatiif boqqolloo kuntaala 240 omishuun Booranaaf taatee ajaa’ibaati. Kana malees, muduraafi kuduraan haala kanaan dura hinbaratamneen bal’inaan omishamaa jira.

Hundaa ol pirojektii bishaanii kana fayyadamuun qamadii bonaa kuntaala 4,800 omishuun gabaa giddugaleessaatiif dhiyaateera. Omishaafi omishtummaa beeyiladootaa dabaluuf yeroo ammaa marga toonii kuma 75 ol mankuusa kaayameera. Dargaggootni waldaan loon furdisanii gabaaf akka dhiyeessaniif bulchiinsi godinichaa hojii gurmaa’insaa xumuruu cinatti haala gatii fooyya’aa argatanirratti, walitti hidhamiinsa gabaarratti hojjetaa jira.

Ummataafi beeyilada hongeen miidhe baraaruuf tumsa ummatni guutuu Itoophiyaa taasise yoomiyyuu kan dagatamu miti. Namni waan qabu hundaan Booranaaf birmateera. Har’a gargaarsa Rabbiifi tumsa ummataatiin Boorana bayyannate deebi’anii iyyaafachuunis gammachuu guddaa ta’uu Obbo Bariisoon fuula ifaan dhaamaniiru.

Haalli teessumma lafa Booranaa irra jireessaan gammoojjii ta’uun ala haalli qubsuma ummataa daran haphataafi walirraa faffagaataadha. Ummata kiiloomeetiraan walirraa fagaatee qubsuma haphataan jiraatu kanaaf haala barbaadameen deggarsa dhiyeessuun rakkisaa ture. Lafti bal’ina qabuufi qubsumnisaa faffaca’aa ta’e kun laggeen keessa qaxxaamuran dhabuusaatiif balaa hongee daran hammeeseera.

Kaleessa wayita hongee miti Booranni har’a magariisa uffateeyyuu daran ho’a. Lafti bal’aan biyyoo gabbataa qabu kun osoo rooba idilee gahaa qabaatee akkasumas jallisiidhaan karaa ammayyawaan misoomee biyyaafuu kan ga’uudha.

Hoggantoonniifi ogeessotni miidiyaa gaaga’ama hongee yeroo sanii qaamaan argamuun daawwan rakkoon ture daran hamaa ta’uus ibsaniiru. Dachee bal’oo tana humna namaatiin jiisuun tasa kan yaadamu akka hintaane; garuu ammoo nyaata namaafi beeyiladaa dhiyeessuun badii uumamuu malu xiqqeessuun danda’ameera. Akka kaleessaa loon dallaadhaan lakkaa’uun hafus garuu loon hafan yeroo gabaabaa keessatti walhoranii dacheen Booranaa baay’ina looniin bakkasaa duraatti akka deebi’u abdiifi hawwii qabanis ibsataniiru.

Akka isaan dubbatanitti, balaa hongeen dacheefi samii walitti boba’een abdiin lubbuqabeeyyii lubbuun hafuu dachee Booranaarratti kan abjootame hinturre. Mala jireenyaa horsiisa beeyiladaarratti xiyyeeffateen beeyiladni oggaa hongeedhaan miidhaman carraan dandamachuu dhiphaa ture. Har’a garuu roobaanis ta’e jallisiin omishaalee hawwatoon dachee Booranaarraa daawwannaaf nama hawwatu. Kun dhimmaa jajjabeeffamuufi ittifufamuu qabuudhas.

Waantota daran nama dhiban keessaa ummatni Booranaa darara hamaa hongeen irraan gahe waan hubateef mootummaarraa baratee bakka jiraatu hundatti boolla qotee bishaan kuufachaa jiraachuusaati. Bakkawwan hedduutti qe’eesaatti midhaan omishachuus eegaleera. Kun taatee jijjiirama falaasama jireenyaa hongeen fide ta’uu jiraattonni matumtisaanii dhugaa ba’u. Aadaan margaaf kunuunsa taasisus cimee ittifufuusaa taajjabneerra.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You